Gorsa afurtam kan ittiin mana sirreessan . ()

 

|

 GORSA AFURTAMA

 KAN ITTIIN MANA SIRREESSAN

> oromo < الأورومية -

Qopheessaan: Muhammad Saalih Almunajjid 

—™

       Kan hiike: Gaalii Abbaaboor Abbaaguumaa

      Gulaala – ustaz Jamaal Muhammad Ahmad

Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin

 1.     Dursa abbaa hiikee

Dhugumatti faaruun hunduu kan Rabbiiti; Isa ni faarsina. Gargaarsas isa irra barbaanna. Dhiifamas Isa irraa barbaanna. Hamtuu lubbuu keenyaatii fi diliiwwan dalagaa keenyaa irraa Rabbitti maganfanna. Nama Rabbiin isa qajeelche wanti isa jal’isu hin jiru; nama inni jallise immoo wanti qajeelchu hin jiru. Dhugaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee hin jiru jechuu ragaan  ba’a. Muhammadis gabricha isaatii fi ergamaa Isaa ta’uu ragaan ba’a صلى الله عليه وسلم.

Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{ يا أيها الذين آمنوا اتقوا الله حق تقاته ولا تموتن إلا وأنتم مسلمون } آل عمران /102 .

“Yaa warra  amantan! Dhugaa sodaa isaa Rabbiin sodaadhaa; Muslimoota taatan malees hin du’inaa.” (Aali Imraan: 102).

{ يا أيها الناس اتقوا ربكم الذي خلقكم من نفس واحدة وخلق منها زوجها وبث منهما رجالاً كثيراً ونساءً واتقوا الله الذي تساءلون به والأرحام إن الله كان عليكم رقيباً } النساء /1 .

 “Yaa namootaa! Gooftaa keessan Isa lubbuu tokko (Aadam) irraa isin uumee, ishee irraas cimdii ishee (Hawwaa) uumee, isaan lamaan irraas dhiirotaa fi dubartoota baay’ee tamsaase sodaadhaa. Rabbii ittiin wal kadhattanii fi firummaas (kutuu) sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin isin to’ataa dha.” (Annisaa’i: 1).

{يا أيها الذين آمنوا اتقوا الله وقولوا قولاً سديداً ، يصلح لكم أعمالكم ويغفر لكم ذنوبكم ومن يطع الله ورسوله فقد فاز فوزاً عظيماً } الأحزاب /70 ، 71 .

“Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; jecha sirrii dubbadhaa. Dalagaalee keessanis isiniif tolcha; badiiwwan keessaniis isiniif araarama. Namni ajaja Rabbii fi ergamaa Isaatiif ajajme dhugumatti milkii guddaa milkaa’eera.” (Al-ahzaab: 70-71).

Kana booda:

Namoonni baay’een ani beeku jireenyi maatii isaanii sababa xixiqqoodhaan diigameen arga. Sababni xixiqqoon kun akkamitti jireenya maatii kabajamaa kana akka kanatti diiga jechuun baay’ee natti dhaga’ama ture. Sababni isaa maali jechuu yeroon gadi fageenyaan yaadu inni guddaan maatiin sun kan sodaa Rabbii irratti ijaarame ta’uu dhabuudha. Fakkeenyaaf jalqabuma yeroo gaa’ila isaaniitiin duraa gurbaafi intalli karaa Rabbiin dhorge baay’ee irratti wal qunnamu. Yeroo nikaan hidhamus wantoota sharii’aa faallessan lakkoofsa hin qabnetu raawwatama. Inni guyyaa cidhaa immoo waan dubbatamee dhumuu miti. Akka Sheekhni tokko jedhanitti sharii’aan ummata keenya biratti kan inni hojiirra oolu hanga guyyaan cidhaatiifi du’aa dhufutti. Yeroo ciini dhufe ajajni Rabbii hunduu diigamee wanti Rabbiin hin jaallanne hunduu hojjatama. Muuziiqaan, isheen heerumtu qullaa manaa bahuun, marii (miizee) jedhanii warra fira hin taane fira fakkeessanii ajaja Rabbii diiguun, bosona adda addaa deemanii waan Rabbiin jibbu meeqaatama achitti dalaguun, qarshiin hammana hin jedhamne achitti gubamee dhumuun, yaa Allaah isa kamin dubbadhee isa kam dhiisa! Yaa Ummata Islaamaa Rabbiin isinitti haa ta’u! Garuu silaa yaa ummata keenya yeroo gammachuu Rabbiin yaadannaan Rabbiinis guyyaa rakkoo keenyaa nu yaadata ture. Mee ummanni guyyaa har’a wal fuudhu badii heddu irratti wal qunname akkamumatti jireenyi isaa fuulduraa milkaa’aa ta’a? Wallaahii jireenya haara galfiifi boqonnaa ta’uu hin danda’u. Kun tasumaa hin yaadamu. Kun mindaa wal madaaluu miti. Mindaan wal madaalu warra ajaja Rabbii irraa gara gale Rabbiin jireenya dhiphoo isa jiraachisuudha. Yoo irra keessi isaa gaarii fakkaatee mul’atellee keessi isaa yoomuu gaarii hin ta’u. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

وَمَنْ أَعْرَضَ عَنْ ذِكْرِي فَإِنَّ لَهُ مَعِيشَةً ضَنْكًا وَنَحْشُرُهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ أَعْمَى (124) قَالَ رَبِّ لِمَ حَشَرْتَنِي أَعْمَى وَقَدْ كُنْتُ بَصِيرًا (125) قَالَ كَذَلِكَ أَتَتْكَ آيَاتُنَا فَنَسِيتَهَا وَكَذَلِكَ الْيَوْمَ تُنْسَى (126) وَكَذَلِكَ نَجْزِي مَنْ أَسْرَفَ وَلَمْ يُؤْمِنْ بِآيَاتِ رَبِّهِ وَلَعَذَابُ الْآخِرَةِ أَشَدُّ وَأَبْقَى (127)

“Namni yaadannoo (Qur’aana) kiyya irraa garagale, dhugumatti, isaaf jireenya dhiphoo ta’etu jira; Guyyaa Qiyaamaas jaamaa gooneeti isa kaafna. Gooftaa kiyya! Odoon (duniyaa irratti) nama argu ta’ee jiruu (hardha) maaliif jaamaa gootee na kaafte?” jedha. (Rabbiin) ni jedha: “Akka kanatti keeyyattoonni keenya sitti dhuftee, ishee dagatte. Atis hardha akkuma sanitti dagatamta.” Egaa akkuma kanatti nama daangaa dabree, keeyyattoota Gooftaa isaatti hin amanin mindaa isaaf kennina. Adaba Aakhiraatu irra cimaa fi irra hafaa dha.”

 Mee namoonni wal fuutan waan cidha keessan ittiin yaadattan Qur'aana akka suuraa Annuur, Nisaa’iifi kkf haffazaa. Hanga suuracha qaraatanuun cidha keessan yaadattanii itti gammaddu. Kan kana haffazdanii jirtanus waan ittiin cidha keessan yaadattan kitaaba tokko waliin qara’aa. Hanga kitaaba sana dubbiftanuun itti gammaddu. Wallaahii inni kun barakaa guddaadha. Odoo kitaaba akka Buluughaa waliin qaraatanii hanguma buluugha dubbiftanuun guyyaa gammachuu san yaadattu. Kun yaada kiyya.

Qabxiin biraa kan jireenya maatii milkaa’u dhorgu immoo yoo gurbaan fuudhu tokko umurii isaa duraanii dheeraa ta’e badii sagaagalummaa (zinaa) keessatti dabarse niitiin isa qunnamtus kanuma akka isaa taati. Odoo ofii nama gaarii hin ta’in niitii gaariin fuudhee jireenya gaarii jiraadha jechuun seera Rabbii diiga. Sababni isaas Rabbiin mindaa gosuma hojii ati hojjattuu irraa siif kaffala. Sababa kanaaf namichi sagaagalummaa irratti umurii isaa dabarse dubartiin itti dhuftus kanuma akka isaa zinaa barbaaddu. Akka imaam Ashaafi’iin jedhanitti namni zinaa godhu yoo maalis duppoo isaattillee ta’a malee zinaan itti godhamuun hin hafu. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

الْخَبِيثَاتُ لِلْخَبِيثِينَ وَالْخَبِيثُونَ لِلْخَبِيثَاتِ وَالطَّيِّبَاتُ لِلطَّيِّبِينَ وَالطَّيِّبُونَ لِلطَّيِّبَاتِ أُولَئِكَ مُبَرَّءُونَ مِمَّا يَقُولُونَ لَهُمْ مَغْفِرَةٌ وَرِزْقٌ كَرِيمٌ (النور:26)

"Dubartoonni badoon dhiirota badoodhaafi, dhiironni badoonis dubartoota badoodhaaf ta’u. Dubartoonni gaariin dhiirota gaariifi, dhiironni gaggaariinis dubartoota gaariifi. Isaan sun waan isaan jedhan irraa qulqulleeffamoo dha. Isaaniif araaramaa fi kennaa gaarii ta’etu (Jannatatu) jira." (Annuur: 26).

Rabbiin namoota waliin ta’u walitti fida malee waan waliin faallaa walitti fidee hin rakkisu. Akka tasaa walitti dhufuun isaa ni mala. Garuu yoo maalis ta’e waliif hin galanu. Kana immoo seenaa niitolii Nuuhiifi Luux irraa qaraaneerra.

Yoo lamaan isaaniituu kan bakkeetti jireenya hayawaanaa jiraataa walitti dhufan ta’eef ammas jireenyuma hayawaanaa jiraatu. Kana jechuun lamaan isaaniituu maqaadhaaf waliin jiraatu malee bakkeedhaahis waan barbaadan heddutu jira; isheenis nama waliin bakkeetti jiraattu kan biraa qabdi jechuudha. Akka namoonni gariin jedhanitti siree tokko irra nama afurtu rafa. Inni niitii isaa waliin ciisee ishee bakkee yaada; isheenis dhirsa waliin ciiftee isa bakkee yaaddi. Sireen immoo nama afur iddootti baachuu hin danda’u. Garuu nama dhugaadhaan toobatee irraa deebi’e Rabbiin tawbaa isaa ni qeebala. Gariin namoota akkanaa immoo mana isaanii keessatti haadha manaatii ilaaltuu waan Rabbiin jibbu kan akka shiishaa fidanii xuuxu. Isheenis yeroo gabaabaa booda isa xuuxuu jalqabdi. Yaa ummatta Islaamaa kun jireenya maaliiti! Ummanni baay’een immoo haadha manaa teessisee caatii qaamaa oola. Isheen immoo warra taa’ee qama’uuf buna dhaabdee fiddee ajnabiyyaadhuma keessa teessee buufti. Dhiirri haadha manaa isaa bira taa’ee jimaa kana nyaachuu barsiisus abbaa manaa ta’uun isaa siluma hin malu. Isa Ergamaan Rabbii (saw) “dayyuusiin jannata hin galu jedhan keessa seena.” Odoo inni kun jiruu dabalata haadha manaa isaafi ajnabii waliin maka. Isheenis jireenyuma kana isa irraa baratti. Guyyaa inni hin jirres warra kana mana seensiftee waliin qaamti.

Yaa Allaah ummata Muslimaatiif birmadhu. Abbaa manaa waan akkanaa hundaa hojjachuun isaaf hin eeyyamamu. Yoo inni sammuu dhabee nama guurratee dhufee taa’ee jimaa nyaates haati manaa keessummoota kanaaf buna dhaabuus ta’ee waan tokkoonuu keessummeessuufi gargaaruun hin eeyyamamu. Ilmaan isaa ta’anullee waan akkanaa irratti gocha kamiinuu abbaa isaanii deeggaruun hin ta’u. Yeroo haala kanaan badii irraa wal dhorgan Rabbiin jireenya isaanii gara Islaamaatti jijjiiree sirreessuun ni kajeelama.

Haati manaa dhiira keessa dhaqtee teessee buna buusuun immoo jireenya ilma namaa odoo hin taane kan beelladaati. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “dayyuusiin jannata hin galu.” Dayyuusii jechuun nama maatii isaa keessatti badii akka dhiiraan wal makachuu, wantoota nyaachuun hin taane isheedhaa nyaattuu argee kan dhiisuufi kan waan akka shiishaa mana fidee maatii isaa barsiisuudha. Jireenyi akka kanaa yoo maalis ta’ee itti hin fufu. Yoomuu milkaa’uus hin danda’u. Maatiin wal ga’ee fiilmii haraama ta’e waliin ilaalu, waan Rabbiin jibbe waliin nyaatuufi waliin xuuxu yoomuu hin milkaa’u.

Fakkeenyi akka kanaa baay’eedha. Dubbatanii fixuunis baay’ee rakkisaadha. Namni kamuu jireenya mataa isaatiifi kan fuuldura maatii isaa yaadee badii kanneen amma dubbanneefi kan biroo mana keessaa baasuun haadha manaatiifi ilmaan isaa barnoota sharii’aa barsiisuufi ittiin hojjachuutti yoo kaase eeyyama Rabbiitiin jireenyi isaanii akkaan mi’aahaafi kan nama gammachiisu ta’a. Wanti maatiis ta’ee mataa ofii ittiin tiksan inni guddaan ajaja Rabbii jala deemuudhaani. Sana booda immoo wantoota jireenya addunyaatiif barbaachisan qooda ofii argachuuf tattaaffachuunis sababa biraati. Wanti an dhuma irratti ummata hundaanuu amaanaa jedhu mana keenya keessaa badii akka kanaa haa dhabamsiifnu; mana keenya bakka zikrii Rabbii haa goonu malee bakka wanti Rabbiin dhorge keessatti nyaatamuufi xuuxamu, lafa hamiifi komii akka hin taasifne; ilmaan keenya akka barnoota sharii’aafi akkaadaamii barsiifnee doofummaa kana keessaa baafnuudha. Akkasumas dirqama Islaamaa kanneen akka salaataa irratti ilmaan keenya ijoollummaan haa leenjifnu. Waliin yeroo hundaa masjida haa deemnu. Ilmaan keenyaaf waan gaarii hunda keessattuu hidhannoo gaarii haa taanu. Haadha manaa keenyas waan gaggaarii haa barsiifnu. Seenaa Islaamaa adda addaa, ahkaama sharii’aafi kkf isaan haa barsiifnu. Warri diishii manaa qabnus sagantaa Qur'aanaafi hadiisa adda addaa isaaniif haa bannu. Kun barakaa guddaa mana keenya seensisa.

Akkaataa ummanni duraanii maatii isaanii ittiin leenjisaa turan ofii keenyaafis haa barannu. Yoo kana goone eeyyma Rabbiitiin jireenyi maatii keenyaa akkuma dubbannee dabarsine jireenya hundarra filatamaa ta’a.  والله أعلم.

Ghaalii Abbaaboor

Maqaa Rabbii akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa ta’eetiin

 Dursa

Dhugumatti faaruun hunduu kan Rabbiiti; Isa ni faarsina. Gargaarsas isa irra barbaanna. Dhiifamas Isa irraa barbaanna. Hamtuu lubbuu keenyaatii fi diliiwwan dalagaa keenyaa irraa Rabbitti maganfanna. Nama Rabbiin isa qajeelche wanti isa jal’isu hin jiru; nama inni jallise immoo wanti qajeelchu hin jiru. Dhugaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee hin jiru jechuu ragaan  ba’a. Muhammadis gabricha isaatii fi ergamaa Isaa ta’uu ragaan ba’a صلى الله عليه وسلم.

 2.     Manni jireenyaa ni’imaa Rabbiiti

Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{ والله جعل لكم من بيوتكم سكناً } . سورة النحل الآية 80 .

“Rabbiin mana keessan irraa bakka teessumaa isiniif godhe.” (Annahl: 80).

Ibn Kasiir Rabbiin isa haa mararfatuu ni jedhe: ‘Rabbiin guddatee ol ta’e gabroota isaa irratti manneen ishee jireenyaa kan ishee keessa qubatan, ishee keessatti sataratanuufi faayidaa biraas itti fayyadaman isaaniif kennuu isaatiin akka qananii isaa isaaniif guute dubbata.’

Manni tokkoon keenyaaf maal ta’a laata? Inni bakka nyaata isaa, wal qunnamtii isaa, hirriba isaafi boqonnaa isaatii mitii? Inni bakka inni maatii isaatii waliin kophaa bahuufi ilmaan isaatiin wal ga’uu mitii?

