xahaaraa fi salaataa. Baafata (⮫)


الطهارة  والصلاة

 xahaaraa fi salaataa. Baafata


مقدمة

 Duree

بسم الله الرحمن الرحيم

الحمد لله رب العالمين الصلاة والسلام عى رسول الله نبينا محمد وعلي آله وصحبه أجمعين.

BismiLlaahi Rrahmaani Rrahiim.

Alhamdu liLaahi assalaatu wassalaamu alaa Rasuulilaah wa alaa aalihii wasahbih Ummata keenya! Barnoota bu'uraa kan islaamaa barachuun Mslima hundarratti diqama cimaa tahuun beekamaadha.

       Kana jechuun waayee barnoota xahaaraa, salaataa fi waan kanaan walqabatu barachuun dirqma muslima hundaati.

Kitaaba kana keessatti barnoota kanneen bal'inaan dhiheessinee jirra.       Akkasuma kitaabni kun Afaan keenya kan oromootitti hiikkamee waan qophaaweef ummanni keenya dubbisanii irraa barachuun laafaadha. keeysaawuu barattoota keenya haalaan fayyada jenneeti abdii goona.

 Akkuma Walaloo tiyya keysatti jedhetti:-

BismiLlaahiidhaan jalqabeeti.

Alhamdu liLlaah itti anseeti.

Nagayaaf rahmata nabbi buuseeti.

Aaliif sahaabaa hunda saaniitii.

         Amma ba’idu kanatti aanseetii.   

ya obboleyyan muslimaatii.

Isiniin jaaladhaa Rabbiif jedheeti.

Dhufee waan qabu isinii fideetii.

Eegaa wanni isinii fidee qaaliin kunoo kitaaba kana narraa fudhadhaa.

Eeyyen Kitaabni kun barnoota:- Naamusa mana fincaanii, Akaataa Wuduu'a, Waan wuduu'a balleessu, Barnoota Taymuuma, Barnoota salaata kkf uf keessaa qaba.

 gama kaaniin walaloo babbareedduu barnoota guddaa qabdu hedduu ufkeysaa qaba.                  

   Fakk-walaloo sharxii salaataa,

tan arkaana salaataa,

tan waan salaata balleysuu,  ufkeysaa qaba.

 Egaa  kitaabni kun waan jabduu takka tahuu isaa beytanii akka jabeysitanii dubbistanii irraa barattan isin hubachiisna.

فنسأل الله أن ينفعنا بهذا العمل وكل من شارك فيه,

Duuba hojii teenya tana tan buaa qabduufii tan nuufii ummatas fayyaddu Rabbi nuuf haa godhu. Rahmataafi araarama Rabbii akka naaf kadhattanis isinitti dhaammadha.

 والحمد لله رب العالمين.

دروس في الصلاة

 Barnnoota salaataa

 فضل الصلاة

 Sadarkaa guddina salaataa

Akkuma beekamu salaanni utubaa islaamaa ti. isa malee diin kun nijiga. salaanni mallattoo mu'iminaa waan taheef namni salaata dide nikafara.

Ammas salaanni dura waan namni guyyaa qiyaamaa irraa gaafatamuuti.  Yoo isiin tolte hojiin isaa kan hafe niqeebalama. Yoo isin ir'atte hojiin isaa kuun fudhatama hinqabu.

Ammas sadarkaa isiin qabdurraa:- Salaanni- badii fii dilii namarraa hayxi.

Nabiin s.a.w. akki jedhan

"أرأيتم لو أن نهرا بباب أحدكم يغتسل فيه كل يوم خمس مرات هل يبقى من درنه شيء؟ قالو لايبقى من درنه شيء. قال فكذالك مثل الصلوات الخمس يمحو الله بهن الخطايا" رواه البخاري ومسلم.

"Mee naaf himaa? Sa osoo hula mana tokkoo keysaniirra lagni jiraatee guyyarraa yoggu shan dhiqatee xuriin isarratti ni haftii? Jennaan. Lakkii homaa xuriin isarratti hin haftuu jedhaniin. Egaa salaanni shaman kana fakkaata. Rabbiin isaan dilii namarraa haqa." Bukhaarii fi muslimtu odeesse.   

Salaanni-haada gabrichaa fii Rabbii isaa walitti hidhu.

Salaanni- waan jajjabaate hundarratti tan ittiin gargaarsifatani. Rabbiin s.w. Akkana jedha.

"واستعنوا بالصبر والصلاة وانها لكبيرة الا على الخاشعين"

"salaataafii obsaan gargaarsifadhaa garuu isiin warra Rabbi sodaaturratti malee ni ulfaatti"

Salaanni- badii fii hamtuu fokkattuu hundarraa nama dhoowwiti.

Rabbiin s.w. akki jedhu

"اتل ما اوحي اليك من الكتاب وأقم الصلاة ان الصلاة تنهى عن الفحشاء والمنكر..."

"kitaabarraa waan sittii beysifame (gadi buufame) qara'i, salaata dhaabi, salanni badii fokkattuufi jibbamtuurraa nama dhoowwiti."

