akkaataa salaata nabiyyii (s.a.w.)

kitaaba qopheessuu. : Abdul aziiz bin abdillah bin baaz

hiikkaa:

gulaala.: Jamaaal Muhammad ahmad

The Publisher: Biiroo daiwaa Rabwaa

ibsa gabaabaa.

kuni kitaaba akkataa salaata nabi muhammad (s.a.w.) jalqabarraa kaasee hanga dhumaatti ibsu. akka namni hundi isaanitti hidhatee salaatuu dandayuuf asirratti qophaaye.

Download
ittigaafatamaa websayita kanaatti komeentiikee ergi.

addeessa

 AKKAATAA

 SALAATA NABIYYICHAA (SAW)

 SIRNA WUDUU WALIIN

> oromo <

Qopheessaan: Shaykh Abdul Aziiz bin Abdullaah Ibn Baaz

—™

Kan hiike: Gaalii Abbaaboor Abbaaguumaa

Gulaala- Jamaal Muhammad ahmad

 AKKAATAA

SALAATA NABIYYICHAA (SAW)

SIRNA WUDUU WALIIN

 DHAABBATA NAJAASHII KAN MAXXANSAALEE ISLAAMAAKun

jechoolee gabaabduu sirna salaata Ergamaa Rabbii (saw) ibsuudhaaf kaa'amteedha. Ishee gara Muslimaafi Muslimtittii hundaatti dhiheessuun fedhe. Kunis akka namni ishee argu hunduu salaata keessatti Nabiyyichatti (saw) hidhachuudhaaf qabsaa'uufi. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "akka anaa salaatuu na argitanitti salaataa." Bukhaariitu gabaase. Ibsa isaa gara nama dubbisuuttin dhiheessa.

1)   Wuduu waliin gahata.

Innis akka Rabbiin jecha Isaa kana keessatti ajajetti wuduu'achuudhaani: "Yaa warra amantan! Yeroo salaataaf kaatan, fuula keessaniifi harka keessan hanga ciqileetti dhiqadhaa. Mataa keessaniis haxaa'aa; Luka keessanis hanga koronyootti (dhiqaa)." (Almaa'idaa: 6). Ammas Nabiyyiin (saw) ni jedhan: "salaanni kamuu xahaaraadhaan malee hin qeebalamtu."

 Wuduun akka armaan gadiitti ta'a:

1.   Wuduu qalbii isaatiin niyyata; arrabaan hin dubbatu. Sababni isaas Nabiyyiin (saw) wuduu isaanii keessatti, salaata isaaniifi ibaadaa isaanii kam keessattuu niyyaa arrabaan hin dubbanne waan ta'eef. Rabbiin waan qalbii keessaa ni beeka waan ta'eefis waan ishee keessaa dubbachuu isa hin barbaachisu.

2.   Ergasii 'bismillaah' jedhee maqaa Rabbii dhaha.

3.   Ergasii ganaa (shanacha) isaa yeroo sadii dhiqa.

4.   Sana booda bishaaniin yeroo sadii lulluuqqatee bishaan funyaanitti seensisa. Harka bitaatiin bishaan funyaan keessaa baasa.

5.   Ergasii fuula isaa yeroo sadii dhiqa. Daangaan isaa dalgaan gurraa hanga gurraa yoo ta'u oleedhaan immoo bakka rifeensi mataa itti biqilu irraa hanga jalee lafee areedaatti ta'a.

6.   Ergasii harka isaa fiixee qubbeetii irraa kaasee hanga ciqilee dabalatutti yeroo sadii dhiqa. Mirgaan eegalee ergasii bitaatti tara.

7.   Ergasii mataa isaa yeroo tokkicha haxaawa. Harka isaa lamaan jiisee fuuldura mataa isaa irraa eegalee hanga duubaa (killiyyuutti) haxaa'ee ergasii fuulduratti as deebisa.

