Barruu Gabaabduu Waa’ee Soomanaafii zakaa

> oromo <

Qopheessaan: Shaykh Abdullaah bin Abdul Aziiz ibn Baaz

—™

Kan hiike: Gaalii Abbaaboor Abbaaguumaa

Gulaala – ustaz Jamaal Muhammad Ahmad

بسم الله الرحمن الرحيم

الحمد لله رب العالمين وصلى الله وسلم على نبينا محمد وآله وصحبه أجمعين

 1.     Maqaa Rabbii akkaan marafataa rahmata godhaa ta'eetiin

Faaruun kan Rabbii tokkichaati. Rahmanniifi nageenyi Nabiyyii booda isaatii nabiyyiin biraa hin jirre irra haa jiraatu.

Kana booda:

Wantoonni jechoota kana barreessuutti na kakaase zakaa ishee Muslimoonni baay'een waa'ee ishee keessatti laafan, gaheen ishee guddaafi arkaana Islaamaa isa ijaarsi Islaamaa isarratti malee hin dhaabanne shanan keessaa tokko ta'uu waliin bifa sharii'aan karaa godheen baasuu dhiisan keessatti namoota gorsuufi dirqamummaa ishee yaadachiisuudhaafi. Nabiyyiin (saw) ni jedhan: "Islaamni waa shan irratti ijaarame: 'dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru; Muhammad immoo Ergamaa isaatii' ragaa bahuu, salaata sirna ishee guutanii salaatuu, zakaa kennuu, Ramadaana soomuufi Manicha (ka'abaa) hajja'uudha." Muttafaqun alayhi.

Zakaa Muslimoota irratti dirqama godhuun irra mullataa miidhagina Islaamaati; akkasumas sababa faayidaan ishee baay'ee ta'eef, hiyyeeyyiin Muslimoota ta'an itti haajomuun dirqama ta'eef karaa ittiin Islaamni dhimma miseensa isaa tiksu isa guddaadha. Bu'aa ishee keessaa tokko haada (finyoo) jaalalaa jidduu dureessaafi hiyyeessaatti raggaasisuudha. Sababni isaas lubbuun kamuu nama tola itti oole jaalachuu irratti uumamte waan ta'eefi.

Kan biroo immoo lubbuu yakkaafi doynummaa irraa qulqulleessuu, haala doynummaa irraa ishee fageessuudha. Kana immoo Qur'aanni akeekee jira. Rabbiin ni jedhe: "Qabeenya isaanii irraa sadaqaa isheedhaan isaan qulqulleessituufi isaaniif dabaltuun fuudhi." (Attawbaa: 103).

Ammas bu'aa zakaa irraa kan biroo isheen amala arjummaafi abbaa dhimmaatiif garaa laafuuti.

Akkasumas barakaa, dabalataafi bakka bu'aa Rabbiin biraa argamsiifachuudha. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "waan isin homa ta'e irraa kennattan Inni bakka isa buusa; Inni caalaa warra sooraniiti." Nabiyyiin (saw) hadiisa sahiiha keessatti ni jedhan: Rabbiin ol ta'e ni jedha: "yaa ilma Aadam arjoomi; siif arjoomama." Kana malees zakaan bu'aalee biroo baay'ee qabdi.

Nama ishee doynoome yookiin ishee kennuu keessatti hanqise ilaalchisee dinniinni guddaan dhufeera. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{وَالَّذِينَ يَكْنِزُونَ الذَّهَبَ وَالْفِضَّةَ وَلَا يُنْفِقُونَهَا فِي سَبِيلِ اللَّهِ فَبَشِّرْهُمْ بِعَذَابٍ أَلِيمٍ (34) يَوْمَ يُحْمَى عَلَيْهَا فِي نَارِ جَهَنَّمَ فَتُكْوَى بِهَا جِبَاهُهُمْ وَجُنُوبُهُمْ وَظُهُورُهُمْ هَذَا مَا كَنَزْتُمْ لِأَنْفُسِكُمْ فَذُوقُوا مَا كُنْتُمْ تَكْنِزُونَ} [التوبة: 34، 35]

"Warra meetaafi warqee kuusatan, kan karaa Rabbii keessatti ishee hin sadaqanne, adaba laalessaan isaan gammachiisi. Guyyaa ibidda jahannam keessatti ishee irratti ho’ifamu, kan addi isaanii, cinaachi isaaniitiifi dugdi isaanii isheen gubamu “Kun waan isin lubbuu keessaniif kuusaa turtaniidha; waan kuusaa turtan dhandhamaa” (jedhamu)."

