Tawassula heyyamamaa fii dhoowwamaa ()

 

kitaaba kana keessatti tawassulli hayyamamaafii kan dhoowwaa tahes kan akkam akka tahe ragaadhaan (daliilaan) wajji ibsamee jira.
Tawassula heyyamamaa fii dhoowwamaa

|

Tawassula heyyamamaa fii dhoorgamaa

التوسل المشروع والممنوع

بسم الله الرحمن الرحيم

الحمد لله رب العالمين وصلى الله وسلم على نبينا محمد وعلى آله وصحبه أجمعين 

Faaruun hunduu kan Rabbii Gooftaa aalamaati. Rahmataafi nageenyi Ergamaa Rabbii xumura nabiyyootaa irra, maatii isaanii, sahaabota isaaniifi namoota hanga Guyyaa Qiyaamaatti isaan maxxanfatan irra haa jiraatu.

Kana booda: Baay'een beektota Ahlassunnaa wal Jamaa'aa tawassulli[1] eeyyamamuu irratti walii galaniiru. Kana irratti aayatootaafi hadiisota ragaa godhatan. Garuu Muslimoonni gariin akkaataan tawassula Qur'aana, hadiisaafi gocha salafa ummata kanaa keessatti dhufee hubatamuufii dide. Isarraa hubannoo dogongora bu'uura Islaamaafi qajeelfama Nabiyyiitiin (saw) wal faallessu hubatan. Sanarratti immoo hadiisa da'iifaafi kijiba namtolchee ragaa godhatan. Sanarra fagooyyuu deemanii keeyyattoota Qur'aanaa waa'ee tawassulaa keessatti dhufe jallisanii hiika hubannoo isaanii dogongora kanaan wal galutti hiikan.

Nuti yeroo hubannoo ragaa Qur'aanaafi hadiisaa keessatti wal dhabne gara hubannoo salafoota gaggaariitti akka deebinu beekamaadha. Sababni isaas isaan yeroon isaanii wahyii lamaan kanatti irra dhihoodha. Isaan warra jaarraa filatamtuu Nabiyyiin (saw) ragaa bahaniifiidha: "caalaan namootaa jaarraa kiyya. Ergasii warra itti aananu. Ergasii warra isaanitti aananu." Bukhaariitu gabaase.

Kanarraa ka'uudhaan Muslima Rabbiifi ergamaa Isaatti amane hundarratti fedhii irraa fagaachuun dirqama ta'a. Inni karaa Rabbii irraa ni jallisa. Waan salafoonni gaggaariin irra turan hordofuutu isarra jira. Haasawa kanarraa ka'een ibsa ishee dubbiin keessatti baay'atee akka warra bida'aafi fedhii isaanii jala deeman irraa argaarru miilli ishee keessatti mucucaatte kana addeessuun barbaade. Rabbiin gargaarsifadheen ragaalee waa'ee tawassulaa keessatti Qur'aanaafi hadiisa keessatti dhufe walitti qabe. Niyyaa keessatti ikhlaasa qabaachuufi yaada keessatti dhugaa qunnamuun Rabbiin kadha. Inni arjaa kabajamaa waan ta'eef.

 Hiika tawassulaa

Tawassula jechuun akka lughaa Arabaatti sababa gara kaayyoo wahiitti nama dhaqqabsiisu, gara waan barbaadamuutti dhihaachuu, kajeellaan gara isaatti dhaqqabuuudha. Inni hiika biraas ni qaba: mootii biratti sadarkaafi dhiheenya qabaachuudha.

Tawassulli akka seera sharii'aatti sababa sharii'aadhaan eeyyamamaa gara Rabbiitti nama dhiheessu, ibaadaa ittiin gara jaalala Rabbiittiifi gara waan arraba ergamaa Isaatiin inni karaa godheetti nama dhaqqabsiisu godhachuudha. Kunis sadarkaa ol aanaa Rabbiin biratti argachuu yookiin bu'aa fiduufi miidhaa deebisuudhaan dhimma baasuu, yookiin waan addunyaafi aakhiraatti barbaachisu argachuudhaafi. Gara Rabbiitti tawassula godhachuun (dhiheenya barbaaduun) waan inni eeyyameen malee hin ta'u.