8.   Ergasii yeroo tokkicha gurra isaa haxaa'a. Quba isaa akeektuu lamaan qaawwa gurraa keessa seensisee abbudduu lamaaniin immoo irra haxaa'a.

9.   Ergasii miila isaa lamaan fiixee qubbeetii irraa kaasee hanga koronyootti dhiqata. Mirgaan eegalee ergasii bitaatti tara.

Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "namni tokko isin irraa wuduu'atee, wuduu isaa waliin gahatee ergasii 'Ash-hadu allaa ilaaha illallaah; wahdahuu laa shariika lah. wa ash-hadu anna Muhammadan abduhuu warasuuluh[1]' yoo jedhe hulaan jannataa saddeettan isaaf banamtu malee hin haftu. Ishee keessaa kan fedheen seena." Muslimtu gabaase.

 2)         Namni salaatu gara qiblaatti gara gala.

Innis Ka'abaa yoo ta'u bakkuma jiru hundatti qalbii isaatiin salaata ishee salaatuuf yaade sana waajiba yookiin sunnaas ta'u niyyatee gara isheetti gara gala. Niyyaa arraba isaatiin hin dubbatu. Arrabaan dubbachuun waan karaa hin godhaminiif jecha. Inumaayyuu waan Nabiyyiin (saw) akkasumas sahaabonni isaanii hin dubbatiniif jecha bida'aa taati. Yoo imaama ta'e yookiin nama kophaa salaatu ta'e fuuldura isaarra sitrii gara isheetti salaatu godhata. Bakka murtaa'aa kitaabota warra beekumsa qabanii keessatti ibsamee jiru malee iddoo biraatti qiblaatti gara galuun salaanni sirrii ta'ee argamuudhaaf ulaagaadha.

 3)         Takbiiraa harramannaa jechuu

Innis gara bakka sujuudaa ilaalaa 'Allaahu Akbar' (Rabbiin hundarra guddate) jechuudha.

4)   Yeroo takbiirichaa harka isaa lamaan hanga gurmuu lamaanii yookiin qixa gurra isaa lamaaniitti ol kaasa. Harka lamaanis qiblaatti deebisee ol kaasa.

 5)         Harka isaa qomaa isaa irra kaa'a.

Harka mirgaa ganaa isa bitaa irra kaa'ee kuburuu harkaa lamaanis walirra kaa'uun qomarra godhata. Kun Ergamaa Rabbii (saw) irraa argameera waan ta'eefi.

 6)         Du'aa'ii salaanni ittiin banamu qara'uun sunnaadha.

Innis 'Allaahumma baa'id baynii wabayna khaxaayaaya kamaa baa'atta baynal mashriqi wal maghrib; Allaahumma naqqinii min khaxaayaaya kamaa yunaqqassawbul abyadu minaddanas. Allaahumma ighsilnii min khaxaayaaya bil maa'i wassalji wal barad.' Bukhaariitu gabaase. Hiikti isaa: 'yaa Rabbi! Akka jidduu Bahaafi Dhihaa wal irraa fageessitetti jidduu kootiifi jidduu badii kootii wal irraa fageessi. Yaa Rabbi! Akkuma uffanni adiin xurii irraa qulqullaa'utti badii kiyya irraa na qulqulleessi. Yaa Rabbi! Badii kiyya irraa bishaan, fixeensaafi cabbiidhaan na dhiqi' jechuudha.