Wanti zakaan isaa hin kennamne hunduu kuusaa abbaan isaa Guyyaa Qiyaamaa ittiin adabamuudha. Kana hadiisni sahiihiin Nabiyyii (saw) irraa odeeffame akeekeera. Nabiyyiin (saw) ni jedhan:

 عن أبي هريرة قال قال رسول الله صلى الله عليه وسلم "ما من صاحب ذهب ولا فضة لا يؤدي منها حقها إلا إذا كان يوم القيامة صفحت له صفائح من نار فأحمي عليها في نار جهنم فيكوى بها جنبه وجبينه وظهره كلما بردت أعيدت له في يوم كان مقداره خمسين ألف سنة حتى يقضى بين العباد فيرى سبيله إما إلى الجنة وإما إلى النار قيل يا رسول الله فالإبل قال ولا صاحب إبل لا يؤدي منها حقها ومن حقها حلبها يوم وردها إلا إذا كان يوم القيامة بطح لها بقاع قرقر أوفر ما كانت لا يفقد منها فصيلا واحدا تطؤه بأخفافها وتعضه بأفواهها كلما مر عليه أولاها رد عليه أخراها في يوم كان مقداره خمسين ألف سنة حتى يقضى بين العباد فيرى سبيله إما إلى الجنة وإما إلى النار

 قيل يا رسول الله فالبقر والغنم قال ولا صاحب بقر ولا غنم لا يؤدي منها حقها إلا إذا كان يوم القيامة بطح لها بقاع قرقر لا يفقد منها شيئا ليس فيها عقصاء ولا جلحاء ولا عضباء تنطحه بقرونها وتطؤه بأظلافها كلما مر عليه أولاها رد عليه أخراها في يوم كان مقداره خمسين ألف سنة حتى يقضى بين العباد فيرى سبيله إما إلى الجنة وإما إلى النار

 "abbaan kuusaa qabeenya warqeefi meetaa kan haqa isaa hin dhaqqabsiifne (zakaa isaa hin kennine) yeroo Guyyaan Qiyaamaa gahe maaddii sibiilaa ibidda irraa ta'e isaaf taasifamee cinaachi isaafi illeen (cinaan adda) isaa ittiin gubamu malee hin hafu. Hanguma qabbanooftuun isaaf deebifamti. Kun immoo hanga Rabbiin guyyaa dheerinni isaa waggaa kuma shantama ta'e keessatti jidduu garboota isaa murteessutti itti fufa. Ergasii karaan isaa gara jannataa yookiin ibiddaa ta'uun argama." Sana booda Ergamaan Rabbii (saw) abbaa gaalaa, kan looniifi busaa'ee warra zakaa isaanii hin kennine dubbatanii akka isaan Guyyaa Qiyaamaa ittiin adabamanus himan.

Ammas Ergamaa Rabbii (saw) irraa hadiisa sahiihaan dhufee:

 عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِي اللَّه عَنْه قَالَ قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهم عَلَيْهِ وَسَلَّمَ "مَنْ آتَاهُ اللَّهُ مَالًا فَلَمْ يُؤَدِّ زَكَاتَهُ مُثِّلَ لَهُ مَالُهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ شُجَاعًا أَقْرَعَ لَهُ زَبِيبَتَانِ يُطَوَّقُهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ ثُمَّ يَأْخُذُ بِلِهْزِمَتَيْهِ يَعْنِي بِشِدْقَيْهِ ثُمَّ يَقُولُ أَنَا مَالُكَ أَنَا كَنْزُكَ ثُمَّ تَلَا ( لَا يَحْسِبَنَّ الَّذِينَ يَبْخَلُونَ ) الْآيَةَ"