Tawassulli waa sadii irratti ijaarama:

1. Kan gara isaatti dhihaatamu; inni Rabbii guddaadha.

2. Isa dhihaachuuf barbaadu. Inni gabricha dadhabaa haajomaa dhimmi isaa furamuufii barbaaduudha.

3. Waan ittiin dhihaatamu. Inni hojii gaarii ittiin garii Rabbiitti dhihaatamuudha.

Akka tawassulli kun bu'a qabeessa ittiin gara Rabbiitti dhihaachuun argamee dhimmi furamuuf jecha ulaagaleen armaan gadii eegamuun dirqama. Isaanis:

·     Gabrichi gara Rabbiitti dhihaachuu barbaadu Mu'umina gaarii ta'uudha. Hojii isaatiinis fuula Rabbii barbaaduu qaba.

·     Hojiin inni ittiin gara Rabbiitti dhihaatu waan Rabbiin ittiin gara Isaatti dhihaachuuf eeyyame ta'uu qaba.

·     Hojichi waan karaa godhame kan sunnaa Ergamaa Rabbiitiin (saw) wal galu kan isarratti hin ida'amneefi irraa hin hir'fne ta'uu qaba. Yeroofi bakka isaaf daangeffame keessatti malee hin hojjatu.

Kanarraa ka'uudhaan hojiin nama Mu'umina hin taanee gara Rabbiitti nama hin dhiheessu. Akkasumas bida'aan gara Rabbiitti nama hin dhiheessitu.

 Gosoota tawassulaa

Beektoleen sunnaa tawassula gosa lamatti qoodan: isaanis tawassula eeyyamamaafi tawassula hin eeyyamamneedha.

 1.    Tawassula eeyyamamaafi gosoota isaa

Tawassulli eeyyamamaan ibaadaa waajibaafi sunnaadhaan jecha, gocha yookiin amantii ta'us waan Rabbiin jaalatuun gara Rabbiitti dhihaachuudha.

1. Maqoolee Rabbii gaggaariifi sifaata Rabbii ol ta'aadhaan isatti dhihaachuudha. Maqoolee Rabbii gaggaariifi sifaata Rabbii ol aanaadhaan Rabbitti dhihaachuun gosoota tawassulaa keessaa isa irra guddaafi irra gabricha fayyaduudha. Ragaan kanaa immoo jecha Rabbii ol ta'eeti: "Rabbiif maqoolee gaariitu jiraa isheedhaan Isa kadhaa." (Al-a'araaf: 180). Kana jechuun maqaa Isaatiin Isatti dhihaataa Rabbiin kadhaa jechuudha. Kun maqaa maqoolee Rabbiifi sifaata sifata Rabbii irraa ta'een Rabbitti tawassula godhachuun ni ta'aa akeeka. Kun waan Rabbiin isa jaalatuufi fedhu irraayi. Kanaafuu Ergamaan Rabbii (saw) hojiirra oolchaa turan. Waan Ergamaan Rabbii (saw) ittiin du'aa'ii kadhatan ittiin du'aa'ii kadhachuun nuuf eeyyamamaadha. Du'aa'iin sahaabaa, taabi'ootaafi warri isaan hordofaniis akkasuma nuuf eeyyamama.