Salaanni- ifaadha. Adduniyatti qalbii namaaf ibsiti. Guyyaa qiyaamaatis namaaf ibsiti. Nabiin s.a.w. akkana jedhan.

"من حافظ عليها كانت له نورا وبرهانا ونجاة يوم القيامة "

"(Salaanni) nama isirratti uf tiiysee salaateef ibsaa isaaf taati, raga fii furmaata isaaf taati guyyaa qiyaamaa." Ahmad ibnu hibbaaniifi xabraaniitu galmeesse.

Salaanni- gammachiistuu onnee mu'imintootaati. Mirqaansituu ija isaaniiti.

 ففي الحديث "جعلت قرت عيني في الصلاة"رواه أحمد والنسائي

Hadiisatti "qubannoota ija kootii salaatan godhadhe." Ahmadii fii nasaa'iitu galmeesse.

Salaanni- tan muslimtoonni isii sirreysanii sagaduudhaan milkaawani.

Eega sadarkaan isii kana tahe. Barnoota isiitti sienna.

Garuu salaataaf qophii barbaachisa. Wayee salaataan walqabaturraa eegalleeti tartiibaan baranna.

آداب دخول الخلاء

 Naamusa mana fincaanii.

Namni mana fincaanii dhaqu yeroo seenu miila isaa kan bitaati dursa.Akkana jedha.

 اللهم إني أعوذ بك من الخبث والخباءث.

Allaahumma innii auuzu bika minal kubusi wal kabaais.jedha.

-Yeroo mana fincaanii seenu waan barruu faaruu Rabbiitiifii maqaa Rasuulaa s.a.w. qabuu baachuun dhoowwaadha.

-Gara qiblaatti fuulaafii duydas deebi"anii qulqullaawuun dhowwaadha.

-Haasawuunis dhowwaadha.

-Yeroo boodarra bishaaniifii dhagaa3n qulqulleyfachun barbaachisaadha.

yoo bakka dhagaadhaa waan akka sooftiifi xalayaa bakka buusees nitaha. Eegasii miila mirgaa dursee gadi baha.-

Du’aaii tana qara’a.

غفرانك الحمد لله الذي أذهب عني الأذى وعافاني

‘’Gufraanaka alhamdu liLlaahi allazii azhaba anniyal azaa wa aafaanii.’’ Bakki itti qulqullaawuun dhowwaadhaa kunoo kanneeni.

Karaa keysatti, -

-Gaaddisa namni itti fayyadamu jalatti, -muka nyaatamu jalatti,

- Bishaan keysatti, qulqullaawuun dhowwaadha.

كيفية الوضوء

 Barnoota  Wuduu’aa

-Yeroo wuduu’a godhachuuf kaate bishaan qulqulluu dhiheyfadhu.

-Qalbitti wuduuan godhadhaa niyyaa godhi.

بسم الله

BismiLlaahi jedhi.-

-Harkaa lameen shanacha (ganaa) yoggu3 dhiqadhu.

-Afaan lulluuqadhu  funyaanittis fuudhi gadideebisi yoggu3.

-Fuula  yoggu3 dhiqadhu.

-Harka2n ciqileen wajji yoggu3 dhiqi mirga dursii.

-Mataa guutuu haxaawi, achumaan gadi bu'iitii gurra2 dibi yogguma1.

 -Miila2n kiyyoo lameeniin wajji dhiqadhu mirga dursii yoggu3.

-Itti aansii du'aa'ii wuduu'aa tana qara'i

أشهد أن لاإله إلاالله وحده لاشريك له,وأشهدأن محمدا عبده ورسوله اللهم اجعلني من التوابين واجعلني من المتطهرين واجعلني من عبادك الصالحين.

-Ashhadu anlaailaaha illaLlaahu wahdahuu laa shariika lahuu, wa ashhadu anna muhammadan abduhuu warasuuluhu,

  Allaahumma j'alnii mina ttawwaabiin waj'alnii minal mutaxahhiriin waj'alnii min ibaadika ssaalihiin.

.                                  فضل الوضوء

 Sadarkaa (Fadlii) wuduu’aa.

Beekaa  sawaabni (fadliin ) wuduu’aa guddaadha. Hadiisatti nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan

.إن أمتي يأتون يوم القيامة غرا محجلين من أثر الوضوء

-Hiikkaan isaa “ummanni tiyya guyyaa qiyaamaa harkaa fuula ifaadhaati dhufti faana wuduu’aarraa.”

Hadiisa birootti

إذا توضأ أحدكم فغسل كفيه خرجت منه كل خطيئة بطشت يداه مع الماء أو مع آخر قطر الماء....الحديث  ‘’

Hiikkaan isaa-”Tokkoon keysan yeroo wuduu’a godhatu yogguu harka dhiqatu badiin harki isaa dalayde bishaan saniin wajji isarraa buuti, yogguu fuula dhiqatu badiin ijji isaa laalte bishaan saniin wajji isarraa buuti, yogguu miila isaa dhiqu badiin miilli isaa itti deemte bishaan saniin wajji isarraa buuti yogguu wuduu’aa isaa fixe qulqullu saafii taha badii irraa.