Yoo fedhe bakka isaa kan armaan gadii jedha: "Subhaanaka Allaahumma wabihamdik; watabaaraka ismuka wata'aalaa jadduk. Walaa ilaaha ghayruk." Hiikti isaa: 'yaa Rabbii faaruu keetii waliin qulqullina siin malun si qulqulleessa. Maqaan kee khayriin isaa baay'ate. Guddinni keetis ol ta'e. Dhugaan gabbaramaan si malee hin jiru' jechuudha. Du'aa'ii istiftaahaa (salaata baniinsaa) kan biraa kan Ergamaa Rabbii (saw) irraa mirkanaa'e yoo kadhate rakkoo hin qabu. Inni filatamaan yeroo adda addaa du'aa'ii adda addaa kadhachuudha. Sababni isaas inni Ergamaa Rabbii (saw) hordofuu keessatti irra guutuu ta'a. Ergasii 'a'uuzu billaahi minashayxaan arrajiim. Bismillaahirrahmaan arrahiim' jedha. Itti aansee suuraa Alfaatihaa qara'a. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "nama Faatihat Alkitaabiin hin qara'iniif salaanni hin jiru." Bukhaariitu gabaase. Booda isheetii 'aamiin' jedha. Salaata sagaleen ol qabamu keessatti ol qabee kan gadi qabamu keessatti gadi qabee jedha. Ergasii Qur'aana irraa waan isaaf laafe qara'a. Inni filatamaan salaata Zuhrii, Asriifi Ishaa'ii keessatti suuraalee Qur'aanaa mufassala[2] (kan adda babahan) jiddu gala qara'uudha; salaata Fajrii keessatti dhedheeraa isaa irraa Maghriba keessatti immoo yeroo tokko tokko dheeraa isaa irraa yeroo garii immoo gabaabaa isaa irraa qara'uun hadiisa waa'ee kanaa keessatti dhufe hundatti hojjachuudha.

 7)         Takbiiraa jedhaa rukuu'a bu'a.

Yeroo bu'u harka isaa hanga gurmuutti yookiin hanga gurra lamaaniitti ol kaasaa bu'a. Mataa isaa qixa dugda isaa taasisa. Harka isaa lamaan qubbeetii adda baasee jilba isaa irra kaa'a. Rukuu'a isaa keessatti ni tasgabbaa'a. 'Subhaana Rabbiyal Aziim' jedha. Hiikti isaa: 'Rabbii kiyya guddaan qulqullina isaan malu qulqulleessa' jechuudha. Gochi filatamaan yeroo sadii yookiin sanaa ol deddeebisuudha. Sana waliin 'Subhaanaka Allaahumma Rabbanaa wabihamdik; Allaahumma ghfirlii' jechuun ni jaalatama. Hiikti isaas 'yaa Rabbi faaruu keetii waliin qulqullina siin malu si qulqulleessa. Yaa Rabbi naaf araarami' jechuudha.

 8)         Mataa rukuu'a irraa ol fuudha.

Harka isaa hanga gurmuu lamaaniitti yookiin gurra lamaaniitti ol kaasaa yoo imaama yookiin nama kophaa salaatu ta'e 'sami'allaahu liman hamidah' jedhaa mataa isaa rukuu'a irraa ol kaasa. Hiikti isaa: 'Rabbiin nama isa faarsuuf dhagaheera' jechuudha. Dhaabbiitti immoo kana jedha: 'Rabbanaa walakal hamd; hamdan kasiiraan xayyiban mubaarakan fiiyhi. Mil'assamaawaati wa mil'al ardi wa mil'a maa baynahumaa. Wa mil'a maa shi'ita min shay'in ba'ad.' Hiikti isaa: "yaa Rabbii keenya faaruun kan keeti. Faaruun baay'een gaariin barakaa qabu kan samii guutu, dachii guutu, waan jidduu lamaan isaanii guutuufi sana booda waan ati feete hunda guutu kan keeti" jechuudha. Yoo nama biraatti hidhatee salaata ta'eef "Rabbanaa walakal hamdu…" hanga dhuma isa dubbatamee tareetti jedha. Yoo hundi isaanii: imaamni, ma'amuumniifi kan kophaa salaatus yoo kan armaan gadii dabale gaariidha: "Ahlassanaa'i wal majdi; ahaqqu maa qaalal abdu, wakullunaa laka abdun, Allaahumma laa maani'a limaa a'axayta walaa mu'uxiya limaa mana'ata walaa yanfa'u zaljaddi minkal-jaddu." Hiikti isaa: 'Abbaa faaruufi guddinaa. Irra dhugaan wanti gabrichi dubbatee, nuti hunduu siif gabrichaa, Yaa Rabbi! Waan ati kennite wanti dhorgatu hin jiru, waan ati dhowwattes wanti kennu hin jiru; qabeenyi abbaa qabeenyaa adabbii kee irraa homaa hin fayyadu waan ta’eef’ jechuu dha. Hundi isaaniituu akkuma rukuu'aan dura godhan harka isaanii qoma isaanii irra kaa'uun ni jaallatama. Wanti kanatti akeeku waan hadiisa Waa'il bin Hujriifi Sahl bin Sa'ad irraa Ergamaa Rabbii (saw) irraa mirkanaa'ee jiruufi.

