AQIIDAA AHLASSUNNAA WALJAMAA'AA

> oromo <

Qopheessaan: Sheykh Muhammad Assaalih Al-Usaymiin

—™

Kan hiike: Gaalii Abbaaboor Abbaaguumaa

Gulaala – ustaz Jamaal Muhammad Ahmad

بسم الله الرحمن الرحيم

 1.     Maqaa Rabbii akkaan mararfataa rahmata godhaa ta'eetiin

 Dursa

Faaruun kan Rabbii tokkichaati. Rahmanniifi nageenyi Nabiyyii booda isaatii nabiyyiin biraa hin jirre, maatii isaaniifi sahaabota isaanii irra haa jiraatu.

Kana booda: Aqiidaa gabaabfamtuu gaarii taate kan obboleessi keenya Sheykh Muhammad bin Saalih Al-Usaymiin walitti qabe argee hunda isheeyyuu dhaggeeffadhee, kitaabattiin waa'ee tawhiida maqaa Rabbiifi sifaata (amaloota) Isaa keessatti, mataduree maleykota, kitaabotaafi ergamootatti amanuu akkasumas guyyaa aakhiraatti, qadara toltuufi hamtuu isaatti amanuu keessatti aqiidaa Ahlassunnaa wal jamaa'aa ilaalchisee ibsa gahaa walitti qabachuu isheen hubadhe. Walitti qabuu ishee keessatti baay'ee gaaromsee bu'a qabeessa godheera. Waan barataafi Muslimni hundi amantii isaa kan Rabbitti amanuu, maleykota isaa, kitaabota Isaa, ergamoota Isaa, guyyaa aakhiraa, murtii Rabbii toltuufi hamaa isaatti amanuu keessatti haajomu barbaachisu dubbateera. Faayidaa guddaa aqiidaatti rarra'u kan kitaabota waa'ee aqiidaa ilaalchisee qophaa'e baay'ee keessatti hin argamne itti ida'eera. Rabbiin mindaa gaarii isa haa mindeessu. Beekumaafi qajeeluma isaaf haa dabalu. Kitaaba isaa kanaafi kan birootiin ummata haa fayyadu. Nuufi isa, akkasumas obboleeyyan keenya kan biroos Rabbiin qajeeloo qajeelfamoo beekumsa irratti hundaa'anii gara Rabbiitti waaman haa taasisu. Inni dhagahaa dhihoo waan ta'eef.

Kan isa dubbate haajomaa Rabbii isaa kan ta'e

 Abdul Aziiz bin Abdullah ibn Baaz,

Rabbiin isaaf haa araaramu. Rabbiin nabiyyii keenya Muhammad, maatii isaaniifi sahaabota isaanii irratti rahmata nageenya haa buusu.

Itti gaafatamaa walii gala hoggansa qormaata ilmii, fatwaa, Da'awaafi qajeelfamaa duraanii

بسم الله الرحمن الرحيم

 2.     Maqaa Rabbii akkaan mararfataa akkaan rahmataa godhaa ta'eetiin

Faaruun kan Rabbii Gooftaa aalamaati. Booddeen gaariin kan warra Rabbiin sodaatanuuti. Diinummaan miidhaa raawwattoota irratti malee hin jiru. Dhugaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne mootii dhugaa ta'e malee akka hin jirre ragaan baha. Muhammadis gabricha Rabbiitiifi ergamaa Isaa ta'uu, dhuma nabiyyootaafi duree warra Rabbiin sodaatanii ta'uu ragaan baha. Nageenyi Rabbii Isaanirra, maatii isaanii, sahaabota isaaniifi warra hanga Guyyaa Qiyaamaatti isaan hordofan irra haa jiraatu.

Kana booda: Rabbiin ol ta'e ergamaa Isaa Muhammadiin (saw) qajeelumaafi amantii dhugaatiin aalama hundaaf rahmata, warra hojjatuuf hidhannoofi gabroota hunda irratti ragaa godhee erge.

Isaaniifi, qur'aanaafi hadiisa irraa waan isaan irratti buuseen waan gaarummaan gabrootaafi haalli isaanii ittiin amantiifi addunyaa isaanii keessatti gadi dhaabatu kan aqiidaa sirrii, hojii gaarii, haala caalaafi naamusa ol aanaa irraa ta'e hunda ibseera. Ummata isaanii karaa ifaa kan halkan isaa akka guyyaa, nama salphataa malee irraa hin jallanne irratti dhiisanii deemaniiru.

Ummanni isaanii warri Rabbiifi ergamaa Isaatiif owwaatan karaa kanarra deeman. Isaan filatamoo ummataa sahaabota, taabi'ootaafi warra haala gaariin isaan hordofan irraa ta'aniidha. Sharii'aa isaatiin hojjatan; sunnaa isaas qabatan. Aqiidaa, ibaadaa, haalaafi naamuusa keessatti sunnaa isaa qarriffaan ciniinanii qabatan. Isaan garee ishee haqarratti injifattuu ta'uu irraa hin dabne kan namni isaan xiqqeesse yookiin isaan faallesse hanga ajajni Rabbii dhufutti haala isaan sana irra jiranuun isaan hin miine irraa ta'an.

Nuti, faaruun kan Rabbiiti, faana isaanii irra deemaarra; adeemsa isaanii ishee Qur'aanaafi hadiisaan deeggaramtuu taateen qajeelfamoodha. Kana kan dubbannu tola Rabbiin nurratti oole dubbachuufi waan Mu'uminni hunduu ta'uun dirqama ta'u ibsuudhaafi.

Rabbiin ol ta'e nuufi obboleeyyan keenya Muslimaa jiruu addunyaafi aakhiraatti jecha raggaatuu taateen gadi nu dhaabuufi rahmata Isa biraa ta'e nuuf kennuun Isa kadhaa; inni Isatu kennaadha waan ta'eef.

Sababa matadureen kun akkaan yaachisaafi yaanni ummata isa keessatti faffaca'aa ta'eef, karaa gabaabinaatiin aqiidaa keenya, aqiidaa Ahlassunnaa waljamaa'aa bareessuun barbaade. Isaanis: Rabbitti amanuu, maleykota Isaa, kitaabota Isaa, ergamoota Isaa, guyyaa aakhiraatti, murtii Rabbii (qadara Isaa) toltuufi hamaa isaattis amanuudha. Akka Rabbiin hojii kana fuula Isaatiif qulqulluu, jaalala Isaa qunnamaafi gabroota Isaa kan fayyadu taasisun kadha.

 Aqiidaa keenya

 Aqiidaan (amantiin) keenya Rabbitti amanuu, maleykota Isaa, kitaabota Isaa, ergamoota Isaa, guyyaa aakhiraatti, murtii Rabbii (qadara Isaa) toltuufi hamaa isaattis amanuudha.

Gooftaa ta'uu Rabbiitti ni amanna. Innis Rabbii isaa uumaa, mootii, wantoota hundaa kan jijijjiiru jechuudha.

Gabbaramaa ta'uu Rabbiittis ni amanna. Kana jechuun gabbaramaa dhugaati; wantoonni gabbaraman isaan ala jiran hunduu dhara jechuudha.

Maqootaafi sifaata (amaloota) Rabbiittis ni amanna. Innis Rabbiin maqoolee gaggaariifi amaloota gugguutuu ol aanaa qaba jechuudha.

Kana hunda keessattuu tokkicha kophaa ta'uu Isaa ni amanna. Kana jechuun gooftummaa Isaa, gabbaramaa dhugaa, maqooleefi sifaata Isaa keessatti tokkicha hiriyaa hin qabne ta'uu Isaa ni amanna. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

: (رَبُّ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا فَاعْبُدْهُ وَاصْطَبِرْ لِعِبَادَتِهِ هَلْ تَعْلَمُ لَهُ سَمِيّاً)(مريم:65).

"(Inni) Gooftaa samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaan jiran hundaati. Kanaafuu Isa qofa gabbari; Isa gabbaruu irrattis obsa qabaadhu. Sila Isaaf moggoo (fakkaataa) wahii ni beektaa?" (Maryam :65).

Ammas kan armaan gadiitti amanna:

()اللَّهُ لا إِلَهَ إِلَّا هُوَ الْحَيُّ الْقَيُّومُ لا تَأْخُذُهُ سِنَةٌ وَلا نَوْمٌ لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ مَنْ ذَا الَّذِي يَشْفَعُ عِنْدَهُ إِلَّا بِإِذْنِهِ يَعْلَمُ مَا بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَمَا خَلْفَهُمْ وَلا يُحِيطُونَ بِشَيْءٍ مِنْ عِلْمِهِ إِلَّا بِمَا شَاءَ وَسِعَ كُرْسِيُّهُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ وَلا يَؤُدُهُ حِفْظُهُمَا وَهُوَ الْعَلِيُّ الْعَظِيمُ) (البقرة:255) .

"Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (Inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadha. Mugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabatu. Wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan Isaati. Inni hayyama Isaatiin ala Isa biratti araarsu eenyuma? Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beeka. Beekumsa Isaa irraas waan Inni fedhetti malee hin marsanu. Kursiin Isaa samiifi dachii irra bal’ateera. Isaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisu. Innis ol ta’aa, guddaa dha." (Albaqaraa :255).

Kan armaan gadiis ni amanna:

(هُوَ اللَّهُ الَّذِي لا إِلَهَ إِلَّا هُوَ عَالِمُ الْغَيْبِ وَالشَّهَادَةِ هُوَ الرَّحْمَنُ الرَّحِيمُ * هُوَ اللَّهُ الَّذِي لا إِلَهَ إِلَّا هُوَ الْمَلِكُ الْقُدُّوسُ السَّلامُ الْمُؤْمِنُ الْمُهَيْمِنُ الْعَزِيزُ الْجَبَّارُ الْمُتَكَبِّرُ سُبْحَانَ اللَّهِ عَمَّا يُشْرِكُونَ * هُوَ اللَّهُ الْخَالِقُ الْبَارِئُ الْمُصَوِّرُ لَهُ الْأَسْمَاءُ الْحُسْنَى يُسَبِّحُ لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ) (الحشر: 22 - 24).

"Inni Allaahiidha; Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre. (Inni) Beekaa fagoofi dhihooti. Inni akkaan rahmata godhaa akkaan mararfataadha. Inni Allaahii Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre, mootii, hir'ina irraa qulqulluu, abbaa nagayaa, nageenya arjoomaa, Qeexaa, injifataa, guddaa (ol ta'aa), boonaadha. Waan isaan qindeessan hunda irraa Rabbiin qulqullaa'e. Inni Rabbii Uumaa (waan hundaa), (waan hin jirre) Argamsiisaa, bocaa ta'eedha. Isaaf maqoolee gaggaarii ta'antu jira. Wantoonni samiifi dachii keessaa Isa qulqulleessu (faarsu). Inni Injifataa ogeessa." (ALhashr :22-24).

Mootummaan samiifi dachii kan Isaa ta'uus ni amanna:

{لِلَّهِ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ يَخْلُقُ مَا يَشَاءُ يَهَبُ لِمَنْ يَشَاءُ إِنَاثًا وَيَهَبُ لِمَنْ يَشَاءُ الذُّكُورَ (49) أَوْ يُزَوِّجُهُمْ ذُكْرَانًا وَإِنَاثًا وَيَجْعَلُ مَنْ يَشَاءُ عَقِيمًا إِنَّهُ عَلِيمٌ قَدِيرٌ} [الشورى: 49، 50]

"Mootummaan samiifi dachii kan Rabbiiti. Waan fedhe uuma. Nama fedheef dubara kenna; nama fedheef immoo dhiira kenna. Yookiin dhiiraafi dubara makaa kenna. Nama fedhe immoo maseena godha. Inni beekaa, danda’aa dha."

Kanas ni amanna:

{لَيْسَ كَمِثْلِهِ شَيْءٌ وَهُوَ السَّمِيعُ الْبَصِيرُ (11) لَهُ مَقَالِيدُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ يَبْسُطُ الرِّزْقَ لِمَنْ يَشَاءُ وَيَقْدِرُ إِنَّهُ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ } [الشورى: 11، 12]

"Fakkaataan Isaa (Allaah) hin jiru. Inni dhaga’aa, argaadha. Furtuun samiifi dachii kan Isaati. Nama fedheef kennaa bal’isa; (kan fedhe immoo itti) dhiphisa. Dhugumatti Inni waan hunda beekaa dha."