2. Hojii gaarii namni du'aa'ii kadhatu sun duraan hojjateen Rabbitti dhihaachuudha. Fakkeenyaaf ni jedha: Yaa Rabbi iimaana ani sitti amaneen, jaalalan siif qabuun, hordoffii ani ergamaa Kee (saw) hordofuufi amantii ani isatti amanuun rakkoo kana narraa furi. Akkasumas namni du'aa'ii godhu sun hojii gaarii isaa kan fuula Rabbii qofa barbaachaaf hojjate dubbatee ittiin Rabbiin kadhachuun kanarraayi. Fakkeenyaaf akka Rabbitti amanuu, salaata, sooma, jihaada, Qur'aana qara'uu, zikrii, Nabiyyii (saw) irratti salawaata jechuu, araarama kadhachuu, hojii khayrii hojjate hundaafi hojii hamtuu dhiisee hunda. Ragaan kun karaa godhamuu jecha Rabbii ol ta'eeti: "Isaan warra “Gooftaa keenya! Dhugumatti, nuti amanneerra; kanaaf badii keenya nuuf araarami; adaba ibiddaas nu baraarsi” jedhaniidha." (Aala Imraan: 16). Hadiisa irraa immoo seenaa namoottan sadan holqa seenan nuun duraati. Namoonni sadii holqa seennaan dhagaan isaan irratti cufamte. Hojii isaanii irra gaarii taateen Rabbiin kadhatanii isheedhaan gara Rabbiitti dhihaatan. Rabbiin isaan irraa saaqee rakkoo isaaniis fure. Hadiisicha Bukaariifi Muslimtu gabaasan.

3. Du'aa'ii namoottan gaggaariitiin gara Rabbiitti dhihaachuu (tawassula godhachuudha). Fakkeenyaaf Muslimni tokko rakkoo cimaa keessa seenee ofii isaatiif immoo haqa Rabbii hanqisuu isaa beeka. Achumaan sababa cimaa gara Rabbiitti isa dhiheessu fedhee gara nama gaarii kan sodaa Rabbii, beekumsa Qur'aanaafi hadiisaa qaba jechuu yaadu bira deemee akka inni Rabbii isaa rakkoo irraa kaasuuf du'aa'ii godhuuf irra barbaada. Tawassula gosa kana akka inni eeyyamamaa ta'e ragaa baay'eetu akeeka. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "yaa Rabbii keenya nuufi obboleeyyan keenya warra iimaanaan nu dursaniif araarami." (Alhashr: 10). Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "du'aa'iin Mu'uminni bakka inni hin jirretti obboleessa isaatiif godhu qeebalamtuudha." Muslimtu gabaase. Kana irraa kan biroo immoo waan Anas odeesse: "Umar bin Alkhaxxaab yeroo roobni bade Abbaas bin Abdul Muxxalibiin akka inni rooba Rabbirra isaaniif barbaadu gaafata ture. Ni jedhe: 'yaa Rabbi nuti Nabiyyii keenyaan (saw) sitti dhihaanna ture; nu obaafta ture. Amma immoo wasiila (abbeeraa) Nabiyyii (saw) keenyaatiin gara keetti dhihaannaa nu obaasi.' Kan obaafamu turan." Bukhaariitu gabaase. Hiikti jecha Umar kun 'nuti gara Nabiyyii (saw) keenyaa dhaqnee akka isaan du'aa'ii nuuf godhan irra barbaannee du'aa'ii isaaniitiin gara Rabbiitti dhihaanna. Amma immoo isaan gara Rabbii deemaniiru. Kanaafuu isaan nuuf kadhachuun kana booda hin mijaa'u. Nuti gara wasiila Nabiyyii keenya (saw) Abbaas dhaqnee du'aa'ii nuuf godhuu irraa barbaanna' jechuudha.

Kun gosoota tawassula eeyyamamoo sadi. Tawassulli kanaan ala jiru ragaa hin qabu. Gosoonni sadan kun hukmiin isaanii garaagara. Isaan keessaa kan dirqama ta'utu jira. Fakkeenyaaf maqooleefi sifaata Rabbiitti tawassula ta'uu, iimaanaafi tawhiidaan tawassula ta'uun dirqama. Isaan keessaas kan jaalatamaa ta'utu jira. Fakkeenyaaf hojii ofii gaariidhaan yookiin du'aa'ii nama gaariitiin tawassula ta'uu.

 2.    Tawassula dhorgamaafi akaakuu isaa

Inni kun jechoota, gochootaafi amantii Rabbiin hin jaalanneen gara Rabbiitti dhihaachuudha.

Tawassulli gosti kun Muslimoota baay'ee tawassula isa jaalatamaa Rabbiin itti kakaase irraa dagatanii irraa garagaluun isa dhorgamaatti yeroo fixanii isa jaalatamaa irraa hoonga'uutti dhaqqabsiise. Hojii isaanii keessatti sababa kanaa hoonga'an.