مبطلات الوضوء

 waan wuduu’a balleysu.

wantoonni wuduu’a balleysan kanneen kana.

1)-Waan karaa lameen jalaatiin namarraa bahe. fincaan, udaan, Dhuufuu fi kkf.

2)- Qaama saalaa tuquu. /kan ufiitis tahee kan namabiro/.

3)-Dhiiraaf dubartiin alagaa waltuquu.

4)-Hirriiba rafuu.

 5)-Ayliin namarraa deemuu (ufwallaaluu). gaggaba, maraatuma fii kkf.

6)-Foon gaalaa nyaachuu.

7)- Namni janaazaa baates wuduu’a irra deebiee godhaachuun barbaachisaadha.

موجبات الغسل

 Waan Qaama dhiqachuu nama dirqisiisu.

Haala itti aanee ibsamu kanatti qaama dhiqachuun dirqama taha.

1-Walqunnamtii saalaa godhu.

2-Bishaan hormaataa (maniyyiin) namarraa dhangalauu. (hirriibaanis tahee dhageytiidhaan).

3-Dubartiin dhiiyni baatii itti dhufee irraa dhaabbachuu.

4-Dubartiin dhiiga dayaa irraa qulqullaawuu (ulmaa bahuu).

5-Namni kaafiraa yeroo islaamaye dhiqachuu barbaachisa.

6-Nama du'e dhiquun namoota jiranirratti dirqama.

كيفية الغسل

 Akkaataa dhiqannaa qaamaa.

Namni tokko yeroo qaama (nafa) isaa dhiqatu akkataa itti aanu kanatti taha.

1-Qalbitti akka qaama dhiqatu niyyaa godha.

2-Bismillaahi jedhee maqaa Rabbiitii jalqaba.

3-Egasii wuduu'a guutuu godhata.

4-Eegasii bishaan yoggu sadi mataa isaarratti naqee mataa dhiqata.

5-Sanbooda qaama isaa hunda dhiqata.

التيمم

 Taymuuma (Biyyeen xahaarachuu.)

Namni tokko yoo bishaan dhabe, yookaan dhukkubsatee bishaaniin wuduu’a godhachuu dadhabe akkamitti salaata?

Deebisaan biyyeen fayyadama. kanarratti Rabbiin s.w. akkana jedha.

فإن كنتم مرضى أو على سفر فلم تجدوا ماءا فتيمموا صعيدا طيبا فمسحوا بوجوهكم وأيديكم منه... الآية Hiikkaan isaa-(yoo dhukkubsatoo taatan takkii deemsarra jiraattanii bishaan dhabdan biyyee qulqulluutti Laalladhaa, fulleen keysaniifii harkowwan keysaniin haxaawaa.)

Akkaataan taymuumni itti godhatamus kunoo kana.

-Biyyee qulqulluu harka lameeniin dhawata.

-Fuula isaarra haxaawa, harka lameenis hanguma shanachaa (ganaa) haxaawa.

sanbooda  kaeetuma  salaatuudha.

Akkeekkadha wuduu’aafis tahee dhiqannaa qaamaatiifis kanumaa

tu gaya.

كيفية الصلاة

 Akkaataa salaataa

Egaa salaata barannee sirreysinee salaatuun dirqama. Salaata akka nabiin keenya s.a.w. salaatetti fakkeysinee salaatuu barbaachisa. Hadiisatti

صلوا كما رئيموني أصلي,

Akkaataa naa salaatu gartanitti salaataa”jedhaniiru.

Kunoo akkaataan salaataa tartiibaan akka asii gadii kana taha.

1 -  إذا دخل وقت الصلاة وأراد المسلم أن يصلي لربه

1-Yogguu yeroon salaataa geeyse muslimtichi Rabbii isaatiif salaatuu fedhe.

2 -  يتوجه المصلي إلى القبلة وهي الكعبة أينما كان بجميع بدنه

2-bakkuma jirurraa qaama isaa guutuun qiblaatti (ka'ibaatti) fuula garagala.

3 - قاصدا بقلبه فعل الصلاة التي يريدها من فريضة أو نافلة

3-salaatattii salaatuuf deemu san qalbitti niyyaa godha fardii taatuu sunnaa taatuu.

4 - ويجعل له سترة يصلي إليها إن كان إماما أو منفردا

 4-yoo imaama yookaan kopha salaataa tahe dahoo (sutra) gama isiitti salaatu godhata.

5 - يكبر تكبيرة الإحرام قائلا الله أكبر ناظرا ببصره إلى محل سجوده

5-Allaahu akbar ''jedheeti takbiirtaa hidhannaatiin hidhata, ija isaatiin  bakka itti sujuudu laala.

6 - يرفع يديه عند التكبير إلى حذو منكبيه أو إلى حيال أذنيه

6-yeroo takbiiraa kana harkaa isaa lameen olkaasa hanga qixq qoma isaa yookaan gurra isaatti.