Ammas kana ni amanna:

{وَمَا مِنْ دَابَّةٍ فِي الْأَرْضِ إِلَّا عَلَى اللَّهِ رِزْقُهَا وَيَعْلَمُ مُسْتَقَرَّهَا وَمُسْتَوْدَعَهَا كُلٌّ فِي كِتَابٍ مُبِينٍ} [هود: 6]

"Lubbu qabeeyyiin tokkollee sooranni ishee Rabbi irratti ta’u malee dachii keessatti hin taane. Iddoo jireenya isheetiifi iddoo du’a ishees ni beeka. Hundumtuu kitaaba ifa ta’e keessa jira."

Kan kanatti aanus ni amanna:

{وَعِنْدَهُ مَفَاتِحُ الْغَيْبِ لَا يَعْلَمُهَا إِلَّا هُوَ وَيَعْلَمُ مَا فِي الْبَرِّ وَالْبَحْرِ وَمَا تَسْقُطُ مِنْ وَرَقَةٍ إِلَّا يَعْلَمُهَا وَلَا حَبَّةٍ فِي ظُلُمَاتِ الْأَرْضِ وَلَا رَطْبٍ وَلَا يَابِسٍ إِلَّا فِي كِتَابٍ مُبِينٍ} [الأنعام: 59]

"Furtuuwwan fagoo (ghaybii) Isa bira jira. Isa malee homtuu ishee hin beeku. Inni waan dachii keessa jiruufi waan bahra keessa jirus ni beeka. Baala irraas tokkollee inni beeku malee hin kufu. Firiin dukkana dachii keessaa, jiidhaafi gogaanis kitaaba ifa ta’e keessa jiraatu malee hin hafu."

Ammas jecha Rabbii kanatti ni amanna:

{إِنَّ اللَّهَ عِنْدَهُ عِلْمُ السَّاعَةِ وَيُنَزِّلُ الْغَيْثَ وَيَعْلَمُ مَا فِي الْأَرْحَامِ وَمَا تَدْرِي نَفْسٌ مَاذَا تَكْسِبُ غَدًا وَمَا تَدْرِي نَفْسٌ بِأَيِّ أَرْضٍ تَمُوتُ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ خَبِيرٌ} [لقمان: 34]

"Dhugumatti, Rabbiin beekumsi Qiyaamaa Isuma bira jira. Roobas ni buusa; waan gadaamessa keessa jirus ni beeka. Lubbuun tokkos waan boru carraaqqattu hin beektu. Lubbuun tokkos dachii kamitti akka duutu hin beektu. Dhugumatti, Rabbiin beekaa, keessa hubataa dha."

Rabbiin ol ta'e waan fedhe yeroo fedhe akka fedhetti dubbata.

{وَكَلَّمَ اللَّهُ مُوسَى تَكْلِيمًا} [النساء: 164]

"Rabbiin haasofsiisuudhuma Muusaa haasofsiise."

{وَلَمَّا جَاءَ مُوسَى لِمِيقَاتِنَا وَكَلَّمَهُ رَبُّهُ} [الأعراف: 143]

"Yeroo Muusaan beellama keenyaaf dhufee Rabbiin isaa isaan dubbatu"

{وَنَادَيْنَاهُ مِنْ جَانِبِ الطُّورِ الْأَيْمَنِ وَقَرَّبْنَاهُ نَجِيًّا} [مريم: 52]

"Nutis moggaa mirga (gaara) Xuur irraa isatti lallabnee, maqoo itti haasa’uunis (of itti) isa dhiheessine!"

Kan armaan gadiittis ni amanna:

{لَوْ كَانَ الْبَحْرُ مِدَادًا لِكَلِمَاتِ رَبِّي لَنَفِدَ الْبَحْرُ قَبْلَ أَنْ تَنْفَدَ كَلِمَاتُ رَبِّي} [الكهف: 109]

“Odoo galaanni qalama jechoonni Gooftaa kiyyaa (ittiin barraa’u) ta’ee, silaa odoo jechoonni Gooftaa kiyyaa hin dhumne galaanni dhuma ture."

{وَلَوْ أَنَّمَا فِي الْأَرْضِ مِنْ شَجَرَةٍ أَقْلَامٌ وَالْبَحْرُ يَمُدُّهُ مِنْ بَعْدِهِ سَبْعَةُ أَبْحُرٍ مَا نَفِدَتْ كَلِمَاتُ اللَّهِ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ } [لقمان: 27]

Odoo wanti dachii keessa jiru muka irraa qalamii ta’ee, galaannis booda isaatii kan galaanni torba jiru itti ida’amuudhaan (gargaaree ittiin barreeffameeyyuu) jechoonni Rabbii hin dhumu. Rabbiin injifataa beekaa dha.

Akkasumas haasaan Rabbii haasaa oduu keessatti dhugaan guutameefi murtii keessatti haqaan guutame, dubbii keessatti bareedina qabu ta'uu amanna.

Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

: (وَتَمَّتْ كَلِمَتُ رَبِّكَ صِدْقاً وَعَدْلاً) (الأنعام: الآية115)

"Jechi Gooftaa keetii dhugaafi haqa haala ta'een xumurameera." (Al-an'aam: 115).

Ammas Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

(وَمَنْ أَصْدَقُ مِنَ اللَّهِ حَدِيثاً) (النساء: الآية87).

"Eenyumatu haasawa keessatti Rabbirra dhugaa dubbata?" (Annisaa'i: 87).

Qur'aanni haasawa Rabbii kan Inni dhugaan isa dubbate ta'uus ni amanna. Inni gara Jibriilitti isa darbe. Jibriil immoo gara qalbii Nabiyyichaatti (saw) isaan bu'e.

Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

(قُلْ نَزَّلَهُ رُوحُ الْقُدُسِ مِنْ رَبِّكَ بِالْحَقِّ) (النحل: الآية 102).

"Ruuhii qulqulluu (Jibriiltu) dhugaadhaan Rabbii kee biraa isa buuse' jedhi." (Annahl: 102).

Ammas Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

(وَإِنَّهُ لَتَنْزِيلُ رَبِّ الْعَالَمِينَ* نَزَلَ بِهِ الرُّوحُ الْأَمِينُ *

عَلَى قَلْبِكَ لِتَكُونَ مِنَ الْمُنْذِرِينَ * بِلِسَانٍ عَرَبِيٍّ مُبِينٍ)

 (الشعراء: 192 ، 195)

"Dhugumatti, inni (Qur’aanni) buufamaa Gooftaa aalama hundaati. Ruuhii amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e. Akka ati akeekkachiiftota irraa taatuuf jecha onnee kee irratti (buuse).Qooqa Arabiffaa ifa ta’een." (Ashu'araa'i: 192-195).

Rabbiin ol ta'e zaata Isaatiifi sifaata Isaatiin uumama Isaa gubbaa ta'uu ni amanna. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

: (وَهُوَ الْعَلِيُّ الْعَظِيمُ) (سورة البقرة من الآية:255)

 "Inni ol ta'aa guddaadha."

Ammas ni jedhe:

(وَهُوَ الْقَاهِرُ فَوْقَ عِبَادِهِ وَهُوَ الْحَكِيمُ الْخَبِيرُ) (الأنعام:18)

"Inni gabroota Isaa irratti mo'ataadha; Inni ogeessa keessa beekaadhas." (Al-an'aam: 18).

Ammas kan armaan gadii amanna.

(خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ اسْتَوَى عَلَى الْعَرْشِ يُدَبِّرُ الْأَمْرَ)(يونس:الآية3).

"Dhugumatti, Gooftaan keessan Allaah Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee, ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’ee dha. Waan hundaa garagaggalcha." (Yuunus: 3).

Ol ta'iinsi Rabbiin arshii Isaa irratti ol ta'e kun zaata isaatiin ol ta'iinsa addaa kan guddina Isaatiin maluudha; akkaataa isaa immoo Isa malee eenyunuu hin beeku.

Rabbiin keenya Arshii ol ta'uu uumama Isaatii waliin jira; akkaataa isaanii ni beeka; haasaa isaanii ni dhaga'a. Dhimma isaaniis ni jijijjiira. Hiyyeessa soora; cabaa supha. Mootummaa abbaa fedheef kenna; mootummaa abbaa fedhe harkaa fuudha. Abbaa fedhe ni guddisa; abbaa fedhes ni xiqqeessa. Toltuun hunduu harka Isaati. Inni waan hunda irratti danda'aadha. Rabbiin haalli Isaa akka kana ta'e dhugaadhumaan ummata Isaa waliin jira; akkasumas dhugaadhaan gubbaa isaanii Arshii ol jira. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

(لَيْسَ كَمِثْلِهِ شَيْءٌ وَهُوَ السَّمِيعُ الْبَصِيرُ)(الشورى: الآية11) .

"Fakkaataan Isaa hin jiru. Inni dhaga’aa argaadha." (Ashuuraa: 11)

Akka Jahmiyyaan warri Rabbiin waan hunda keessa qubsiisaniifi kan isaan fakkaatan "inni uumama Isaa waliin dachii keessa jira" jedhan gonkumaa hin jennu. Namni kana jedhe kaafira yookiin jallataa ta'uu isaatti beekna. Sababni isaas inni Rabbiin hanqina isaan hin malleen ibseera waan ta'eef.

Isa ergamaan Isaa Isarraa dubbatanii "Rabbiin keenya halkan hunda yeroo tokko sadaffaan halkanii inni dhumaa hafu gara samii addunyaa bu'ee "eenyutu ana kadhannaan owwaadhaaf? Eenyutu ana gaafannaan kennaaf? Eenyutu araarama narra barbaannaan araaramaaf?" jedha" jedhan ni amanna.

Akkasumas akka Rabbiin keenya Guyyaa Qiyaamaa jidduu gabrootaatti murteessuudhaaf dhufu ni amanna. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{كَلَّا إِذَا دُكَّتِ الْأَرْضُ دَكًّا دَكًّا (21) وَجَاءَ رَبُّكَ وَالْمَلَكُ صَفًّا صَفًّا (22) وَجِيءَ يَوْمَئِذٍ بِجَهَنَّمَ يَوْمَئِذٍ يَتَذَكَّرُ الْإِنْسَانُ وَأَنَّى لَهُ الذِّكْرَى (23) } [الفجر: 21 - 23]

"Dhorgamaa! Yeroo dachiin waliin dhawamiinsa jabaa waliin dhawamte.(Yeroo) Gooftaan kee dhufe; maleykonnis hiriira hiriiraan (dhufan). Guyyaa san jahannamis ni fidama. Guyyaa san namni ni yaadata. Yaadannoon (guyyaa sanii) maal isaaf godharee?"Alfajri 21-23.

 Akkasumas Rabbiin

فَعَّالٌ لِّمَا يُرِيدُ

"waan fedhe hunda akkaan hojjataadha” ta'uu (Alburuuj: 16). ni amanna.

Fedhiin Rabbii ol ta'ee gosa lama ta'uu ni amanna. Isaanis:

Fedhii uumama (qadaraa): wanti inni fedhe isheedhaan ni argama. Isa jaalachuun Rabbii dirqamaa miti; jibbuunis ni mala. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

 تِلْكَ الرُّسُلُ فَضَّلْنَا بَعْضَهُمْ عَلَى بَعْضٍ مِّنْهُم مَّن كَلَّمَ اللّهُ وَرَفَعَ بَعْضَهُمْ دَرَجَاتٍ وَآتَيْنَا عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ الْبَيِّنَاتِ وَأَيَّدْنَاهُ بِرُوحِ الْقُدُسِ وَلَوْ شَاء اللّهُ مَا اقْتَتَلَ الَّذِينَ مِن بَعْدِهِم مِّن بَعْدِ مَا جَاءتْهُمُ الْبَيِّنَاتُ وَلَكِنِ اخْتَلَفُواْ فَمِنْهُم مَّنْ آمَنَ وَمِنْهُم مَّن كَفَرَ وَلَوْ شَاء اللّهُ مَا اقْتَتَلُواْ وَلَكِنَّ اللّهَ يَفْعَلُ مَا يُرِيدُ

“Ergamoota kana garii isaanii garii irra caalchifne. Isaan irraa nama Rabbiin ittiin dubbatetu jira. Garii isaaniis sadarkaa heddu ol kaase. Iisaa ilma Maryamiifis ragaawwan ifa ta’an kenninee jirra. Ruuhii qulqulluunis (Jibriiliiniis) isa jajjabeessine. Odoo Rabbiin fedhee, warri booda isaanii erga ragaawwan ifa taate isaanitti dhuftee booda wal hin lolan turan. Garuu isaan wal dhabani. Isaan irraa namni amane ni jira; isaan irraas kan kafare ni jiraOdoo Rabbiin fedhee, wal hin lolan. Garuu Rabbiin waan fedhe hojjata." (Albaqaraa: 253).