Nabiin Rabbii ni jedhan "Namni Rabbiin qabeenya isaaf kenninaan zakaa isaa kennuu dhiise, guyyaa Qiyaamaa jawwee (bofa guddaa) mataa moluu kan gaafa lama qabu taasifamee Guyyaa Qiyaamaa isatti fannifama. Ergasii hidhii isaa lamaan qabateeti 'ani kuusaa keeti, ani qabeenya keeti' isaan jedha. Sana booda Aayata kana qara'an: "Warri waan Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenneen don’oomanu inni isaaniif gaarii ta'uu hin yaadin. Dhugumaatti inni isaaniif badaadha. Fuulduratti wanti isaan ittiin don’ooman Guyyaa Qiyaamaa (bofa ta’ee) isaanitti fannifama. Dhaalli samiifi dachii kanuma Rabbiiti. Rabbiinis waan isin dalagdan beekaadha. (Aala Imraan:180)." Bukhaariitu gabaase.

Zakaan waa afur keessatti dirqama taati. Kan duraa midhaaniifi fuduraa dachii irraa bahu. Lammaffaan beelladoota tikfamtu. Sadaffaan warqeefi meetiidha. Kan dhumaa qabeenya daldalaati.

Gosoota afran kana hundaafuu nisaaba[1] murtaa'aa kan zakaan sanaa gaditti dirqama hin taanetu jira. Nisaabni midhaaniifi fuduraa fe'isa shan. Fe'isni tokko saa'ii Nabiyyiitiin (saw) saa'ii jahaatama. Fe'isni shanan kun tamrii, zabiiba, qamadii, ruuzii, garbuu yookiin kkf ta'us saa'ii Nabiyyiitiin (saw) saa'ii dhibba sadii ta'a. Saa'iin tokko harka nama uumamni isaa jiddu galaatiin hammaarrii harkaa guutuu afuri. Kana irraa kan dirqama ta'u yoo midhaan yookiin fuduraan sun rakkoon maleetti waan akka roobaafi laggeen callisee yaa'uun guddate ta'e tokko kurnaffaa isaa zakaa kennuudha. Yoo ta'aabii akka waraabanii obaasuutiin yookiin maashinii bishaan baasuun obaafame ta'e immoo zakaan isa keessatti dirqama ta'u tokko digdammaffaadha. Kanaan hadiisni Ergamaa Rabbii (saw) irraa sahiiha ta'ee dhufeera.

Nisaabni tikfamtoota gaalaa, looniifi busaa'ee keessatti immoo hadiisa sahiiha ta'e keessatti Ergamaa Rabbii (saw) irraa ibsamee jira. Namni baruu fedhe waa'ee isaa keessatti beektota gaafachuu danda'a. Odoo gabaabsuu fedhuu baannee silaa asittis ni dubbanna ture.

Nisaabni meetii (fiddaa) immoo misqaala dhibbaafi afurtama. Inni dirhama Arabaa kan biyya Su'uudii duraaniitiin riyaala shantamii jaha. Nisaabni warqee immoo misqaala digdama. Qixni isaa juneehii Su'uudiitiin juneehii kudha tokkofii sadi torboffaa (11 3/7) ta'a. Giraamaan immoo sagaltamii lama[2] ta'a. Dirqamni isaan lamaan keessa jiru tokko digdammaffaadha. Kunis yeroo waggaan irra naanna'eedha. Bu'aan walakkaan argamu immoo qabeenya isa bu'uuraa hordofa malee waggaan haaraan isaaf hin lakkaa'amu. Akkasumas wanti beelladoota irraa dhalattu warruma jalqabaa hordofti malee yeroon haaraan isheedhaaf hin shallagamu.