Inni bakka dubartiin itti satarattuufi of tiksituu mitii? Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{ وقرن في بيوتكن ولا تبرجن تبرج الجاهلية الأولى } سورة الأحزاب الآية : 33

“Manneen keessan keessa taa’aa; akka mul’ifannaa bara wallaalaa duriittis miidhagina keessan hin mul’isinaa.” (Alahzaab: 33).

Yeroo haala namoota mana hin qabne kan bakkuma ta’etti maxxananii jiraatan yookiin cinaa karaa guddaa irra jiraatan, yookiin biyyaa ari’amanii duunkana yeroo murtaa’aa keessa qofa jiraatan ilaaltee xiinxalte, qananii manaa barta. Yeroo nama olii gadi urgufamaa ‘ani bakkan qubadhu hin qabu; bakka ragga’aa homaa hin qabu; yeroo tokko tokko mana abaluu keessan rafa; yeroo kaan immoo mana bunaa, ashaakiltii, cinaa galaanaa keessan rafa; bakki an huccuu kiyya keeyyadhu konkolaataa kiyya keessa’ jedhu dhageesse hiika rakkoo qananii manaa dhabuudhaan argamee barta.

Rabbiin yeroo Yahuudaa Banii Nadiir irraa haaloo ba’atu qananii manaa kana irraa fudhatee ganda isaanii keessa isaan ari’e. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{ هو الذي أخرج الذين كفروا من اهل الكتاب من ديارهم لأول الحشر } .

“Inni Isa abbootii kitaabaa irraa isaan kafaran godaansa jalqabaatiif gandoota isaanii irraa baasee dha.”

Sana booda ni jedhe:

{ يخربون بيوتهم بأيديهم وأيدي المؤمنين فاعتبروا يا أولي الأبصار } . سورة الحشر ، الآية : 2

“ Manneen isaanii harka isaanii fi harka mu’umintootaatiin onsan. Yaa warra sammuu qabdan mee xiinxalaa!!” (Alhashr: 2).

 3.     Wantoonni Muslima Biratti Xiyyeeffannaa Mana Isaa Sirreessuu Uumu Heddu

Nafsii ofiitiifi maatii ofii ibidda jahannam irraa tiksuu, ibidda gubaa irraa nagaa ta’uudha. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{ يا أيها الذين آمنوا قوا أنفسكم وأهليكم نارا وقودها الناس والحجارة عليها ملائكة غلاظ شداد لا يعصون الله ما أمرهم ويفعلون ما يؤمرون} سورة التحريم ، الآية : 6

“Yaa warra amantan! Lubbuu keessanii fi maatiiwwan keessan ibidda qoraan isii namootaa fi dhagaa heddu ta'e irraa eegaa. Isheerra maleeykota gara jabeeyyii, ciccimoo ta'antu jiru. Waan Rabbiin isaan ajaje hin faallessanu; waan ajajamanis ni hojjatu.” (Attahriim: 6).

Itti gaafatamummaan abbaa manaa irratti guyyaa qormaataa fuuldura Rabbiitti kaa’amu guddaa ta’uudha. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “Rabbiin ol ta'e tiksitoota hundaayuu waan isaan tiksisiise irraa gaafataadha; sana seeraan tiksus tiksuu baatus. Kun immoo hanga namicha maatii isaa irraa gaafatamu tokkotti ta’a.”  sanadni isaa hasan.  

Inni bakka itti nafsee tiksanii hamtuu irraa nagaa taasisanuufi namoota irraa ishee qabanuudha. Inni bakka yeroo fitnaa shari’aan itti dabuu nu ajajeedha. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “nama arraba isaa to’atee manni isaa isa ga’ee dilii isaa irratti boo’eef akkaan tolte.”sanadni isaa hasan. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.  Ammas Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “waa shan nama isa hojjate Rabbiin isaaf of qabaa ta’a: nama dhukkubsataa gaafate, karaa Rabbii keessatti lolaaf ba’e, nama imaama isaa irratti haala isa kabajuufi guddisuu fedhuun seene yookiin nama mana isaa keessa taa’ee namoonni isa irraa nagaa ta’anii innis namoota irraa nagaa ta’eedha.”Ahmadtu gabaase.  Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “namni tokko fitnaa jalaa nagaa ba’uuf mana qabatee taa’uudha.” Sanadni hadiisichaa hasani. Inni Abuu Muusaa irraa odeeffamee Sahiih Aljaami’iin keessa jira.

Muslimni faa’idaa waan kanaa yeroo gurbaa (amantiin Islaamaa achi fagaate) badii baay’ee jijjiiruu dadhabee bakki inni itti dabee lubbuu isaa hojii haramaafi haraama ilaaluu irraa tikse, niitii isaa hijaaba malee bahuufi imala irraa tikseefi ilmaan isaa hiriyoota hamaa irraa fageesse faayidaa kanaa hubata.

Namoonni yeroo isaanii baay’ee mana keessatti dabarsu. Keessumaayyuu yeroo gubaa cimaa, qorra cimaa, roobaa, jalqaba guyyaatiifi dhuma isaa, yeroo dalagaa irraa yookiin barumsa irraa raawwatan baay’inaan mana isaanii keessatti dabarsu. Kanaafuu yeroo kana hojii khayrii hojjachuu irratti dabarsuun dirqama ta’a. yoo kana hin taane yerottiin haraama keessatti dhumti.

Isheen kun irra yaachiftuudha; manatti xiyyeeffachuun isatu hawaasa Muslimaa ijaaruuf gargaara. Hawaasni xiqqoon manneen irraa uumama. Manneen kun ganda ta’a; gandi immoo hawaasa ta’a. Yoo manneen sirroofteef hawaasni ahkaama Rabbiitiin jabaa, fuula diina isaa duras dhaabataa, khayriin babal’ataafi kan sharriin gara isaanii hin geenye ta’a.

Mana Muslimaa irraa gara hawaasaa roga gaaromsuun isa keessa jiru kan akka daa’ii hidhannoo ta’anuu, barattoonni ilmii, qabsaa’aan dhugaa, niitiin gaariin, haati leenjiftuuniifi warreen ummata gaaromsan kan biroollee ba’a.

Erga mata dureen kun hanga kana barbaachisee, manneen keenya keessa immoo wantoonni dhorgaman baay’een, hanqinni guddaan, boodatti hafuuniifi daangaa dabruun jiraatee asitti gaaffiin guddaan isaa ka’a:

 4.     Wantoonni Ittiin Manneen Gaaromsanu Maali?

Yaa nama dubbiftu gaarii! deebiin kee kunooti. Gorsa sagantaa kanaan wal ilaallatutu jira; Rabbiin ittiin fayyaduufi qabsoon ilmaan Islaamaa bifa haaraadhaan ergaa mana Muslimaa haaromsuu kaasee erguutu kajeelama.

Gorsoonni kun waa lama irra naanna’a: wantoota bu’a qabeessa argamsiisuudha; inni immoo gaariitti ajajuudha. Yookiin immoo badii dhabamsiisuudha; inni immoo waan dhorgamaa ta’e deemsisuudha.

Kun yeroo kaayyoo keenyatti seennuudha.

 5.     Mana jireenyaa uumuu

 6.     Gorsa 1ffaa: filannaa haadha manaa gaaromsuu

Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{ وأنكحوا الأيامى منكم والصالحين من عبادكم وإمائكم إن يكونوا فقراء يغنهم الله من فضله والله واسع عليم } سورة النور الآية 32

“Isin irraas konfoleysa (dhiiraas ta’ee dburatii hin fuudhin) fuusisaa. Gabroota keessan kan dhiiraatii fi dubartootaa irraas ta’an isaan gaggaarii (fuusisaa). Yoo hiyyeeyyii ta’anis Rabbiin tola Isaa irraa isaan duroomsa. Rabbiin dureessa, beekaa dha.” (Annuur: 32).

Abbaa manaa irratti niitii gaarii ulaagaa armaan gadiitiin filachuun dirqama ta’a.

Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “dubartiin waa afuriif fuudhamti[1]: qabeenya isheetiif, kabajaa gosa isheetiif, bareeduma isheetiifi amantii isheetiif. Ishee haadha diiniitiin milkaa’i; harki kee lafatti haa rirriitamtuu.” Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.

Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “addunyaan hundi isheetuu meeshaa ittiin qanani’anuudha; irra caalaan waan addunyaa irraa ittiin qanani’anuu immoo dubartii gaariidha.” Muslimtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “tokkoon keessan qalbii Rabbiin galatoomfataa, arraba isa faarsu, haadha manaa Mu’umina waan aakhiraa irratti isa gargaartu haa qabaatu.”Ahmadtu gabaase. Tirmiziifi Ibn Maajaahnis gabaasaniiru. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

Gabaasa biraatiin immoo “haati manaa gaariin amrii addunyaafi diinii keetii irratti si gargaartu irra caaltuu waan ilmi namaa tiksee ol keeyyatuuti.” Bayhaqiitu Abuu Umaamaa irraa gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

Ammas Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “dubartii ishee baay’ee nama jaalattuufi baay’ee deessu fuudhaa. Ani Guyyaa Qiyaamaa isiniinin nabiyyoota biraa irra ummata baay’ifadha.” Ahmadtu gabaase. Gabaasa biraatiin “durba ishee bikraa (kan duraan hin heerumin) fuudhaa; sababni isaas isheetu gadaameessi ishee irra daha; afaan ishees hundarra mi’aaha; waan xiqqoodhaan of geessi.” Ibn Maajaahtu gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira. Gabaasa biraatiin immoo “nama ganuus isheetu irra xiqqaata.”

Akkuma dubartoonni gaggaariin gosa milkii afran keessaa tokko taate dubartiin hamtuun immoo gosa goggoginaa afran keessaa tokko. Hadiisa sahiiha keessatti akka dhufetti Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “gosa milkii irraa inni guddaan dubartii gaarii kan yeroo ishee ilaalte si gammachiiftu, yeroo ishee irraa fagaatte immoo mataa isheetiifi qabeenya kee irratti amantu qabaachuudha. Gosa goggoginaa irraa tokko immoo dubartii ishee yeroo argite si gaddisiiftu, arraba ishee sirratti feetu, yeroo ishee irraa fagaattes mataa isheetiifi qabeenya kee irratti hin amanne qabaachuudha.” Ibn Hibbaaniifi kan biroollee gabaasaniiru. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira.

Akkasuma dubartoonni Muslimaas nama isaan dubbatachuu dhufe ilaalanii xiinxaluufi ulaagaalee armaan gadiitii qeebaluutu dirqama ta’a.

Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “yeroo namni isin amantii isaatiifi haala isaa jaalattan isinitti dhufe itti heerumsiisaa; yoo kana gochuu baattan immoo fitnaa guddaafi badii guddaatu dachii keessatti uumama.” Ibn Maajaahtu gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira.

Wantoota dabran hunda keessattuu akka manni erga ijaaramee booda hin badne yookiin deebi’ee hin diigamneef jecha haala gaariin gaafachuun, gadi fageenyaan qorachuun, odeeffannoo jiru sassaabbachuun, burqaa oduchaafi dubbii sana mirkaneeffachuun dirqama ta’a.

Dhiirri gaariin dubartii gaarii wajjin mana gaarii ijaaru; Biyyi gaariin biqilaan isaa hayyama Gooftaa isaatiin baha. Inni bade immoo (biqilaan isaa) dadhabbiidhaan malee hin bahu.

 7.     Gorsa 2ffaa: haadha manaa gaaromsuuf socho’uu

Yeroo haati manaa gaarii taate isheenuu akkaan toltee kun tola Rabbii guddaati. Yoo isheen immoo kana hunda gaarii hin ta’in dirqamni abbaa manaa ishee gaaromsuuf socho’uudha. Kun immoo haala hedduun uumamuu danda’a. Isaanis:

Yeroo namichi sababa ofii isaatii jalqaba irratti nama baay’ee diiniitti hin dhimmine ta’uudhaan yookiin hawwii ishee qajeelchuutiin yookiin immoo dhiibbaa maatiitiin dubartii silumatti amantii irratti cimina hin qabne fuudhe bakka kanatti ishee gaaromsuuf marxifatanii ka’uun dirqama.

Namichi jalqabuma akka qajeelumni harka Rabbii ta’e baruun isaa dirqama. Kan gaaromsu isuma qofa. Rabbiin tola Isaa gabricha isaa Zakariyyaa irratti oole yeroo nutti himu

{ وأصلحنا له زوجه } سورة الأنبياء ، الآية 90

“haadha manaa isaas isaaf gaaromsine” (Al-ambiyaa’i: 90) jedhe.

 Kun immoo gaaromsuu qaamaas ta’ee kan diinii dabalata. Ibn Abbaas irraa odeeffamee رضي الله عنه ni jedhe:  “isheen (warri Zakariyyaa) dhabduu hin deenye turtee ni deesse.” Axaa’i immoo “arraba dheeratti turtee Rabbiin ishee gaaromse” jedhe. Tafsiira Ibn Kasiir keessa jira.

 Haadha manaa gaaromsuun waan hedduun

Ibaadaa isheen Rabbiif gootu gosa kamiinuu akka armaan gadiitti sirreessuutti ta’aabuu.

Iimaana ishee waan akka armaan gadiitiin ol kaasuuf socho’uu:

1.     Salaata laylii irratti kakaasuu,

2.     Qur’aana qara’uu irrattis kakaasuu,

3.     Zikrii haffazchiisuufi yeroofi hariiroo eeggatanii yaadachiisuu,

4.     Sadaqaa akka isheen kennitu kakaasuu,

5.     Kitaabota Islaamaa bu’a qabeessa akka dubbiftu gochuu,

6.     Kaasettoota Islaamaa bu’a qabeessa, barnoota qaban, kan iimaanatti kakaasan dhaggeeffachiisuufi isarratti hordofuu,

7.     Hiriyaa gaggaarii warra amantii qaban kan isheen isaanii wajjin obbolummaa uummattu, haasawa gaggaarii wal jijjiirtuufi ziyaaraa kaayyoo qabdu raawwattu filachuufiidha.

8.     Waan sharrii ta’e isheerraa deebisuufi karaa gara isheetti dhaqqabuun cufuu, kun immoo hiriyaa hamtuufi bakka hamaa irraa fageessuudhaani.

 Iimaana Mana Keessaa

 8.     Gorsa 3ffaa: mana kee bakka zikrii Rabbii taasisi

Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “fakkeenyi mana isa Rabbiin keessatti zakkaramuufi mana Rabbiin keessatti hin zakkaramnee akka du’aatiifi fayyaati.” Muslimtu Abuu Muusaa irraa gabaase.

Kanaafuu mana ofii bakka zikrii Rabbii gosa hundaayyuu taasisuun dirqama. Zikriin kun kan qalbii, zikrii arrabaa, salawaata, Qur'aana qara’uu, barnoota sharii’aa waliin qu'achuu yookiin immoo kitaabota adda addaa dubbisuu ta’uutu mala.

Manneen Muslimaa yeroo ammaa meeqaafi meeqatu zikrii Rabbii dhabuudhan duutee jirti. Kun immoo hadiisa sahiiha keessattis dhufeera. Inumaa yeroo zikriin ishee keessatti  godhuma immoo sagalee shayxaanaa kan akka sirbaa, muuziiqaa, hamii, cubbuufi walitti naqaa ta’emmoo maal haa ta’u!

Ogga diliifi waan Rabbiin dhorge kan akka wal makannaa haraama ta’e, hijaabaan malee maqaa firoomaatiin, ollaa warra callisanii mana seenanuutiin kan muhrima hin ta’in waliin turuudhaan  guutamtee jirtu immoo haalli manattii akkam ta’a laata! Maleykaan akkamumatti mana haala kana qabu seenti? Rabbiin isin haa mararfatuu, mana keessan zikrii Rabbiitiin fayyisaa jiraachisaa.

 9.     Gorsa 4ffaa: mana keessan bakka salaataa taasisaa

Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{ وأوحينا إلى موسى وأخيه أن تبوءا لقومكما بمصر بيوتا واجعلوا بيوتكم قبلة وأقيموا الصلاة وبشر المؤمنين } سورة يونس الآية 87

“Muusaa fi obboleessa isaattis: “Isin lachanuu ummata keessaniif Misratti manneen qopheessaa; manneen keessanis iddoo ibaadaa taasisaa; salaatas dhaabaa; mu’uminootas gammachiisi” jechuu wahyii goone.” (Yuunus: 87).