 9)         Takbiiraa godhaa sujuuda bu'a.

Yoo isaaf laafeef jilba isaa lamaan harka lamaan dura lafa kaa'a[3]. Yoo isatti ulfaateef harka isaa jilba lamaan dura dursiisa. Qubbeetii miila lamaaniifi harka lamaaniitiin qiblaatti deebi'a. Qubbeetii harka isaa walitti butee diriirsee lafarra kaa'a. Qaama isaa torba irratti sujuuda. Isaanis: adda funyaanii wajjin, harka lamaan, jilba lamaaniifi keessoo qubbeetii miila lamaaniiti. Achi keessatti "Subhaana Rabbiyal a'alaa" jedha. Hiikti isaa: 'Rabbiin kiyya ol ta'aan qulqullaa'e' jechuudha. Kana yeroo sadii yookiin sanaa ol deddeebisuun ni jaallatama. Sana waliin 'Subhaanaka Allaahumma Rabbanaa wabihamdik; Allaahumma ghfirlii' jechuun ni jaalatama. Hiikti isaa: 'yaa Rabbi faaruu keetii waliin qulqullina siin malun si qulqulleessa. Yaa Rabbi naaf araarami' jechuudha. Du'aa'ii isa keessatti ni baay'isa. Sababni isaas waan ergamaan Rabbii (saw) "Rukuu'ii keessatti Rabbiin guddisaa. Sujuuda immoo du'aa'ii keessatti jajjabaadhaa. Isiniif owwaatamuun isaa mirkanaa'aadha" jedhaniifi. Toltuu addunyaafi aakhiraa irraa Rabbiin kadhata. Kun immoo salaata waajibaa yookiin sunnaa ta'us wal qixa. Irree isaa lamaan cinaacha isaa irraa fageessa. Garaa isaas sarbaa isaa irraa fageessa. Sarbaa isaas hojjaa isaa irraa ni fageessa. Dhundhuma isaa lamaan dachii irraa ol kaasa. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "sujuuda keessatti sirraawaa. Tokkoon keessan dhundhuma isaa diriirfannaa saree hin diriirfatin."

 10)      Takbiiraa jedhaa mataa isaa ol kaasa.

Ogga ol ka'e miila isaa bitaa diriirsee irra taa'a. Mirga isaa immoo ni dhaaba. Harka isaa lamaan sarbaa yookiin jilba isaa irra kaa'a. Ni jedha: "Rabbighfirlii; warhamnii; wahdinii; warzuqnii; wa aafinii; wajburnii." Hiikti isaa: 'yaa Rabbi naaf araarami. Na mararfadhu. Na qajeelchi. Nagaa na godhi. Na suphi' jechuudha. Taa'icha kana keessatti ni tasgabbaa'a.

11) Takbiiraa jedhaa sujuuda lammaffaa sujuuda. Waanuma sujuuda duraa keessatti hojjate isa kana keessatti hojjata.

 12)      Takbiiraa jedhaa mataa isaa ol kaasa.