Maallaqni waraqaa yeroo ammaa ittiin hojjatamus murtiin isaa kanuma warqeefi fiddaati. Maallqani kun dirhama, diinaara, doolaara yookiin kan biroos haa moggaafamuu yeroo hangi isaa nisaaba fiddaatiin yookiin warqeetiin wal qixxaatee waggaan irra naanna'e zakaan ishee keessatti dirqama ta'a. Maallaqatti kan dhaqqabsiifamee zakaan keessa jiraatu faaya dubartootaa kan nisaaba guutee waggaan irra naanna'eedha. Oggas yoo itti fayyadamuu yookiin ergisaaf qophaa'es jechoota lamaan beektotaa keessaa isa irra sirriidhaan zakaan ishee keessa jira. Sababni isaa jechi Ergamaa Rabbii (saw) inni "abbaan qabeenya warqee yookiin meetii kan zakaa ishee hin kennine yeroo Guyyaan Qiyaamaa gahe maadii ibiddaa irraa taatee isaaf afamtee ibidda jahannamaa keessatti ishee irratti gubamee gurracheffamu malee hin hafu" jedhu hunduma of keessatti qabata waan ta'eefi. Akkasumas ergamaan Rabbii (saw) harka dubartii tokkootti gumee warqee irraa ta'e lama arganii "sila zakaa isa kanaa ni kennitaa?" jedhaniin. Hin kennu jette. "Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa isaan lamaaniin gumee ibidda irraa ta'e lama sitti kaa'uu ni jaallattaa?" jedhaniin. Isaan lamaan baaftee "isaan lamaan Rabbiifi Ergamaa isaatiif (arjoomeera)" jette. Abuu Daawudiifi Nasaa'iitu sanada Hasaniin gabaasan. Akkasumas Ummu Salamaa irraa kan mirkanaa'e isheen faaya adii warqee irraa ta'e uffatti ture. Ergamaa Rabbiitiin (saw) 'isheen Kuusaa namni ittiin adabamu Qur'aana keessatti dubbatameedhaa?' jette. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "waan zakaan irraa kennamuu gahee zakaa isaa kennite isa keessa hin seenu." Hadiisoleen biraa hiika kana qabanis baay'eedha.

Meeshaa daldalaa kan jedhame immoo meeshaa gurgurtaadhaaf qophoofteedha. Isheen dhuma waggaatti tilmaamamtee tokko afurtammaffaan ishee zakaa kennama. Ragaan hadiisa Samuraa kan "Ergamaan Rabbii (saw) waan gurgurtaadhaaf qopheessinu irraa sadaqaa baasuu nu ajaju turan" jedhuudha. Abuu Daawudtu gabaase. Manneen, gamooleen, konkolaataan, meeshaan bishaan ol baasuufi kkf kan gurgurtaaf qophaa'an hunduu kana keessa seenu. Gamooleen kiraadhaaf qophaa'an immoo zakaan yeroo waggaan irra naanna'e qarshii kiraa keessa jira malee ishee keessa hin jiru. Sababni isaas isheen gurgurtaadhaaf waan hin qophaa'iniif. Akkasuma konkolaataan dhuunfaa abbaan itti fayyadamuudhaaf bitate yeroo gurgurtaadhaaf hin qophaa'in zakaan keessa hin jiru. Yeroo abbaa konkolaataatiif qarshiin kiraa konkolaataafi kan biraa wanti walitti nisaaba zakaa gahu jiraate yeroo waggaan irra naanna'e zakaan irra jira. Kun immoo qallabaaf, fuudhaaf, qehee bituuf, hidaa kaffaluuf yookiin kan biraatiif qophaa'us waluma qixa. Ragaan jiru zakaan waan akkanaa hunda keessattuu dirqama ta'uu akeeka. Jechoota beektotaa keessaa inni irra sirriin hidaan zakaa hin dhorgu kan jedhuudha.

Akkuma kana qabeenyi yatiimaafi maraatuu yeroo nisaabni guutee waggaan irra naanna'e jumhuura biratti zakaan irratti dirqama ta'a. Waliyyoota (itti gaafatamtoota) isaanii irratti yeroo waggaan guute niyyaa isaaniitiin baasuun dirqama ta'a. Waan ragaan hunda isaaniituu walitti qabatuuf. Fakkeenyaaf jecha Ergamaa Rabbii (saw) kan yeroo Mu'aaziin Yamanitti ergan "Rabbiin zakaa dureessa isaanii irraa fuudhamee hiyyeeyyii isaanii irratti deebifamu qabeenya isaanii keessatti dirqama isaan irratti godheera."

