Qophii--D/ﷺ‬ Naajii Ibraahiim Arfaj

Hiikkaan -- Jamaal Muhammad Ahmad

  •  warreen dhugaan haqabarbaaduu .
  • warreen qalbii waa hubattu qabaniif.

 qabiyyee kitaabdichaa.


gaafiilee osoo hinqaraane dura

dubbii ijoo kitaabdichaa


tokkumma Rabbii kitaaba wangeela (kakuu dur) keessatti.


tokkumma Rabbii kitaaba wangeelaa (kakuu haarawa) keessatti.


tokkummaa Rabbii qur'aana kabajamaa keessatti.


xumura


yaada boodaa


kitaabaafii hojiilee biroo tan abbaa kitaaba qopheessee.

  gaafiilee osoo hindubbisne duratti.

 1 (kitaaba ergaa takka jedhu kanatti maaltu fedhame?

2 (wangeelle waayee isirraa maal jedha?

3 (qur'aannii hoo waayee isii maal jedha?

4kana booda yaanni ati isirraati qabdu kana booda maal fakkaata?

 ijoo dubbii

seenaa ilma namaa keessatti eega aadam uumamerraa kaasee ergaa bu'uraa kan haalaan murteessaa tahe tokkootu ilma namaatti ergame. ilma namaa ergaa kana yaadachiisuuf jeha, karaa sirriitti isaan qajeelchuuf jecha,Rabbiin tokkichi haqaa ergamtoota erge kanneen akka aadam, nuuh, ibraahiim, muusaa, iisaa, muhammad, (nageenyi isaanirratti haajiraatuu) hunda isaanii Rabbiin akka ergaa takka namatti geessaniif erge.isiin sun:


 Rabbiin tokkichi haqaa isuma qofaatu gabbaramaadhaa.

erge akka ergaa tana umatatti geessaniif.

---- nuuh Rabbiin keessan Rabbii tokkichaa isuma qofa gabbaraa.

---ibraahiim Rabbii keessan Rabbii tokkichaa isuma qofa gabbaraa.

---muusaa Rabbiin keessan Rabbii tokkichaa isuma qofa gabbaraa.

---iisaa Rabbiin keessan Rabbii tokkichaa isuma qofa gabbaraa.

---muhammad Rabbiin keessan Rabbii tokkichaa isuma qofa gabbaraa.

Rabbiin ergamtoota isaarraa warreen murannoodhaa tiifii kanneen biroo kani nuti beynuufii hinbeeynes hojiilee ciccimtuu hedduu akka raawwataniif erge.sankeessaa:

1)ergaa Rabbii fuudhanii ummatatti geessuu.

2)tokkummaa Rabbiitiifii rabbiif qulqulleessuu nama barsiisuu.

3)fakkii gaarii ummanni karaa Rabbii keessatti itti hidhatu jechaafii hujiinis ummataaf tahuu.

 4)ummata isaan jala deemu gara sodaa Rabbiitii fii isaaf ajajamuu qajeelchuu.

5)ummata isaan hordofu seera amantiitiifii haalaaf amala gaarii barsiisuu.

6)jallattootaafii mushriktoota taabota gabbaran qajeelchuu .

7)ilmi namaa akka du'a booda kaafaman,akka hojii isaaniirraa qorataman,namni Rabbitti amanee isa tokkichoomse kagaarii dalage galanni isaa akka jannata tahe,namni rabbitti dilaaye ajaja isaa dide galti isaa ibidda jahannam akka tahe ummata barsiisuu.

ergamtootaaf anbiyoota kana Rabbuma tokkichaatu isaan erge aalamni kuni umamtoota isa keessa jiruun wajji jireenya Rabbiitti nama qajeelcha. inni tokko tahuufii kan waahunda uumu isa tahus ragaadha. kanaf Rabbiin kan aalama kana uume isa, waan isa keessaa nama, bineensa, raammoofii kanneen biroollee Rabbumaatu uume. isuma ka duaafii jiruu uume, jiruu dhumtuufii jiruu haftus.

kitaabni amantaa tan yahuudii, kiristaanaafii, tan muslimaatis hundi isii Rabbiin jiraachuufii tokkummaa isaa ni mirkaneessiti.

namni dhugaa barbaadu kan haqarratti hundaaye waayee Rabbii wangeelaafii qur'aana keessatti gadi fageenyaan yoo qorate sifa Rabbiin ittiin kopha tahe tan gabbaramtoonni kijibaa isatti hinqindooyneen adda baasee hubatuu dandaya. gariin sifaata sanii kunoo tana.

1) gooftaan dhugaa kan uume malee uumamaa miti

 2)Rabbiin tokkicha shariika hinqabu, hedduu miti, hindhallesi hindhalannesi

3)Rabbiin fakkeessaa uumamtootaarraa qulqulluudha, adduniyatti ijji isa hingartu.