Amma immoo gara gosoota tawassula dhorgamtuu Muslimootaaf tola yaaduuf, ergaa Islaamaa dhaqqabsiisuufi ishee barsiisuuf jecha dubbanna.

1. Haqa nama tokkootiin yookiin kabajaa isaatiin gara Rabbiitti tawassula ta'uu: tawassula bida'aa irraa tokko kabajaa ummata isaa keessaa nama ta'eetiin Rabbiin kadhachuudha. Fakkeenyaaf namoonni gariin 'yaa Rabbi! Ani kabajaa Nabiyyii kee Muhammadiin (saw) si kadha; yookiin kabajaa gabricha kee abaluutiinin si kadha' jedhu. Yookiin immoo haqa Nabiyyii isaatiin yookiin gabroota isaa irraa nama wahiitiin Rabbiin kadhachuudha. Tawassula gosa kana amantiin Islaamaa hin beeku. Qur'aana Rabbii isa inni waa'ee isaa keessatti "Kitaaba kana keessatti homaa hin hanqifne" jedhe keessattis hin dhufne. Akkasumas hadiisa Ergamaa Rabbii (saw) ishee Abuu Hurayraan waa'ee ishee keessatti "Ergamaan Rabbii (saw) waan hundaa, hanga akka nuti mana fincaaniitti fayyadamnu gahu tokko nu barsiisaniiru" jedhe keessattis hin ibsamne. Gocha sahaabota isaanii keessas hin jiru. Kan Islaamni itti nu ajaje maqooleefi sifaata Rabbiitiin Rabbiin kadhachuudha. Tawassulli bida'aan kun gara shirkii guddaatti dhaqqabsiisuun ni mala. Kunis yoo namichi 'Rabbiin akkuma mootiin tokko waasixaa (waan jidduu deemutti) haajomu itti haajoma' jechuu yaade kufrii ta'a. Sababni isaas Rabbiin uumamatti fakkeessaara. Rabbiin immoo uumama Isaatiin hin madaalamu. Gabricha irraa jaalachuun isaa waan jidduu deemutti hin haajomu. Dallansuu isaa irraas isheen homaa hin fayyaddu.

Uumamni kamuu maleykaa yookiin nabiyyii yookiin ergamaa ta'anus sadarkaan isaa hanga fedhe ga'us Rabbiin isaan madaaluun akka siif hin eyyamamne beeki. Sababni uumamni hunduu uumaa isaaniitti haajomoodha. Rabbiin inni kophaa Isaa uume isa qofatu dureessa waasixaatti hin haajomne. Rabbiin ni jedhe: "Rabbiin ala wantoota samiifi dachii irraa soorata isaaniif hin kennineefi (waan tokko) hin dandeenye gabbaru. Rabbiif fakkeenya hin godhinaa. Dhugumatti, Rabbiin ni beeka; isin hin beektanu." (Annahl: 73-74). Kanaafuu sahaabonni booda Ergamaan Rabbii (saw) du'anii isaaniin tawassula godhachuu dhiisanii akka Abbaas du'aa'ii isaaniif godhu gaafatan. Kana jechuun isaan yeroo Ergamaan Rabbii (saw) lubbuun jiran "yaa Rabbi kabajaa Ergamaa keetiitiin nu obaasi" jedhaa booda isaan du'anii immoo "kabajaa obbaas rooba nuuf kenni" jechuutti goranii miti. Du'aa'ii bida'aa akka kanaa sahaabonni Ergamaa Rabbii (saw) irraa hin baranne. Inni kun kitaaba Rabbii keessatti bu'uura hin qabu. Kanaafuu isa hin hojjanne. Odoo erga namni tokko du'ee isaan tawassula godhachuun kan eeyyamamu ta'ee kan Ergamaa Rabbiitu (saw)  caala ture. Tawassulli akka kanaa akka shirkii Mushrikoota Makkaati: "nuti zaqqoo ta'anii gara Rabbiitti nu haa dhiheessanuuf malee isaan hin gabbarre" akka isaan jedhan Rabbiin nutti hime.