7 - يضع يديه على صدره اليمنى على كفه اليسرى

7-harka isaa lachuu qoma isaarra kaaya shanacha (ganaa) mirgaa kan bitaarra godhee.

8 - يسن أن يقرأ دعاء الاستفتاح وهو

9 - اللهم باعد بيني وبين خطاياي كما باعدت بين المشرق والمغرب  ،  اللهم نقني من خطاياي كما ينقى الثوب الأبيض من الدنس  ،  اللهم اغسلني من خطاياي بالماء والثلج والبرد.  

8-Du'aa'ii bantuu salaataa qara'uun barbaachisaadha.

9-isiinis kunoo tana ''Allaahumma baa'id beynii wabeyna kaxaayaaya kamaa baa'atta beynal mashriqi wal magribi, Allaahumma naqqinii min kaxaayaaya kama yunaqqaa ssobul abyadu mina ddanas, Allaahummagsilnii minkhaxaayaaya bilmaa'i wassalji walbarad.

10 - وإن شاء قال بدلا من ذلك :

11 - سبحانك اللهم وبحمدك وتبارك اسمك وتعالى جدك ولا إله غيرك

10-yoo fedhe bakka tanaa ni jedha.

 11-''subhaanaka allaahumma wabihamdika watabaaraka ismuka wata'aalaa jadduka walaa ilaaha gayruka''.

12 - وإن أتى بغيرهما من الإستفتاحات الثابتة عن النبي صلى الله عليه وسلم فلا بأس والأفضل أن يفعل هذا تارة وهذا تارة لأن ذلك أكمل في الاتباع

12-yoo kadhaalee bantuu salaataa nabiyyirraa s.a.w. dhufte tanbiroollee qarae numataha. Ammo irra caalaan yeroo takka kanarraa yeroo taan kaanirraa qarauudha. Kanaatu Nabi hordofiinsatti irra guutuudha.  

13 - ثم يقول :

14 - أعوذ بالله من الشيطان الرجيم ، بسم الله الرحمن الرحيم

13-eegasii nijedha.

14- '' Auuzu billaahi minashayxaani rrajiim, bismillaahi rrahmaani rrahiim" jedha.

15 - ويقرأ سورة الفاتحة

15-suuraa faatihaadhaati qara'a,

16 - ويقول بعدها آمين جهرا في الصلاة الجهرية

16-yogguu gadi fixe aamiin jedha, dhageysisee yoo salaata dhageysisan taate.

17 - ثم يقرأ ما تيسر من القرآن

17-eegasii qur'aanarraa waan isaaf laafe qara'a. 18 - ثم يركع مكبرا رافعا يديه إلى حذو منكبيه أو أذنيه

18-eegasii rukuu'a godha allahu akbar jechaa  harka isaa hanga cinaa ceekuu yookaan gurraatti ol kaasee.

19 - جاعلا رأسه حيال ظهره، واضعا يديه على ركبتيه مفرقا أصابعه ويطمئن في ركوعه ويقول : سبحان ربي العظيم

19-yeroo rukuu'a godhe mataaf duuyda isaa walqixxeysa, harka lameeniin jilba isaa qabata, qubbeen isaa addaan faffacaasee.

Rukuu'a isaa keessatti ziq jedha, nijedha "subhaana Rabbiyal aziim"

20 - والأفضل أن يكررها ثلاثا أو أكثر ويستحب أن يقول مع ذلك :

21 - سبحانك اللهم ربنا وبحمدك ، اللهم اغفر لي

20-yoggu sadih yookaan saniirra hedduu irra deddeebiuutu caalaadha. Ammas saniin wajji akkana jechuu itti idauun gaariidha.

21-Subhaanaka Allahumma Rabbanaa Wabihamdika, Allaahummagfir lii. 22 - يرفع رأسه من الركوع رافعا يديه إلى حذو منكبيه أو أذنيه قائلا : سمع الله لمن حمده إن كان إماما أو منفردا

22-mataa isaa rukuu'arraa olkaasa harka ol kaasaa hanga ceekuu yookaan gurra isaatti. Akkana jedha ''sami'allaahu liman hamidahu"

 yoo imaama yookaa kopha salaataa tahe.

23 - ويقول حال قيامه :

24 - ربنا ولك الحمد حمدا كثيرا طيبا مباركا فيه ملء السموات وملء الأرض وملء ما بينهما وملء ما شئت من شيء بعد ،

23- yogguu ol diriiree dhaabbate akkana jedha ''Rabbanaa walakal hamdu hamdan kasiiran xayyiban mubaarakan fiihi, mil'assamaawaati wa mil'al ardi wamil'a maa beynahumaa, wamil'a maa shi'ita min shey'in baidu .

25 - أما إن كان مأموما فإنه يقول عند الرفع : ربنا ولك الحمد إلى آخر ما تقدم .

25-ammoo yoo ma'imuuma tahe yogguu oldiriire akkana jedha "Rabbanaa walakal hamdu …

hanga dhumaatti.