Ibn Abbaas irraa odeeffamee رضي الله عنه ni jedhe:  “masjida ishee taasisuu ajajaman.” Ibn Kasiir ni jedhe: “inni kun –Rabbumatu beekaa- akka waan yeroo balaan Fir’awniifi ummata isaa irraa itti jabaatee isaan irratti dhiphisan salaatatti ajajamaniiti fakkaata. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{ يا أيها الذين آمنوا استعينوا بالصبر والصلاة } سورة البقرة الآية 153

“yaa warra amantan! Obsaafi salaataan of gargaarsifadhaa” (Albaqaraa: 153).

Hadiisa keessa kan jiru immoo “Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم yeroo wanti ta’e isaan yaachise ni salaatu turan” jedha.”

Ibsi kun ibaadaa mana keessatti gochuun, keessumaayyuu yeroo Muslimoonni dadhabina qabanu akkaan barbaachisaa ta’uu akeeka. Akkasumas wantoota yeroo Muslimoonni kaafiroota fuulduratti salaata isaanii mul’isanii salaatuu hin dandeenye ta’uu qabu nu agarsiisa. Akkasumas waa’ee mihraaba Maryam kan iddoo ibaadaa ishee ture nu yaadachiisa. Waa’ee isaa keessatti Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{ كلما دخل عليها زكريا المحراب وجد عندها رزقا } سورة آل عمران الآية 37

“Zakariyyaan hanguma mihraaba isheerra seenuun soorata ishee biratti arge.” (Aali Imraan: 37).

Sahaabonni salaata waajiba hin taane mana isaanii keessatti salaatuuf baay’ee ariifatu turan. Kun seenaa waa’ee sanaa ibsituudha: Mahmuud bin Arrabii’i Al-ansaarii irraa odeeffamee ni jedhe: Itbaan bin Maalik kan sahaabaa Ergamaa Rabbii صلى الله عليه وسلم Ansaarotaa irraa warra lola Badrii hirmaate ta’ee, inni Ergamaa Rabbiitti صلى الله عليه وسلم dhufee “ani ija kiyya kana sodaadheera; ani immoo ummata kiyyan salaachisa. Yeroo roobni roobe lagni inni jidduu kootiifi jidduu isaanii lolaan yaa’e, masjida isaanii dhaqee isaaniin salaatuu hin danda’u. Ati yaa Ergamaa Rabbii صلى الله عليه وسلم dhuftee mana kiyya keessatti naaf sagaddee bakka salaataa taasifachuun jaaladhe” jedhe. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم “yoo Rabbiin fedhe nan hojjadha” jedhaniin. Itbaan ni jedhe: “Ergamaan Rabbiitiifi صلى الله عليه وسلم Abuu Bakriin yeroo aduun guyyaa hanga ta’e ol fuudhamtu dhufan. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم eeyyama gaafatan. Isaaniifan eeyyame. Yeroo mana seenan odoo hin taa’in “mana kee keessaa eessatti siif salaatuu jaalatta?” jedhan. Moggaa manaa wahiin isaaniif akeeke. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم dhaabatanii takbiiraa godhan. Nutis kaanee hiriira gallee raka’aa lama salaatanii salaamtaa ba’an.” Bukhaariitu gabaase.

Ibn Hajar, Rabbiin isa haa mararfatuu, faayidaa hadiisa kanaa keessatti ni jedhe:

‘Isa keessa bakka murtaa’aa wahii salaataaf mana ofii keessatti murteeffachuun akka danda’amu akeeka; dhorgaan inni bakka murtaa’aa tokko masjida irraa godhachuu keessatti dhufe hadiisani Abuu Daawud isa keessatti dhufeera. Kun immoo yeroo inni riyaa’ii yookiin wanti isa fakkaatu irraa sodaatamuutti hiikama. Bakka wahii mana keessatti salaataaf godhachuun odoma maqaan masjidaa irratti dubbatameeyyuu waqfii ta’uu dirqama hin godhu.

 10. Gorsa 5ffaa: warra mana keessaatiif leenjii iimaanaa gochuu

Aa’ishaa irraa odeeffamee رضي الله عنها ni jette:  “Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم yeroo harkan irraa laylii salaatanu, ogga witrii sagadanii ka’an “yaa Aa’ishaa ka’ii witrii sagadi” jedhu turan.” Muslimtu gabaase.

Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “Rabbiin namicha halkan irraa ka’ee salaatee haadha manaa isaas dammaqsinaan kaatee salaatte, yoo isheen didde immoo bishaan fuula isheetti naqe haa mararfatu.” Ahmadtu gabaase.

Mana keessatti dubartoota sadaqaatti kakaasuun waan akkaan iimaana dabalu irraayi. Inni waan guddaadha; Nabiyyiin صلى الله عليه وسلم isa irratti kaasaniiru. Ni jedhan: “yaa garee dubartootaa sadaqaa kennadhaa; ani irra hedduu warra ibiddaa ta’uun isin arge.” Bukhaariitu gabaase.

Yaada jalqabaaf fayyadu keessaa tokko saaxinii sadaqaan keessa kaa’amu wahii mana keessa kaa’anii hiyyeeyyiifi harka qalleeyyiidhaaf gochuudha. Wanti isa keessa seene hundinuu qabeenya warra dhimmaa ta’a. sababni isaas inni qalqalloo mana Muslimaa keessa isaaniif jiruudha. Warri manaa yeroo mana isaanii keessaa hidhannoo ayyamal biidii (guyyaa jiinii bareechee ba’ee mul’atu sadan jechuun guyyaa kudha sadaffaa, kudha afraffaafi kudha shanaffaa), wixataafi khamiisa, muharramiin saglaffaafi kurnaffaa, guyyaa Arafaa, Muharramiifi Sha’abaana baay’ee soomu argan, inni kun isatti hidhachuudhaaf kan isaan kakaasu ta’a.

 11. Gorsa 6ffaa: zikriiwwan sharii’aafi sunnaa manaan hariiroo qabdu irratti xiyyeeffanaa gochuu

Fakkeenyowwan kanaa:

 Zikriiwwan yeroo mana seenanuu

Imaamu Muslim sahiiha isaa keessatti gabaasee Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “namni tokko yeroo mana isaa seenu, ogga seenuufi ogga nyaatu maqaa Rabbii yoo dubbate, shayxaanni as bakka bulumsaas ta’ee irbaanni isiniif hin jiru jedha. Yoo seenee ogga seenu maqaa Rabbii hin dubbatin, bakka bulumsaa argattaniittu. Yoo ogga nyaatu maqaa Rabbii hin dubbatin bakka bulumsaafi nyaata argattaniittu jedha.” Ahmadiifi Muslimtu gabaasan.

 Zikriiwwan mana irraa bahanu

 Abuu Daawud sunana isaa keessatti gabaase Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “namtichi ogga mana isaatii bahee

 بسم الله ، توكلت على الله ، لا حول ولا قوة إلا بالله

‘Bismillaahi tawakkaltu alallaahi; laa hawla walaa quwwata illaa billaah’ jedhe ‘siif ga’eera; qajeelfamteetta; rakkoo irraas tikfamteetta’ jedhama. Shayxaannis isarraa fagaata. Shayxaanni biraa ‘ati akkamitti namicha qajeelfame, isaaf ga’ameefi tikfame dnadeessa?’ jedhaan.” Abuu Daawudiifi Tirmiziitu gabaasan. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

 Siwaaka

Imaamu Muslim sahiiha isaa keessatti Aa’ishaa irraa gabaasee رضي الله عنها ni jette: “Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم yeroo mana isaanii seenan siwaakiidhaan eegalu turan.” Muslimtu gabaase.

 12. Gorsa 7ffaa: shayxaana ari’uuf jecha suuraa Albaqaraa mana keessatti qara’uu itti fufuu

Waa’ee kanaa keessatti hadiisota baay’eetu dhufe. Isaanis:

Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “manneen keessan qabrii hin taasisinaa; shayxaanni mana suuraan Albaqaraa keessatti qara’amu irraa ni baqata.” Muslimtu gabaase.

Ammas Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “suuraa Albaqaraa mana keessan keessatti qara’aa; shayxaanni mana isa keessatti suuraan Albaqaraa qara’amu hin seenu.” Haakimtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

Ammas kan sadarkaa aayata dhumaa lamaan dubbatuufi bu’aa inni mana keessatti qara’amuun fidu kan ibsutu jira. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “Rabbiin ol ta’e odoo samiifi dachii hin uumin waggaa kuma lamaan dura kitaaba barreesse. Inni Arshii bira jira. Inni aayata lama irraa buusee suuraa Albaqaraa ittiin xumure. Mana ta’e keessatti halkan sadii qara’amnaan shayxaanni isatti hin siqatu.” Ahmadtu Musnada keessatti gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

 Barnoota sharii’aa mana keessatti geggeessuu

 Gorsa saddeettaffaa: maatii barsiisuu

Inni kun dirqama sharii’aa itti gaafatamaan maatii raawwachuun dirqama ta’uudha. Kun immoo ajaja Rabbii ol ta’ee guutuudhaaf:

{ يا أيها الذين آمنوا قوا أنفسكم وأهليكم نارا وقودها الناس والحجارة } سورة التحريم ، الآية :6

“Yaa warra amantan! Lubbuu keessanii fi maatiiwwan keessan ibidda qoraan isii namootaa fi dhagaa heddu ta'e irraa eegaa.” (Attahriim: 6).

Aayanni kun maatii ofii waa barsiisuu, isaan leenjisuu, gaariitti isaan ajajuufi hamtuu irraa isaan dhorguu irratti ajaja isa hundeeti. Garii waan warri tafsiiraa waa’ee hiika aayata kanaa ilaalchisee wanta itti gaafatamaa maatii irratti keessatti jedhan ilaali.

Qataadaan ni jedhe: “Rabbiin buluutti isaan ajaja; isa faallessuu irraa isaan dhorgaa; ajaja Rabbiitti ajajuufi sanarratti isaan gargaaruu irratti hojjachuudha. Yeroo kan isaan dilii hojjatan argite isaan loltee irraa dhorgita.” Xabariitu gabaase. 

Alkiyyaa Axxabariin, Rabbiin isa haa mararfatuu, ni jedhe: “ilmaan keenyaafi maatii keenya amantiifi waan gaarii, akkasumas naamuusa dirqama ta’u barsiisuu qabna. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم khaadimee gabrittiiyyuu barsiisuu ajajaniiru; ilmaaniifi maatii kee warra bilisa keessatti immoo maal jettaree?”

Bukhaariin, Rabbiin isa haa mararfatuu, “boqonnaan kun namni tokko gabrittii isaatiifi maatii isaa barsiisuu akka qabu dubbata” jedhe sana booda hadiisa isaa kan “namoota haala sadii qabaniif mindaa lamatu jira: ……. Tokko namicha gabrittiin wahii isa bira jiraannaan naamuusa ishee barsiisee naamuusa ishee sireessee ishee barsiisee barnootichas gaaromsee sana booda ishee bilisoomsee fuudhe mindaa lama qaba.”

Ibn Hajar, Rabbiin isa haa marafatuu, sharhii hadiisa kanaa keessatti ni jedhe: “hadiisichi kun boqonnichaan akki inni itti wal galu gabrittiidhaan kallattiidhumaani; maatiin immoo qiyaasaani. Sababni isaas maatii ofii warra bilisatti cinqamanii dirqama Rabbiitiifi sunnaa Ergamaa Rabbii صلى الله عليه وسلم barsiisuutu gabrittiitti ta’aabuu irra dursa.” Fat-hul Baarii.

Baay’ina wanti inni itti tattaafatuu, hojiifi hariiroo irraa kan ka’e maatii isaa barsiisuuf yeroo dhabuun ni mala. Kanaaf furmaata ta’uu kan danda’u tokko guyyaa tokko wal ga’ii maatii hundaa, inumaayyuu firoottan isaas kan dabalatuuf mana keessatti sagantaa barumsaa baasuudha. Beellama kanaan hunda isaaniiyyuu ni barsiisa. Dhufanii itti hirmaachuu isaaniis ni ilaala. Akka isaan dhufuuf hamilee godhatanus ni kakaasa. Fuuldura isaaniitti innis dhufuu waadaa of seensisa. Waa’ee kanaa keessatti waan Ergamaa Rabbii صلى الله عليه وسلم irraa argame dhaga’i.

Bukhaariin, Rabbiin isa haa mararfatuu, “boqonnaan kun sila dubartootaaf guyyaan of danda’e tokko isaan barsiisuuf ni taasifamaa kan jedhu dubbata” jedhe. Hadiisa Abuu Sa’iid Alkhudrii kan dubartoonni isa keessatti Nabiyyiidhaan صلى الله عليه وسلم  “dhiironni sirraa nu injifataniiru. Guyyaa tokko ofii keetii nuuf baallami” jedhan. Achumaan guyyaa tokko isaaniif baallamee isa keessa isaan qunnamee isaan gorse jedhu Bukhaariin dubbate.

Ibn Hajar ni jedhe: gabaasa Sahl bin Abuu Saalih abbaa isaa irraa , abbaan isaa immoo Abuu Hurayraa irraa gabaase keessatti fakkaataa seenaa kanaa gabaasee ni jedhe: “baallamni keessan mana abaluutti” jedhanii achitti dhaqanii isaaniin dubbatan. Fat-hul Baarii.

Hadiisa kana irraa mana keessatti dubartoota barsiisuu akka qabnutu hubatama. Akkasumas ariifannaa dubartoonni sahaabaa barumsa irratti qaban; qabsoo ofii gara dhiiraa qofatti deebisanii dubartoota dhiisuun hanqina guddaa daa’iifi itti gaafatamtoota manaa bira jiruudha.

Warri qara’an tokko tokko jechuun ni mala: “mee nuti guyyaa tokko isaaniif haa goonu; maatii keenyatti kana yoo himne sagantaa kana keessatti maaltu isaaniif dhiheeffama? Akkamitti eegalla?”

Deebii kana keessatti yaada armaan gadii kan akkuma walii galaatti maatii barsiisuuf, keessumaayyuu dubartoota barsiisuuf kaarrikulamii bal’aa ta’un siif dubbadha.

Tafsiira beekaa Assa’adii kan “Taysiir Alkariim Almannaan fii tafsiiri Kalaam Almannaan” jedhamu mujallada torbaan kaa’ametu adda adda baasee laaffisee ibsa. Guutuu isaa yookiin suuraa isarraa murtaa’aa ta’e qofa qaraasifta.

‘Riyaad Assaalihiin’ hadiisa isaa tokko tokko ibsuu waliin, waan hadiisicha irraa fudhatamu dabalatee, kanaaf immoo kitaaba ‘Nuz-hat Annazar’ jedhu fayyadamuun ni danda’ama.

Kitaaba ‘hidhannoo gaarii kan waa’ee dubartii keessatti Rabbii fi ergamaa isaa irraa mirkanaa’e’ kan sheykh Siddiiq Hasan Khaan.

Akkasumas dubartoonni ahkaamota fiqhii garii kan akka ahkaama xahaaraa, dhiiga uumamaa (haydii), ahkaama salaataa, zakaa, soomaafi hajjii yeroo dandeesse, garii ahkaama nyaataafi dhugaatii, uffataafi faayaa, karaa uumamaa (fixraatii)fi waan dhorgamaa, hukmii muuziiqaa, footoofi kkf dubartootaaf barbaachisaadha. Wabiin kana baruuf nama gargaaru immoo fatwaalee warra beekumsaa kan akka fatwaa Shaykh Abdul Aziz bin Baaz, Shaykh Muhammad bin Saalih Al-usaymiiniifi fatwaan warra beekumsaa kan biroollee kan barreeffames ta’ee kaasetta keessatti waraabame hunduu ni ta’a.

Ammas wanti sagantaan barumsa dubartootaafi maatii of keessaa qabaatu barumsaafi sagantaa da’awaa nama hunda hirmaachisu kan aalimoonniifi barattoonni amanamoon kennan isaan yaadachiisuudha. Kun immoo burqaa barnootaa hedduufi gosa adda addaa argamsiisuuf gargaara. Kana waliin immoo sagantaa Qur’aanni raabsamu dhaggeeffachuun dagatamuu hin qabu; xiyyeeffannoon itti kennamuu qaba. Ammas kallattii barnoonni ittiin argamu baay’isuu keessaa kan biroo guyyaa manni kitaabaa dubartoota qofaaf eeyyamamu akka deemanii dubbisan isaan yaadachiisuufi bifa sharii’aan eeyyamuun isaan geessuu barbaachisa.