Egaa Rabbiin si haa mararfatuu, yeroo uumamaan tawassula godhachuun yookiin kabajaa isaatti tawassula ta'uun jalqabame, sadarkaan isaa hanga fedhe haa ta'uuyyuu, isa waliin bu'aa buusu yookiin miidhaa deebisuu amannaan, kun shirkii guddaa amantii Islaamaa irraa nama baasu ta'uu bari. Rabbiin nu haa tiksu.

2. Waliyyootaafi warra gaggaarii du'aa'ii kadhachuun, isaaniif nazaruufi isaan birmachiifachuu: namoottan gaggaarii odoo isaan du'anii jiranuu kadhachuun, kabajaa isaaniitiin tawassula ta'uuniifi isaaniif nazaruun 'amantii keessa gonkuma hin jiru; inumaayyuu shirkii tawhiida faallessuudha." Fakkeenyaaf 'yaa sayyidii abaluu! Yaa waliyyii abaluu! Harka kiyya qabi. Waan akkanaa naaf ta'i. Waan akkanaa naaf kadhu. Yookiin ani tika kee keessan jira. Ani siifi Rabbiinin jira' jechuu.  Kun hunduu jechoolee shirkii irraayyi.

Akkuma kana namoota du'aniif nazaruun tawassula eeyyamamaa miti. Fakkeenyaaf 'yaa sayyidii abaluu yoo Rabbiin waan akkanaa naaf kenne waan akkanaan siif godha; yookiin yoo wanti akkanaa naaf argame waan akkanaan siif kenna' jechuu. Nazriin kun hunduu waan Rabbiin malee jiruuf kennameetti fudhatama. Akkasumas ibaadaa waan Rabbiin malee jiruuf godhameedha. Islaamni kana irraa qulqullaa'aadha. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Oyruufi beylada inni uumerraa qooda Rabbiif godhaniiti yaaduma isaaniitiin "kun kan Rabbiiti, kun immoo kan gooftolee keenyaati" jedhan. Wanti gabbaramtoota isaaniitiif ta’e gara Rabbiitti hin ga’u; wanni Rabbiif ta’e immoo gara gabbaramtoota isaaniitti ni ga’a. Wanti isaan murteessan waa fokkate!" (Al-an'aam: 136).

Sababni isaas waan Rabbiin malee jiru irratti hirkachuun, isaan kadhachuun, godoo qabrii isaanii irratti ijaaruun, shaamaa irratti qabsiisuun yookiin gochoonni biroo kan wallaaltonni yeroo ammaa hojjatan hunduu qajeelfama Nabiyyii (saw), kan sahaabota isaaniifi hordoftoota isaaniitii miti. Isaan du'aa'iin hunduu Rabbiif godhamuun dirqamaatti amanu. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Yeroo gabroonni kiyya Ana irraa si gaafatanis “dhugumatti, Ani isaanitti dhihoodha” (jedhiin). Kadhaa kadhataatiif yeroo inni na kadhate nan owwaadha. Akka qajeelaniif jecha naaf haa owwaatanu; nattis haa amananu." (Albaqaraa: 186).

Imaamni abbootii tawhiidaa "du'aa'iin mataa Isaatti ibaadaadha[2]" jechuu isaan barsiisan. Akkamuma du'aa'iin odoo dhuunfaa Rabbii taatee jirtuu waan biraatiif kennamti!

Hojiiwwan kun hunduu jecha tawhiidaa ishee nabiyyoonniifi ergamoonni ittiin ergamaniin wal faallessuu beeki. Inni ibaadaa waan hunda irraa dhabamsiisanii Rabbii tokkicha shariika hin qabneef mirkaneessuudha. Ergamoonni Rabbiin hojii irraa waan gaarii sharii'aan wal galu malee hin qeebaluu ibsan. Rabbiin immoo waan shirkiin ala jiru hundaa  ni araarama. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeeffamuu hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse dhugumatti cubbuu guddaa uumeera." (Annisaa'i: 48).