26 - ويستحب أن يضع كل منهما - أي الإمام والمأموم - يديه على صدره كما فعل في قيامه قبل الركوع

26- hundi isaaniituu –imaamaaf ma'amuumninis- harka isaanii akkuma yeroo rukuu'a duraatti qomarratti qabachuutu barbaachisa. 27 - ثم يسجد مكبرا واضعا ركبتيه قبل يديه إذا تيسر ذلك فإن شق عليه قدم يديه قبل ركبتيه

28 - مستقبلا بأصابع رجليه ويديه القبلة ضاما أصابع يديه

27-eegasii allaahu akbar jechaati sujuuda jilba dursee lafa kaaya harka itti aansa, yoo isaaf laafe yooitti ulfaatemmoo harkumaan dura bu'a.

28-qubbeen miilaatii fi kan harkaatis qiblatti gara galcha,qubbeen harkaa walitti maxxansa.

29 - ويسجد على أعضائه السبعة :

30 - الجبهة مع الأنف ، واليدين ، والركبتين ، وبطون أصابع الرجلين  .

29-humna qaama isaa torbarratti sujuuda.

30-isaanis –addaa fii funyaan, harka lameen, jilba lameen, keessa qubbeen miila lameeniiti.

31 - ويقول : سبحان ربي الأعلى ، ويكرر ذلك ثلاثا أو أكثر

32 - ويستحب أن يقول مع ذلك : سبحانك اللهم ربنا وبحمدك ، اللهم اغفر لي

33 - ويكثر من الدعاء ويسأل ربه من خير الدنيا والآخرة

31-''subhaana Rabbiyal a'ilaa'' jedha.yoggu sadih yookaan sanirra hedduu irra deebi'a.

32-saniin wajji kanas itti aansee jechuun barbaachisaadha.

 "subhaanaka allaahumma rabbana wabihamdika , Allaahummagfir lii".

33-akkasuma kadhaa Rabbii heddummeessuu, toltuu addunyaatii fii aakiraa Rabbi kadhachuun barbaachisaadha.

34 - ويجافي عضديه عن جنبيه

35 - وبطنه عن فخذيه

36 - وفخذيه عن ساقيه

34-irree isaa lameen bobaa isaa lameenirraa achi banata.

35-garaa isaa gudeeda (sarbaa) isaa lameenirraa ol banata.

36-sarbaa isaa lameenis irree isaa lameenirraa ol kaasa.

37 - ويرفع ذراعيه عن الأرض؛ لقول النبي صلى الله عليه وسلم :  اعتدلوا في السجود ولا يبسط أحدكم ذراعيه انبساط الكلب

37-ciqilee isaa lameenis lafarraa ol kaasa, waan nabiin keenya s.a.w. akkana jedheef jecha.                                 ''sirraawaa sujuuda keessatti tokkoon keessan akka sareetti ciqilee isaa hin afatin''. 38 - ثم يرفع رأسه مكبرا ويفرش قدمه اليسرى ويجلس عليها وينصب رجله اليمنى .

39 - ويضع يديه على فخذيه وركبتيه ويقول :

40 - رب اغفر لي وارحمني واهدني وارزقني وعافني واجبرني .

38- allahu akbar jechaa mataa isaa ol kaasa.faana isaa kan bitaa afatee irra taa'a, kan mirgaa ol dhaaba.

39-harka isaa lameen sarbaa fii jilba isaa lameenirra kaaya.

40-akkana jedha.

 ''Rabbigfir lii, warhamni, wahdinii, warzuqnii, wa'aafinii, wajburnii''.

41 - ويطمئن في هذا الجلوس

41-nitura teessuma kana keessatti.

42 - يسجد السجدة الثانية مكبرا ويفعل فيها كما فعل في السجدة الأولى

. 42-Takbiiraa jechaati lamaffaa sujuudaa, wahuma sujuuda duraa keessatti hojjate hojjata.

43 - ويرفع رأسه مكبرا ويجلس جلسة خفيفة كالجلسة بين السجدتين وتسمى جلسة الاستراحة .

43-Allaahu akbar jechaati mataa isaa ol kaasaa teeysuma xiqqoo akka teysuma sujuuda lameen jidduu fakkaattu taa'a. teessuma istiraahaa jedhamti.

44 - وهي مستحبة وليس فيها ذكر ولا دعاء .

44-isiin jaalatamtuudha, zikriifi duu'aaiin isii keessa hinjirtu.

45 - ثم ينهض قائما إلى الركعة الثانية مكبرا معتمدا على ركبتيه إن تيسر ذلك وإن شق عليه اعتمد على الأرض

45-eegasii allaahu akbar jechaadhaati yoomijjateef jilba lameen qabatee, yookaanis lafa qabatee, raka'aa lammeysaatiif olka'a.

46 - ثم يقرأ الفاتحة وما تيسر له من القرآن بعد الفاتحة ثم يفعل كما فعل في الركعة الأولى

46-eegasii faatihaa qara'aa. isii boodaan qur'aanarraa waan isaaf laafe qara'a. eegasii waan raka'aa duraa keessatti dalage dalaga.