 13. Gorsa 9ffaa: mana kitaabaa (laayibrarii) Islaamaa mana keessaa qabaachuu

Waan maatii barsiisuuf nama gargaaru, sagantaa diinii hubachuu isaaniif bal’isuudhaafi ahkaama sharii’aa qabachuuf kan isaan gargaaru keessaa tokko laayibrarii Islaamaa mana keessatti hojjachuudha. Guddaa ta’uun ishee dirqamaa miti; kan ilaalcha keessa seenu kitaabota barbaachisoo funaananii bakka fudhachuun isaa mijaa’u kaa’uufi akka isaan dubbisan itti kakaasuudha.

Ruknii keessoo mana taa’ichaa qulqulluufi dabaree qabu, bakka kitaabotaafis mijaa’aa daree hirribaa, bakka taa’icha keessummaa kan sagantaan isaa nama hundaafuu mijaa’u akka inni yeroo hunda dubbisuuf kaa’uudha.

Wanti laayibrarii ittiin bareechan tokko immoo kitaabota wabii gaaffiiwwan irratti wal dhabame qoratanuufi ijoollee mana barumsaatti gargaaru qabaachuu; kitaaba qabiyyee adda addaa qabu kan nama guddaafi xiqqaadhaaf, dhiiraafi dubartiidhaaf tolu, waan keessummaa, jaalalloofi ilmaaniif, akkasumas warra maatii tokko dubbisuuf kennamuuf barreeffame qabaachuudha; kun immoo nuskhaa gulaalamtee hadiisni isaas gabaastonni isaa itti baafame ta’uu qaba. Akkasumas kitaaba faallaa erga warra muuxannoo qaban mari’achiisanii booda mana kitaabaa keessa galchanii itti fayyadamuun ni ta’a. Wanti kitaaba argachuudhaaf nama gargaaru dabaree qabiyyee isaaniitiin kaa’uudha. Kitaabni tafsiiraa dabaree tokkorra, hadiisni kan biraa, fiqhiin sadaffaafi haala kanaan ta’uu qaba.

Yaada tokko tokko waa’ee kanaa keessatti qabadhu

Kitaaba tafsiiraa: tafsiira Ibn kasiir, Tafsiira Ibn Sa’adii, Zubdat Attafsiir kan Ashqar, Fii Zilaal Alqur’aan, Badaa’i’i Attafsiir kan Ibn Alqayyim, Usuul Attafsiir kan Usaymiin, Lumhaatun fii Uluumil Qur’aan kan Muhammad Saa’id.

Hadiisa: Sahiih Alkalim Axxayyib, Amalul Muslim Yawmi wallayl, Assahiih Almusnad min Azkaar Alyawm wallaylaa, Riyaad Assaalihiiniifi sharhii isaa Nuzhat Annazr, Mukhtasara Sahiih Albukhaarii kan Zubaydii, mukhtasara sahiiha Muslim kan Munziriifi Albaanii, Sahiih Aljaami’i Assaghiir, da’iif aljaami’i Assaghiir, sahiih Attarghiib wattarhiib, Assunnatu wamakaanatuhaa fittashrii’i, Qawaa’id wafawaa’id min Al-arba’iin Annawawiyyaa kan Naazim Sulxaan.

Kitaabota aqiidaa: Fat-hul majiid sharhii kitaaba tawhiidaa kan Arnaa’uxiin gulaale, A’alaam Assunnatil Manshuuraa kan Hikamii isa gulaalame, Ma’aarij Alqabuul kan Hikamii, sharhii aqiidaa Xahaawii kan Albaaniin gulaale, Silsilat Al-aqiidaa kan Umar Suleymaan Al-ashqar fi Ashraax Assaa’aa kan Dr. Yuusuf Alwaabil.

(walumaa galatti kitaabota fannii hunda keessatti barbaachisan sheekhni dubbateera. Garuu yaadni kun ammaaf ummata keenya waliin baay’ee waan hin deemneef asumatti dhiisee bira tara. Sababni isaas ummanni keenya dubartootaa fi daa’ima mana keessaa dhiisee beektoleenuu kitaaba kana seeraan arganii hin dubbifne. Kitaabota akkasii kana laayibrariin dhuunfaa tokko guuttachuudhaafis qabeenya barbaachisa. Fakkeenyaaf kitaabolee fikraadhaaf ta’an kan inni baay’inaan dubbate hedduun isaanii kitaabota biyya keenya seenanii miti. Kitaabonni seenaa kan akka Bidaayaafi Nihaayaa immoo dubartoota kamtu taa’ee dubbisa jechuuf asirratti dubbatama. Dhuguma warri akka Rahiiq Almakhtuum barbaachisaadha ni argamas. Kaan immoo arguun isaaniis rakkisaadha; yoo argames namni dubbisu xiqqaadha.)

 14. Gorsa 10ffaa: laayibrarii sagalee mana keessaa

Wantoonni mana hunda keessattuu waraabamee jiru khayrii keessattis ta’ee sharrii keessattis hojiirra oolchuun ni danda’ama. Akkamitti itti fayyadama isaanii jijjiiruun Rabbiin kan jaalachiisuu taasisuun danda’ama?

Kana gochuuf kan gargaaru laayibrarii sagalee kan kaasettoota Islaamaa gaggaarii beektonni, warri Qur'aana qara’uufi kan da’awaa godhan baasan, kan khuxbaa godhaniifi gorsan baasan of keessaa qabu hojjachuudha.

Kaasettoota Qur'aanaa kan sagalee Rabbiin sodaatuun gariin imaamota taraawiihaa qara’an dhaggeeffachuun maatii mana keessaa jijjiiruu irratti gahee guddaa qaba. Kun immoo hiika isaatiin jijjiiramuus ta’ee irra deddeebiidhaan haffazuudhaafis ni ta’a. Akkasumas Qur'aana dhaggeeffachuudhaan muuziiqaafi sagalee shayxaanaa adda addaa irraa of tiksu. Sababni isaas gurriifi qomti namaa Qur'aanniifi sagaleen shayxaanaa isa keessatti walitti qabamuu hin danda’u.

Kaasettoonni fatwaa baay’een maatii manaa ahkaama hedduu kan jireenya isaanii guyyaa guyyaatti isaan mudatu hubachiisuu danda’utu jira. Kaasettoonni waan akkanaatiif gargaaran immoo kaasetta Sheykh Abdul Aziiz bin Baaz, Shaykh Muhammad Naasir Addiin Al-albaanii, Shaykh Muhammad Al-usaymiin, Shaykh Saalih Al-fawzaaniifi kkf warra beekumsa keessatti amanamoo ta’aniidha.

Muslimni tokko kallattii fatwaa irraa fudhatutti xiyyeeffannoo kennuun dirqama. Sababni isaas inni kun amantiidha; nama amantii keessan irraa fudhattan hubadhaa. Nama gaarummaa, sodaa Rabbiitiin, of tiksuu, hadiisa sahiiha irratti hirkachuu, maz-haba isaa tumsuuf deemuu dhabuu, ragaa wajjin deemu, karaa jiddu galaa kan jabeessuus ta’ee laaffisuun keessa hin jirre qabachuun beekamu isatu beekaa waa gaafannee irraa barannuudha.

Warra da’awaa godhanii ummata tiksuu irratti hojjatan, ragaa namaaf mul’isuufi munkara dhorguu irratti socho’an dhaggeeffachuun nama dhuunfaa manneen Muslimaa keessatti ijaaruuf gahee guddaa qaba.

Kaasettoonni baay’eedha; warri da’awaa godhus hedduudha. Kan barbaachisu Muslimni namicha da’awaa godhu irraa mallattoo karaan inni irra jiru nagaa ta’uu beekee kaasetta isaa irratti ariifachuufi dhaggeeffachuu isheetiif tasgabbaa’uudha.

Mallattooleen kunis:

Namichi aqiidaa firqaa (garee) sirrii, kan Ahlassunnaa wal jamaa’aa irra jiraachuu, kan sunnaa hordofuufi bida’aa irraa adda ba’u ta’uu, adeemsa isaa keessattis giddu gala kan daangaa hin tarreefi kan boodattis hin hafne ta’uudha.

Nama hadiisa sahiiha irratti hirkatuufi hadiisa da’iifaafi mawduu’a irraa fagaatu ta’uu qaba.

Nama haala ummataatiifi qabatama isaan irra jiran hubate ta’uu, kan dawaa geessee bakka dhukkubaa irra kaa’u, namootaaf waan isaan haajomsiisu kennu ta’uu qaba.

Nama hanga isaaf mijaa’een haqa dubbatu, kan kijiba hin dubbanneefi dallansuu Rabbiitiin namoota of hin jaalachiifne ta’uun dirqama.

Faaruun hunduu kan Rabbiiti; kaasettoonni warra kanaa guuteera. Akka kaasetta Shaykh Dawsirii, Shaykh Muhammad Jamiil Ghaazii, Shaykh Ihsaan Ilaahii Zhaahir, Shaykh Salmaan Al-awdaa, baay’ee kaasettoota Ahmad Al-qahxaan, Shaykh Aa’id Alqaranii, Shaykh Naasir Al-umarii[2]fi kanneen biroollee ni jiru. Rabbiin cufa isaaniitiinuu ummata haa fayyadu.[3]

Kaasettoota ijoollee irraa suuraa baay’ee kan ijoolleen daa’imni qaraatu, zikriiwwan halkaniifi guyyaa, naamuusa Islaamaa, nashiidaawwan kaayyootti xiyyeeffatteefi kkf haffazuu keessatti  jijjiirama guddaa baay’ee argine.

Kaasettoota kana dabaree isaaniitiin kaa’uun gabaabinaan itti dhaqqabuudhaaf karaa nuuf laaffisa. Akkasumas akka kaasettoonni kun hin banneefi tapha daa’immanii hin taane eeguudhaaf gargaara. Kaasettoota gaggaarii kana erga dhaggeeffannee kaanee booda namootaaf kennuudhaanis ta’ee ergisuudhaan isa diddiriirsuun barbaachisaadha. Kaasettiin mana hojii keessa jiraachuun haadha manaa akkaan gargaara; akkasumas mana hirribaa keessa jiraachuun yeroo hundaa irraa fayyadamuudhaaf nu gargaara.

 15. Gorsa 11ffaa: namoottan gaggaarii, filatamoofi barattoota sharii’aa akka dhufanii mana ziyaaran waamuu

Rabbiin ol ta'e Nuuh irraa nuuf himee ni jedhe:

{ رب اغفر لي ولوالدي ولمن دخل بيتي مؤمنا للمؤمنين والمؤمنات ولا تزد الظالمين إلا تباراً } سورة نوح الآية : 28

 “Gooftaa kiyya! Anaaf, abbaa fi haadha kiyyaaf, nama mu’umina ta'ee mana kiyya seeneef, mu'uminootaa fi mu'umintittiifiis araarami. Kaafirootaafis badii malee hin dabalin.” (Nuuh: 28).

Warri iimaanaa mana kee seenuun nuura isaaf dabala. Sababaa dubbii isaanii, gaaffii isaanii, isaanii waliin dubbachuudhaan faayidaa baay’eetu argama. Namni miskii baatu siif kenna yookiin irraa bitta; yoo kana hin taane immoo foolii gaariitu isarraa sitti dhaga’ama. Ilmaan, obbolaan, abbootiin, dubartoonni duuba hijaabaatiin waan dubbatamu kana dhaggeeffachuudhaan hundaafuu leenjii ta’a. yeroo waan gaarii mana seensifte sherriin mana seenee onsuu irraa dhorgiteetta.

 16. Gorsa 12ffaa: ahkaama sharii’aa mana keessatti geggeeffamu barachuu

Isaan keessaa:

 Mana keessatti salaatuu

Dhiira yoo ta’e Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم waa’ee isaa keessatti ni jedhan: “caalaan salaataa waan waajibaan ala jiruu isa namichi mana isaa keessatti salaatuudha.” Abuu Daawudtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

Salaata waajibaa yoo rakkinaan ta’e malee masjiduma keessatti qofa salaatuu qaba. Ammas Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “salaanni sunnaa namichi mana isaa keessatti salaatu kan inni namoota biratti salaatu irra akka salaanni waajibaa jamaa’aadhaan salaatamu isa kophaa salaatamu irra caalutti dabalata.” Ibn Abuu Shaybaatu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Dubartoonni hanguma bakki salaata ishee dhokataa ta’uun sadarkaan isaa caalaa ta’a. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “caalaan salaata dubartootaa keessoo mana isheetti.” Axxabraaniitu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

 Mana isaa keessatti nama biraatiif dhaqee imaama ta’uu dhiisuu, bakka abbaa manaas eeyyama isaatiin malee taa’uu dhiisuu

Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “namichi bakka to’annoo isaa jala jirutti imaama isaaf hin ta’amu. Bakka kabajamtuu inni mana keessaa qabus eeyyama isaatiin malee hin taa’amu.” Tirmiziitu gabaase. Kana jechuun namni odoma isarra qara’aa ta’eeyyuu bakka inni hogganu keessatti yookiin bakka inni itti gaafatamummaa qabu keessatti isaaf imaama hin ta’u. Fakkeenyaaf abbaa manaafi imaama masjidaati. Akkasumas nama kamiifuu bakka dhuunfaa abbaa manaa ta’e kan akka firaashaafi siree isaa irra taa’uun eeyyama isaatiin malee hin ta’u.

 17. Eeyyamsiifannaa

Rabbiin ol ta'e ni jedhe: 

{ يا أيها الذي آمنوا لا تدخلوا بيوتا غير بيوتكم حتى تستأنسوا وتسلموا على أهلها ذلكم خير لكم لعلكم تذكرون "27" فإن لم تجدوا فيها أحدا فلا تدخلوها حتى يؤذن لكم وإن قيل لكم ارجعوا فارجعوا هو أزكى لكم والله بما تعملون عليم} سورة النور الآيتين 27،28

“Yaa warra amantan! Mana keessan hin ta’in hanga hayyamsiifattanii fi abbootii isaanii nagaa gaafattanitti hin seeninaa. Akka gorfamtaniif jecha santu isiniif caala. Yoo ishee keessatti nama tokkos arguu baattan, hanga isiniif hayyamamutti ishee hin seeninaa. Yoo deebi’aa isiniin jedhames deebi’aa. Santu isiniif irra qulqulluu dha. Rabbiinis waan isin dalagdan hunda beekaa dha.” (Annuur: 27-28).

Ammas Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{ وأتوا البيوت من أبوابها } سورة البقرة الآية : 189

“gara manneeniitti hulaalee isaanii irraan kottaa.” (Albaqaraa: 189).

Manneen kan namni tokkollee isa keessa hin jirre namichi yoo meeshaa isa keessa qabaate kan akka mana keessummaaf qopheeffamee eeyyamaan maleetti seenuun ni eeyyamama. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{ ليس عليكم جناح أن تدخلوا بيوتاً غير مسكونة فيها متاع لكم والله يعلم ما تبدون وما تكتمون} سورة النور الآية 29

“Mana namni keessa hin jiraanne kan ishee keessa meeshaan keessan jiru (hayyama malee) yoo seentan badiin isin irra hin jiru. Rabbiin waan isin mul’iftaniifi waan isin dhoksitanis ni beeka.” (Annuur: 29).

Manneen firoottaniifi hiriyootaatii nyaachuun homaa rakkoo hin qabu; akkasumas namni tokko yeroo furtuun mana nama bira isarka jiraate yoo kan isaan hin jibbine ta’e nyaachuun ni eeyyamama. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{ ليس على الأعمى حرج ولا على الأعرج حرج ولا على المريض حرج ولا على أنفسكم أن تأكلوا من بيوتكم أو بيوت آبائكم أو بيوت أمهاتكم أو بيوت إخوانكم أو بيوت أخواتكم أو بيوت أعمامكم أو بيوت عماتكم أو بيوت أخوالكم أو بيوت خالاتكم أو ما ملكتم مفاتحه أو صديقكم ليس عليكم جناح أن تأكلوا جميعاً أو أشتاتاً } سورة النور الآية 61

 (Namaa wajjin nyaachuu keessatti) Jaamaa irra rakkinni hin jiru. Naafa (hokkolaa) irras rakkinni hin jiru. Dhukkubsataa irras rakkinni hin jiru. Isin irrattiis mana keessan irraa, yookiin manneen abbootii keessanii irraa, yookiin manneen haadholii keessanii irraa, yookiin manneen obboleeyyan keessan dhiiraa irraa, yookiin manneen obboleettiwwan keessanii irraa, yookiin manneen wasiila (abbeeraawwan) keessanii irraa, yookiin manneen adaadota keessanii irraas, yookiin manneen eessumman keessanii irraas yookiin manneen haboowwan (aaddee) keessanii irraa, yookiin waan furtuun isaa harka keessan jiru irraa, yookiin (mana) hiriyyaa keessanii irraa nyaachuu keessatti rakkinni isin irra hin jiru. Walii wajjinis ta’ee adda addaan nyaachuu keessatti badiin isin irra hin jiraatu.” (Annuur: 61).