Nuuh ummata isaatiin akkana jedhe jechuu Rabbiin nuuf dubbatee jira.

وَلاَ يَنفَعُكُمْ نُصْحِي إِنْ أَرَدتُّ أَنْ أَنصَحَ لَكُمْ إِن كَانَ اللّهُ يُرِيدُ أَن يُغْوِيَكُمْ هُوَ رَبُّكُمْ وَإِلَيْهِ تُرْجَعُونَ" سورة هود 34

"Yoo an isin gorsuu fedhes, yoo Rabbiin isin jallisuu fedha ta’e gorsi koo isin hin fayyadu. Inni Gooftaa keessani. Garuma isaa qofa deebitus” jedhe." (Huud: 34).

Fedhii Sharii'aa: fedhiin inni kun argamuun dirqamaa miti. Wanti isa keessatti Inni fedhe hunduu Rabbiin biratti jaallatamaadha. Fakkeenyaaf "Rabbiin tawbaa keessan qeebaluu fedha." (Annisaa'i: 27)

Fedhiin Rabbii inni uumamaafi sharii'aa lamaanuu iccitii (ogummaa) Rabbiitiin ta'aatti amanna. Wanti Rabbiin uumama keessati murteesse yookiin sharii'aa keessatti namoonni ittiin Isa gabbaran hunduu iccitii wahiitiifi; akkasumas ogummaa irratti hundaa'eeti. Sana irraa waan beeknu barrus yookiin sammuun keenya isa baruu irraa gabaabbattus sanuma. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Sila Rabbiin irra murteessaa warra murteessanii hin taanee?" (Attiin: 8). Ammas Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "ummata hubannoo qabaniif Rabbirra kan murtii gaaromsu hin jiru." (Almaa'idaa: 50).

Rabbiin ol ta'e waliyyoota Isaa (warra Isa sodaatan) ni jaalata; isaanis Isa jaalatuu amanna. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "yoo kan Rabbiin jaalattan ta'eef na hordofaa; Rabbiin isin jaalata' jedhi."

Ammas ni jedhe: "fuulduratti Rabbiin ummata isaan jaalatuufi isaanis Isa jaalatan fiduuf jira." "Rabbiin obsitoota ni jaalata." "haqa dalagaa; Rabbiin warra haqa dalagan ni jaalata." "gaarii dalagaa; Rabbiin warra gaaromsan ni jaalata."

Akkasumas Rabbiin gochaafi jecha irraa waan karaa godhe ni jaalata; waan dhorge immoo ni jibbaa amanna. Rabbiin ni jedhe:

إِن تَكْفُرُوا فَإِنَّ اللَّهَ غَنِيٌّ عَنكُمْ وَلَا يَرْضَى لِعِبَادِهِ الْكُفْرَ وَإِن تَشْكُرُوا يَرْضَهُ لَكُمْ وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٌ وِزْرَ أُخْرَى ثُمَّ إِلَى رَبِّكُم مَّرْجِعُكُمْ فَيُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ إِنَّهُ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ

39/1.  Yoo kafartanis, dhugumatti Rabbiin isin irraa dureessa. Garuu gabroota Isaatiif kufrii hin jaallatu. Yoo (Isa) galateeffattan isa isiniif ni jaallata. (Lubbuun) dilii hojjattu tokko dilii (nama) biraa hin baadhattu. Ergasii deebiin keessan gara Gooftaa keessaniiti. Innis waan isin dalagaa turtan isinitti odeessa. Dhugumatti, Inni beekaa waan qoma keessaati.(Azzumar: 7).

 Ammas Rabbiin ni jedhe: "Garuu Rabbiin bahuu isaanii jibbee duubatti isaan hanbise; “warra taa’uu(1) wajjiin taa’aa” jedhame." (Attawbaa: 46).

Rabbiin warra amananii hojii gaarii hojjatan akka inni jaallatu ni amanna. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Rabbiin isaan irraa jaalate; isaanis Isarraa jaalatan. Kun nama Rabbiin sodaateefi." (Albayyinah: 8).

Rabbiin ol ta'e kaafirootaafi kan biroo warra dallansuu haqa godhatanitti ni dallana jechuu amanna. Rabbiin ni jedhe:

" وَيُعَذِّبَ الْمُنَافِقِينَ وَالْمُنَافِقَاتِ وَالْمُشْرِكِينَ وَالْمُشْرِكَاتِ الظَّانِّينَ بِاللَّهِ ظَنَّ السَّوْءِ عَلَيْهِمْ دَائِرَةُ السَّوْءِ وَغَضِبَ اللَّهُ عَلَيْهِمْ وَلَعَنَهُمْ وَأَعَدَّ لَهُمْ جَهَنَّمَ وَسَاءتْ مَصِيرًا "

" ni qixaaxa Munaafiqoota dhiiraafi dubartootaa, mushrikoota dhiiraafi dhalaas, isaan Rabbi irratti hamtuu yaadan, isaan irratti marsaan hamtuun taatuudha. Dallansuun Rabbii isaan irratti haa jiraatu. Rabbiin rahmata irraa isaan haa fageessu. Jahannamiinis isaaniif qopheesseera. (Isheen) deebii akkaan fokkattuu dha!

 (Alfath: 6).

Akkasumas akka Rabbiin keenya fuula guddinaafi kabajaan ibsamu qabu ni amanna. Rabbiin ni jedhe: "Fuula Gooftaa keetii kan guddinaafi kabajaatu hafa." (Arrahmaan: 27).

Rabbii keenyaaf harki gaggaariin lama akka jiru ni amanna. Rabbiin ni jedhe: "Lakki! Inumaa harki Isaa lamaanuu diriiroodha; akka fedhetti kenna." (Almaa'idaa: 64).

"وَمَا قَدَرُوا اللَّهَ حَقَّ قَدْرِهِ وَالْأَرْضُ جَمِيعًا قَبْضَتُهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ وَالسَّماوَاتُ مَطْوِيَّاتٌ بِيَمِينِهِ سُبْحَانَهُ وَتَعَالَى عَمَّا يُشْرِكُونَ"سورة الزمر 64

 "Isaan Rabbiin guddina isaaf malu hin guddifne. Guyyaa Qiyaamaa dachiin guutuun qabaa Isaa keessa taati; samiinis mirga Isaatiin maramtuu dha. Inni qulqullaa’e; waan isaan Isa waliin gabbaran irraas ol ta’e." (Azzumar: 67).

Rabbii keenyaaf ijji dhugaa lama jiraachuus ni amanna. Rabbiin ni jedhe: "Dooniis ija (tika) keenyaafi ajaja keenyaan hojjadhu." (Huud: 37). Nabiyyichi (saw) ni jedhan: "hijaabni isaa Ifaadha. Odoo inni ishee saaqee silaa guddinni fuula Isaa uumama Isaa irraa waan itti dhaqqabe hundaawuu ni guba ture."

Ahlussunnaan ijji Rabbii lama ta'uu irratti walii galaniiru. Jechi Ergamaa Rabbii (saw) kan waa'ee Dajjaal keessatti "inni ballaadha; Rabbiin keessan ballaa miti" jedhu kana deeggara.

Kanattis ni amanna:

 لاَّ تُدْرِكُهُ الأَبْصَارُ وَهُوَ يُدْرِكُ الأَبْصَارَ وَهُوَ اللَّطِيفُ الْخَبِيرُ"

")Adduniyaatti) agartuun Isa hin agartu. Inni immoo agartuu hunda ni arga. Inni mararfataa, beekaa dha." (Al-an'aam: 103).

Mu'uminoonni Guyyaa Qiyaamaa Rabbii isaanii arguu ni amanna. "Fuulli gariin guyyaa san iftuudha. Gara gooftaa ishees ilaaltuudha." (Alqiyaamaa: 22-23).

Akkasumas Rabbiin waan sifaata guutuu qabuuf wanti isa fakkaatu hin jiru. "Fakkaataan Isaa (Allaah) hin jiru. Inni dhaga’aa, argaadha." (Ashuuraa: 11).

Akkasumas Rabbii keenya sababa jiruun Isaa guutuu ta'eef "mugaatiifi hirribni Isa hin qabu" ni amanna.

Haqummaan (dhugaan dhaabachuun) Isaa guutuu waan ta'eef eenyuunuu hin miidhuutti amanna. Hojii gabroottan Isaa irraas dagataa miti; hordoffiin Isaafi hundaa marsuun Isaa guutuu waan ta'eef.

Dandeettiin Isaa guutuu waan ta'eef homaa samiifi dachii keessattillee Isa hin dadhabsiisu. "Ajajni Isaa, yoo waan tokko fedhe “tahi” jechuma qofa; yoosuu taha." (Yaasin: 82).

Humni Isaas guutuu waan ta'eef dadhabbiifi ta'aabiin wahii Isa hin mudatu.

وَلَقَدْ خَلَقْنَا السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا فِي سِتَّةِ أَيَّامٍ وَمَا مَسَّنَا مِن لُّغُوبٍ

سورة ق 38

"Dhugumatti, Nuti samiifi dachii, akkasumas wantoota gidduu isaanii jiran guyyoota jaha keessatti uumne; dadhabbiin tokkoyyuu Nu hin tuqne." (Qaaf: 38).

Maqootaafi sifaataa irraa waan Rabbiin ofii isaatiif mirkaneeffate yookiin Ergamaan Isaa (saw) isaa mirkaneessetti ni amanna. Garuu nuti waan sodaachisaa gurguddaa lama irraa gara Rabbiitti baqanna. Isaanis: Rabbiin uumamatti fakkeessuu. Innis namni tokko qalbii yookiin arraba isaatiin sifaanni Rabbii akka sifaata uumamaati jechuudha. Inni lammataa immoo kayfiyyaa (akkaataa) itti kaa'uudha. Innis namni tokko qalbii yookiin arraba isaatiin sifaanni Rabbii akkaatiin isaa akkana akkana jechuudha.

Akkasumas waan Rabbiin ofirraa dhabamsiise yookiin ergamaan Isaa (saw) irraa dhabamsiise hundaawuu dhabamsiisuutti amanna. Waan tokko mormuun faallaa isaa immoo ni mirkaneessa. Waan Rabbiifi ergamaan Isaa irraa callise irraa ni callifna.

Karaa kana irra deemuun dirqama hafiinsa hin qabne ta'uutti fudhanna. Sababni isaas wanti Rabbiin ofii Isaatiif mirkaneeffate yookiin of irraa dhabamsiise oduu Rabbiin waa'ee Isaa irraa nutti himeedha. Rabbiin qulqullaa'e eenyurrayyuu Isatu of beeka; haasaas dhugaa dubbata. Gabroonni beekumsaan Isatti hin marsanu.

Wanti ergamaan Isaa Isaaf mirkaneesse yookiin irraa morme immoo inni oduu Ergamaan Rabbii (saw) waa'ee Rabbii irraa nutti himaniidha. Isaan immoo uumama hundarra Rabbii isaanii beeku. Uumamaafis irraa gaarii yaadu; haasawas dhugaa dubbatu irra colleedhas.

Haasawa Rabbiifi Ergamaa Rabbii (saw) keessa beekumsa, dhugaafi ibsa guutuutu jira. Isa diduudhaaf yookiin qeebaluu keessatti shakkuudhaaf sababni homaatuu hin jiru.

 Kutaa biraa

Sifaata Rabbii irraa wanti nuti adda baafnee yookiin walitti qabaan mirkaneessuu yookiin dhabamsiisuu keessatti dubbanne hunduu, nuti sana keessatti Rabbii keenyaa, hadiisa nabiyyii keenyaa, waan salafoonni ummata kanaa irra deemaniifi waan imaamonni qajeeloon booda isaanii irra deeman irratti hundoofneeti.

Ragoolee Qur'aanaafi hadiisaa sana keessatti zaahira (hiika mul'ataa) irra deemsisuufi haqiiqaa ishee Rabbiin malutti hiikuun dirqama ta'uu yaanna.

Karaa warra ishee jallisee irraa ni qulqulloofna; warra gara waan Rabbiifi ergamaan Isaa hin fedhinitti ishee jallisee irraa.

Akkasumas karaa warra hiika ishee dhabamsiisee (onsee) kan hiika Rabbiifi Ergamaan Rabbii (saw) irraa fedhe dhabamsiisanii irraas ni fagaanna.

Ammas karaa warra ishee keessatti daangaa taree warra uumamaan fakkeessuutti ishee hiikanii yookiin hiika isheetiif akkaataa kaa'uuf of cinqanii irraas ni fagaanna.