Sana booda taa'icha gabaabduu kan akka jidduu sujuuda lamman jidduu taa'a. Taa'ichattiin 'jalsatul istiraahaa' (taa'icha boqonnaa) jedhamti. Isheen jaallatamtuudha. Yoo dhiises rakkoo hin qabu. Ishee keessa zikriifi du'aa'iin hin jiru. Ergasii yoo isaaf laafeef jilba isaa lamaan irratti hirkatee[4] gara raka'aa lammaffaatti ol ka'a. Yoo isarratti ulfaateef lafarratti hirkatee ol ka'a. Ergasii Alfaatihaafi suuraa biraa waan isaaf laafe qara'a. Sana booda waanuma raka'aa duraa keessatti hojjate hojjata.

 13)      Yeroo salaata raka'aa lamaa ta'e

Yeroo salaatichi salaata raka'aa lamaa kan akka salaata Subhii, Jumu'aa yookiin Iidii lamaanii ta'e erga raka'aa lammaffaa irraa ol ka'ee mirga isaa dhaabee miila isaa kan bitaa afatee irra taa'a. Harka isaa mirgaa sarbaa isaa mirgaa irra kaa'ee qubbeetii isaa hundaa aboottatee ishee akeektuu qofa dhiisa. Isheedhaan tawhiida akeeka. Yoo quba ishee xiqqoofi ishee itti aantu haboottatee abbudduu isaa quba walakkaa waliin geengoo (waan akka qubeellaa) uumee ishee akeektuudhaan immoo akeeke gaariidha. Akkaataan kun lamaanuu Ergamaa Rabbii (saw) irraa mirkanaa'eera. Inni filatamaan isa tokko yeroo tokko kaan immoo yeroo biraa hojjachuudha. Harka isaa bitaa sarbaa isaa yookiin jilba isaa bitaa irra kaa'a. Ergasii sana booda attahiyyaatuu qara'a. Innis:

"Attahiyyaatu lillaah; wassalawaatu waxxayyibaatu. Assalaamu alayka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuh. Assalaamu alaynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin. Ash-hadu allaa ilaaha illallaah; wa ash-hadu anna Muhammadan rasuulullaah."

Hiikti isaas 'Kabajaan, salaatonni (ibaadaan adda addaa)fi dubbiin gaggaariin hunduu kan Rabbiiti. Yaa Nabiyyichaa! Nageenyi sirra haa jiraatu; Rahmanni Rabbiitiifi barakaan isaas. Nageenyi nuufi garbeeyyan Rabbii gaggaarii irras haa jiraatu. 'Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiruu' ragaan ba'a. Muhammadis garbicha Rabbiifi ergamaa isaa ta'uu ragaan ba'a' jechuudha. Sana booda itti fufee ni jedha:

Allaahumma salli alaa Muhammadin wa alaa aali muhammad kamaa sallayta alaa Ibraahiima wa alaa aali Ibraahiima Innaka hamiidun majiid. Allaahumma baarik alaa Muhammadin wa alaa aali muhammadin kamaa baarakta alaa Ibraahiima wa alaa aali Ibraahiima Innaka hamiiduun majiid.

Hiikti isaa: 'yaa Rabbi akkuma Ibraahiim irratti Rahmata buufte Muhammadiifi Maatii Muhammad irratti Rahmata buusi; Ati faarfamaa guddaa waan taateef. Ammas akkuma Ibraahim irratti barakaa buufte Muhammadiifi Maatii Muhammad irratti barakaa buusi; Ati faarfamaa guddaa waan taateef' jechuudha. Itti aanse waa afur irraa Rabbitti maganfata. Ni jedha:

"Allaahumma innii A’uuzubika min azaabi jahannama wamin azaabil-qabri wamin fitnatil-mahyaa wal-mamaati wamin fitnatil-Masiihiddajjaal."