Daa’immaniifi khaadimtoota akka isaan mana hirriba abbaafi haadhaa yeroo hirriba isaanii eeyyamaan malee hin seenne ajajuu: yeroon kunis salaata subhiitiin dura, yeroo guyyaa boqonnaaf rafamuufi booda salaata Ishaa’iiti. Kunis kan inni dhorgamuuf akka ijji isaanii waan ilaaluu hin qabne irra hin buuneefi. Odoo yeroo biraa akka tasaa arganii ni dhiifama; sababni isaas isaan warra olii gadi deemanuudha dhorguun isaanii hin mijaa’u. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{ يا آيها الذين آمنوا ليستأذنكم الذين لم يبلغوا الحلم منكم ثلاث مرات من قبل صلاة الفجر وحين تضعون ثيابكم من الظهيرة ومن بعد صلاة العشاء ثلاث عورات لكم ليس عليكم ولا عليهم جناح بعدهن طوافون عليكم بعضكم على بعض كذلك يبين الله لكم الآيات والله عليم حكيم } سورة النور الآية 58 .

“Yaa warra amantan! Isaan (gabroonni) mirgi keessan dhuunfattee fi isin irraa isaan umrii saalfii (gaa’ilaa) hin ga’in yeroo sadi hayyama isin haa gaafatanu: salaata fajrii dura, yeroo walakkaa guyyaa ho’aaf uffata keessan baafattanii fi salaata ishaa’ii booda. Yeroo sadi kan isin qullaa baatanii dha. Isaan kanaan ala gariin keessan garii irra yoo naanna’an, isin irras ta’ee isaan irra diliin hin jiraatu. Akka kanatti Rabbiin keeyyattoota (Isaa) isiniif addeessa. Allaahn beekaa, ogeessa.” (Annuur: 58).

 18. Mana nama biraa keessa eeyyama isaatiin ala ilaaluun hin ta’u:

Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “namni mana ummata wahii keessa eeyyama isaaniitiin ala ilaalee ija isaa baasan gumaas ta’ee kafaltiin isaaf hin jiru.” Ahmadtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

Dubartii ishee hiikamtee iddaa lakkoowwattu mana ishee irraa yeroo iddaa san keessa baasuu dhiisuufi isheenis bahuu dhiisuu qabdi. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{يا أيها النبي إذا طلقتم النساء فطلقوهن لعدتهن وأحصوا العدة واتقوا الله ربكم لا تخرجوهن من بيوتهن ولا يخرجن إلا أن يأتين بفاحشة مبينة وتلك حدود الله ومن يتعد حدود الله فقد ظلم نفسه لا تدري لعل الله يحدث بعد ذلك أمرا } سورة الطلاق الآية .

“ Yaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoota hiiktan, 'Iddaa' isaaniitiin isaan hiikaa. 'Iddaass' lakkaa'aa. Rabbii Gooftaa keessan ta'es sodaadhaa. Yoo gocha fokkataa ifa ta'een dhufan malee manneen isaanii irraa isaan hin baasinaa; isaanis hin ba'in. Sun daangaawwan Rabbiiti. Namni daangaawwan Rabbii tare, dhugumatti inni lubbuu ofii miidheera. Yoo tasa Rabbiin san booda dhimma haara'a (walitti deebi'uu gidduu keessanitti) uume hin beektu.” (Axxalaaq: 1).

Maslahaa sharii’aa ilaalee abbaan manaa haadha manaa ishee finciltuu taateen mana keessattis ta’ee manaan alatti ooduun ni eeyyamama. Mana keessatti ittiin ooduun ragaan isaa jecha Rabbii ol ta’eeti:

{ واهجروهن في المضاجع } سورة النساء الآية 34

“ciisa keessatti isheedhaan oodaa.” (Annisaa’i: 34).

 Manaan alatti ittiin ooduun immoo kan Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم dubartoota isaaniitiin oodanii manneen isaanii keessatti isaan dhiisanii bakka ol fuudhamtuu wahii keessa ji’a tokkoof taa’antu jira. Bukhaariitu gabaase.

 Kophaa isaa mana keessa hin bulu

 Abdullaah bin Umar irraa odeeffamee رضي الله عنه ni jedhe:  Nabiyyiin صلى الله عليه وسلم kophummaa irraa dhorgan; namichi kophaa mana keessa buluu yookiin kophaa isaa imala ba’uu dhorgan. Ahmadtu gabaase. Dhorgaan kun sababni isaa waan mukuufi wanti isa fakkaatu kan akka diinniifi hattuun seenuu, dhukkubni qabuun keessa jiraatuufi. Hiriyaa isaa wajjin jiraachuun diinniifi hattuun isa tuquu irraa deebisa; dhukkubas irraa hir’isa.

 Gubbaa manaa[4] kan wanti akka inni hin kufne isa eegu hin jirre irra rafuu hin qabu.

Kun immoo akka inni hin kufneef gargaara. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “namni mana ijaarsa kufuu irraa isa dhorgu hin qabne gubbaa rafe dhugumatti waadaan Rabbii isarraa qulqulloofteetti.” Abuu Daawudtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Sababni kun dhorgameef namni rafu hirriba keessa garagaggala. Yeroo gubbaa manaa hijaaba kufuu irraa nama dhorguufi konkolaachuu irraa isa eegu hin qabnee rafe kufee du’uu danda’a. Yeroo san namni tokkollee du’a isaatiin hin qabamu. Eeguun Rabbiis isarraa qulqulloofti. Yookiin immoo sababa guuttachuu dhiisuu isaatiin eeguun Rabbii akka isarraa deemu sababa ta’eera jechuudha.

 Adurreen mana keessaa yeroo bishaan irraa dhugde isa hin najastu

 Abdullaah bin Abuu Qataadaah abbaa isaa irraa odeessee رضي الله عنه ni jedhe: abbaan isaa bishaan wuduu wahii isaaf kaa’ame. Adurreen arraba ishee keessa seensifte. Inni isuma irraa wuduu’ate. ‘yaa Abuu Qataadaa adurreen arraba keessa seensifteetti’ jedhaniin. Innis ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii صلى الله عليه وسلم jedhanuun dhaga’e: “adurreen warra manaa irraayi; isheen waan isin irra naannoftuudha.” Ahmadtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Gabaasa biraatiin immoo “isheen najaasaa miti; isheen waan isinirra naannoftuudha” jedhan. Ahmadtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

 Manneen keessatti wal ga’uu

 19. Gorsa 13ffaa: wal ga’ii waa’een maatii irratti dubbatamuuf yeroo mijeessuu

Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{ وأمرهم شورى بينهم } سورة الشورى الآية 38  

“dubbiin isaanii jidduu isaaniitti mariidhaan ta’a.” (Ashuuraa: 38).

Ogga yeroon murtaahaan wahii nama dhuunfaa maatii hundaaf taa’icha wal qixa ta’een bakka isaaf ta’u irratti waa’ee maatii keessaas ta’ee kan alaa isa maatiidhaan walitti rarra’u dubbachuudhaaf mijeeffamuun maatiin sun waliin jiraachuu, wajjin hojjachuufi wal gargaaruu akeeka. Namichi Rabbiin itti gaafatamummaa maatii isarra kaa’e mana isaa keessatti itti gaafatamummaa duraa qabaachuufi abbaa murtii ta’uun beekamaadha. Garuu yeroo warra kaaniif mijeessuun, keessumaayyuu yeroo ilmaan guddatan, sana keessa immoo yaanni isaanii madaala guddaa qabdii amanuun dabalatatti itti gaafatamummaa baachuu irratti leenjii isaaniif ta’a. Fakkeenyi kanaa wantoota hajjii yookiin umraa Ramadaanaatti rarra’uufi kan isa fakkaatan kan akka boqonnaa, firoota dubbisanii firooma fufuuf imala ba’uu, yookiin boqonnaa eeyyamamu fudhachuu, sirna fuudhaafi heerumaa akkasumas sirna cidhaa sirreessuu keessatti, waa’ee aqiiqaa (ilma dhalate irraa qaluu), mana tokko irraa kan biraatti jijjiirrachuu, hojiiwwan khayrii adda addaa kan akka hiyyeeyyii ganda keessaa lakkaa’uun gargaarsa isaaniif kennuu yookiin nyaata isaaniif erguu isaan maryachiisuudha. Akkasumas akkaataa maatii, rakkoo firoowwanii, akkamitti akka isa furanuufi kkf mari’achuudha.

Bakka kanatti waliin mari’achuun itti akeekuun barbaachisu waliin mariyachuu maatiin ilmaan isaanii waliin taasisanuudha. Rakkoon ilmaan ga’eessa mudatu kophaatti isaan waliin taa’uudhaan malee furmaata hin argatu. Abbaan ilma isaa waliin kophaa bahee waa’ee rakkoo dardaratti rarra’uu, umurii itti gaafatamummaafi ga’eessummaa ittiin mari’ata. Akkasumas haati intala isheetiin kophaa baatee ahkaama sharii’aa isheedhaaf barbaachisu ishee qabachiifti; rakkoo umurii sana keessatti ishee mudatu furuuf ishee gargaarti. Abbaafi haati haasawa akka “…. an yeroon umurii keetiin jiru…. ” jechuun qeebaluu keessatti gahee guddaa qaba. Waan akkanaa ifaan haasa’uu dhiisuun isatu hiriyaa badaa kan sababa isaatiin hamaan guddaan uumamu argamu taasisa.

 20. Gorsa 14ffaa: wal dhabbii maatii ijoollee fuulduratti muldhisuu dhiisuu

Gareen wahii mana keessa falmii wahiitiin malee jiraachuun baay’ee xiqqoodha. Kanaafuu walitti araaramuun gaariidha; gara haqaatti deebi’uun immoo sadarkaa guddaadha.  Garuu wanti wal qabachuu manaa jeequ, ijaarsa keessaa kan miidhu wal dhabbii fuuldura maatiitti mudhisuudha. Sana booda gara garee lamaatti yookiin kan sana caalutti qoodamu; humnis ni diigamti. Kun immoo miidhaa hamilee ilmaaniifi daa’imman irra dhaqqabutti dabalata. Mee haala maatii abbaan ilmaaniin ‘haadha keetiin hin dubbatin’ jedhuufi haatis ‘abbaa keetiin hin dubbatin’ jettu xiinxali. Ilmaan yeroo hundaa hamileen isaanii jeeqamee diigama. Cuftinuu cinqii keessa jiraatu.

Wal dhabbii argamsiisuu irraa haa eeggannu. Yeroo argamte immoo ishee dhoksuu haa yaallu. Rabbiin qalbii tokko nuuf gochuu kadhanna.

 21. Gorsa 15ffaa: nama diiniin isaa hin jaalatamne mana seensisuu dhiisuu

Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “fakkiin hiriyaa badaa akka nama buufaa buufuuti.” Abuu Daawudtu gabaase. Gabaasa Bukhaariitiin immoo “namni sibiila buufu mana kee yookiin uffata kee guba; yookiin foolii badaa irraa argita.” Bukhaariitu gabaase. Wallaahii gosa badii hedduun mana guba. Warri badii meeqaafi meeqatu mana seenee waliin diina ta’uu jidduu maatiitti uume; abbaa manaa fi haadha manaa adda baase. Nama haadha manaa abbaa manaa duraa balleesse, akkasumas abbaa manaa haadha manaa duraa balleesse Rabbiin abaareera. Isaan akkasii baay’eetu diinummaa jidduu abbaafi ilmaatti uuman. Sababni sihriin mana keessa kaa’amuuf yookiin hanni mana keessatti uumamuu danda’uuf akkasuma haalli maatii baduuf namni amantiin isaa hin jaalatamne mana seenuudhaani. Inni akkanaa kun odoma ollaa ta’eeyyuu, dhiiras ta’ee dubartii, warra maqaa jaalalaa mul’ifatan dhiiraaf dubartiis taanaan akka inni mana seenu eeyyamunn hin ta’u.  Gariin namaa iddoo rakkoorra ijjatanutti callisee yeroo balbala irratti isa arge seenuu isaaf eeyyama; kun immoo odoma warra badii ta’uu isaa beekuuyyi. Dubartoonni immoo itti gaafatamummaa isa kanaa guddaa ta’e baatti. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “yaa namootaa! Guyyaa kamtu irra kabajamaadha? Guyyaa kamtu irra kabajamaadha? Guyyaa kamtu irra kabajamaadha?” ‘Guyyaa hajjii guddaatu irra kabajamaadha’ jedhan. Sana Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم khuxbaa isaanii guyyaa sanii kan waan baay’ee of keessatti qabatte san keessatti ni jedhan: “haqqiin keessan kan dubartoota keessan irraa qabdan nama isin jibbitan firaasha keessan irra ijjachiisuu dhiisuufi nama isin jibbitanu mana keessan keessatti eeyyama gochuufii dhiisuudha.” Tirmiziitu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Yaa dubartii Muslimaa yeroo abbaan manaa keetii yookiin abbaan kee rakkoo beekaniif jecha ollaan wahii mana seenuu dhorgan hin dallanin; nama aqlii qabu murteeffattuu ta’i. Yeroo isheen abbaa keetiifi kan ishee waliin madaalte akka waan inni hin dandeenye isa gaafattu si gootee si biraa deebiti.

Abbaa manaa keetiitiif yeroo mana keessa namni badii wahii isaaf gaaromsan jiraatan gaarii yaaduun, gorsuun sirratti dirqama. 

Kenna: hanga dandeesseen mana keessatti argamuuf yaali. Abbaan manaa mana keessa jiraachuun wantoota sisirreessa. Akkasumas guddisa ijoolleefi wantoota jiran sirreessuuf qeexuufi hordofuuf isa gargaara. Namoota garii biratti inni bu’uuraa manaa ba’uudha; yeroo bakka dhaqu dhabe gara manaa deebi’a. Kun immoo jalqabuma irraa dogongora. Namni tokko ogga manaa bahuun isaa waan gaarii hojjachuudhaaf ta’eyyuu waliin madaaluu qaba. Yeroo bahiinsi isaa immoo dilii hojjachuuf, yeroo gubuufi addunyaadhaaf dabalata tattaafachuu ta’e kana hir’isuutu isarra jira. Wal qunnamtii bu’aa hin qabne kan bakkee dhaabuu qaba. Ummanni maatii isaaniitiin wal arguu dhiphisanii halkan tapha keessa gurjaa bulan akkaan fokkatan!

Nuti duuba karoora warra diina Rabbii deemuu hin barbaannu. Kun keeyyata xiinxalloon guddaan keessa jirtuudha.

Gaazeexaa warra Bahaa guddaa ta’e kan warra maasuunii Faransaayii keessatti wal gahii bara 1923ALA geggeeffame keessa kan armaan gadiitu jira: “kaayyoon nama dhuunfaafi maatii isaa adda baasuudha. Kanaafuu haala gaarii (akhlaaqa) hundee isheetii buqqiftanii dhabamsiisuu qabdu. Sababni isaas nafsiin hariiroo maatii dhabamsiisuufi gara waan haraamaa dhihaachuutti dabdi. Sababni kun ta’uuf immoo lubbuun mana bunaatti waan haaraa waliin ta’uudhayyi hordoffii maatii jala turuurra filatti” jedha. [5]

 22. Gorsa 16ffaa: haala maatii hordofuu keessatti gadi fageenyaan ilaaluu

Hiriyaan ijoollee keetii eenyunni? Kanaan dura isaaniin wal argitee isaan barteettaa? Maaltu akka borsaa isaanii, hirkoo isaanii jala, firaasha isaaniifi maatii isaani keessa jiru ni beektaa? Ilmaan kee isaanii wajjin maal alaa fidu? Intalli kee eenyuu waliin deemti? Garam deemti?