3. Ruuhii waliyyootaatiif qaluufi awwaala isaanii irra taa'uu

Wanti akka qabrii waliyyootaa, bakka hadraa isaaniifi naannoo godoo isaanii irratti gorra'uu, dhukkubsataa gara sana geessuu, naannoo ishee irra taa'uu, achi buluu, warra awwaala sana keessa jiru irraa fayyuu barbaaduu, isaan waammachuufi birmachiifachuun  gariin wallaalaa Muslimaa hojjatanuufi aadeffatan, kun hunduu bida'aa jalloo Rabbiin karaa hin godhin irraa lakkaa'amti. Inni hojii wallaalota duraaniitiifi Rabbitti waa qindeessuu irraayi. Rabbiin immoo shirkii irraa dhorgeera. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Rabbiin gabbaraa; homaa Isatti hin qindeessinaa." (Annisaa'i: 36). Ammas ni jedhe: "odoma beektanuu Rabbiif shariika hin taasisinaa." (Albaqaraa: 22). Namni dhara kana irra turuufi isarratti argee mirkaneessu hukmiin isaanii waluma qixa. Innis Rabbitti qindeessuudha.

Ati yeroo wallaaltota baay'ee Islaamatti hirkatan kan isaan tawassula bida'aa kana qabatanii tawassula jaallatamaa irraa garagalanii odoma Qur'aana keessa jiraachuu ishee arganuu itti fayyadamuu dhiisan argite si ajaa'iba. Sana dhiisanii gara du'aa'ii ofii tolchanii kan Rabbiin karaa hin goone, Ergamaan Rabbiis (saw) isheetti hin fayyadamne, salafoota keessaa nama tokkorraawuu hin dhufinitti daban argita.

Yaa obboleewwan Islaamaa! Tawassula bida'aa kana mormuu keessatti nuti kophaa hin baane. Inumaa kun amantii Islaamaa keessatti bu'uura. Bida'aan ishee keessa seente hunduu dhorgamtuudha. Inumaayyuu kun adeemsa sahaabotaa, taabi'ootaa, imaamota afraniifi hordoftoota isaaniiti.

 Sababa Muslimoonni waan kana keessatti jallataniif

 Sababa tokkoffaa: sababni inni jalqabaa kan Muslimoonni tawassula dhorgamaa kana keessatti jallataniif taqliida (ragaan maleetti namoota hordofuudha). Kana jechuun waan namni tokko jedhe kan ragaa hin qabne hordofuudha. Kun akka sharii'aatti dhorgamaadha. Namni beekaa tokko qofa hordofu kan odoma ragaan faallaa isaa ta'ee ifa galeeyyuu jecha isaa irraa hin baane muqallida jedhama.

Waan kana irraa Rabbiin bakka baay'eetti Qur'aana keessatti dhorgeera. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Yeroo "waan Rabbiin buusetti amanaa" isaanin jedhames, "Lakkisaa; nuti waan abbootiin keenya hordofaa turan hordofna" jedhu. Sila odoo abbootiin isaanii kan homaa hin beekneefi karaa qajeelaa irra hin jirre ta’anilleemoo?" (Albaqaraa: 170). Beektoleen salafaafi imaamonni ummata kanaa taqliida kana irraa dhorganiiru. Sababni isaas taqliinni sababa wal dhabbiifi hiriira Muslimaa keessatti dadhabina fidduudha. Tokkummaan kan argamu amrii Rabbiifi ergamaa Isaa hordofuufi yeroo wal dhabbii gara isaanii deebi'uudhaani. Kanaafuu sahaabota kan isaan nama tokkollee ragaan malee hordofan hin argitu. Akkuma kana imaamonni afran yaada isaanii irratti hin gogne. Yeroo hadiisni Ergamaa Rabbii (saw) isaanitti dhufe yaada isaanii ni dhiisu turan. Isaan hiika jecha Rabbii armaan gadii ni hubatu turan: "Waan Gooftaa keessan irraa gara keessanitti buufame hordofaa. Jaalallee (biraa) isaa gaditti hin hordofinaa. Xiqqoo qofa gorfamtu." (Al-a'araaf: 3).