47 - ثم إذا كانت الصلاة ثنائية أي ركعتين كصلاة الفجر والجمعة والعيد

47-eegasii yoo salaanni tan raka'aa lamaa taate, tan akka salaata fajrii, jum'aa fii iidaa taate

48 - جلس بعد رفعه من السجدة الثانية

49 - ناصبا رجله اليمنى مفترشا رجله اليسرى

50 - واضعا يده اليمنى على فخذه اليمنى قابضا أصابعه كلها إلا السبابة فيشير بها إلى التوحيد

51 - ويضع يده اليسرى على فخذه اليسرى وركبته .

48-sujuuda lamaffaarraa eega ol jedhe nitaa'a.

49-Faana biitaa afatee tan mirgaa oldhaabee.

50-harka mirgaa sarbaa mirgaarra gadi diriirsa,qubbeen isaa hunda ni dumuceeyfata (ni tantoommata) quba daymaa malee isii towhiidattiin akeeka.

51-harka bitaa sarbaa bitaa irra gadi diriirsa.

52 - ثم يقرأ التشهد في هذا الجلوس، وهو:

53 - التحيات لله والصلوات والطيبات ، السلام عليك أيها النبي ورحمة الله وبركاته السلام علينا وعلى عباد الله الصالحين أشهد أن لا إله إلا الله وأشهد أن محمدا عبده ورسوله ،

 ثم يقول : اللهم صل على محمد وعلى آل محمد كما صليت على إبراهيم وآل إبراهيم إنك حميد مجيد ، وبارك على محمد وعلى آل محمد كما باركت على إبراهيم وآل إبراهيم إنك حميد مجيد

52-teessoo tana keessatti tashahuda qara'a.

53-innis kunoo kana ''Attahiyyaatu lillaahi wassalawaatu waxxayyibaatu, assalaamu aleyka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuhuu. Assalaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin. Ash-hadu allaailaaha illallaahu wa ash-hadu anna muhammadan abduhuu warasuuluhu''.

Eegasii itti aansee jedha ''Allaahumma salli alaa muhammadin wa alaa aali muhammadin kamaa salleyta alaa ibraahiima wa aali ibraahiima innaka hamiidun majiid. Wa baarik alaa muhammadin wa alaa aali muhammadin kamaa baarakta alaa ibraahiima wa aali ibraahiima innaka hamiidun majiid.

54 - ويستعيذ بالله من أربع فيقول :

55 - اللهم إني أعوذ بك من عذاب جهنم ومن عذاب القبر ومن فتنة المحيا والممات ومن فتنة المسيح الدجال

56 - ثم يدعو بما شاء من خير الدنيا والآخرة ، وإذا دعا لوالديه أو غيرهما من المسلمين فلا بأس سواء كانت الصلاة فريضة أو نافلة

54-Akkana jedheeti waa afurirraa  Rabbitti maganfata.

55-Allaahumma innii auuzu bika min azaabi jahannama, wamin azaabil qabri, wa min fitnatil mahyaa wal mamaat, wamin fitnatil masiihiddajjaal.

56-eegasii toltuu duniyaa fii aakiraa irraa waan fedhe kadhata. Yoo haadhaaf abbaa isaatiif takkii muslimtoota birootiif kadhates homaa hamtuu hinqabu, salaata fardii taatuu tan sunnaa taatuu.

57 - ثم يسلم عن يمينه وشماله قائلا :

58 - السلام عليكم ورحمة الله ، السلام عليكم ورحمة الله

57-eegasii mirgaafii bitatti salaammata.

58-akkana jedhee ''assalaamu aleykum warahmatullaahi" 59 - أما إن كانت الصلاة ثلاثية كالمغرب أو رباعية كالظهر والعصر والعشاء

60 - فإنه يقرأ التشهد المذكور آنفا مع الصلاة على النبي صلى الله عليه وسلم

59-ammoo yoo salaanni tan raka'aa sadihii tan akka magriibaa taate, yookaan tan raka'aa afur afurii tan akka zuhrii asrii ishaa'ii taate.

60-tashahhuda reefu dabre san qara'a,salaata nabirratti buusuun wajji.

61 - وإن ترك الصلاة على النبي صلى الله عليه وسلم بعد التشهد الأول فلا بأس لأنه مستحب وليس بواجب في التشهد الأول

61-yoo salaatu alannabiyyii teessoo duraa keessatti buusuu dhiises homaa miti garuu dirqamas tahuu baatu jaalatamaadha.

62 - ثم ينهض قائما معتمدا على ركبتيه رافعا يديه إلى حذو منكبيه قائلا : الله أكبر

62-eegasii jilba isaarratti tin'ifateeti olka'a, harka lameen hanga ceekuutti ol kaasee allaahu akbar jechaa.

63 - ويضع يديه على صدره كما تقدم ويقرأ الفاتحة فقط

64 - وإن قرأ في الثالثة والرابعة من الظهر زيادة عن الفاتحة في بعض الأحيان فلا بأس

63-harka isaa qomq isaarra kaayata akkuma dabretti,faatihama qofa qara'a.