Abbootiin gariin ilmaan isaa keessa haalli qabiyyeen isaa sirrii hin taane, fiilmiiwwan qullaa, inumaayyuu yeroo tokko tokko waan aarfamu kan akka sigaaraa akka jiru hin beeku. Gariin isaanii akka intalli isaa khaadima waliin gabaa deemtee akka isheen shufeera waliin dhaabattee eegdu ajajjee baallama ishee shayxaana wahii waliin qabdu deemtu, kan biraa hiriyaa ishee waliin taphatu walinn aara dhuguu deemtu hin beeku. Warri ilmaan isaanii akka kanatti gadi dhiisan kun guyyaa guddaa sana jalaa immoo miliquu hin danda’anu. Cinqii guyyaa murtii san jalaa dheessuus hin danda’anu. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “Rabbiin tiksee hundaa waan isa tiksisiise irraa ni gaafata. Sana tiksus tiksuu baatus ni gaafatama. Namichinuu maatii isaa irraa ni gaafatama.” Sanadni isaa hasan. Nasaa’iifi Ibn Hibbaantu gabaasan. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

Qabxiilee barbaachisan armaan gaditti jiru:

-         Eeguun godhamuuf dhoksaadhaan ta’uu qaba.

-         Ijoollee gooluu/jeequudhaaf ta’uu hin qabu.

-         Ilmoon sun amantii narraa dhabaniin itti dhaga’amuu hin qabu.

-         Yeroo gorsu yookiin adabu umurii ijoollee, hanga isaan ga’anuufi sadarkaa dongongoraa eeguu qaba.

-         Dogongora hunda gadi fageenyaan qorachuufi hunda ishee qabatanii taa’uu irraa eeggadhu.

Akka namni wahii natti himetti abbaan wahii kompiyuutara badii ilmaan isaa tokko tokkoon itti barreessee kaa’u qaba. Yeroo badiin wahii argame ilmootti nama waamu ergee foldarii dhuunfaa isaa banee badii duraaniitiifi kan ammaa itti dubbisa.

Ibsa Kanaa: nuti dhaabbata wahii keessa hin jirru; abbaa jechuun maleykaa badii ilmaanii galmeessuuf ajajamee miti. Abbaan akkana godhu kun dabalata ‘Usuula tarbiyaa Islaamaa’ keessatti haa dubbisu.

Akkasumas faallaa kanaatiin akka abbootiin tasuma waa’ee ilmaanii keessa seenuu didan jiranu nin beeka; ragaan isaan godhatanus ilmaan badiin sun badii ta’uu yookiin dilichi dilii ta’uu hanga ofii keessa seenee arge badii isaa ofii isaatii argutti namarkaa qeebalee hin fudhatu jedhu. Yaadni jallaan kun filoosoofii warra dhihaa isa jallataa hodhuufi mirga isa badaa guutuu isa gadi dhiisuu kan jedhu irratti gu’uudhaani. Hoosiftuunis salphattee guutuunis waa badde. Ammas warra kana irraa nama na jibba jechuu sodaaf luugama ilmaan isaa tasa gadi dhiisutu jira. Waan fedhe haa hojjatuu jaalala isaa uummachuun qaba jedhu. Gariin isaanii immoo akka deebii dogongora abbaa isaatii wajjin duraan isa qunnameef ta’uutti ilmaan isaa irraa luugama guutuu baasa. Inni ilma isaatii wajjin guutummaan guutuutti faallaa isa sanaa hojjachuu qabaa yaada. Gariin isaanii immoo gadi aantummaan inni dhumaa isaan qabatee ‘gurbaafi intala koo dhiisaa dardarummaa isaaniitiin haa qanani’anuu’ jedha. Warri akka kanaa kun akka ilmaan isaanii Guyyaa Qiyaamaa kolleettaa huccuu isaatti rarra’anii ‘yaa abbaa kiyya maaliif badii irratti na dhiifte?’ jedhan yaadee hin beekuu!

 23. Gorsa 17ffaa: mana keessatti daa’imman irratti xiyyeeffannoo kennuu

Kun immoo roga baay’ee qaba. Isaanis:

Qur'aanaafi seenaa Islaamaa isaan haffazchiisuu: wanti waan abbaan ilmaan isaa Qur'aana sharhii ballaa waliin qaraasisuufi akkaataa hifzii isaaf mijeessuuf walitti qabu irra bareedu addunyaa kana irra hin jiru. Gurbaan xiqqoon tokko suuraa Kahf isa abbaan guyyaa Jumu’aa yeroo hunda qara’u irraa haffaze. Akkasumas ilmaan hundee aqiidaa Islaamaa kan akka hadiisa “Rabbiin tiksi si tiksaa” jedhu keessatti dhufee barsiisuun, naamuusaafi zikriiwwan sharii’aa kan akka zikrii nyaataafi dhugaatii, kan axxiffuu, salaamtaa gaafachuu, eeyyama gaafachuu barsiisuun baay’ee barbaachisaadha. Wanti seenaa Islaama daa’imatti himuu caalaa isa jijjiiru tokkollee hin jiru.

Seenaa kana irraa tokko seenaa Nuuhiifi waa’ee bishaaniin gaarraqamuu ummata isaa, seenaa Ibraahiim sanama cabsuufi ibidda keessatti darbatamuu isaa, seenaa Muusaa kan inni Fir’awn irraa bilisa ba’eefi Fir’awn bishaaniin nyaatamuu isaa, seenaa Yuunus kan garaa Qurxummii keessaa, seenaa Yuusuf gabaabinaan, Seenaa Nabi Muhammad صلى الله عليه وسلم kan akka ergamiinsaa, godaansa, lola geggeeffame keessaa kanneen akka Badriifi Khandaq, seenaa isaanii kan namicha gaala isaa beelesse waliin ture, seenaa namoota gaggaarii kanneen akka Umar bin Alkhaxxaab dubartittii ilmaan ishee godoo keessatti beelaatee waliin ta’e, seenaa warra boolla keessatti naqamanii gubamanii (Al-ukhduud), seenaa warra ashaakiltii suuraa ‘Nuun’ keessa jiru, seenaa warra holqaa sadaniifi kan biroollee baay’ee gaggaariitu jiru. Cuunfamee ibsamee hubannoo hanga ta’ee waliin dhiheeffama. Kun immoo seenaa baay’ee kan aqiidaa faallessitu, kijiboota adda addaa yookiin kan matuma isheetiifuu sodaachiftuu taatee qabatama ijoollee balleessituufi luqnummaafi sodaa isaan dhaalchiftu irraa of nu geessifti.

Ilmaan namuma fedhe cufa waliin deemuu irraa bareechii eeggadhu: sana booda jechooleefi haala badaadhaan gara manaa deebi’u. Kanarra gaariin ilmaan firaafi ollaa irraa gaariin filatamee waamamee mana keessatti waliin taphatu.

Tapha ijoollee ishee kaayyoo qabdu irratti xiyyeeffachuu: mana ijoolleen keessatti taphattu dhuunfaatti qopheessuu yookiin kuusaa dhuunfaa uumuu akka ijoolleen achi keessatti tapha isaaniitti sagantaa baafatanii tapha sharii’aa faallessu kan akka muuziiqaa, fannifama (masqalaa) fi ajjeefamuu of keessaa qabu irraa fagaatan gochuudha.

Hojii yeroo boqonnaatiif isaanii ta’u kan akka ogummaa mukaa, elektirooniksii, makaaniksiifi tapha koompiyuutaraa eeyyamamaa isaaniif kopheessuun gaariidha. Carraa kanaan wal qabsiisuudhaan garii kaaseettoota kompiyuutaraa kan duudaa ta’e footoo dubartoota haala akkaan fokkataa ta’een fidu yookiin tapha isa keessa masqalli jiru kan fidu akkaan badaa ta’uu isaa ibsuun fedha. Namni tokko akkana jedhee dubbate: ‘taphni wahii tokko kompiyuutara waliin qumaara taphachuudha; namichi taphatu footoo dubartoota afurii irraa kan koompiitara irratti mul’attu keessaa filata. Yeroo inni sana mo’atee milkaa’e badhaasa isaatiif kan sana irra badaa taatetu dhuftiif’

Ciisa keessatti dhiiraafi dubartii adda baasuu: kun garaagarummaa dabaree manni diinii qabuufi warri diiniitti hin dhimmine ittiin beekamuudha.

Ijoolleen taphachuufi ofitti qabuu: Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ijoollee ni taphachiisu, mataa isaanii haxaahu turan. Yeroo isaan waamanullee isaan mararfatu. Isa irra xiqqoo ta’eef firii isa jalqabaa kenna. Garii isaanii immoo of biratti uddeellata. Kan armaan gadii fakkeenya lama kan isaan Hasaniifi Huseeniin taphachiisaniidha:

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee رضي الله عنه ni jedhe:  “Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم arraba isaanii Hasan bin Aliyyiitiif gadi baasu turan. Daa’imni diimina arrabaa isaanii argee itti ariifata ture.” Abushaykhitu Akhlaaqa Nabiyyii صلى الله عليه وسلم keessatti gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira.

Ya’alaa bin Murraa irraa odeeffamee رضي الله عنه ni jedhe:  Ergamaa Rabbii صلى الله عليه وسلم wajjin baanee gara nyaata wahiitti waamamne. Ogga sana Husayn karaa keessa taphata ture. Nabiyyiin صلى الله عليه وسلم fuuldura ummataatti ariifatanii harka isaanii diriirsinaan gurbaan asiifi achi baqachuu eegale. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم isa koflisiisaa isa qabanii harka isaanii tokko jalee lafee areedaa godhanii kaan gubbaa mataa isaa qabanii isa dhungatan. Bukhaariitu Adab Almufradiin keessatti gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

 24. Gorsa 18ffaa: yeroo hirribaafi nyaataa murannoon sirna qabsiisuu

Manneen gariin haalli ishee akka hoteelaati. Warri keessa jiraatan wal beekuutti hin dhihaatanu. Kan isaan wal qunnamanuu xiqqoodha.

Ilmaan gariin yeroo fedhan nyaatu yeroo fedhan rafu. Kun immoo gurjaa, waqtii gubuufi nyaata nyaata irratti nyaachuudhaaf sababa ta’a. Sagantaa malee jiraachuun kun immoo hariiroon cituu, qabsoon hedduufi yeroon baduuf sababa ta’a. Heera eeguunis lubbuu namaa keessaa badaa deema. Warra rakkoo qabuuf dhiifama godhamuun ni danda’ama. Barattoonni dhiiras ta’anii dubartoonni yeroon isaan itti mana barumsaafi yuunivarsitii irraa bahan waldhabuu danda’a. Hojjattoonni, hojjataan dhuunfaafi warri bakka isaanii irra hojjatan wal qixaa miti. Garuu haalli kun bakka hunda hin jiru. Maatiin tokko nyaata irratti wal ga’ee nyaachuu, yeroo sanatti fayyadamuun haala walii hubachuufi marii gaarii geggeessuu irra wanti mi’aahu hin jiru. Abbaan manaa baallama yeroo gara manaa deebi’anfi yeroo bahan eeyyama gaafachuu eeguun dirqama. Keessumaayyuu daa’imman xixiqqoo irratti kana eeguun dirqama ta’a.

 25. Gorsa 19ffaa: hojii dubartootaa kan manaan alaa

Sharii’aan Islaamaa gariin isaa garii guuta. Rabbiin ogga dubartootaan “manneen keessan keessa taa’aa” jedhee ajaju nama isaan sooru kan akka abbaa manaafi abbaa irratti isaan masruufuu dirqama godhe. Akka seera bu’uuraatti dubartiin dhimmaaf malee manaa baatee bakkee hin hojjattu. Muusaan yeroma ilmaan durbaa lamaan namicha gaarii san kan isaan hoolota isaanii bishaan irraa qabanii eegan argu ni gaafate: “Maali haalli keessan?” isaaniin jedhe. Isaanis “Nuti hanga tiksiteen obaasanii geeffatanitti hin obaafnu. Abbaan keenyas jaarsa guddaa dha” jedhan.” (Alqasas: 23).  Achumaan sababa hoolota obaasuuf bahan sana rakkoo himatan.  Innis itti gaafatamaan isaanii obaasuu hin danda’u kan jedhu ture. Achumaan akkuma haalli eeyyameen bakkee kana hojjachuu irraa bilisa ta’uuf

{ قالت إحداهما يا أبت استأجره إن خير من استأجرت القوي الأمين} القصص الآية 26

“Tokkoon Isaan lamaaniis “Yaa abbaa kiyya! Isa nuuf ramadi; Dhugumatti, irra caalaan namoota ati ramadduu isa jabaa, amanamaa dha” jette. ” (Alqasas: 26).

Dubartittiin kun dubbii isheetiin akka mana isheetti deebitee bakkee hojjachuudhaan waan ishee mudatu irraa of tiksuu feetu ibsite.

Yeroo kaafiroonni bara kana keessa booda lola addunyaa lamaaniitii hanqina dhiiraa bakka buusuuf jecha dubartoonni hojjachuutti haajoman waan lolli onsite deebisanii ijaaruun haalli isaa rakkisaa ta’e. Sun immoo karoora Yahuudaa kan dubartoota bilisa baasuu jedhuun walirra bu’e. Kun immoo maqaa haqa ishee lallabuutiin ishee balleessuuf, akkasumas hawaasa guutuu balleessuuf maqaa kana fayyadamanii dubartoota hojiitti baasan.

Wanti hojiidhaaf dubartoota bakkeetti baasuuf kakaasu xiqqoo ta’ullee, Muslimni fira isaa tiksee isaan soora ta’uyyuu sochiin dubartoota bilisoomsina jedhu ho’ee akka isheen bakkee baatu waamuu bira ga’e. Kana irraa ka’uunis akka waraqaan ragaa isaan qaban duwwaa hin hafneef hojiitti waamuun jalqabame. Kana malee Muslimni dhimma dubartii haala bal’aa kanaan hojiidhaaf bakkeetti baasu hin qabu. Ragaan kanaa immoo dubartootaaf sagantaan baay’een banamuu waliin dhiiroleen baay’een hojii malee jiraachuudha.

Wanti nuti ‘haala bal’aa kanaan’ jenneef bakki dubartiin itti haajomamtu akka barsiisuu, dhukkubsachiisuu, wallaanuu (doktoora taate yaaluu) ulaagaa sharii’aa eeganii hojjachuutti ammas haajaa bal’aatu jira. Sababni nuti dursa kana irratti haasofneef dubartoota kan dhimma wahiitiin malee yeroo garii mindaa xiqqoodhaan hojiif bahan waan argineefi. Sababni isaas isaan yoo dhimma hin qabnellee, bakkuma isaaniin hin malle ta’us hojiif bahuun dirqama jedhanii yaadu. Kanaan fitnaan guddaan uumame.

Garaagarummaan jidduu seera Islaamaa waa’ee hojii dubartii ilaalchisee jiruufi kan warra sekkulaarizimii, Islaamni akka bu’uuraatti kan inni ilaalu “Manneen keessan keessa taa’aa”  kan jedhuudha. Bahuun immoo yoo dhimmaaf ta’eedha. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “dhimma keessaniif bahuun isiniif eeyyamameera.” Adeemsi sekkulaarizmii jedhamu immoo haala kam keessattuu manaa bahuuyyi akka bu’uuraatti ilaala.

Haasaa keessatti haqa dubbachuun waan dirqama ta’eef ni jenna: ‘dalagaan dubartii dhimmaaf ta’uun ni mala. Fakkeenyaaf yeroo dubartiin abbaan manaa duunaan, abbaan ishee dadhabnaan yookiin kkfniin maatii qallabdi ta’e kun haajaa ta’uun beekamaadha. Inumaayyuu biyya garii keessatti waan hawaasni Muslimaa seera Islaamaa irratti hin ijaaramneef dubartiin masruufa mana keessaa abbaa manaa waliin cufuuf jecha hojiitti dirqamti. Dhiirris ishee hojiitti ramadamte malee hin dubbatatu. Gariin immoo hojjachuu warra isaa irratti ulaagaa godhee keeyyata.’

Akka walii galaatti hojiin dubartii dhimmaaf yookiin karoora Islaamaa kan akka sagantaa barnootaa keessatti gara Rabbiitti nama waamuutiif yookiin kan ilmaan hin qabne yoo taate maatiif mijeessuuf kan hojjattu ta’uun ni mala.

 Miidhaa dubartoonni bakkee hojjachuun qabu

Wantoonni sharii’aan dhorge baay’een kan akka dhiiraan wal makachuu, isaaniin wal baruu, kophaa ittiin bahuu, shittoo dibatanii isaan bira deemuu, faaya isaanii ormatti agarsiisuutu argama. Dhumti kana hundaa immoo badii isa fokkisaa sagaagalummaa ta’uutu mala.