Zakaan haqa Rabbii waan ta'eef nama ishee fudhachuun hin malleef hin kennamu; abbaan sun bu'aa ittiin argachuun yookiin rakkoo ittiin of irraa deebifachuunis hin ta'u. Qabeenya isaas isheedhaan tikfachuun hin ta'u. Akkasumas arraba sodaadhaaf qabeenya isaa bakka buusee ishee hin kennu. Inumaa Muslima irratti kan dirqama ta'u zakaa isaa nama fudhachuu haqa godhatuuf kaayyoo biraatiif odoo hin ta'in fira ta'us isaaf kennuudha. Kunis lubbuun itti gammaduufi Rabbiif qulqulleessee gochuu waliin ta'uu qaba. Kanaan dirqama isaa bahatee mindaa guddaafi bakka buufamuu haqa godhata.

Rabbiin kitaaba Isaa keessatti gosa warra zakaa fudhatanii ibseera. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{إِنَّمَا الصَّدَقَاتُ لِلْفُقَرَاءِ وَالْمَسَاكِينِ وَالْعَامِلِينَ عَلَيْهَا وَالْمُؤَلَّفَةِ قُلُوبُهُمْ وَفِي الرِّقَابِ وَالْغَارِمِينَ وَفِي سَبِيلِ اللَّهِ وَابْنِ السَّبِيلِ فَرِيضَةً مِنَ اللَّهِ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ} [التوبة: 60]

Zakaan (kan qoodamtu) dhabeeyyiif, hiyyeeyyiif, warra ishee irratti hojjataniif, warra onneen isaanii (Islaamummaa) barsiifamtuuf, gabra bilisoomsuuf, warra idaan irra jiruuf, warra karaa Rabbii keessaatiifi kara deemaadhaaf (qofa). Dirqama Rabbi irraa ta’e (qabadhaa). Rabbiinis beekaa, ogeessa.

Aayata kabajamtuu kana Maqoolee Rabbii gurguddoo kana lamaaniin xumuru keessa Rabbii ol ta'e biraa akka Rabbiin haala gabroota isaa beeku, isaan irraa eenyu akka zakaa fudhachuu haqa godhatuufi eenyu akka haqa hin godhanne ibsuutu jira. Inni sharii'aafi qadara Isaa keessatti ogeessa. Wantoota kamuu bakka Isaaf malu malee hin kaa'u. Garuu gariin iccitii ogummaa Rabbii namoota garii dhokachuu ni danda'a. Kunis akka namoonni sharii'aa Isaatti tasgabbaa'anii murtii Isaatiif harka kennaniif.

Nuufi Muslimoota hunda amantii Rabbii hubachuu, Rabbii waliin dhugaa hojjachuu, waan Isa jaalachiisu keessatti ariifachuufi waan dallansuu Isaa namarra qubsiisu irraa nagaa ta'uu akka Rabbiin nu qunnamun kadha. Inni dhaga'aa dhihoo waan ta'eef. Rabbiin gabricha Isaafi Ergamaa Isaa Muhammad, maatii isaaniifi sahaabota isaanii irratti rahmataafi nageenya haa buusu.

Itti gaafatamaa walii gala hoggansa qormaata ilmii, fatwaa, Da'awaafi qajeelfamaa

Shaykh Abdul Aziiz bin Abdullaah ibn Baaz

 2.     BARRUU LAMMAFFAA

SADARKAA SOOMA RAMADAANAAFI SALAATA ISAA

Akkasumas hukmiiwwan barbaachiftuu nama garii irratti dhokattuu waliin

Maqaa Rabbii akkaan mararfataa rahmata godhaa ta'eetiin

Abdul Aziiz bin Abdullaah ibn Baaz irraa gara Muslimoota nama isa ilaallatuutiif. Rabbiin anaafi isaanis karaa warra iimaanaa haa seensisu. Rabbiin anaafi isaanis hadiisaafi Qur'aana hubachuu haa qunnamu. Aamiin.

Nageenyi, rahmanni Rabbiifi barakaan Isaa isinirra haa jiraatu.