Wanti Qur'aana keessatti yookiin hadiisa keessatti dhufe dhugaa gariin isaa garii hin faallessine ta'uu ni beekna. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

أَفَلاَ يَتَدَبَّرُونَ الْقُرْآنَ وَلَوْ كَانَ مِنْ عِندِ غَيْرِ اللّهِ لَوَجَدُواْ فِيهِ اخْتِلاَفًا كَثِيرًا

سورة النساء 82

"Sila isaan Qur’aana hin xiinxalanuu? Odoo waan Rabbiin alaa biraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee argu turan." (Annisaa'i: 82). Sababni isaas haasaan wal faallessuun gariin isaa garii kijibsiisuu dirqamsiisa. Kun immoo haasaa Rabbiifi Ergamaa Rabbii (saw) keessatti gonkumaa fagoodha.

Namni kitaaba Rabbii keessa yookiin hadiisa ergamaa Isaa yookiin jiddu lamaan isaanii waan wal faallessutu jira jedhee falme, sun kaayyoon isaa hamtuu ta'uufi qalbiin isaa jallachuu irraayi. Ariitiin gara Rabbiitti tawbatee jallina isaa irraa haa buqqa'u.

Namni kitaaba Rabbii keessa yookiin hadiisa ergamaa Isaa yookiin jiddu lamaan isaanii waan wal faallessutu jira jechuu yaade, sababni isaa barumsi isaa xiqqaachuu, hubannoon isaa gabaabbachuu yookiin xinxaluu keessatti hanqisuu isaati. Inni lhanga dhugaan isaaf galutti barumsa qoratee xinxaluu keessatti haa qabsaa'u. Yoo isaaf ifuu dide dhimmicha gara Isa beekuutti haa hirkisu. Shakkii isaa kana haa dhiisu. Akkuma warri barumsa keessa gadi seenan jedhan haa jedhu: "itti amanneerra; hunduu Rabbii keenya biraayyi." Qur'aanaafi hadiisni wal dhabbiin isa keessa hin jiruu haa beeku.

 Kutaa biraa

Maleykota Rabbiittis ni amanna. "(Isaan) gabroota kabajamoodha. Haasawaan Isa hin dursanu. Isaan ajaja Isaatiin hojjatu." (Al-ambiyaa'i: 27). Rabbiin isaan uumnaan ibaadaa isaa hojjatan. Ajaja Isaatiin bulan.

Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

وَلَهُ مَن فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَنْ عِندَهُ لَا يَسْتَكْبِرُونَ عَنْ عِبَادَتِهِ وَلَا يَسْتَحْسِرُونَ يُسَبِّحُونَ اللَّيْلَ وَالنَّهَارَ لَا يَفْتُرُونَ

"wannii samiiwwaniifii dachii keessatti tahe kan isaati, jarreen isa biratti tahan (malaaykaan) Isa gabbaruu irraa hin boonan; hin hifatanis. Halkaniifi guyyaa (Rabbiin) qulqulleessu; hin boqatanis." (Al-ambiyaa'i: 19-20).

Rabbiin nurraa isaan dhokse isaan hin arginu. Yeroo garii gabroota Isaa irraa nama gariitti ni mullisa. Nabiyyiin (saw) Jibriiliin kan Qoochoo dhibba jaha qabu moggaa duuche arganiiru. Jibriil Maryamaatti nama guutuu fakkaatee isaan haasoftee innis isheedhaan haasa'eera. Namootaa Ergamaa Rabbii (saw) bira jiranuu suuraa dhiira hin beekamnee kan mallattoon imalaas irraa hin mullanne addeebyi huccuu isaa cimaa, gurraachinni rifeensa mataa isaas cimaa ta'ee gara isaanii dhufee Ergamaa Rabbii (saw) bira taa'e. Jilba isaa lamaan jilba lamaan Ergamaa Rabbiitti (saw) hirkise. Harka isaa lamaan sarbaa isaa irra kaa'e. Nabiyyiidhaan (saw) dubbatee isaanis isaan dubbatan. Achumaan akka inni Jibriiliin ta'e Nabiyyiin (saw) sahaabota isaaniitti himan.

Maleykotaaf hojiin isaan itti dirqisiifaman akka jiru ni amanna.

Isaan keessaa Jibriil wahyii irratti gaafatamaadha. Rabbiin biraayi gara nabiyyootaafi ergamaa Isaa abbaa fedheetti bu'a.

Isaan irraa Miikaa'eel roobaafi biqiloota irratti gaafatamaadha. Israafiil immoo yeroo gaggabbii Guyyaa Qiyaamaafi kaafamiinsaa xurumbaa afuufuutti gaafatamaadha.

Isaan irraa maleykaan du'aa immoo lubbuu fuuchuu irratti gaafatamaadha. Maleykaan gaaraas gaara irratti gaafatamaadha. Isaan irraa maleykaa tiksaa ibiddaatu jira.

Ammas isaan irraa maleykota gadaamessa keessatti miciree irratti gaafatamaatu jira. Kan biroo immoo ilmaan Aadam tiksuutti gaafatamoodha. Kan biroo immoo hojii isaanii barreessuutti gaafatamoodha. Nama hundaafuu maleykaa lamatu jira.

Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

إِذْ يَتَلَقَّى الْمُتَلَقِّيَانِ عَنِ الْيَمِينِ وَعَنِ الشِّمَالِ قَعِيدٌ مَا يَلْفِظُ مِن قَوْلٍ إِلَّا لَدَيْهِ رَقِيبٌ عَتِيدٌ

"Yeroo (maleeykonni) jecha fuudhan lamaan mirgaafi bitaa isaa irra taa’anii jecha fuudhan (nuti gara isaatti dhihoodha).Tiksaan itti dhihaataan isa bira jiraatu malee jecha tokkoyyuu hin dubbatu." (Qaaf: 17-18).

 Gariin isaanii immoo booda gara qubannaa (awwaala) isaa keessa kaa'amee nama gaafachuu irratti gaatamummaa qabantu jiru. Maleykonni lama isatti dhufanii waa'ee Rabbii isaa, amantii isaafi nabiyyii isaa irraa isa gaafatu. Rabbiin ni jedhe: "Warra amanan jireenya adduniyaafi Aakhiraa keessatti jecha gadi dhaabbataadhaan Rabbiin gadi (isaan) dhaaba. Rabbiin miidhaa hojjattoota ni jallisa. Rabbiin waan fedhe hojjata." (Ibraahiim: 27).

Isaan irraa maleykaa warra jannataa irratti wakkalamantu jiru. Rabbiin akkana jedhe

جَنَّاتُ عَدْنٍ يَدْخُلُونَهَا وَمَنْ صَلَحَ مِنْ آبَائِهِمْ وَأَزْوَاجِهِمْ وَذُرِّيَّاتِهِمْ وَالمَلاَئِكَةُ يَدْخُلُونَ عَلَيْهِم مِّن كُلِّ بَابٍ " سورة الرعد 23

 "Maleeykonnis balbala hundaan isaanitti seenu. “Waan obsitaniif nageenyi isin irratti haa jiraatu; gandi boodaa waa tole!” (jedhu)." (Arra'ad: 23).

Nabiyyiin (saw) "Baytal Ma'amuur isa samii keessa jiru guyyaa hundaa maleykaa kuma torbaatamatu keessa seena; ergasii hanga dhumaatti gara isaa hin deebi'anu" gabaasa biraatiin immoo keessatti salaatu jechuu himaniiru.

 Kutaa biraa

Rabbiin kitaabota ergamoota Isaa irratti aalama hundaaf ragaafi warra hojjatuuf karaa godhee buusee akka isaan ittiin ummata barsiisaniifi qulqulleessan ni amanna.

Akkuma kana ergamoota hundaa waliinuu Rabbiin kitaaba buusuu ni amanna. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Dhugumatti, ergamtoota keenya ragaawwan ifa ta’aniin erginee, kitaabaafi madaalas akka namoonni haqaan dhaabbataniif jecha isaan waliin buufnee jirra." (Alhadiid: 25).

Kitaabota kana irraa kan armaan gadii ni beekna:

a.       Tawraatiin ishee Rabbiin Muusaa irratti buuse. Isheen irra guddoo kitaabota Banii Israa'iil. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

إِنَّا أَنزَلْنَا التَّوْرَاةَ فِيهَا هُدًى وَنُورٌ يَحْكُمُ بِهَا النَّبِيُّونَ الَّذِينَ أَسْلَمُواْ لِلَّذِينَ هَادُواْ وَالرَّبَّانِيُّونَ وَالأَحْبَارُ بِمَا اسْتُحْفِظُواْ مِن كِتَابِ اللّهِ وَكَانُواْ عَلَيْهِ شُهَدَاء فَلاَ تَخْشَوُاْ النَّاسَ وَاخْشَوْنِ وَلاَ تَشْتَرُواْ بِآيَاتِي ثَمَنًا قَلِيلاً وَمَن لَّمْ يَحْكُم بِمَا أَنزَلَ اللّهُ فَأُوْلَئِكَ هُمُ الْكَافِرُونَ

Dhugumatti, Nuti Tawraatiin kan ishee keessa qajeelfamaafi ifaan jiru taasifnee buufnee jirra. Nabiyyoonni warri fedha Rabbiitiif bulan warra yahuudomaniif isheedhaan murteessu. Qeesonniifi beektonnis waan kitaaba Rabbii irraa eegsifamaniniifi ishee irratti ragaa ta'aniin (murteessu). Namoota hin sodaatinaa; Ana sodaadhaa. Keeyyattoota kiyyas gatii xiqqaan hin gurguratinaa. Namni waan Rabbiin buuseen hin murteessin, isaan sun kaafiroota.

 (Almaa'idaa: 44).

b. Injiil isa Rabbiin Iisaa irratti buuse. Inni Tawraatiin ni dhugoomsa. Isa guutas. Rabbiin ni jedhe:

وَقَفَّيْنَا عَلَى آثَارِهِم بِعَيسَى ابْنِ مَرْيَمَ مُصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَيْهِ مِنَ التَّوْرَاةِ وَآتَيْنَاهُ الإِنجِيلَ فِيهِ هُدًى وَنُورٌ وَمُصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَيْهِ مِنَ التَّوْرَاةِ وَهُدًى وَمَوْعِظَةً لِّلْمُتَّقِينَ

Faana isaanii irratti Iisaa ilma Maryam haala dhugeessaa waan isaan duraa Tawraat irraa ta'eetiin hordofsiifne. Injiiliinis kan isa keessa qajeelfamniifi ifti jiru, dhugoomsaa waan isaan duraa Tawraat irraa ta'eefi (Rabbi) sodaattotaaf qajeelfamaafi gorsa haala ta'een isaaf kennine.

 (Almaa'idaa: 46). "Garii waan haraama isinirratti godhamee halaala isinii gochuuf."

c. Zabuuriin isa Rabbiin Daawudiif kenneedha.

d. Suhufii Ibraahiimiifi Muusaati.

e. Qur'aana guddaa Rabbiin nabiyyii Isaa Muhammad goolaba nabiyyootaa irratti buuseedha. Rabbiin ni jedhe: "Jiini Ramadaanaa isa Qur’aanni namootaaf qajeelfamaafi ragaa ifa bahaa qajeelfamichaafi addaan baasaa (haqaafi kijibaa) ta’e keessa buufameedha." (Albaqaraa: 185). "Nuti Kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaafi isa irrattis tiksaa ta'ee Qur’aana gara keetti buufneerra." (Almaa'idaa: 48). Rabbiin isaan kitaabota duraanii hunda shaaree harki namaa isa jijjiiruu irraa wabii tiksuu Rabbiin ofumaa fudhate. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Dhugumatti, Nuti Zikrii Numatu buuse. Numatu isaaf tiksoodha." (ALhijr: 9). Sababni inni hanga Guyyaa Qiyaamaatti ragaa namoota irratti ta'ee hafa.

Kitaabonni duraanii yeroo murtaa'aadhaan murteeffamaadha. Kitaabni isa shaaru bu'ee jijjiirraa isa keessa seensifame ibsuudhaan dhuma. Kanaafuu isaan tikfamoo hin turre. Ishee jijjiirraan, daballiifi hir'isuun keessa seeneera.

Rabbiin ni jedhe: "Isaan yahuudoman irraa (warra) jechoota iddoo isaanii (kan sirrii) irraa jijjiirantu jiru." (Annisaa'i: 46).