Sababa lamaaffaa: Aayatootaafi hadiisota garii dhiisanii garii qofa qabachuu. Kanuma waliin aayatoonni sun kaayyoo isaanii hin akeektu. Yaada isaaniis hin deeggartu. Inumaa isaantu hiika ishee sirrii ta'e hin hubatin yookiin immoo hiika dhugaa irraa fagoo ta'etti jallisanii hiiku. Aayattoota kana keessaa tokko "Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa. (Wasiilaa) waan ittiin gara Isaatti dhihaattanus barbaadaa. Akka milkooftaniif jecha karaa Isaa keessattis qabsaa’aa" kan jedhuudha. (Almaa'idaa: 35). Wasiilaan bakka kanatti fedhame hojii khayrii Rabbiin jaalatu hojjachuudhaan Isatti dhihaachuudha. Kun immoo jidduu warra tafsiiraatti wal dhabbiin hin jiru. Inni aayata kana waan Rabbiin malee jiru birmachiifachuudhaaf ragaa godhatan, inni jecha Rabbii bakka isaatiin maleetti hiikuudha. Sababni isaas wasiilaan isheen Rabbiin ajaje hojii gaariidhaan gara Rabbiitti dhihaachuudha malee isa jarri jedhanii miti. Kana keessatti jidduu warra tafsiiraa wal dhabbiin hin jiru.

Ammas hadiisa hiikti isaa isaan irratti wal makate keessaa tokko hadiisa isa Umar Abbaasiin tawassula godhateedha. Akka isaan jedhanitti sababa Abbaas Ergamaa Rabbiitiif (saw) fira ta'eef qaama isaatiin tawassula godhate[3] jedhu. Warra kanaan ni jenna: 'yoo akkas ta'e Yaziid bin Al-aswad Aljarshii inni Mu'aawiyaafi Muslimoonni yeroo sanaa rooba buusuudhaaf isaan tawassula taanaan Yaziid ka'ee du'aa'ii kadhannaan Rabbiin rooba buuse hoo maaliif ree?' Akkuma kana hadiisini namicha jaamaa isa Ergamaa Rabbiitiin (saw) "akka Rabbiin na fayyisu du'aa'ii naaf kadhaa" jennaan Ergamaan Rabbii (saw) "yoo feete siifan kadha; yoo feete immoo ni obsita inni siif caalaadha" jedhan. Innis naaf kadhu jedhe. Achumaan Ergamaan Rabbii (saw) wuduu'achuufi wuduu isaa gaaromsee du'aa'ii kana kadhachuu isa ajajan: "yaa Rabbi ani Nabiyyii kee Muhammadiin nabiyyii rahmataatinin gara keetti dhihaadha. Yaa Muhammad ani jiruu kiyya keessa akka dhimmi kiyya bahuuf siinin gara Rabbii kiyyaatti dhihaadha. Yaa Rabbi magantaa isaa naaf qeebali." Haala ijji isaa argeen deebi'e. Hiikti hadiisicha ifaadha. Inni Ergamaa Rabbii (saw) irraa du'aa'ii kadhachuufii barbaade. Akkasumas akka Rabbiin du'aa'ii Nabiyyiin (saw) isaaf godhanu qeebalu kadhate.

Sababa sadaffaa: hadiisa da'iifaafi mawduu'a isa namni ofii tolche kan bu'uura hin qabneen hojjachuudha. Inumaayyuu yeroo garii bu'uura amantii Islaamaa kan faallessitu taati. Akka fakkeenyaatti hanga ta'e dubbanna.