4) Rabbiin dur jiraataadha hindu'u, qaama uumama isaa keessa hinqubatu,

5)Rabbiin abdatamaadha, zaata isaatiin dhaabbataadha, uumamtoota isaarraa dureessa, isaanitti hinhaajamu, haadhaafii abbaanis isaaf hintaane, jaartiifii ilmas hingodhanne, cyaataafii dhugaatitti hinhaajamu, tokkottis gargaarsifatuu hinhaajamu. Ammoo uumaan Allaaha uume hundi isatti haajamti.

6)Rabbiin sifa guutamtuu fii kabajaatiin qophaa haqa godhatee jira. uumaa isaa keessaa tokkolleen isatti hinfakkaatu. kan akka fakkaataa isaa tokkolleen hinjiru.

sifaataa fii madaallii dubbatame kanaafii kanbiroo kan sifaata Rabbiirraa tahe ragaa godhachuun gabbaramtoota dharaa balaaleefatuun ni dandayama.

 mee amma gama ergaa tokko kan olitti dubbatameetti deebiee, ragaalee tokko tokko tan tokkummaa Rabbii mirkaneessitu qur'aanaafii kitaaba wangeelaa


irraa isiniif fida. garuu san dura yaada kanan isinii qooduu fedha.

 dhugaan jiru kiristaana biratti akkan ani qorannaa guddoo godhee gaafii hedduu isaaniin wajji godhee hubadhetti Rabbiin isaan biratti akka asii gadii kana taha:

1Rabbii abbaa

2)rabbii ilma

3)rabbii hafuura qulqulluu

 ilaalchi haqaatiifi adeemsi sirrii namni dhugaa qoratu tokko kiristaanota kana akka gaafiiwwan itti aanu kana gaafatu dirqisiisa.

·         rabbiiwwan sadihitti akeekaa rabbiin tokko jechuu keessan kana hiikkaan isaa maali?

·        rabbiin tokkootu sadihi keessa qubate moo sadihiitu tokko keessa qubate (3keesa1 moo 1keessa3)?

 dabalataan akka gariin kiristaanaa amanutti rabbiwwan sadeen kuni hojii,fakkiifi bifa adda addaa qaban kunoo akka asiigadii kanatti:

1)rabbii abbaa =inni kan uumu

2)rabbii ilma=inni ka furmaata fidu)kabilisoomsu

3)abbii hafuura qulqulluuinni marihachiisaa ( jajjabeessaa)

jechi dharaa kan iisaan ilma Rabbiiti jedhu yookaa inni rabbi jedhu, yookaa qaama rabbirraayi jedhu kuni waan towraatiifii injiil dubbatteen walfaallessa. towraatiifi wangeelli Rabbiin waatokkolleen isa arguu hindandayu duniyaa keessatti :

''isin sagalee isaa hindhageenne gonkuma, fuula isaatis hinagarre"

(wangeela yohannaa 5:37)

'' tokkolleenuu isa hin agarre konkuma, tokkolleenuu isa arguu hindandayu''.

 (ergaa duraa gama tiwoosaawisitti (16:6

''tokkolleen na argee jiraachuu hindandayu''

(alkhuruj 20:33).

 ragaalee kanaafii kanneen birootis qabachuudhaan ani yeroon gaafadhu hedduu nagaddisiisa mee akkamitti jecha warreen iisaan rabbi jedhaniifii waan kitaabni qulqulluun mirkaneessitu kan tokkolleenuu rabbiin hinagarre sagalee isaatis hindhageenye jedhu?

·      yahuudaafii maatiin nabiyyullaahi iisaa isa hinagarree sagalee isaa hindhageenyee?

·      akkamitti towraatiifii injiil rabbiin nam tokkollee isa hinargu isa hindhagayu jechaa murteessitee osoo jirtuu akkamitti namni iiisaan mul'atu kan sagaleen isaa dhagayame isaan rabbi yookaan ilma rabbiiti jedhan? iccitii dhokataa waayee rabbii keessatti ifa hinbahintu jiraa?

 toowraat kana nimormiti. akkana jechuudhaan yeroo rabbirraa ibsitu: ''ani anumaatu rabbi namalee rabbiin biraa hinjiru. ani iccititti hindubbanne kaayyoo kiyyas dhokataa hingoone. ani anumaatu Rabbi , ani dhugaadhan dubbadha,ani waan dugaatahe beeysisa''. (isaayyaas19:45)


 amma adeemsa keenya kan dhugaa barbaaduu gara macaafa qulqulluufii qur'aana kabajamaa haa deebifannuu. Adeemsa kana booda yaaddoo guutuudhaan, ija xiinxallaatiin, garaa qulqulluudhaafii amantummaadhaan kitaaba tana keessattuu keewwata asii gaditti dhihaatan yoo dubbistan ilaalcha keessan beekuu nibarbaada.