Rabbiin ni jedhe

فَوَيْلٌ لِّلَّذِينَ يَكْتُبُونَ الْكِتَابَ بِأَيْدِيهِمْ ثُمَّ يَقُولُونَ هَذَا مِنْ عِندِ اللّهِ لِيَشْتَرُواْ بِهِ ثَمَناً قَلِيلاًفَوَيْلٌ لَّهُم مِّمَّا كَتَبَتْ أَيْدِيهِمْ وَوَيْلٌ لَّهُمْ مِّمَّا يَكْسِبُونَ" سورة البقرة79

"Warra kitaaba harka isaaniitiin katabanii, ergasii isaan gatii muraasa bitachuuf jecha "kun Rabbiin biraa bu’e" jedhaniif badiin mirkanaa'e! Waan harki isaanii barreessiteef jecha badiin isaaniif haa ta’u! Ammas waan isaan carraaqqataniif jecha badiin isaaniif haa ta’u." (Albaqaraa: 79).

وَمَا قَدَرُواْ اللّهَ حَقَّ قَدْرِهِ إِذْ قَالُواْ مَا أَنزَلَ اللّهُ عَلَى بَشَرٍ مِّن شَيْءٍ قُلْ مَنْ أَنزَلَ الْكِتَابَ الَّذِي جَاء بِهِ مُوسَى نُورًا وَهُدًى لِّلنَّاسِ تَجْعَلُونَهُ قَرَاطِيسَ تُبْدُونَهَا وَتُخْفُونَ كَثِيرًا وَعُلِّمْتُم مَّا لَمْ تَعْلَمُواْ أَنتُمْ وَلاَ آبَاؤُكُمْ قُلِ اللّهُ ثُمَّ ذَرْهُمْ فِي خَوْضِهِمْ يَلْعَبُونَ

" waa Rabbiin hinkabajne kabajaa haqa isaa yeroo Rabbiin ilma namaarratti homaa hinbuufne jedhan, Ifaafi namootaaf qajeelfama haala ta'een kan isin waraqaalee baay'ee isa gootan kitaaba Muusaan ittiin dhufe eenyutu buuse? (Kan feetan) ishee mul'iftu. Baay'ee immoo ni dhoksitu." (Al-an'aam: 91).

Rabbiin ol tahe nijedhe.

وَإِنَّ مِنْهُمْ لَفَرِيقًا يَلْوُونَ أَلْسِنَتَهُم بِالْكِتَابِ لِتَحْسَبُوهُ مِنَ الْكِتَابِ وَمَا هُوَ مِنَ الْكِتَابِ وَيَقُولُونَ هُوَ مِنْ عِندِ اللّهِ وَمَا هُوَ مِنْ عِندِ اللّهِ وَيَقُولُونَ عَلَى اللّهِ الْكَذِبَ وَهُمْ يَعْلَمُونَ مَا كَانَ لِبَشَرٍ أَن يُؤْتِيَهُ اللّهُ الْكِتَابَ وَالْحُكْمَ وَالنُّبُوَّةَ ثُمَّ يَقُولَ لِلنَّاسِ كُونُواْ عِبَادًا لِّي مِن دُونِ اللّهِ وَلَكِن كُونُواْ رَبَّانِيِّينَ بِمَا كُنتُمْ تُعَلِّمُونَ الْكِتَابَ وَبِمَا كُنتُمْ تَدْرُسُونَ

“Isaan (Yahuudota) irraay, odoo inni kitaaba irraa hin ta’in akka isin kitaaba irraayi jettanii isa yaaddaniif jecha garee arraba isaanii kitaabaan micciirantu jiru. Odoo inni Rabbiin biraa hin ta’inis Rabbiin biraayi jedhu. Odoma beekanuu Rabbirratti kijiba dubbatu. Ilma namaa tokkoof Rabbiin kitaaba, hukmii (beekumsaafi hubannoo seera amantii)fi nabiyyummaa isaaf kennee, ergasii namootaan “Rabbii gaditti gabroota naaf ta’aa” jechuun (isaaf) hin malu. Garuu (kan inni isaaniin jedhu) waan kitaaba barsiisaa turtaniifi waan qu'ataa turtaniif jecha beektota beekumsa isaaniitiin hojjatan ta’aa jechuudha." (Aala Imraan: 78-79).

Ammas Rabbiin ni jedhe:

يَا أَهْلَ الْكِتَابِ قَدْ جَاءكُمْ رَسُولُنَا يُبَيِّنُ لَكُمْ كَثِيرًا مِّمَّا كُنتُمْ تُخْفُونَ مِنَ الْكِتَابِ وَيَعْفُو عَن كَثِيرٍ قَدْ جَاءكُم مِّنَ اللّهِ نُورٌ وَكِتَابٌ مُّبِينٌ يَهْدِي بِهِ اللّهُ مَنِ اتَّبَعَ رِضْوَانَهُ سُبُلَ السَّلاَمِ وَيُخْرِجُهُم مِّنِ الظُّلُمَاتِ إِلَى النُّورِ بِإِذْنِهِ وَيَهْدِيهِمْ إِلَى صِرَاطٍ مُّسْتَقِيمٍ لَّقَدْ كَفَرَ الَّذِينَ قَآلُواْ إِنَّ اللّهَ هُوَ الْمَسِيحُ ابْنُ مَرْيَمَ قُلْ فَمَن يَمْلِكُ مِنَ اللّهِ شَيْئًا إِنْ أَرَادَ أَن يُهْلِكَ الْمَسِيحَ ابْنَ مَرْيَمَ وَأُمَّهُ وَمَن فِي الأَرْضِ جَمِيعًا وَلِلّهِ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا يَخْلُقُ مَا يَشَاء وَاللّهُ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ

"Yaa warra kitaabaa! Ergamaan keenya kan irra hedduu kitaabaa irraa waan isin dhoksaa turtan isiniif ibsuufi baay’ee isaa immoo dhiifamaan irra isiniif dabru isinitti dhufeera. Dhugumatti, iftiifi kitaabni ifaa ta’e Rabbi irraa isiniif dhufeera. Rabbiin nama jaalala Isaa karaa nagaa hordofe ittiin (kitaabichaan) qajeelcha. Dukkana irraa gara ifaatti eeyyama Isaatiin isaan baasa. Gara karaa sirriis isaan qajeelcha.

Warri “Rabbiin isumatu Masiih ilma Maryami” jedhan dhugumatti kafaraniiru. Jedhi: "sila yoo Inni Masiih ilma Maryam, haadha isaatiifi namoota dachii irra jiran hunda balleesuu fedhe eenyutu Rabbi irraa isin tiksa?" Mootummaan samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii jiran hundaatuu kan Rabbiiti. Waan fedhe uuma. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.

" (Almaa'idaa: 15-17).

 Kutaa biraa

Akka Rabbiin gara ummata isaatti ergamoota erge ni amanna.

Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Akka Ergamtoota booda Rabbi irratti namaaf ragaan hin argamneef Gammachiisoofi dinniinoo taasifnee ergamtoota (ergine.) Rabbiinis injifataa, ogeessa." (Annisaa'i: 165)

Akkuma kana jalqabni isaanii Nuuhi dhumti isaanii immoo Muhammadiin ta'uu amanna. Nageenyi hunda isaanii irra haa jiraatu. "Nuti akkuma Nuuhiifi nabiyyoota booda isaatti wahyii goone gara keettis wahyii gooneerra." "Muhammad dhiirolee keessan irraa nama tokkoofuu abbaa hin taane; garuu Ergamaa Rabbiifi dhuma nabiyyootaati."

Irra caalaan isaanii Muhammaadi; ergasii Ibraahiim ergasii Muusaa ergasii Nuuh ergasii Iisaadha. Isaan warra jecha Rabbii keessatti filatamanii dubbatamaniidha:

وَإِذْ أَخَذْنَا مِنَ النَّبِيِّينَ مِيثَاقَهُمْ وَمِنكَ وَمِن نُّوحٍ وَإِبْرَاهِيمَ وَمُوسَى وَعِيسَى ابْنِ مَرْيَمَ وَأَخَذْنَا مِنْهُم مِّيثَاقًا غَلِيظًا

"Yeroo Nuti nabiyyoota irraa waadaa isaanii, ammas sirraa, Nuuh, Ibraahiim, Muusaafi Iisaa ilma Maryam irraas qabne (yaadadhu). Isaan irraa waadaa cimaa qabne." (Al'ahzaab: 7).

Akkasumas sharii'aan Muhammad (saw) sadarkaalee gurguddoo sharii'aan ergamoota filatamoo kanaa qaban hundaa of keessaa qabdiitti amanna.

Rabbiin ni jedhe:

شَرَعَ لَكُم مِّنَ الدِّينِ مَا وَصَّى بِهِ نُوحًا وَالَّذِي أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ وَمَا وَصَّيْنَا بِهِ إِبْرَاهِيمَ وَمُوسَى وَعِيسَى أَنْ أَقِيمُوا الدِّينَ وَلَا تَتَفَرَّقُوا فِيهِ كَبُرَ عَلَى الْمُشْرِكِينَ مَا تَدْعُوهُمْ إِلَيْهِ اللَّهُ يَجْتَبِي إِلَيْهِ مَن يَشَاء وَيَهْدِي إِلَيْهِ مَن يُنِيبُ

"Amantii irraa waan Nuuhiif dhaameefi isa gara kee wahyii goone, waan Ibraahiim, Muusaafi Iisaaf dhaamne karaa isiniif godhe. (Innis) amantii sirriitti hojjadhaa, isa keessattiis addaan hin babahinaa jechuudha. Wanti ati itti waamtu mushrikoota irratti guddateera! Rabbiin nama fedhe gara isaatti filata; nama tawbabates gara Isaatti qajeelcha." (Ashuuraa: 13).

Ergamoonni hunduu namoota uumaman kan gooftummaa homaa hin qabne ta'uus ni amanna. Rabbiin waa'ee Nuuh keessatti ni jedhe, inni immoo jalqaba isaaniiti: "Kuusaaleen Rabbii ana bira jira isiniin hin jedhu; waan fagoos hin beeku. Ani maleykaadhas isiniin hin jedhu." Rabbiin Muhammadiin isa dhuma isaanii kan armaan gadii jechuu ajaje: " Kuusaaleen Rabbii ana bira jira isiniin hin jedhu; waan fagoos hin beeku. Ani maleykaadhas isiniin hin jedhu." Kanas jechuu ajaje: "ani lubbuu kiyyaaf bu'aas ta'ee miidhaa waan Rabbiin fedhe malee hogganuu hin danda'u." Ammas "Jedhi: "Ani dhugumatti, miidhaas ta'ee qajeeluma isiniif (fiduu) hin danda'u." Jedhi: "Ani (adabbii) Rabbii irraa wanti tokkollee ana hin baraarsu. Isa malees hirkoo hin argadhu" jechuu ajaje.

Isaan gabroota Rabbii warra Rabbiin ergaadhaan isaan kabaje irraa ta'uu amanna. Rabbiin yeroo sadarkaa isaanii guddaa himuufi isaan faarsu Rabbiif gabroota ta'uudhaan isaan ibse. Jalqaba isaanii Nuuhiin ni jedhe: "inni gabricha akkaan galateeffataa ture." Dhuma isaanii Muhammadiin immoo "Inni furqaaniin (Qur’aana) akka aalama hundaaf dinniinaa (sodaachisaa) ta’uuf, garbicha Isaa irratti buuse toltuun isaa baay’atte." (Alfurqaan: 1). Waa'ee ergamoota biroo keessatti ni jedhe: "gabroottan keenya Ibraahiimiin, Is-haaqiifi Ya'aquubiin dubbadha." Ammas "gabricha keenya Daawudiin dubbadhu" jedhe.

"Daawudiif Suleymaaniin kennine. Inni gabricha akkaan toleedha. Inni akkaan gara Rabbii deebi'aadha."

Waa'ee Iisaa ilma Maryam keessatti ni jedhe: "Dhugumatti inni gabrichuma nuti tola itti oollee ilmaan Israa'iiliif fakkeenya isa taasifne malee homaa miti." (Azzukhruf: 59).

Rabbiin ergoolee hundaawuu ergaa nabi Muhammadiin (saw) xumuruu isaa ni amanna. Akkuma kana namoota hundatti isaan erges. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

قُلْ يَا أَيُّهَا النَّاسُ إِنِّي رَسُولُ اللّهِ إِلَيْكُمْ جَمِيعًا الَّذِي لَهُ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالأَرْضِ لا إِلَهَ إِلاَّ هُوَ يُحْيِي وَيُمِيتُ فَآمِنُواْ بِاللّهِ وَرَسُولِهِ النَّبِيِّ الأُمِّيِّ الَّذِي يُؤْمِنُ بِاللّهِ وَكَلِمَاتِهِ وَاتَّبِعُوهُ لَعَلَّكُمْ تَهْتَدُونَ

 "Jedhi: "Yaa namootaa! Dhugumatti, ani ergamaa Rabbii Isa mootummaan samiifi dachii kan Isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti (ergamee dha). Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Ni jiraachisa; ni ajjeesas. Rabbiifi ergamaa Isaa, kan nabiyyii hin dubbifneefi hin barreessine ta’ee Rabbiifi jechoota Isaatti amanutti, amanaa. Akka qajeeltaniif jecha isa hordofaa." (Al-a'araaf: 158).