Hiikti isaa: 'Yaa Rabbi! Ani azaaba (adabbii) jahannamaa, azaaba qabrii, cinqii jireenyaatiifi du’aa akkasumas fitnaa Masiih Addajjaal irraa sittin maganfadha' jechuudha. Sana booda toltuu addunyaafi aakhiraa irraa waan fedhe kadhata. Yoo haadhaafi abbaa isaatiif yookiin Muslimoota biraatiif kadhates rakkoo hin qabu. Salaatichi waajiba yookiin sunnaa ta'us waluma qixa. Nabiyyiin (saw) yeroo Ibn Mas'uudiin attahiyyaatuu barsiisan salaata hunduma walitti qabanii "ergasii du'aa'ii irraa waan isa jaalachiisee filatee haa kadhatu" jedhan waan ta'eef. Jecha biraatiin immoo "ergasii kadhaa irraa waan fedhe haa filatu" jedhan. Kun immoo waan addunyaafi aakhiraatti gabricha fayyadu hunda of keessatti qabata. Ergasii bitaafi mirga irraan "Assalaamu alaykum warahmatullaah; assalaamu alaykum warahmatullaah" jedhee salaamtaa baha. Hiikti isaas: 'nageenyi Rabbiifi rahmanni isaa isin irra haa jiraatu' jechuudha.

14) Yoo salaanni raka'aa sadii kan akka Maghribaa yookiin raka'aa afur kan akka Zuhrii, Asriifi Ishaa'ii ta'e attahiyyaatuu amma dubbatame qara'ee Nabiyyii (saw) irrattis rahmata buusee ergasii jilba irratti hirkatee ol ka'a. Yeroo ol ka'u harka isaa lamaan hanga gurmuu yookiin gurra isaa lamaaniitti ol kaasee "Allaahu akbar" jedha. Ergasii harka isaa lamaan akkuma dubbatamee tare qoma isaa irra kaa'a. Yeroo kana Alfaatihaa qofa qara'a. Yoo yeroo tokko tokko Zuhrii keessatti raka'aa sadaffaafi afraffaa keessatti Alfaatihaa irratti dabalata qara'e rakkoo hin qabu. Inni hadiisa Abuu Sa'iid Alkhudrii keessatti wanti kana akeeku Ergamaa Rabbii (saw) irraa mirkanaa'eera. Ergasii Maghriba keessatti raka'aa sadaffaa booda, Zuhrii, Asriifi Ishaa'ii keessatti immoo raka'aa afraffaa booda akkuma salaata raka'aa lamaa keessatti dubbannee dabarsine taa'ee attahiyyaatuu jedha. Sana booda bitaafi mirga isaatti salaamtaa jedha.

 Zikriiwwan booda salaataatii barbaachisan

Yeroo sadii 'astaghfirullaah' jedha. Innis 'araaraman Rabbirra barbaada' jechuudha. Ergasii yoo imaama ta'e odoo namatti hin naanna'in "Allaahumma antassalaam waminkassalaam tabaarakta yaa zaljalaali wal-ikraam." Hiikti isaas 'yaa Rabbi! Ati nagaya, nageenyis sirraayi, yaa abbaa guddinaafi kabajaa ati ol taate' jechuudha.