64-zuhrii irratti raka'aa sadaffaaf afraffaa booda yoo faatiharra edaee waa qaraes homaa hinqabu.

65 - ثم يتشهد بعد الثالثة من المغرب وبعد الرابعة من الظهر والعصر والعشاء كما تقدم ذلك في الصلاة الثنائية

65- yoo magriiba tahe Eega raka'aa sadihiitii, ammo zuhrii, asrii fi ishaa'ii yoo tahe raka'aa afreessaa booda taaeeti tashahuda qara'a. akkuma salaata raka'aa lamaa keessatti himamee dabretti.

66 - ثم يسلم عن يمينه وشماله قائلا - السلام عليكم ورحمة الله-

66-eegasii migaaf bitatti salaammata, ''Assalaamu aleykum warahmatullaahi" jedhee.

الأذكار بعد الصلاة

 Zikriiwwan salaata boodaa.

67 - ويستغفر الله ثلاثا ويقول : اللهم أنت السلام ومنك السلام تباركت يا ذا الجلال والإكرام ، لا إله إلا الله وحده لا شريك له ، له الملك وله الحمد وهو على كل شيء قدير ، لا حول ولا قوة إلا بالله ، اللهم لا مانع لما أعطيت ولا معطي لما منعت ولا ينفع ذا الجد منك الجد ، لا إله إلا الله ولا نعبد إلا إياه له النعمة وله الفضل وله الثناء الحسن ، لا إله إلا الله مخلصين له الدين ولو كره الكافرون.

67- Astagfirullaah" yoggu3 jedha.

  " Allaahumma anta ssalaam wa minka ssalaam tabaarakta yaa zaljalaali walikraam. laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahu, lahulmulku walahul hamdu wahuwa alaa kulli shay'in qadiir.laa hawla wa laa quwwata illaa billaah. Allaahumma laa maani'a limaa a'ixeyta, walaa mu'ixiya limaa mana'ita walaa yanfau zaljaddi minkal jaddu. Laa ilaaha illallaahu walaa na'ibudu illaa iyyaahu, lahunni'imaa walahul fadlu walahussanaaul hasan, Laa ilaaha illallaahu muklisiina lahuddiina wallow karihal kaafiruun.

68 - ويسبح الله ثلاثا وثلاثين ويحمده مثل ذلك ويكبره مثل ذلك ويقول تمام المائة لا الله إلا الله وحده لا شريك له له الملك وله الحمد وهو على كل شيء قدير ، ويقرأ أية الكرسي وقل هو الله أحد ، وقل أعوذ برب الفلق وقل أعوذ برب الناس بعد كل صلاة ، ويستحب تكرار هذه السور الثلاث، ثلاث مرات بعد صلاة الفجر وصلاة المغرب لورود الأحاديث بها عن النبي صلى الله عليه وسلم ،  

68-ittiin aanse ni jedha-subhaanallaah yoggu soddomii sadihi. Walhamdulillaah soddomiif sadih, wallaahu akbar soddomii sadih, guutuu dhibbaa - laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahuu lahul mulku wa lahul hamdu wa huwa alaa kulli shay'in qadiir-.jedha.

Ittiin aansee aayatulkursiyyii qara'a. qul huwallaahu ahad fi qul auuzuu lameen qara'a,

 Salaata magriibaa fi fajrii booda suuraalee sadeen kana yoggu sadi sadi irra deddeebi'a. hadiisaaaatu nabii keenyarraa akkanatti dhufe waan taheef.

سجود السهو

 Sujuuda irranfii (daguu).

Namni salaatu yoo salaat isaa irraanfatee itti ida'e yookan ir'ise takkii shake sirresseeti dhuma salaata isaatti sujuuda lama sujuuda. Sujuudi kun sujuuda irraanfii jedhama.

 Ulaagaalee (sharxiileen salaataa).

Sharxiiwwan salaataa sagali isaanis:-      1-Islaama tahuu,

2-qalbiin fayyaa qabaachuu,

3-uf baree joollummarraa bahuu,

4-hadasa ufrraa deemsisuu (wuduu'a qabaachuu)

5- uffataa, qaamaafii bakki irratti salaatu xahaara tahuu,

6-yeroon salaataa gayuu,

7-uffata uffachuu,

8-qiblatti fuula garagaluu.

9-Salaata niyyachuu.

Walaloo sharxiiwwan salaataa 9n.

sharxiiwwan salaataa tan dura gutamtu.

isiin waa sagalii takkas hafuu hin taatuu.

muslima tahuudha namtichaan salaatu.

lameysaan tahudha qalbiin isaa guutuu.

 joollummarraa bahee waa addaan baafachuu.                      

  hadasaa deemsiisee wuduu'a tolfachuu.

-najisarraa xahaaramuu  qamni isaatii   uffataafii ammas iddoon salaataatii

-jaheysaan uffataan qaama isaa dhooysuudhaa.

-yeroon isaas gayuu mirkaneeffachuudhaa.