Akkasumas sharii'aan isaa amantii Islaamaa ishee Rabbiin gabroota isaatiif jaalateedha. Rabbiin eenyurraayuu ishee malee amantii biraa hin qeebalu. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "amantiin Rabbiin biratti Islaama." Ammas Rabbiin ni jedhe: "Amantii keessan har'a isiniif guuteera, ni’imaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera." (Almaa'idaa: 3). Ammas Rabbiin ni jedhe:

وَمَن يَبْتَغِ غَيْرَ الإِسْلاَمِ دِينًا فَلَن يُقْبَلَ مِنْهُ وَهُوَ فِي الآخِرَةِ مِنَ الْخَاسِرِينَ

 "Namni Islaamaan ala amantii barbaade isarraa hin qeebalamu. Aakhiraattis inni warra hoonga’an irraayi." (Aala Imraan: 85).

Namni yeroo ammaa amantiin Islaamaan alaa kan akka Yahuudaa, Nasaaraafi kkf sirrii ta'ee Rabbiin biratti qeebalama jechuu yaade kaafira ta'uu isaatti amanna. Akka inni tawbatu irra barbaadama; yoo dideef nama amantii Islaamaa irraa duuba deebi'etti lakkaa'ama. Sababni isaas inni Qur'aana kijibsiise waan ta'eefi.

Namni ergaa nabi Muhammad (saw) ishee gara namoota hundaatti ergamtetti kafare ergamoota hundattuu kafareera, inumaa nabiyyii isaa isa ittin amana jedhettis kafaruu isaa amanna. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "ummanni Nuuh ergamoota hunda kijibsiifte." Odoma isaan dura ergamaan darbe hin jiru ta'uu akka isaan ergamoota hunda kijibsiisanitti dubbate.

Ammas Rabbiin ni jedhe:

 إِنَّ الَّذِينَ يَكْفُرُونَ بِاللّهِ وَرُسُلِهِ وَيُرِيدُونَ أَن يُفَرِّقُواْ بَيْنَ اللّهِ وَرُسُلِهِ وَيقُولُونَ نُؤْمِنُ بِبَعْضٍ وَنَكْفُرُ بِبَعْضٍ وَيُرِيدُونَ أَن يَتَّخِذُواْ بَيْنَ ذَلِكَ سَبِيلاً

أُوْلَئِكَ هُمُ الْكَافِرُونَ حَقًّا وَأَعْتَدْنَا لِلْكَافِرِينَ عَذَابًا مُّهِينًا "Dhugumatti, isaan Rabbiifi ergamtoota Isaatti kafaran, kan gidduu Rabbiitiifi ergamtoota Isaa adda baasuu fedhan, “garii Isaatti ni amanna; garii Isaatti ni kafarra” jedhanii, gidduu sanitti karaa godhachuu fedhan, Isaan warra dhugaan kafaraniidha. Nutis kaafirootaaf adabbii xiqqeessaa qopheessinee jirra." (Annisaa'i: 150-151).

Akkasumas booda Muhammadii (saw) nabiyyiin hin jiruutti amanna. Namni booda isaaniitii nabiyyummaa himate yookiin nama himate dhugoomse kaafira. Sababni isaas inni Rabbiifi Ergamaa Rabbii kijibsiisaadha. Walii galtee Muslimaas faallesseera.

Nabiyyiidhaaf (saw) khaliifonni (bakka bu'oonni) qaqqajeeloon ummata isaanii keessatti bakka isaanii beekumsaan, da'awaafi mu'uminootaaf amiira ta'uun bu'an jiraachuu amanna. Filatamaafi khaliifummaadhaaf irra kan malu Abuu Bakriidha. Ergasii Umar bin Alkhaxxaab; ittiin aansee Usmaan bin Affaan ergasii Aliyyi bin Abuu Xaalibi.

Akkuma sadarkaa keessatti dabareen ta'an khhaliifummaa keessatti dabareen ta'an. Rabbiin dhaloota irra filatamtuu keessatti nama caalaadhaa isaan keessa jiruu kan biraa isaan irratti hin moosisu.

Isaan kana keessaa inni caalamaanis amala addaa kan ittiin nama isa caalu irra caalu akka qabu ni amanna. Garuu ishee qofaan caaluma walii galaa hin argatu. Sababni isaas wantoonni ittiin wal caalamu baay'ee waan ta'eef.

Akkasumas ummanni irra filatamtuu ummataa ta'uu amanna. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Isin caaltuu ummata namaaf mul'ifamtee taataniittu. Toltutti ajajju; hamtuu irraas ni dhorgitu; Rabbittis ni amantu." (Aala Imraan: 110).

Akkasumas irra filatamaan ummata kanaa sahaabota, ergasii taabi'oota ergasii immoo hordoftoota taabi'ootaa ta'uu amanna. Akkuma kana qoodaan wahii ummata kana irraa haqa irra jiraattee injifachuu irraa hin dhibamtu. Namni isaan xiqqeesse yookiin faallesses hanga amrii Rabbii dhufutti isaan hin miidhu.

Wal dhabbiin jidduu sahaabotaatti uumame hiika isaan qabsoodhaan itti dhaqqan irraa kan ka'e ta'uu amanna. Isaan irraa namni haqa qunname mindaa lama qaba. Kan dogongore immoo mindaa tokko qaba. Dogongorri isaa ni dhiifamaaf.

Hamtuu isaanii dubbachuu irraa arraba qabuun, faaruu gaarii isaaniin maluun maleetti isaan dubbachuu dhiisuufi qalbii keenya jibbaafi hisdii isaanii irraa qulqulleessuun dirqama ta'uu yaanna. Ragaan isaa jecha Rabbii ol ta'eeti: "Isin irraa namni injifannoo (Makkaa) dura arjoomeefi qabsaa’e (isaan sana booda arjoomaniifi qabsaa’an wajjiin) wal hin qixxaa’an. Isaan sun warra sana booda arjoomaniifi qabsaa’an irra sadarkaa guddaa qabu. Hundaa Rabbiin (mindaa) gaarii waadaa galeefii jira." (Alhadiid: 10). Ammas Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Warri booda isaaniitii dhufanis "Yaa Gooftaa keenya! Nuufi obboleeyyan keenya warra iimaanaan nu dursaniif araarami; akkasumas, onnee Keenya keessa jibbaa warra amananiif hin taasisin. Gooftaa keenya! Ati mararfataa rahmata oolaadha" jedhu." (Alhashr: 10).

 Kutaa biraa

Guyyaa aakhiraattis ni amanna. Inni Guyyaa Qiyaamaa isa booda isaatii yeroon biraa hin jirreedha. Namoonni qananii yeroo hundaa yookiin biyya adabbii laalessaa keessatti hafuudhaaf kaafama.

Kaafamuutti ni amanna. Inni yeroo Israafiil xurumbaa lammaffaa afuufu Rabbiin namoota du'aa fayyaa taasisee kaasuudha. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

وَنُفِخَ فِي الصُّورِ فَصَعِقَ مَن فِي السَّمَاوَاتِ وَمَن فِي الْأَرْضِ إِلَّا مَن شَاء اللَّهُ ثُمَّ نُفِخَ فِيهِ أُخْرَى فَإِذَا هُم قِيَامٌ يَنظُرُونَ

"Garrii (Xurumbaa) keessatti ni afuufama. Warri samii keessaatiifi warri dachii keessaa hunduu, nama Allaahn fedhe malee, ni dhumu. Ergasii yeroo biraas isa keessatti afuufama. Yeroo san isaan dhaabbatanii ilaaloo ta’u." (Azzumar: 68). Namoonni awwaala isaanii irraa kaafamanii kan kophee hin qabne, qullaa uffata hin qabneefi kan hin kittaanamin ta'anii Rabbii aalamaatiif dhaabbatu. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Akkuma uumaa duraa jalqabnetti isa deebifna. (Kun) waadaa Nu irra jiruu dha. Dhugumatti, Nuti raawwattoota taanee jirra." (Al-ambiyaa'i: 104).

Galmeen hojii mirgaan yookiin bitaadhaan dugda duubaan akka kennamtu amanna. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

فَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ بِيَمِينِهِ فَسَوْفَ يُحَاسَبُ حِسَابًا يَسِيرًا وَيَنقَلِبُ إِلَى أَهْلِهِ مَسْرُورًا وَأَمَّا مَنْ أُوتِيَ كِتَابَهُ وَرَاء ظَهْرِهِ فَسَوْفَ يَدْعُو ثُبُورًا وَيَصْلَى سَعِيرًا

"Namni galmee isaa mirga isaatiin kenname; Qormaata salphaa qoramuuf jira. Gammadaa gara maatii isaa deebi’a. Namni galmee isaa dugda duubaan kenname immoo; Badii kadhachuuf jira. Ibidda boba’aa seena." (Al-inshiqaaq: 7-12). Ammas Rabbiin ni jedhe: "Nama hundayyuu carraa isaa morma isaatti rarraafnee jirra. Guyyaa Qiyaamaa kitaaba banamaa (inni) isa argatu taasifneeti isaaf baafna. Kitaaba kee dubbisi. Hardha ati mataan kee of irratti herregaa ta’uuf ga’aadha." (AL-israa'i: 13-14).

Madaala Guyyaa Qiyaamaa kaa'amu kan lubbuun tokkollee hin miidhamne madaalutti amanna.

فَمَن يَعْمَلْ مِثْقَالَ ذَرَّةٍ خَيْرًا يَرَهُ

وَمَن يَعْمَلْ مِثْقَالَ ذَرَّةٍ شَرًّا يَرَهُ

"namni toltuu hanga madaala atomii hojjate isa arga. Namni hamtuu irraa madaala atomii hojjates isa arga." (Azzalzalaa: 7-8).

Ammas Rabbiin ni jedhe:

فَمَن ثَقُلَتْ مَوَازِينُهُ فَأُوْلَئِكَ هُمُ الْمُفْلِحُونَ

وَمَنْ خَفَّتْ مَوَازِينُهُ فَأُوْلَئِكَ الَّذِينَ خَسِرُوا أَنفُسَهُمْ فِي جَهَنَّمَ خَالِدُونَ تَلْفَحُ وُجُوهَهُمُ النَّارُ وَهُمْ فِيهَا كَالِحُونَ

 "Namni madaalli (hojii gaarii) isaa ulfaatte, isaan sun warra milkaa’oo dha. Namni madaalli (hojii gaarii) isaa salphattes, isaan sun warra lubbuu isaanii hoongessan. Jahannam keessas yeroo hunda jiraatu. Ibiddi fuula isaanii ni gubdi. Isaanis achi keessatti fuulaa fokkatoota." (Almu'uminuun: 102-104).

Ammas Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

 مَن جَاء بِالْحَسَنَةِ فَلَهُ عَشْرُ أَمْثَالِهَا وَمَن جَاء بِالسَّيِّئَةِ فَلاَ يُجْزَى إِلاَّ مِثْلَهَا وَهُمْ لاَ يُظْلَمُونَ

 "Namni toltuun dhufe, isaaf (toltuu) fakkaattuu ishee kudhantu jira. Namni hamtuun dhufe, inni fakkaattuu ishee malee hin mindeeffamu. Isaanis hin miidhamanu." (Al-an'aam: 160).

Shafaa'aa guddaa kan Ergamaa Rabbii (saw) isa adda ta'e ni amanna. Ogga rakkoofi cinqiin namoonni hin dandeenye isaan mudatee gara Aadam, ergasii Nuuh, Ibraahiim, Muusaa ergasii Iisaa dhufuudhaan dhumarra gara Ergamaa Rabbii (saw) dhaqqabnaan eeyyama Rabbiitiin akka jidduu gabrootaatti murteeffamu Isa biratti magantaa dhaabbatu.

Mu'uminoota irraa warra ibidda seenaniif akka isaan baafamaniif shafaa'aa jirutti ni amanna. Inni immoo nabiyyii keenya, nabiyyoota biroo, mu'uminootaafi maleykota hunda ni dabalata.