-      (Kabajaa kiyyaan tawassula godhaa; kabajaan kiyya Rabbiin biratti guddaadha.) - (Yeroo Aadam badii hojjatu 'yaa Rabbi haqa Muhammadiinin akka naaf araaramtu si kadha' jedhe. Achumaan Rabbiin 'yaa Aadam odoo ani hin uumin Muhammadiin akkamitti barte?' jedhe. Innis 'yaa Rabbi yeroo ati harka keetiin na uumtee lubbuu kee irraa na keessatti afuuftu mataa kiyyan ol kaase. Achumaan miiloo Arshii irratti 'laa ilaaha illallaah; Muhammadun rasuulullaah' kan jedhu barreeffamee arge. Achumaan akka ati irra jaalatamaa uumama keetii gara maqaa keetiitti hirkifte bare' jedhe. Achumaan Rabbiin "siif araarameera; odoo inni hin jirree siyyuu hin uumun ture" jedhe.) Azzahabiin miizaan keessatti "kun odoo dhara namtolcheedha" jedhe. (namni mana isaa irraa gara salaataa bahee "yaa Rabbi ani haqa warra si kadhataniitiinin si kadha; ammas haqa adeemsa kiyyaatiinin si kadha" jedhe ….) kunis da'iifa. Shaykhul Islaamiifi Azzahabiin da'iifa godhan.

Dhuma irratti wanti gabricha Rabbiin tokkoomsu irratti dirqama ta'u tawassula dhorgamtuu hunda irraawuu fagaachuudha. Sababni isaa isheen gara shirkii guddaa yookiin shirkii xiqqaa yookiin gara bida'aatti dhaqqabsiifti waan ta'eef. Akkuma kana kun du'aa'ii keessatti daangaa taruudha. Kanaafuu qeebalamuu dhiisuuf wabiidha. Sababni isaas Rabbiin waan sharii'aan wal gale malee hin qeebalu waan ta'eef. Akkuma kana mu'umina irraa kan barbaachisu du'aa'ii Qur'aanaafi hadiisa keessa jiru irratti jabaachuutu barbaachisa. Sababni isaas isheen qeebalamuutti irra dhihoodha; akkuma kana du'aa'itti keessa mindaa guddaatu jira.

Kajeellaan… yaa Rabbi maqoolee kee gaggaariifi sifaata kee ol aanaadhaan, iimaana sitti amanneen, jaalalaafi hordoffii nabiyyii kee nabiyyii rahmataatiif qabnuufi hojii keenya ishee fuula kee qofa barbaannee hojjanneen si kadhataa gara keetti dhihaannee gabroota kee warra si tokkoomsanu, karaa kee keessatti waamaa hojjatan nu taasisuu si kadhanna. Akkasumas qajeelfama Nabiyyii keetii (saw) irra nu kaa'uu, haqa irratti gadi nu dhaabuufi diinota keenya irratti nu tumsuu si kadhanna. Ati dhaga'aa du'aa'ii qeebalu waan taateef. Rabbiin nabiyyii keenya Muhammad, maatii isaanii, sahaabota isaaniifi namoota hanga Guyyaa Qiyaamaatti isaan jaalatan irratti rahmataafi nageenya haa buusu.



[1] Tawassula jechuun gabaabinaan waan gara Rabbiitti nama dhiheessanu jechuudha. Akka sharii'aan karaa godhetti wantoonni Rabbitti nama dhiheessan inni jalqabaa Maqooleefi sifaata Rabbiitiin Isa kadhachuudha. Inni lammaffaa immoo hojii gaarii hojjataniin Rabbitti dhihaachuu yoo ta'u inni dhumaa immoo du'aa'ii nama gaarii lubbuun jiru kan isaaf Rabbiin kadhachuu danda'uutiin Rabbitti dhihaachuudha. Kana sadaniin ala wanti ittiin Rabbitti tawassula ta'an sharii'aa keessa hin jiru. Fakkeenyaaf zaata namaatiin, haqa namaatiifi kabajaa namaatiin tawassula ta'uun tasumaayyuu hin jiru. Kana kitaabonni baay'een dubbataniiru.

[2] Tirmiziitu gabaase.

[3] Yaada isaanii kun sirrii akka hin taane beekamaadha. Umar kan inni ittiin tawassula ta'e du'aa'ii Abbaas malee qaama isaatiinii miti. Odoo qaamaan ta'ee maaliif awwaala Ergamaa Rabbii (saw) bira dhaqee tawassula hin ta'u ture? Kanaafuu Abbaasis ka'ee du'aa'ii godhe malee taa'ee zaata isaatiin rooba hin buufne.