-kama qiblaa ka'baa fuulasaa naanneysaa.

-qalbitti niyyaa godhuu tanaatu sagleysaa.

Arkaana salaataa

Arkaana salaataa jechuun hojiilee salaata keessaa jajjabeyfamtuu tan hafuu hitaane jechuudh.isaanis kudha afreen kana.

1-dhaabbachuu dandeeyiin wajjii.

2-takbiiraa hidhannaa.

3-faatihaa qara'uu.

4-rukuu'a.

5-irraa ol jechuu (Rukuu'arraa).

6-dhaabbatanii waxiqqo turuu rukuu'a booda.

7-sujuuda godhuu human qaamaa torbarratti.

8-sujuuda lameen jidduu taa'uu.

9-tashahuda boodaa qara'uu.

10-tashahuda boodaatiif taa'uu.

11-salaata nabiyyirratti s.a.w. buusuu tashahuda boodaa kana keessatti.

12-salaamtaa baafachuu dhumarratti.

13-hunda keessatti xuma'iniinaa godhanii jarjarsuu dhabuu.

14-tartiibaan oofuu.

walaloo arkaana salaataa.

Kudhanii afurii arkaanni salaataa.             hundi nama baruuf qophaaye fakkataa.

-tanduraa dandeenyaan ol ka'ee dhaabbataa.

-lammeysaan takbiirtaa hidhannaa salaataa.-

-sadeysaan suuratul faatihaa qaraataa.

-afreysaan rukuu'a duuydaan gadi jattee.

harks kee lameniin jilba kee qabattee.-

-shaneysaan ol jachuu sujuunnii jaheysaa.

-humna 7tti inni moo dhageysaa.

--qubbeen miilaa jilbaa shanacha harkaatii.

-funyaaniif addasaa walitti qindeyseetii.

irraa oljechuufii taa'uu mijjeyfataa.-

-xumaaniinaa godhuu dhiistee jarjarfataa.

-gurbaan sahaabaadhaa kan salaataa guysee.

-kallaad ibnu raafi'i maqaansaa dhageysee.

masgiida ol seenee salaatee jarjarsee.-

-nabitti s.a.w. asgoree salaamtaan dubbisee.

-jedheen nabiin salaamtaa irratti deebisee.

sirreeysi yaa gurbaa salaata balleysee.-

ammas nisalaate sanuma fakkeysee.-

erga yeroo hedduu akka deddeebisee.-

ufbira teysisee salaataa barsiisee.-

izaa qumta ila ssalaatirraa kaasee.-

hattaa taxma'innaa irradeddeebisee.-

-hadiisa sahiihaan oduun nugeysee.

-abbaa hureyraa irraa muslim nuuf odeeyse.

-tuunis teysoo boodaati attahiyyaaataa.

-isakana ammoo teyseeti qaraataa.

dhuma isaarrattis ni buufta salaataa.

-nabii keenyarratti caalaa anbiyootaa.

-mirgaa bitaa laaltee salaamtaa baafattaa.

-akka himametti tartiibaan oofattaa.

walaloo  Waan salaata balleysaa tiifii waan salaata keysatti dhoowwame

qalbii as deebisaa gurra naaf liqeysaa.

isiniif himaa waan salaata balleysaa.

nyaachuu dhuguu kofluu haasawuufii deemsaa.

wuduu'a balleysuuf saaqamuu owraan saa.

qiblarra deebi'uuf tuqamuu najisaan.

ammas wan dhoowame yero salaata keysaa.

samii ol laaluufii qabachuu kaleesaa.

bitaaf mirga laaluu kunis mil'atiinsaa.

sheyxaanaatu butee miidhe salaataa saa.

xumaaniinaa dhiisee salaataa jarjarsaa.       irrahamaa hattuu hate salaata saa.              fincaanii fii udaan ufitti ittisaa.                  qalbiidhaan kajeelaa qopheysee nyaata saa.                                                             .kun hunduu dhoowwamee irraa uf sirreysaa.

suraa adda addaa waan nama waswaasaa.  dhoowwameeti jiraa firraa dhbamsiisaa.    keysaawuu gaa ammoo kan lubbuqabeysaa.

malaykaa rahmataas manarraa fageysaa.   -nabiin lolee kaasee fooxaa warreetiisaa.  - hundaawu eeggadhaa salaata sirreysaa. - salaata eeggadhaa dhaamsa obboleysaa.

Xumurame galanni Rabbiif haa galuu. Dhumarratti

Warra diin isaa baratee, walbarsiisee, sirritti itti dalagee, jaalala Rabbii argate, nuufii isinis Rabbi nuhaa godhu. ibaadaalee hunda Rabbi nurraa haaqeebalu.

Yoo yadaa fi gaafii qabaattan

mobile - 00966 505697461 yookaan email  shekhjemal@yahoo.com irratti yaada keessan nuuf kennaa.galatoomaa wassalaamu aleykum warahmatullaahi wabarakaatuhuu.

والحمد لله رب العالمين

وصلى الله وسلم على نبينا محمد وآله وصحبه أجمعين.