Sana booda ni jedha: “Laa ilaaha illallaahu wahdahuu laashariika lah; lahul-mulku walahul-hamdu wahuwa alaa kulli shay’in qadiir; laahawla walaa quwwata illaa billaahi; laa’ilaaha illallaahu; walaa na'abudu illaa iyyaahu lahun-ni'imatu walahul-fadlu walahusanaa’ul-hasan. Laa ilaaha illallaahu mukh’lisiina lahud-diina walaw karihal-kaafiruun.” Hiikti isaa: "Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru, inni tokkicha; shariikni isaaf hin jiru. Mootummaanis kan isaati; faaruunis kan isaati. Inni waan hunda irrattuu danda'aadha. Yaa Rabbi! Waan ati kenniteef dhorgataan hin jiru; waan ati dhorgatteef immoo kennaan hin jiru. Abbaa durummaa (durummaan isaa) adabbii kee irraa homaa isa hin fayyadu" jechuudha. Ittiin aansees quba isaatiin lakkaawwataa yeroo soddomii sadii "subhaanallaah, walhamdulillaah, wallaahu-akbar" jedha. Dhibba guutuuf immoo “Laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lah; lahul-mulku walahul-hamdu wahuwa alaa kulli shay’in qadiir” jedha. Hiikti isaa: "dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru. Inni tokkicha hiriyaan Isaaf hin jirreedha. Mootummaan kan Isaati. Faaruunis kan Isaati. Inni waan hunda irratti danda'aadha' jechuudha. Sana booda aayatal Kursiyyii, Qul huwallaahu Ahadii, Qul a'uuzu bi Rabbilfalaqiifi Qul a'uuzu bi Rabbinnaasii qara'a. Suuraa kana sadan booda salaata Fajriitiifi salaata Maghribaatii yeroo sadii deddeebisuun ni jaallatama. Innis waan hadiisni kana akeeku Nabiyyii (saw) irraa dhufeefi. Zikroowwan kun hunduu sunnaadha malee dirqamaa miti.

 Salaatowwan sunnaa

Muslimaafi Muslimtittii hundaafuu salaata Zuhrii dura raka'aa afur, booda isheetii raka'aa lama, salaata Maghribaa booda raka'aa lama, booda salaata Ishaatii raka'aa lama, salaata Subhiitiin dura raka'aa lama salaatuun karaa godhamaadha. Hundi isaa walitti raka'aa kudha lama ta'a. Raka'aawwan kun 'sunnaa raatibaa' jedhamtee waamamti. Sababni isaas Nabiyyiin (saw) yeroo biyya jiran bareechanii ishee eeggatu waan ta'aniifi. Yeroo imala jiran immoo sunnaa Subhiitiifi salaata witrii malee kan biroo ni dhiisu turan. Warra kana lamaan yeroo imalaafi biyyaas ni eeggatu turan. Gochi filatamaan sunnaa raatibaa kanaafi witrii mana keessatti salaatuudha. Yoo masjida keessatti salaates rakkoo hin qabu. Nabiyyiin (saw) "caalaan salaata namichaa waan waajiba malee jiruu mana isaa keessatti" waan jedhaniif. Raka'aawwaan kana irratti eeggachuun sababa ittiin jannata seenamuudha. Nabiyyiin (saw) ni jedhan: "namni halkan isaatiifi guyyaa isaa keessa raka'aa kudha lama sunnaa salaate Rabbiin jannata keessatti mana isaaf ijaara." Muslimtu sahiiha isaa keessatti gabaase. Yoo Asrii dura afur, salaata Maghribaa dura lama, lama salaata Ishaa'ii dura, jidduu azaanaafi iqaamaatti salaate bareedaadha. Sababni isaas waan Nabiyyii (saw) irraa mirkanaa'eefi. Rabbitu haqa nama qunnamsiisa. Rabbiin rahmataafi nageenya Nabiyyii keenya Muhammad bin Abdullaah, maatii isaanii, sahaabota isaaniifi warra hanga Guyyaa Qiyaamaatti isaan hordofan irratti haa buusu.



[1] Hiikti du'aa'ichaa 'dhugaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee akka hin jirre ragaan baha. Muhammadis gabricha Isaatiifi Ergamaa Isaa ta'uu ragaan baha' jechuudha.