Abbaa manaatiif haqa isaa guutuu dhabuu, waa’ee maatii duubatti dhiisuufi haqa ilmaanii hir’isuu faantu argama. Kun immoo mata duree keenya isa jalqabaati.

Dhiirri dhimma jireenyaatiin daabbataa ta’uu wallaaluun garii dubartootaa keessatti uumamuutu dhufa. Fakkeenyaaf mee dubartii waraqaa ragaa kan ittiin eebbifamte abbaa manaatiin qixxee qabdu yookiin isaa ol qabdu –kun mataa isaatiin aybii miti- kan mindaa isaa oliitiin hojjattu dubartiin kun akka abbaa manaa isheetti haajomtu dhugumaan itti ni dhaga’amaa? Abbaa manaatiif ajajamuun ishee biratti guutuu ta’ee ni argamaa? Moo of ga’umsi itti dhaga’amnaan rakkoo baay’ee kan ijaarsa maatii bu’uuruma isaatii urgufuuf sababa ta’a. Kun immoo nama Rabbiin toltuu isaaf yaade malee kan biraa irratti ni argama. Kun rakkoo dubartii hojiitti ramadamte sooruuti. Maatii manaa sooruun yoomuu waan dhaabbatuu miti.

Qaama toluu dhabuu, hamileefi hariiroon dhiigaa dadhabuudha. Kun immoo uumama dubartii waliin hin deemu.

Booda bu’aafi miidhaa dalagaa dubartii kana ariitiin hanga ta’e dubbannee ni jenna: Rabbiin sodaachuu, dubbichi madaala sharii’aatiin madaaluu, haala dubartiidhaaf isa keessa hojiif bahuun eeyyamamu kan hin eeyyamamne irraa adda baasanii baruufi agartuun keenya karaa deemuu akka addunyaan hin jaamsine gochuu irraa hafiinsi hin jiru. Dhaamsi nuti dubartii Muslimaatiif dhaamnu sodaa Rabbii, yeroo abbaan manaa bu’aa isheetiif, bu’aa mana isaaniitiif jecha akka hojii dhiiftu ajaje ittiin buluudha. Abbaan manaas immoo adeemsa akka haaloo ba’annaa wahii dhiisuufi qabeenya haadha manaa isaa haqaan malee nyaachuu dhiisuu dhaamna.

 26. Gora 20ffaa: Iccitii manaa tiksuu

Kun wantoota baay’ee of keessatti qabata. Isaanis:

1.     Iccitii wal qunnamtii saalaa facaasuu dhiisuu,

2.     Wal dhabbii warraafi abbaa manaa facaasuu dhiisuu,

3.     Waan dhuunfaa isa mul’isuun miidhaa mana irratti yookiin tokkoon isaanii irratti fidu xiixuu dhiisuudha.

Gaaffiin inni duraa ragaan haraama ta’uu isaa jecha Ergamaa Rabbiiti صلى الله عليه وسلم: “namni sadarkaan isaa Rabbiin biratti Guyyaa Qiyaamaa irra hamaa dhiira gara niitii isaa dhaqqabee isheenis gara isaa dhaqqabdee sana booda iccitii ishee facaasuudha.” Muslimtu gabaase. Dhaqqabuutti kan fedhame waliin ciisuu yookiin wal qunnamtii saalaatiin wal bira ga’uudha.

Ammas ragaa haraama ta’uu isaa akeeku irraa kan biraa hadiisa Asmaa’a bint Yaziid: isheen Ergamaa Rabbii صلى الله عليه وسلم bira turte. Dhiiroleefi dubartiin taa’anii turan. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “akka tasaa dhiirri waan niitii isaa waliin hojjatu himu yookiin dubartiin waan dhirsa ishee waliin hojjatte himtu jiraachuutu mala.” Namoonni ni callisan. Nan jedhe: ‘yaa Ergamaa Rabbii! Wallaahii! Dubartoonni ni hojjatu; dhiirris ni godhu.’ Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “kana hin godhinaa. Sun fakkii shayxaana dhiiraa shayxaana dubartii karaa irratti argee namootaa ilaaluu ishee irra bu’eeti.” Ahmadtu gabaase.  Gabaasa Abuu Daawudiin immoo “isin keessaa sila namni yeroo haadha manaa isaa bira ga’ee hulaa isaa cufatee girdoo isaa gadi dhiifatee girdoo Rabbiitiin gaaddiddeeffatu ni jiraa?” jedhaniin. Sahaabonnis ‘eeyyeen’ jedhan. Achumaan Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم “sana booda taa’ee waan akkanaan hojjadhe, waan akkanaan hojjadhe” ni jedhaa jennaan callisan.  Ergasii dubartootatti gara galanii “isin keessaa namni dubbatu jiraa?” jedhan. Isaanis ni callisan. Shamarreen Ka’ab tokko jilba ishee irra jilbeenfattee akka ishee arganii haasawa ishees dhagahanuuf gara Ergamaa Rabbiitti صلى الله عليه وسلم ol dheerattee “dhiironnis ni haasawu; dubartoonnis ni haasawu” jette. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “fakkeenyi isa kanaa maal akka ta’e ni beektuu? Fakkeenyi isa kanaa akka shayxaana dhaltuu kormaan karaa keessatti wal qunnamtee odoo namni ilaaluu dhimma isaa raawwateeti (wal qunnamtii saalaa raawwataniiti).” Abuu Daawudtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

Wanti lammaffaa immoo wal dhabbii dhirsaafi niitii manaan alatti deemanii facaasuudha. Inni kun yeroo baay’ee rakkoo kanatti guduunfaa dabala. Qaamni alaa tokko wal dhabbii dhirsaafi niitii jidduu seenuun yeroo baay’ee goggogina caalu dabala. Furmaanni sana booda nama isaanitti irra dhihoo ta’e lama jidduu isaaniitti erguudhaan ta’a. Kun immoo yeroo furmaanni kallattii mijaa’uu dide malee itti hin dhufamu. Yeroo furmaanni kallattii mijaa’uu dide akka Rabbiin nu ajaje hojjanna:

{ فابعثوا حكماً من أهله وحكماً من أهلها إن يريدا إصلاحاً يوفق الله بينهما} سورة النساء الآية 35.

 “Yoo gidduu isaan lamaaniitti waldhabbii beektan araarsaa tokko warra isaa irraa, araarsaa tokko immoo warra ishee irraa ergaa. Yoo isaan lamaan araara (walii galuu) fedhan, Rabbiin gidduu isaan lamaaniitti walii galtee uuma.” (Annisaa’i: 35).

Inni sadaffaa immoo mana sana guutuu midhuu yookiin miseensa tokko miidhuudha. Innis waan dhuunfaa isaa ta’e facaasuudhaani. Inni kun hin eeyyamamu. Sababni isaas waan jecha Ergamaa Rabbii صلى الله عليه وسلم kan “ofii jalqabanii miidhuun hin jiru; gumaa bahachuu keessattis miidhuun hin jiru” jedhu keessa seena. Ahmadtu gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira. Fakkeenyi kanaa tokko waan tafsiira jecha Rabbii itti aanu keessatti dhufeedha:

{ضرب الله مثلاً للذين كفروا امرأت نوح وامرأت لوط كانتا تحت عبدين من عبادنا صالحين فخانتاهما }التحريم الآية10

“Rabbiin isaan kafaraniif niitii Nuuhii fi niitii Luux fakkeenya godhe. Gabroota keenya gaggaarii gidduu gabroota lama jala turanii isaan ganan.” (Attahriim: 10).

 Ibn Kasiir tafsiira aayata kanaa keessatti waan armaan gadii dubbateera: “niitiin Nuuh iccitii isaa hubatteeti yeroo namni wahii Nuuhii waliin amane warra matootii jallinaa ummata Nuuhiitti himti. Niitiin Luux immoo yeroo Luux keessummaa wahii keessummeesse warra magaalaa kan waan hamtuu hojjatanutti himti.” Wanta hamtuutti kan fedhame akka isaan dhufanii liwaaxii (dhiirri dhiiraan wal qunnamuu) raawwatanuuf.

 Haala mana keessaa

 27. Gorsa 21ffaa: haala waliif laafuu mana keessatti babal’isuu

Aa’ishaa irraa odeeffamee رضي الله عنها ni jette:  Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “Rabbiin yeroo maatii wahiitiif khayrii fedhe waliif laafuu isaan irra seensisa.” Ahmadtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Gabaasa biraatiin immoo “Rabbiin yeroo maatii wahii jaalate waliif laafuu isaan irra seensisa.” Ibn Abuddun-yaatu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Kana jechuun gariin isaanii gariidhaaf kan laafuufi yaadu ta’a jechuudha. Kun immoo sababa milkuu mana keessaa uumuudha.  Waliif laafuun jidduu abbaa manaafi haadha manaatti, ilmaanii waliin akkaan bu’a qabeessa. Bu’aa wal cinquun kamuu hin fidne fida. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “Rabbiin waliif laafuu ni jaalata. Waan (mindaa) wal cinquufi kan isaan ala jiru irratti hin kennineyyi waliif laafuu irratti kenna.” Muslimtu gabaase.

 28. Gorsa 22ffaa: maatiin hojii mana keessaa irratti wal gargaaruu

Dhiiroleen hojii mana keessaa irraa ni nuffu. Gariin isaanii immoo khidmaa maatii isaanii keessa seenuun waan sadarkaa isaa hir’isu ta’uu yaada.

Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم immoo ‘uffata isaanii ni hodhu; kophee isaaniis ni hidhu; waan dhiiroleen mana isaanii keessatti hojjatan ni hojjatu.’ Ahmadtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Kana Aa’ishaa niitii isaaniituu yeroo waan Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ogga mana keessa jiranu hojjatan irraa gaafatamtu waan ofii isheetii argite dubbatte. Gabaasa biraatiin immoo “namuma akka namoota biraati; uffata isaanii qulqulleessu, re’ee isaanii ilmu; lubbuu isaanii tajaajilu” jette. Ahmadtu gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira.  Ammas Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم mana isaanii keessatti maal akka hojjatan irraa gaafatamtee “khidmaa maatii keessa turu; yeroo salaanni geesse immoo salaataaf bahu” jette. Bukhaariitu gabaase.

Nuti yeroo kana hojjanne har’as bu’aa baay’ee arganna

1.     Ergamaa Rabbiitti صلى الله عليه وسلم hidhanneerra.

2.     Maatii keenya ni gargaarra.

3.     Of gadi qabuufi boonuu dhiisuun nutti dhaga’ama.

Dhiiroleen gariin haadha manaa isaa odoo distiin ibidda irra jiruu ariitiin akka nyaata fiddu gaafata. Daa’imni immoo harma barbaachaaf iyya; inni daa’ima hin qabu nyaatas taa’ee takka hin eeggatu. Hadiisonni dabran kun yaadannoofi gorsa nuuf haa ta’u.

 29. Gorsa 23ffaa: maatii mararfachuufi waliin taphachuu

Haadha manaafi ilmaan mararfachuun sababa mana keessatti milkuu guddaa fi wal bariinsa fiduudha. Kanaafuu Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم Jaabiriin akka inni bikraa fuudha gorsan. Akkana jedhanii itti kaasan “sila bikraa kan ishee taphachiiftee isheenis si taphachiiftu akkasumas ishee koflisiiftee isheenis si koflisiiftu hin fuutu turee” jjedhaniin. Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.  Ammas Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “wanti hundinuu yoo zikriin Rabbii keessa hin jirre inni tapha; garuu odoo gurbaan niitii isaa waliin taphatu odoo hafuu” Nasaa’iitu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم niitii isaa Aa’ishaa akkamitti akka mararfatuufi waliin dhiqatu beekamaadha. Aa’ishaan ni jette: “aniifi Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم meeshaa bishaanii tokkicha jidduu kiyyaafi isaanii jiru irraa dhiqataa hanga ani ‘naaf hambisi! Naaf hambisi’ jedhu tokko natti sardan ture. Nu lamaanuu janaabaa  turre” jette. Muslimtu gabaase.

Akka isaan daa’imman itti mararfatan immoo dubbatamuu irrayyuu beekamaadha. Yeroo baay’ee akkuma dubbatamee tare Hasaniifi Huseeniin mararfatanii taphachiisu ture. Sababni daa’imman imala irraa dhufuu Ergamaa Rabbii صلى الله عليه وسلم jaalatanuufi isaan simachuuf ariifatanu kana ta’uun ni mala. Hadiisa sahiiha keessatti akka dhufetti Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم yeroo imala irraa galan daa’imman fira isaaniitiin simatamu turan. Muslimtu gabaase. Akka Abdullaah bin Ja’afar jedhetti immoo ofitti isaan qabu turan: “Nabiyyiin صلى الله عليه وسلم yeroo imala irraa deebi’an nuun simatamu turan. Anaan, Hasaniifi Huseeniin simatamu turan. Hanga Madiinaan seennutti tokkoon keenya fuulduratti kaan immoo duubatti baatu turan.” Muslimtu gabaase.

Mee kanaafi garii manneen gaddituu kan qoosaan dhugaa, wal mararfachuufi rahmata walii godhuun keessa hin jirre waliin madaali. Namni ijoollee dhungachuun kabajaa abbaa hir’isa jechuu yaade hadiisa kana haa qara’u. Abuu Hurayraa irraa odeeffamee رضي الله عنه ni jedhe:  odoo Aqra’i bin Haabis Attamiimiin isaan bira taa’aa jiruu Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم Hasan bin Aliyyi dhungatan. Aqra’i ni jedhe: ‘ani ilmaan kudhanin qabaa tokkoon isaaniiyyuu dhungadhee hin beeku.’ Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم gara isaa ilaalanii sana booda jedhan: “namni hin mararfatin hin mararfatamu.” Bukhaariitu gabaase.

 30. Gorsa 24ffaa: mana keessatti haala fokkisaa dhorguu

Namni dhuunfaa mana keessa jiru kamuu haala sirrii hin taane kan akka kijibaa, hamii, walitti naqaa yookiin kkf hin dhabu. Haala badaa akkanaa kana immoo dhorguun dirqama. Namoonni gariin qaama isaa adabuu qofatu waan akkanaatiif wallaansa jedhanii yaadu. Kan armaan gadii keessa immoo hadiisa sahiiha mataduree kana keessatti leenjiif ta’utu jira. Aa’ishaa irraa odeeffamee رضي الله عنها ni jette:  “Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم yeroo maatii isaanii irraa nama kijiba kijibe argan hanga inni tawbatutti irra gara galuu hin dhiisanu.” Ahmadtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

Hadiisa kana irraa kan nuti hubannu waan akkanaa keessatti namarraa gara galuun, ittiin haasa’uu dhiisuudhaan ooduuniifi irraa mil’achuun adabbii honga geessuu ta’uu hubanna. Inumaa yeroo tokko tokko jijjiirama fiduu irratti kan qaamaa caaluu danda’a. Warri ilmaan mana keessatti leenjisan haa xiinxalanu.

 31. Gorsa 25ffaa: alangaa bakka maatiin argan fannisaa

Adabbii ifa galchanii dubbachuun gosa gorsaa ol aanaadha. Sababa kanaa alangaa yookiin ulee mana keessa fannisuun dhufe. Gabaasa biraa keessatti immoo Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “alangaa bakka warri manaa argan irra fannisaa; inni isaan adabuuf irra filatamaadha.” Axxabraaniitu gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira.

Waan ittiin adaban fannisanii agarsiisuun warra niyyaa badaa qabu akka isaan waa isaan tuquu sodaatanii hojii badaa hin hojjanne dhorga. Naamuusaafi haala gaarii filatamaa qabaachuuttis ni kakaasa. Ibn Al-ambaariin ni jedhe: “ittiin rukutuu fedhee miti. Sababni isaas nama tokkollee itti hin ajajne. Kan itti fedhame adabbii kee isaanirraa hin kaasin jechuudha.” Fayd Alqadiir kan Manaawii ilaali.

Rukutuun isa jalqabaa yoomuu hin ta’u. Yoo wantoonni ittiin adabanu dhume malee gara rukuttaa hin dabamu. Yookiin immoo Rabbiin buluutti ajajuun booda. Rabbiin ol ta’e ni jedhe:

{ واللاتي تخافون نشوزهن فعظوهن واهجرهن في المضاجع واضربوهن } النساء الآية 34

“Isaan finciluu isaanii sodaattan immoo isaan gorsaa; (itti aansun) ciisa keessatti isaaniin oodaa; (dhuma irratti yoo sirraa'uu didan) isaan rukutaa.” (Annisaa’i: 34).