Rabbiin tokkicha haqaati (wangeela keessatti):

v Dhagayi yaa israa'iil: Rabbiin gooftaa keenya inni tokkicha.

(daawit 6:4)

v Rabbiin tokkichi lubbuu jireenyaa nuuf hinuumnee,rizqii nuuf hinkenninee?

 (malaachi 2:15)

v akka beeytanii natti amantaniifi akka hubattaniifi ani anumaatu Rabbi,nadurattis Rabbiin hinjiru, nabooddattis Rabbiin hinjiraatu. Ani anumaatu Rabbi namalee fayyisaan hinjiru.

(isaayyaas 43:10-11)

v Ani anumaatu dura anumaatu boodasi namalee Rabbiin hinjiru. kan akka kiyyaa eenyu?

(isaayyaas 44:6)

v Ani anumaatu Rabbii isa malee gooftaan biroo hinjirree mitii? anumaatu kan tola ooluufii kan fayyisus ana. kanbiroo namalee hinjiru.

(isaayyaas 45: 21)

Rabbiin haqaa tokkicha wangeela keessatti (kakuu haarawa) keessatti.

v jiruun gaariin zalaalam ati Rabbii haqaa tokkicha tahuukee sibeekanii eyyeesuus kan ati ergite tahuu beekuudha..

(wangeela yohaannis 17:3)

v Rabbiin gooftaa keessanii gabbaraa,isuma qofaaf tajaajila godhaa.

(wangeela maateewoos 4:10)

v yaa israaiil dhagayi: gooytaan keenya Rabbii tokkicha. Rabbiin tokkicha isamalee kan biroo hinjiru.

(wangeela marqoos 12:28-33)

v Rabbiin tokkicha, jiddu jireeysi namaafii rabbi jidduu tokkuma,sun nama maqaan iyyeesuus jedhamu.

 (ergaa duraa gara ximootwoostti 2:5)

v  tokkoon isaanii isatti dhufee akkana isaan jedhe: kabajmoo gaarii, mee wanni gaariin isa hojjadhee jiruu zalaalam isaan argadhu maali?" (iisaan) deebisaa godhe: ((maaliif gaarii jettee nayaamta? gaariin Rabbii tokkicha malee hijiru)) (wangeela mateewoos 19: 16-17akka kooppii mootii jemsiitti)

Rabbiin tokkicha haqaati qur'aana keessatti:

v ((jedhi inni Rabbii tokkicha. Rabbiin abdatamaadha. hindhalle hindhalannes tokkolleen hiriyaa isaaf hintaane)).

lakkoofsi suuraa 113: aayata 1-4

v (gooytaan haqaa namalee hinjiruu nagabbaraa)).

lakkoofsi suuraa:21 aayanni 25)

v ((warreen rabbiin sadeessaa sadeeniiti jedhan dhugumatti kafaran, Rabbii tokkicha malee rabbiin biraa hinjiru, yoo waan jedhan kanarraa dhoowwamuu baatan warreen isaanirraa kafaran azaabni laaleessa tahe isaan tuquuf jiraata)).

 (lakkoofsi suuraa:5 aayata 73)

v ((Rabbiin keessan Rabbii tokkicha)).

(lakkoofsi suuraa:37 aayata 4)

 v ((mee Rabbiin biraa Rabbiin wajji nijiraa? yoo warra dhugaa taatan ragaa keessan fidadhaa jedhiin)). lakkofsa suuraa 27 aayata 64)

 xumura

Ragaaleen tuniifi tanneenbiroo tan dhibba heddutti lakkaawamtu wangeelaafii qur'aana kabajamaa keessatti argamtu Rabbiin tokkicha shariika hinqabne tahuu akka shakkii hinqabnetti namaaf mirkaneessiti,kitaabni wangeelaa akkana jedha"yaa israa'iil dhayi: Rabbiin gooytaa keenya Rabbii tokkicha... Rabbiin tokkicha kanbiroo isa malee hinjiru"(wangeela marqoos 12:8-33). Qur'aanni kabajamaanis dubbii tana akkanatti ibse: (Rabbiin tokko jedhi) (lakkoofsi suuraa 113: aayata1).

kitaabni wangeelaatis Rabbiin tokko qofa jedhee hindhiisne, kan uumeefii kan araaramu isuma qofa tahus ni mirkaneessa"akka beeytanii hubattanii amantaniifi ani Rabbiin anuma, naduras Rabbiin hinjiru, naboodas Rabbiin hinjiru. ani anumaatu Rabbi, namalee kan araaramu hinjiru"isaayyaas 43:10-11).

 kanaan ifatahee jira dogoggora tahuun jecha iisaan yookaa hafuurri qulqulluun rabbi jedhu.ragaa tokkollee hinqabu.isaan kuni umaa Rabbiiti, homaa harkaa hinqaban, isaan gabbaramtootaa miti, fakkii Rabbiitillee miti qaama rabbiin keessa qubatullee miti. fakkaataan akka isaa hinjiru akka wangeelaafii qur'aannis ibsanitti.