[2] Suuraa mufassala kan jedhamu suuraa Alhujuraatii gadi. Mufassala jechuun kan adda adda bahu jechuu yoo ta'u sababa isaan dafanii bismillaahdhaan adda bahaniif akkasitti moggaafame. Dhedheeroo mufassalaa kan jedhamu Alhujuraatii hanga Annaba'i kan jiruudha. Jiddu gala mufassalaa kan jedhamu immoo Ammaa dabalatee hanga wadduhaatti kan jiruudha. Wadduhaadhaa gadi isa dabalatee gabaabaa mufassalaati. Subhii keessatti yeroo baay'ee dhedheeroo mufassalaatu qara'ama. Zuhrii, Asriifi Ishaa'ii keessatti jiddu gala isaati. Maghriba keessatti yeroo baay'ee gaggabaaboodha.

[3]Bakka kanatti sheekni mazhaba Jumhuura warra Fiqhii dursani. Innis jilbatu harka dursa kan jedhuudha. Garuu yaanni kun Ifaan ifatti hadiisa sahiiha faallessa. Kanaafuu warri hadiisaa baay'een harkatu dursuutu jaallatama jedhan. Kun Tuhfatul Ahwazii keessatti ibsameera. Mee hadiisa Haafiz bin Alhajar Buluugha keessa dubbate ilaali: Abuu Hurayraa irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "tokkoon keessan yeroo sujuudu akka gaalli jilbeenfatutti hin jilbeenfatin. Jilba isaa dura harka isaa lamaan haa kaa'u." Salaasaatu gabaasan. Inni kun hadiisa Waa'il bin Hujr isa "Nabiyyii (saw) kan isaan ogga sujuudanu jilba isaanii lamaan harka lamaan dura lafa kaa'anun arge" jedhu irra cimaadha. Isa kana arba'aatu gabaasan. Isa duraatiif ragaan hadiisa Ibn Umar irraa ni jira. Isas Ibn Khuzeymaan sahiiha godhe. Bukhaariin immoo mu'allaqa mawquufa godhee dubbate. Hanga kanaatti kallattiidhaan haasawa Haafizi. Dubbiin inni jedhe kun sirriidha. Namni danda'e kan inni dursuu qabu harka isaati malee jilba isaatii miti. Kan ittiin hojjatamuu qabu hadiisa beektoleen baay'een sahiiha jedhan malee isa da'iifaa miti. Walumaa galatti kan dursuun isaa jaallatamu akka hadiisa irraa hubatamutti harka lamaani  malee jilba lamaanii miti. Warri hadiisni harka dursuu ajaju dubbatamee tare kun maqluuba (gara gale) malee jilba dursaa jechuudha jedhanis ni jiru; isaanis ragaan isaanii hunduu dadhabaadha. Fakkeenyaaf kan Ibn Alqayyim ragaa godhate jilbi gaalaa harka keessaa miti miila keessa malee jedhe. Kun akka inni sirrii hin taane immoo warri isa deeggaru hundinuu itti amanu. Jilbi gaalaa harka keessa malee miila keessaa miti. Garuu Sheekoleen Su'uudii kan akka Ibn Usaymiin waan Mazhaba sana hordofaniif jecha isaa kana kallattii ittiin sirreessanii maqluuba ta'uu hadiisichaa mirkaneessan barbaacha 'akka gaalli bu'utti hin bu'inaa' jedhe malee 'isa gaalli jilbeenfatuun hin jilbeenfatinaa' hin jenne jechuun baay'ee falmani. Walumaa galatti ragaa quubsaa tokko malee hadiisaan maqluuba jechuun sirrii miti. Kanaaf Albaaniin akka inni dogongora Ibn Alqayyim ta'e tamaam Alminnaa keessatti dubbate.

[4] Inni kunis akkuma yeroo sujuuda bu'u harka lamaan dursuutu yaada irra sirrii warri hadiisaa irra jiranu jenne asittis yaanni inni irra sirriin hadiisa sahiihaan deeggaramaan harka isaatiin lafa qabee ol ka'a kan jedhuudha. Kan jilbarratti hirkatanii ka'uu akeeku hadiisa da'iifa malee sahiihiin hin jiru.

tarree:

yaanni kee nu barbaachisa.