Kun dabareedhaan dhufe. Fakkeenya hadiisa “ilmaan keessan odoo isaan umurii waggaa torbaa jiranuu salaatatti ajajaa; ogga isaan waggaa kudhan ga’an (salaatuu yoo didan) ishee irratti rukutaa.” Abuu Daawudtu gabaase. Irwaa’ii keessas ni jira. Odoo hin barbaachisan rukutuun immoo daangaa dabruudha. Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم dubartii tokko akka isheen namicha wahii kan ulee gurmuu isaa irraa lafa hin keenye, kan dubartii rukututti heerumuu akka dhiiftu gorsanii turan. Warri guddisa keessatti yaada kaafirootaa fudhatee jedhu yaadni isaa dogongora ifaadha; ragoolee sharii’aas ni faallessa.

 Wantoota mana keessatti dhorgamu

 32. Gorsa 26ffaa: firri warri muhrima hin taane haadha manaa irra seenuu irraa dhorguu

 33. Gorsa 27ffaa: yeroo maatiiwwan wal dubbisan dhiiraafi dubartoota adda baasuu

 34. Gorsa 28ffaa: badii shufeerotaafi khaadimoota mana keessa irratti dammaquu

 35. Gorsa 29ffaa: dhiira dubartiitti fakkaatu mana keessaa baasaa

 36. Gorsa 30ffaa: badii (halaaka) televiziyooniin qabus bareechii eeggadhu

 37. Gorsa 31ffaa: badii bilbilli qabu irraas eeggadhu

 38. Gorsa 32ffaa: waan mallattoon amantii kaafiraa kufaa ta’e yookiin wantoonni isaan gabbaran keessa jiru mana keessaa baasuu

 39. Gorsa 33ffaa: footoo wantoota lubbuu qabanuu mana keessa baasuu

 40. Gorsa 34ffaa: mana keessatti waan aarfamu kan akka sigaaraa dhorguu

 41. Gorsa 35ffaa: mana keessatti saree hin horsiifatin

 42. Gorsa 36ffaa: mana akkaan faayuu irraa fagaadhaa

 Mana keessaafi ala isaa

 43. Gorsa 37ffaa: bakka manaafi ijaarsa isaa filachuu gaaromsuu

Muslimni dhugaa mana isaa filachuufi ijaarsa isaa gaaromsuu keessatti waan nama biraa hin eegne eega.

 Bakka filachuu keessatti

Manni jireenyaa masjidatti dhihoo ta’uu qaba. Kana keessa immoo faayidaa gurguddaa hin dhokannetu jira. Azaaniin nama yaadachiisee salaataaf nama dammaksa. Dhiheenyi akka dhiirri jamaa’aa dhaqqabu, dubartoonni immoo qiraatii Qur'aanaafi zikrii warra masjida keessaa takbiiraa jedhanii dhageessu, ijoolleen akka iddoo Qur'aanni haffazamu dhufaniifi kkf mijeessa.

Gamoo isa keessa faasiqoonni (finciltoonni) jiran, jiraattonni achitti walitti qabaman kan isaan kaafiroonni amantiin adda addaa jiraataniifi kkf ta’uu hin qabu.

Mana saaquu dhiisuufi manichis saaqamaa dirree irraa ta’uu dhabuu, yoo akkas ta’eef sitrii adda addaatiifi duppoodhaan of gargaarsifatee haguuga.

 Ijaarsa (design) mana keessatti

Kallattii seensaafi saaloonii taa’ichaa keessatti ajnabii dubbisaaf dhufan dhiiraafi dubartoota adda baasuu, yoo kun hin jiraatin immoo girdoodhaan gargaarsifata.

Fuulleen manaa akka namni mana keessa jiru ollaafi kan karaa dabrutti hin mul’anneef jecha keessumaayyuu halkan yeroo ifti mana jiru keessatti sitriin itti godhamuu qaba.

Manni fincaanii kallattii qiblaatti deebifamtee ijaaramuu hin qabdu.

Mana ballaa fi hiriyoota baay’ee qabuuf filachuu qaba. Kunis sababa hedduuf ta’a.

Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “Rabbiin faana ni’imaa isaa gabricha isaa irratti arguu jaalata.” Tirmiziitu gabaase.

Ammas Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “waa sadi milkuu irraayi; waa sadi kan biraa immoo salphina irraayi. Kan milkii kun haadha manaa gaarii yeroo ishee argite si gammachiiftuufi yeroo ishee biraa deemtee fagaatte lubuu isheetiifi qabeenya keerratti amantu, geejjiba irra teessee hiriyoota keetti dhaqqabduufi mana bal’aa hiriyaa baay’atu qabaachuudha. Kan goggoginaa immoo haadha manaa ishee argitee si gaddisiiftu, arraba ishee si baachiftuufi yoo isheerraa fagaattee deemte lubbuu isheetiifi qabeenya kee irratti ishee hin amanne, farda geejjibaa deemsa dadhabdu yoo ishee rukutte si dadhabsiifti; yoo dhiifte immoo hiriyoota keetti si hin dhaqqabsiifneefi mana hiriyoota xiqqoo qabaatuudha.” Alhaakimtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

Wantoota fayyaadhaan wal qabatanitti tattaaffachuu kan akka qilleensa ga’aa mana seensisuu, xiyya aduu mana seensisuufi kkfdha. Inni kuniifi kkf dandeettii qabeenyaa fi mijaa’inni bal’achuu irratti hundaa’a.

 44. Gorsa 38ffaa: manaan dura ollaa filachuu

Dubbiin kun waan barbaachisaa ta’eef kophaatti baasuu barbaachise. Bara keenya ammaa kana keessa ollaan ollaa isaa irratti jijjiirama dabalataa ni qaba. Kun immoo manneen walitti dhihaachuudhaan, namoonni ijaarsa, appaartaamaafi qindoomina keessatti walitti qabamuudhaani.

Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم wantoota milkii afur dubbatanii ollaa gaarii isa keessatti dubbataniiru. Ammas wantoota goggoginaa afur dubbatanii ollaa badaa isa keessatti dubbataniiru. Abuu Na’iimtu Hilyaa keessatti gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Inni dhumaa kun waan akkaan sodaachisaa ta’eef ollaa hamaa irraa Rabbitti maganfatu turan: “yaa Rabbi ani bakka jireenyaa keessatti ollaa hamaa godhachuu irraa sittin maganfadha.” Alhaakimtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

Muslimootas akka isaan kana irraa maganfatan ajajan. Ni jedhan: “bakka jireenyaa keessatti ollaan hamaan jiraachuu irraa Rabbitti maganfadhaa.”Bukhaariitu Adab Almufradiin keessatti gabaase.  Rakkoo, nama rakkisuu isa irraa burquufi jireenya dhiheenya isaatti gadi lilimu kan ollaan hamaan warraafi abbaa manaa, akkasumas ilmaan irratti fidu dubbachuuf sagantaatu nutti gabaabbata. Garuu hadiisa dabran qabatama keessatti hojiirra oolchinaan gahaadha. Furmaata hojiidhaan argamsiisuun tokko, waan gariin namoota gaggaarii nama gaariidhaaf ollaa isaaniitii qarshii isaaniitiin mana kireeffatan ta’uutu mala. Kanas kan godhan odoma qarshii isaaniitiin ta’eeyyuu rakkoo ollaa furuudhaafi. Ollaan gaariin qarshiidhaanuu hin madaalamu.

 45. Gorsa 39ffaa: wantoota turanu gaaromsuufi waan boqonnaaf gargaaran argamsiisuu

Tola Rabbiin bara kana keesssa nutti oole keessaa inni guddaan tokko wantoota boqonnaa ta’anii jireenya salphisuufi yeroo namaaf bal’isantu jiru. Fakkeenyaaf veentileetara, firiijiifi huccuu miiccituu fa’i. Isaan kana hanga dandeettiitiin mana keessatti argamsiisuun hikmaa irraayi. Wantoota gaggaarii bu’a qabeessa ta’aniifi kan guutamunn isaanii homaa hin fayyanne adda baasuun dirqama.

Ammas waan manatti dhimman irraa kan biraa waan miilteefi meeshaa mana keessaa bade sirreessuudha. Namoonni gariin dhimma dhabu. Haati manaa manneen ilbiisonni keessaa haharcaatu, kan tafkiin keessaa u’utaaltu, injiraan foolii badaa baafattuufi ciccitaan ijaarsa manaa gaaraa gadi kukkufu odoo himattuu homaa callisu. Kun immoo milkaa’ina mana keessaa dhabamsiisuun isaa shakkii homaa hin qabu. Rakkoo haadha manaatiifi fayyaa fiduun isaa hin hafu. Namni sammuu qabu kana wallaana.

 46. Gorsa 40ffaa: fayyaa maatiitiifi nageenya diriirsuu irratti tattaafachuu

Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم yeroo maatii isaanii irraa namni tokko dhukkubsate qul a’uuzuu lamaan isaan irratti qara’anii itti tuttufu turan. Muslimtu gabaase. Yeroo hollachiisaan wahii maatii isaanii qabe akka sukkuummiin bifa shorbaatti dhihaatu hojjatamu ajajnaan hojjatamee ergasii ajajnaan dhugan. Ni jedhu turan: “inni onnee nama gaddee jabeessa; akka tokkoon keessan fuula isaa irraa xurii dhiqatu onnee dhukkubsataa irraa saaqa.” Tirmiziitu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

 Of tiksuufi nageenya raawwatamuu qabu garii isaanii

Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “yeroo dhihe ijoollee keessan qabaa; shayxaanni yeroo sana faffaca’u. yeroo sa’aatiin halkanii takka deeme isaan gadi dhiisaa. Manneenis cufaatii maqaa Rabbii  irratti dubbadhaa. Meeshaa keessanis odoma waan akka mukaa irra fiduu ta’eeyyuu cufaatii maqaa Rabbii  irratti dubbadhaa. Ifaa keessanis dhaamsaa.” Tirmiziitu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Gabaasa Muslimiin immoo “hulaa keessan cufaa;  meeshaa keessanis haguugaa; ifaa keessanis dhaamsaa; qalqalloo keessanis hidhaa. Shayxaanni hulaa cufamaa hin banu; haguuggiis hin saaqu; qalqalloo hidhamaas hin hiiku. Hantuunni immoo warra manaa irratti mana isaanii gubdi.” Bukhaariitu gabaase. Kana jechuun xiifoo wahii harkiftee deemtee yoo citaa keessa seente ni qabata jechuudha. Ammas Ergamaan Rabbii صلى الله عليه وسلم ni jedhan: “ogga raftan mana keessan keessatti ibidda hin dhiisinaa.” Ahmadtu Musnada keessatti gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

Rabbii guddaatu beeka. Rahmanni Rabbiifi nageenyi Isaa Nabiyyii keenya Muhammadiin, maatii isaaniifi sahaabota isaanii irra haa jiraatu.



[1] Kana jechuun aadaan namaa dubartii waa afuriif fuudha jechuudha malee sharii’aan waa afran kana irratti hirkatanii fuuchuu eeyyama jechuu miti. Kan sharii’aan irratti hirkatanii fuuchuu ajaju amantii sirriidha. Inni sanaan ala jirus ilaalamuu sharii’aan hin dhorgu; garuu ulaagaan isaan qofa ta’uu akkaan balaaleffata. Kanaafuu kan namni Muslimaa sirriin xiyyeeffannoo guddaa itti kennuu qabu amantiidha; sana irratti dabalata waan ofii fedhe ilaaluunis ni eeyyamama.

[2] Kaasettoonni Sheekni dubbate hundinuu kan Afaan Arabaati; namni isaan dhaga’uu danda’u dhaggeeffachuun hundarra filatamaadha.  Namoota Arabiffa hin dandeenyifis immoo kaasettoonni Afaan keenyaan baay’eetu jiru. Isaan kana hordofnee dhaggeeffachuun nurraa eegama. Fakkeenyaaf kaasettoota tafsiira Qur'aanaa kan akka Shaafii Muhammad, kan da’awaa Jamaal Aliyyii, Muhammad Amiin Iibroo, Jamaal Muhammad, alii jimmaa, Nashiidaa keessatti immoo beekamaa kan ta’e Raayyaa Abbaa Maccaa, Abdurrahmaan Huseenii fi kkf dhaggeeffachuun barbaachisaadha. (Abbaa hiike).

[3] Waa’ee kaasetta waraabamuu ilaalchisee maqooleen namoota garii dhokatteeti kaan immoo mul’atti. Akka tasaa yeroo dheeraa booda maqaan namoottan haaraa bebbeekamee kan warra turee kun dhokachuun isaa ni mala. Kaasettoonni kun hanga dhumaatti dagatamu. Garuu haala hunda keessattuu kan namoota irraa barbaachisu kaasettoota warra karaa sirrii dhaggeeffachuufi dhaadannoo “isa fayyadutu isa haaraa dursa” jedhu ol kaasanii biyya agarsiisuudha.

[4] Gubbaa gamoo (fooqii) kan wanti kufuu isa dhorgu hin jirre irra rafuu dhorgaara.

[5] Wanti sheekhni dubbatu kun akkauma waan hojii biyya keenyatti godhamu argeeti. Ummanni keenya baay’een halkan keessa taa’ee odoo jimaa nyaatuu bula. Warreeniifi ilmaan gara galee hin ilaalu. Ummanni hunduu keessumaayyaa ummanni Jimmaafi Harargee dhiifama naaf godhaa malee caatiin nyaatamu kun badiin inni fidaaru waan madaalamuuf hin danda’amneedha; karoora warri Islaamaaf diina ta’an kaa’an keessaa isa jalqabaati. Yeroon baadiyyaa keessa deemee ilaalu dardarri guyyaa hundaa caatii kana qabatanii magaalaa xixiqqoofi bakka gabaan adda addaa dhaabatu deemanii isuma nyaataa oolu. Abbaafi haadha dadhabaa qofatu mana oola. Isaan lamaan immoo homaa jijjiirama fiduu hin danda’an. Ummanni sababa kanaa akka jiruun rakkina keessaa bahuu dadhabe. Dabalata kanaa immoo dardaroonni biyya keenyaa baay’inaan gara Suudaanii deemuun hojii humnaa achii hojjatu. Biyya isaanii keessa taa’anii barnoota sharii’aa fi akkaadaamii barachuu akka xinneenyaatti ilaalu. Sababa kanaa ummanni Muslimaa baay’een yeroo hammaa odoo waa hin baratin hafe. Barumsi immoo sharii’aas ta’ee akkaadaamiin ummata tokkoof dirqama. Boodatti hafummaafi doofummaa keessaa kan nama baasu isa malee hin jiru. Akka nuti kana hundaa hin gooneefi ummanni Islaamaa taa’ee sammuu uumamaatiin xiinxalee akka amantii isaatiifis ta’ee ummata isaatiif hin hojjanneef diinni amantii Islaamaa wantoota armaan olitti dubbanne kan akka caatii, sigaaraa, shiishaa, muuziiqaa, fireendii, kubbaa ilaaluu fi waan dubbatamee hin dhumne nuuf kaa’ani. Kan akkanaa kun immoo ammaa daangaa dabreera. Fakkeenyaaf halkan guutuu kubbaa ilaalaa buluu, kaartaa taphatti sa’aatii gubuu, nashiidaa jedhanii muuziiqaa maqaa nashiidaatiin ba’e dhaggeeffataa sa’aatii gubuu, keessa taraniiyyuu shiishaafi sigaaraa afuufaa buluun kaayyoo diinaa (xalaataa) bakkaan ga’uun isa jalqabaati. Yaa namni sammuu qabdu mee xiqqoo ishee xiinxali. Ani wallaahii khayrii siifi ummata sababa kanaatiin miidhamaaruuf yaadeen dubbadhe. Yaa beektota biyyaa! Yaa daa’iiwwan biyaa! Mee ummata dhukkuba kana hundaan miidhamaaruuf dhaqqabuu yaalaa. Kun dhukkuba kallattii hundaan itti hirmaatanii dardara Islaamaa kana hanguma danda’amellee irraa furanuudha. Yaa nama sammuu Rabbiin siif kenne sammuu keetti fayyadamii  karoora diinni siif qofa baase kana irra deemtee kaayyoo diinaa bakkaan gahuuf hin socho’in. Inni karooricha si qofaaf baase malee ofii isaatii itti fayyadamaa hin jiru. والله أعلم.