Akkuma kana Rabbiin mu'uminoota garii shafaa'aa tokkoon maleetti tola Isaatiin akka ibidda irraa baasu ni amanna.

Hawdii Ergamaa Rabbiittis (saw) ni amanna. Inni bishaan isaa addeenyi isaa aannan irra cimaa, damma irra mi'aawaa, foolii miskii irra urgaa'aadha. Dheerinni isaa adeemsa ji'aati; dalgeen isaas adeemsa ji'aati. Meeshaaleen inni itti dhugamu bareedumaafi baay'ina keessatti akka urjii samiiti. Ummata isaanii irraa warra mu'uminootatu isarra fidama. Namni isarraa dhuge sana booda hin dheebotu.

Akkuma kana siraaxii jahannama irra kaa'amee jirutti ni amanna. Namoonni hanga hojii isaaniitiin isarra taru. Jalqabni isaanii akka calanqee (hangaasuutti) taru. Ergasii akka qilleensaatti, ergasii akka simbiraatiifi dhiira cimaatti tara. Nabiyyiin (saw) siraaxii irra dhaabatanii "yaa Rabbi nagaa taasisi! Nagaa taasisi!" jedhu. Haala kanaan odoo deemuu hojii gabrootaa dadhabee namni daa'imu dhufa. Moggaa siraaxii lamaan irrayyuu okkoolee fannifamtuu nama qabuutti ajajamte qabutu jira. Isaan irraa kan qaamni isaanii bocoqfamee tarutu jira; kan ibidda keessatti kufus ni jira.

Oduufi rakkoo guyyaa sanaa irraa waan Qur'aanaafi hadiisa keessatti dhufe hundattuu ni amanna. Rabbiin isarratti nu haa gargaaru.

Shafaa'aa akka warri jannataa jannata seenan Nabiyyiin (saw) dhaabbatanittis ni amanna. Inni dhuunfaa Nabiyyiiti (saw).

Jannataafi ibiddattis ni amanna. Jannanni mana qananii kan Rabbiin mu'uminoota warra Isa sodaataniif qopheesseedha. Ishee keessa gosa qananii kan ijji hin argin, gurri hin dhagahiniifi qalbii namaa irratti hin uumamintu jira. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

فَلَا تَعْلَمُ نَفْسٌ مَّا أُخْفِيَ لَهُم مِّن قُرَّةِ أَعْيُنٍ جَزَاء بِمَا كَانُوا يَعْمَلُونَ

 "Mindaa waan isaan hojjetaa turaniif jecha, gammachuu ijaa irraa waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu." (Assajdaa: 17).

Ibiddi mana adabbii kan Rabbiin kaafiroota miidhaa raawwattootaaf qopheesseedha. Ishee keessa adabbiifi dheekkamsa irraa qalbiin namaa hin yaannetu jira. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

وَقُلِ الْحَقُّ مِن رَّبِّكُمْ فَمَن شَاء فَلْيُؤْمِن وَمَن شَاء فَلْيَكْفُرْ إِنَّا أَعْتَدْنَا لِلظَّالِمِينَ نَارًا أَحَاطَ بِهِمْ سُرَادِقُهَا وَإِن يَسْتَغِيثُوا يُغَاثُوا بِمَاء كَالْمُهْلِ يَشْوِي الْوُجُوهَ بِئْسَ الشَّرَابُ وَسَاءتْ مُرْتَفَقًا

"Dhugaan Rabbii keessanirraa tahe (isinitti dhufe) abbaan fedhe haa amanuu abbaan fedhe haa kafaruu jedhiin, Dhugumatti, Nuti miidhaa hojjattootaaf ibidda dallaan ishee isaanitti marse qopheessinee jirra. Yoo birmachiifatanis bishaan akka rajaa (siicoo) danfeetti fuula quncisutu isaaniif kennama. Dhugaatichis akkaan fokkate! Hirkannaanis akkaan fokkate!" (Alkahf: 29).

Isaan lamaanuu amma ni jiru. Yoomuu immoo hin dhumanu. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

رَّسُولًا يَتْلُو عَلَيْكُمْ آيَاتِ اللَّهِ مُبَيِّنَاتٍ لِّيُخْرِجَ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ مِنَ الظُّلُمَاتِ إِلَى النُّورِ وَمَن يُؤْمِن بِاللَّهِ وَيَعْمَلْ صَالِحًا يُدْخِلْهُ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِن تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا أَبَدًا قَدْ أَحْسَنَ اللَّهُ لَهُ رِزْقًا

 "Ergamaa aayatoowwan Rabbii tan haqa mul’iftuu taate isinirratti qarau (isinitti ergine), akka warren amananii gaarii dalagan dukkanoowwanirraa gama ifaatti baasuuf (jecha ergine). Nama Rabbitti amanee gaariis dalage jannatoota jala ishee laggeen yaatu keessatti yeroo hundaaf hafoo taasisee isa seensisa. Dhugaatti Rabbiin isaaf soorata bareeche." (Axxalaaq: 11). Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

إِنَّ اللَّهَ لَعَنَ الْكَافِرِينَ وَأَعَدَّ لَهُمْ سَعِيرًا خَالِدِينَ فِيهَا أَبَدًا لَّا يَجِدُونَ وَلِيًّا وَلَا نَصِيرًا يَوْمَ تُقَلَّبُ وُجُوهُهُمْ فِي النَّارِ يَقُولُونَ يَا لَيْتَنَا أَطَعْنَا اللَّهَ وَأَطَعْنَا الرَّسُولَا

"Dhugumatti, Rabbiin kaafiroota abaaree ibidda boba’aas isaaniif qopheessee jira. Yeroo hundas ishee keessa kan jiraatan ta’anii, jaalallees ta’ee gargaaraa (isaan baraaru) hin argatan. Guyyaa fuulli isaanii ibidda keessatti gara gaggalfamtu, “yaa hawwii keenya! Odoo ajaja Rabbiitiifi ajaja ergamaa (Isaa) fudhannee” jedhan." (Al-ahzaab: 64-66).

Namoota Qur'aanni yookiin hadiisni jannata dhuunfaa isaaniitti yookiin amalaan ragaa baheef nus ragaa baanaaf. Namoota dhuunfaadhaan ragaan bahameef keessaa Abuu Bakr, Umar, Usmaan, Aliyyiifi kkf warra Ergamaan Rabbii (saw) maqaa isaanii dhahanii ragaa bahaniif.

Amalaa ragaa bahuun immoo nama mu'uminaa Rabbiin sodaatu hundaaf jannata ragaa bahuudha.

Akkuma kanas namoota Qur'aanniifi hadiisni akka dhuunfaatti yookiin amala isaaniitiin ibidda isaaniif ragaa bahe nutis ragaa baana.

Akka dhuunfaatti namni ibidda galuun isaa ragaa itti bahame Abuu Lahb, Amr bin Hayyi Alkhuzaa'iyyiifi kkf.

Ragaan inni amalaa immoo kaafiroota, mushrikootaafi Munaafiqoota isa guddaa warra qabuuf ibidda ragaa bahuudha.

Akkuma kana mokkoroo qabriitti ni amanna. Inni gabricha qabrii isaa keessatti gooftaa isaa, amantii isaafi nabiyyii isaa irraa gaafachuudha. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Warra amanan jireenya adduniyaafi Aakhiraa keessatti jecha gadi dhaabbataadhaan Rabbiin gadi (isaan) dhaaba." (Ibraahiim: 27). Mu'uminni yeroo san Rabbiin kiyya Allaahiidha; amantiin kiyya Islaama. Nabiyyiin kiyya immoo Muhammadi jedha. Kaafirriifi munaafiqni 'hin beeku; namootaa waa jedhanuun dhaga'ee isuma jedhe' jedha.

Qananii mu'uminootaa kan qabrii keessaattis ni amanna. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "(Isaan) warra gaggaarii ta’anii maleykonni “nageenyi isin irratti haa jiraatu; waan hojjachaa turtaniinis jannata seenaa” jedhaa isaan ajjeefteedha." (Annahl: 32).

Akka kaafiroonni zaalimoonni qabrii keessatti azzabamanis ni amanna. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Odoo yeroo miidhaa hojjattoonni haguuggaa du’aa keessa ta’anii malaykonnis harka isaanii diriirsanii "lubbuu keessan baasaa; har'a isin waan Rabbi irratti dhugaan alaa jedhaa turtaniifi keeyyattoota Isaa irraa boonaa turtaniif, adaba salphisaa galata galfamtu" (jedhanu) argitee (dubbii rifachiisaa argita ture)." (Al-an'aam: 93).

Hadiisonni kana keessatti dhufan baay'eedha; beekamoodhas. Mu'umina irra kan jiru waan fagoo (ghaybii) kana irraa waan Qur'aanaafi hadiisa keessatti dhufetti amanuufi waan addunyaatti argaaruun ishee mormuu dhiisuutu dirqama ta'a. Amriin aakhiraa kan addunyaatiin hin madaalamu; sababni isaas garaagarummaa guddaatu jidduu jira waan ta'eef. Rabbumatu gargaarsifatama.

 Kutaa biraa

Qadaras toltuufi hamtuu isaatti ni amanna. Inni murtii Rabbii kan Inni uumamoota Isaa hundaafuu haala beekumsa Isaa keessatti tareefi ogummaan Isaa murteessiteen godheedha. Qadarri sadarkaa afur qaba.

1. Beekumsa: Rabbiin waan hundaa beekaa ta'uu Isaa amanna. Waan argamee tare, kan fuulduratti argamuufi haala kamiin akka inni argamu beekumsa Isaa turaa ta'een beekeera. Beekumsa booda wallaalumaatii isaas argamu hin jiru; erga barees daguun wahii isa hin mudatu.

2. Barreefama: Rabbiin waan hanga Guyyaa Qiyaamaatti uumamu Lawhal Mahfuuz keessatti barreessuu isaa ni amanna. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Sila Rabbiin wantoota samiifi dachii keessa jiran hunda akka beeku hin beektuu? Dhugumatti, kun kitaaba (Lawhal Mahfuuz) keessa jira. Dhugumatti, kun Rabbi irratti laafaa dha." (Alhajji: 70).

3. Fedhii Rabbii: Rabbiin wantoota samiifi dachii keessaa hundaawuu fedhuu isaatti ni amanna. Wanti tokkollee fedhii isaatiin malee hin argamu. Wanti Rabbiin fedhe ni argama; wanti Rabbiin hin fedhin hin argamu.

4. Uumuu Rabbii: "Rabbiin uumaa waan hundaati. Inni waan hunda irrattis tiksaadha" ta'uu ni amanna.

Sadarkooleen afran kun waan Rabbiin biraa argamuufi waan gabroota irraa argamus ni dabalata. Wanti gabroonni raawwatan kan akka haasaa, gocha yookiin waa dhiisuu hunduu Rabbiin biratti beekamaadha. Isa biratti barreeffamaadha. Akkasumas Rabbiin ishee fedhee barreesseera. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Nama isin irraa qajeeluma fedheef (gorsa ta'a). Yoo Rabbiin aalama hundaa fedhe malee isin homaa hin feetanu." (Alkuwwirat: 28-29). "Odoo Rabbiin fedhee, wal hin lolan. Garuu Rabbiin waan fedhe hojjata." (Albaqaraa: 253). "Odoo Rabbiin fedhee isa hin hojjatanu ture; isaaniifi cubbuu isaan uuman dhiisi." "Rabbiin isiniifi waan isin hojjattan uume." (Assaaffaat: 96).

Kanuma waliin akka Rabbiin gabrichaaf filannoofi dandeettii ittiin hojiin argamu kenneera.

Ragaan hojiin gabrichaa filannoofi dandeettii isaatiin ta'uu akeeku:

1. Rabbiin ni jedhe: "Qonnaa keessan akka feetaniin itti dhaqaa." "odoo lolaaf bahuu fedhanii silaa qophii isaaf qophaa'u turan." Kana keessatti Rabbiin fedhii isaatiin gara niitii isaa dhaquufi qophaa'uu mirkaneesseera.

2. Ajajaafi dhorgaa gara gabrichaatti deebisuu: odoo gabrichaaf filannoofi dandeettiin hin jirree kana gara isaatti deebisuun waan inni hin dandeenye dirqisiisuu ta'a. Kana immoo ogummaa, rahmataafi haasawni isaa dhugaa ta'e ni dida. "Rabbiin lubbuu kamuu dandeettii isheetii ol hin dirqisiisu."