Rabbiin yahudarratti dallanee jira sababaa isaan jallatanii Rabbiin malee taabota gabbaraniif jecha"dallansuun rabbii isaanirratti buute"(lakkoofsa 3:25),muusaan jibicha isaanii kan warqii nicaccabse.

gama birootiin gareen tokkummaa Rabbiitti amantee kiristaanarraa roorroofii miidhaa hedduutu isii mudate waan Rabbitti amante qofaaf jecha.waan barnoota iisaa kan tokkummaa Rabbii mirkaneessu jirjiiruu diddeef jecha.waan jallina sadeessu kan phawloosiifi gareen isaa baaste waan diddeef jecha.

ijoon dubbii,Rabbiin aadam,nuuh,ibraahiim,muusaa,iisaa,muhammadi fii nabiyyootaafii ergamtoota hunda (nagayaaf rahmanni isaanirratti haa bu'uu) wanni ergeef akka ilmanama Rabbitti amanutti yaamaniifi, akka ibaadaa isaaf qulqulleesutti yaamaniifi, akka isa tokkichoomsanii shariika isaaf hingooneefi. tuni ergaa isaanii takkittiidha.

eega ergaan anbiyootaa takka taate amantiin isaaniitis takka. egaa amantiin anbiyoota kanneenii maali?

Rabbiif ajajamuun ergaa nabiyyoota sanii hundaati. jechi Rabbiif ajajmuu jedhu hiikkaan isaa akka afaan arabaatti islaama jechuudha.

islaamummaan amantii haqaa, tan nabiyyoota hundaa tahuu, tahuu qur'aanni kabajamaan nimirkaneessa.dhugaa qur'aanni ibse kana kitaaba wangeelaa keessattis nimul'ata.(dhugaa kana kitaaba keenya kan itti aanutti kan jala buunee qopheessinu taha. yoo Rabbiin jedhe).

dhumarratti,bilisoomuuf ergaa kana kana fudhannee qalbii qulqulluun itti amanuu nu barbaachisa. ammoo hojiin kuni qoftiin gayaadhaa miti!nabiyyootaafii ergamtoota Rabbii hundatti amanuu barbaachisa. (kuni nabiyyu muhammaditti amanuu ufkeessaa qaba)seera isaanii jala deemuufii itti hojjachuu. kunoo karaan jiruu gammachuu zalaalam kana.

yaa nama qalbii qulqulluun dhugaa barbaaddu kan bilisoomuu barbaaddu, waayee kana osoo yeroon si hindabarre itti yaaduu barbaachisa. duuti dingata sitti dhufuun duratti! eenyubbeeka yoom akka taate?

eegaa xiinxallitee gadi lallaalte booda dhimma cimaa kana keessatti qalbii qulqulluufii dammaqtuu taaten murteessuu qabda.amma Rabbiin tokkicha goofta haqaa kan shariika hinqabne tahuu ragaa bahi, muhammadis nabiyyiifii ergamaa Rabbii kan akka nuuh, ibraahiim, muusaa,iisaa tahuu isaa mirkaneessi.

v kunoo amma shahaadaa jechuu

v nidandeessa.jechoota kana.

shahaadaan tuni tarkaanfii duraati karaa jiruu gaarii zalaalamitti, akkasuma isiin bantuu hulaa jannataati.

 ( jeedhiin yaagabroottan kiyyaa kan lubbuu isaanii irratti daangaa dabartan! rahmata Rabbii irraa abdii hinmuratinaa. dhugumatti Rabbiin balleessa hunda ni araarama. inni araaramaadha, rahmatallee godhaadha. gama Rabbii keessanii deebi'aa isaaf ajajamaa osoo azaabni isinitti hindhfneen duratti, eegasii hintumsamtan. osoo dingata isinii quba hinqabne azaabni isinitti hindhufneen durattigaarii waan isinirratti buufamee (qur'aana) jala deemaa.)qur'aana kabajamaa -lakkoofsi suuraa:39 aayaata 53-55

ammas waan birootu jira...

 yaada dhumaa:

qabxiilee kanaafii kanneen biraatis barruule tiyya tan itti aantu keessatti bal'inaan ibsa yoo Rabbi fedhe.

sirreefama niqeeballa.