3. Nama gaarii hojjate gaarii isaa irratti faarsuufi nama badii hojjate hojii isaa irratti arrabsuudha. Akkasumas lamaan isaaniituu hojii isaanii irratti mindeessuudha. Odoo hojiin fedhiifi filannoo gabrichaatiin argama hin taanee nama gaaromse jajuun tapha (waan bu'aa hin qabne hojjachuu) nama balleesse adabuun immoo miidhaa (zulmii) ta'a. Rabbiin immoo lamaan isaa irraawuu qulqulluudha.

4. Rabbiin ol ta'e ergamoota "akka namootaaf booda ergamootaatii Rabbirratti ragaan hin jiraanneef gammachiisoofi dinniinoo godhee erge." Odoo hojiin gabrichaa fedhiifi filannoo isaatiin hin argamu ta'ee ragaan isaa ergamaa erguudhaan hin badu ture.

5. Namni waa hojjatu kamuu ogga waa hojjatuufi dhiisu dirqisiisaan tokko itti dhaga'amuudhaan maleetti. Inni fedhii isaa qofaan dhaabbata, taa'a, seena, baha, imala baha; biyyas tura. Wanti tokkollee sanarratti isa dirqisiisuun itti hin dhaga'amu. Qabatamaan waan tokko dirqamaan hojjachuufi filannoodhaan hojjachuun adda ni baha. Sharii'aan akkuma kana haala gaariin adda baase. Kanaafuu nama dirqisiifamee haqa Rabbii keessatti waa hojjate Rabbiin isa hin qabu.

Kanaafuu namni yakka hojjate tokko sanarratti qadara ragaa godhachuun isaaf hin ta'u jechuu yaanna. Sababni isaas namni dilii hojjatu kamuu filannoo isaatiin odoo Rabbiin Isarratti murteessuu hin beekin badii hojjata. Namni tokkollee erga waa hojjatamee taree malee murteeffamuu isaa hin beeku. "Lubbuun kamuu waan bor hojjattu hin beektu." Akkamumatti namni tokko waan yeroo hojjatu hin beekne ragaa godhata ree? Rabbiin ragaa kana akka hin taane ibseera: "Isaannan qindeessan fuulduratti ni jedhu "odoo Rabbiin fedhee, silaa nutis ta’ee abbootiin keenya hin qindeessinu turre. Wanta tokkos haraama hin taasifnu turre. Akkasuma warri isaan dura turan hanga adaba keenya dhandhamanitti kijibsiisan. "Sila beekumsa irraa inni isin nuuf baasuu (fiduu) dandeessan isin bira ni jiraa? Shakkii malee homaa hordofaa hin jirtanu. Isinis kijiboo malee hin taane" jedhi." (Al-an'aam: 148).

Yakkamicha qadara ragaa godhatuun "maaliif Rabbitu naaf murteesse jettee hojii gaarii hin hojjanne? Sababni isaas odoo ati hin hojjatin dura hojii toltuufi yakki qadarri isaa wallaalamuu keessatti wal qixa." Kanaafuu Ergamaan Rabbii (saw) akka nama hundaafuu bakki isaa kan jannataafi ibiddaa isaaf barreeffameera jedhan. Sahaabonnis "egaa isarratti hirkannee hojii hin dhiifnuu?" jedhan. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "lakkisaa! Hojjadhaa. Hunduu waan uumameef laaffifama."

Yakkamicha qadara ragaa godhatuun "odoo gara Makkaa imala deemuu kan feetu taatee isheen immoo karaa lama qabaannaan namni amanamaan wahii 'inni tokko sodaachisaa rakkisaadha; inni kaan immoo nagaa salphaadha' jedhee sitti himee ati karaa isa lammaffaa irra deemta. Yoo maal ta'e isa tokkoffaa irra hin deemtee Rabbitu murteesse hin jettu. Odoo ati akkas gootee namnis maraatuutti si lakkaa'a" jennaan.

Ammas isaan ni jenna: "odoo hojiin lama sirra fidamee tokko mindaa guddaa qabaatee ati isa keessa hojjatta. Ergasii akkamuma ati hojii aakhiraa keessatti isa hin taane lubbuu keetii filattee qadara ragaa godhatta?"

Ammas namichaan ni jenna: "ati yeroo dhukkubni qaamaa si mudate hulaa wallaansaa hundaa rukuttee wallaanamta. Hojii akka madeessuu wallaansa keessatti si mudateefi hadhoo dawaa hunda irratti ni obsita. Maaliif dhukkuba qalbii keetii keessatti akkas hin goone?"

Sababa rahmanniifi ogummaan Rabbii guutuu ta'eef jecha hamtuun yoomuu gara Rabbiitti hin hirkifamuu yaanna. Nabiyyiin (saw) ni jedhan: "hamtuun gara keetii miti." Muslimtu gabaase. Murtiin Rabbii mataan ishee yoomuu hamtuu miti. Sababni isaas isheen rahmataafi ogummaa irraa waan argamteefi. Kan hamtuun jiraatu waan murteeffame keessa. Nabiyyiin (saw) du'aa'ii Hasan bin Aliyyii barsiisan keessatti ni jedhan: "hamtuu waan murteessitee irraa na tiksi." Hamtuu gara waan Inni murteesseetti hirkisan. Kanuma waliinuu wantoonni murteeffaman hamtuu qulqulluu miti. Kan inni ta'u bakka tokkotti kallattii tokkoon hamtuudha; kallattii biraatiin immoo toltuudha. Yookiin immoo bakka isaatti hamaa ta'ee bakka biraatti toltuu ta'a.

Fakkeenyaaf hoongee, dhukkuba, hiyyummaafi sodaadhaan dachiin keessi baduun hamaadha. Garuu inni bakka gariitti toltuudha. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Garii waan isaan dalaganii akka isaan dhandhamsiisnuuf jecha, sababa waan harki namaa hojjetteetiin dachiifi galaana keessattis badiin mul’ate. Deebi’uun isaaniis ni kajeelama." (Arruum: 41).

Harka hattuu kutuufi nama sagaagala hojjate dhagaan ajjeesuun hattuufi sagaagalaa sanaaf waan harki isaa cituufi lubbuun isaa bahuuf jecha hamaadha. Garuu inni kallattii biraatiin isaaniif gaariidha. Innis badii isaanii san irraa harcaasa waan ta'eef. Adabbiin addunyaafi aakhiraa iddootti isaan hin mudatu waan ta'eef. Akkuma kana isa keessa bu'aan biraa ni jira; innis qabeenya, kabajaafi gosa tiksuutu keessa jira.

 Kutaa biraa

Aqiidattiin ol aantuun bu'uura gurguddaa kana of keessatti qabattu kun nama isheetti amaneef bu'aalee gurduddaa baay'ee buufti.

Rabbitti, maqoolee isaatiifi amaloota Isaatti amanuun gabrichaaf jaalala Rabbiifi Isa guddisuu kan ajaja Isaa hojjachuufi dhorgaa Isaa dhiisuutti nama kakaasan argamsiisa. Ajaja Rabbii hojjachuufi dhorgaa Isaa dhiisuun immoo addunyaafi aakhiraatti dhuunfaafi hawaasaaf milkuun ittiin argama. Rabbiin ni jedhe: "Dhiiras ta’ee dubartii irraa nama mu’umina ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna; mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina." (Annahl: 97).

Bu'aa maleykaatti amanuun qabu keessaa:

1. Rabbiin isaan uume guddaa, humna qabeessaafi taayitaa guutuu qabaachuu baruu.

2. Akka Rabbiin gabroota isaatiif xiyyeeffannaa godhe ilaalanii Rabbiin galateeffachuu. Innis Rabbiin maleykota kana irraa kan namoota tiksuuf, hojii isaanii galmeessuufi bu'aa gabrootaa kan biroo raawwachuuf taa'an namatti wakkaleef.

3. Maleykonni sababa isaan haala guutuu ta'een ibaadaa Rabbii hojjatanuufi mu'uminootaaf araarama barbaadanuuf isaan jaalachuutu argama.

Bu'aa kitaaboleetti amanuun qabu:

1. Akka Rabbiin gabroota Isaatti tola ooleefi ummata Isaatiif xiyyeeffannaa kennu baruu. Innis isa Inni ummata hundaaf kitaaba ittiin isaan qajeelchu erge.

2. Ogummaa Rabbiitu namaaf ifa gala. Kunis kan ta'u Rabbiin kitaabolee kana hunda keessattuu waan ummata sanaan wal madaalu karaa godhe. Goolabni ergaa kanaa Qur'aana guddaadha. Inni ummata hundaafuu baraafi bakka hanga Guyyaa Qiyaamaatti jiruuf ni ta'a.

3. Sanarratti Rabbiin galateeffachuudha.

Bu'aa ergamootatti amanuun qabu:

1. Akka Rabbiin gabroota Isaatti tola ooleefi ummata Isaatiif xiyyeeffannaa kennu baruu. Innis kan Rabbiin qajeelfamaaf jecha ergamoota kabajamoo kana gara namootaatti erguu Isaatiini.

2. Qananii guddaa kana irratti Rabbiin galateeffachuu.

3. Ergamoota jaalachuu, isaan kabajuufi waan isaaniin maluun isaan faarsuu. Sababni isaas isaan ergamoota Rabbiiti; gabroota Rabbii qulqulluudha. Rabbiif jecha ibaadaa isaatiin, ergaa Isaa dhaqqabsiisuuf, gabroota Rabbii gorsuufi rakkoo isaan irra dhaqqabe irratti obsuudhaan dhaabatan.

Bu'aa guyyaa aakhiraatti amanuun qabu:

1. Mindaa guyyaa sanaa barbaachaaf jecha hojii gaarii hojjachuuf ariifachuu; adabbii guyyaa sanaa sodaaf jecha yakka irraa fagaachuu.

2. Mu'umintoota yoo qananiin addunyaafi meeshaan ishee isaan tares qananiifi mindaa aakhiraa kan inni kajeeluun isa obsiisuutu keessa jira.

Bu'aa qadaratti amanuun qabu:

1. Yeroo sababa hojjatan Rabbirratti hirkachuu. Sababniifi wanti sababichi barbaachiseef hunduu murtii Rabbiitiin waan ta'eef.

2. Lubbuun boqochuufi qalbiin tasgabbaa'uutu keessa jira. Sababni isaas inni yeroo wanti isa mudate murtii Rabbiitiinii bare, hamtuun kun uumamuun ishee hafiinsa hin qabuu beeke lubbuun isaa boqotee qalbiin isaa tasgabbaa'uudhaan murtii Rabbii jaalatee qeebala. Namni tokkollee kan nama qadaratti amane irra jiruu irra gaarii, lubbuu boqottuufi tasgabbii cimaa qabu hin jiru.

3. Yeroo kaayyoon namaa milkaa'e boona lubbuu irraa fageessuu. Sababni isaas wanti sun milkaa'uun qananii Rabbiin biraa ta'eefi sababoolee toltuufi milkii inni murteesseedha. Kanarratti boona dhiisee Rabbiin galateeffata.

4. Yeroo kaayyoon namaa milkaa'uu dide yookiin rakkoon wahii argame dhiphinaafi cinqii of irraa deemsisuu. Sababni isaas sun murtii Rabbii isa Mootummaan samiifi dachii harka isaa jirtuuti. Inni argamuun isaa hafiinsa hin qabu. Achumaan kanarratti obseete mindaa Rabbirratti herreggata.

Rabbiin jecha Isaa armaan gadii kanaan kanatti akeeke: "Rakkoo irraa wanti dachiifi lubbuu keessan keessatti isin tuqe kamillee, odoo ishee hin uumin dura kitaaba keessatti galmeessinu malee hin hafu. Dhugumatti, kun Rabbi irratti laafaa dha. Akka waan isin jalaa dabre irratti hin yaaddofneefi waan (Rabbiin) isiniif kennettis (garmalee) hin gammadneefi (kana godhe). Rabbiin nama boonaa, dhaaddataa hunda hin jaallatu." (Alhadiid: 22-23).

Akka Rabbiin aqiidaa kana irratti gadi nu dhaabu, bu'aa isheellee nu argachiisu, tola Isaa irraa nuu dabalu, qalbii keenyas erga nu qajeelchee akka hin jallifneefi rahmata isa biraa ta'e akka nuuf kennu Isa kadhanna. Inni Isumatu kennaadha waan ta'eef. Faaruun kan Rabbii gooftaa aalamaati.

Rabbiin nabiyyii keenya Muhammad, maatii isaanii, sahaabota isaaniifi warra haala gaariin isaan hordofe irratti rahmataafi nageenya haa buusu.

Xumurameera.

Qalama qopheessaatiin

Muhammad Assaalih Al-Usaymiin

Shawwaal 30, 1404 ALH.