Kana booda:

Kun ergaa gabaabduu sadarkaa ramadaanaa, salaata isaafi isa keessa hojii khayriitti wal dorgomuun qabutti rarra'uudha. Akkasumas hukmiilee barbaachiftuu namoota garii irratti dhokattu ni qabdi.

Sadarkaa soomana Ramadaanaa laalchisee Rabbiin s.w. akkana jedhe

2/1. 

 يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُواْ كُتِبَ

عَلَيْكُمُ الصِّيَامُ كَمَا كُتِبَ عَلَى الَّذِينَ مِن قَبْلِكُمْ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ

2/2.  Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif Soomni akkuma warra isin duraa irratti barreefametti (dirqama ta’etti) isin irrattis barreeffameera.

أَيَّامًا مَّعْدُودَاتٍ فَمَن كَانَ مِنكُم مَّرِيضًا أَوْ عَلَى سَفَرٍ فَعِدَّةٌ مِّنْ أَيَّامٍ أُخَرَ وَعَلَى الَّذِينَ يُطِيقُونَهُ فِدْيَةٌ طَعَامُ مِسْكِينٍ فَمَن تَطَوَّعَ خَيْرًا فَهُوَ خَيْرٌ لَّهُ وَأَن تَصُومُواْ خَيْرٌ لَّكُمْ إِن كُنتُمْ تَعْلَمُونَ

Guyyoota lakkaa’amtuu (qofatu murteeffame). Isin irraa namni dhukkubsataa yookiin kara deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu (isa irra jira). Warra isa (Soomuu) danda’an irratti kaffaltii (fidyaa) hiyyeessa nyaachisuutu jira. Namni fedha isaatiin toltuu dabalatee hojjate, sun isaaf caalaadha. Yoo kan beektan taataniif soomuutu isiniif caala

شَهْرُ رَمَضَانَ الَّذِيَ أُنزِلَ فِيهِ الْقُرْآنُ هُدًى لِّلنَّاسِ وَبَيِّنَاتٍ مِّنَ الْهُدَى وَالْفُرْقَانِ فَمَن شَهِدَ مِنكُمُ الشَّهْرَ فَلْيَصُمْهُ وَمَن كَانَ مَرِيضًا أَوْ عَلَى سَفَرٍ فَعِدَّةٌ مِّنْ أَيَّامٍ أُخَرَ يُرِيدُ اللّهُ بِكُمُ الْيُسْرَ وَلاَ يُرِيدُ بِكُمُ الْعُسْرَ وَلِتُكْمِلُواْ الْعِدَّةَ وَلِتُكَبِّرُواْ اللّهَ عَلَى مَا هَدَاكُمْ وَلَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ

2/3.  Jiini Ramadaanaa isa Qur’aanni namootaaf qajeelfamaafi ragaa ifa bahaa qajeelfamichaafi addaan baasaa (haqaafi kijibaa) ta’e keessa buufameedha. Namni isin irraa ji’a kana dhaqqabe isa haa soomu. Namni dhukkubsataa yookiin kara deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu (isa irra jira). Rabbiin isiniif laaffisuu fedha malee isin irratti jabeessuu hin fedhu. Akka lakkoofsa (guyyaa isin irratti barreeffamee) guuttaniifi waan isin qajeelcheef akka Rabbiin guddiftaniif, akkasumas akka (Rabbiin) galateeffattaniif jecha (kana goone).

Ergamaan Rabbii (saw) akka isaan sahaabota isaanii jiini Ramadaanaa dhufuudhaan gammachiisan mirkanaa'eera. Akkasumas akka inni ji'a hulaaleen jannataa keessa banamu, hulaaleen ibiddaa keessa cufamuufi shayxaanonni isa keessa hidhaman isaanitti himu turan. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "yeroo jalqabni halkan Ramadaanaa seene hulaaleen jannataa ni babbanamti; hulaan kamuu ishee irraa hin cufamu. Hulaaleen jahannamaas ni cuccufamti; hulaan kamuu isheerraa hin banamu. Shayxaanonni ni hidhamu. Lallabaan tokko waamee 'yaa nama toltuu feetu kottu (khayrii irratti jabaadhu); yaa nama hamtuu feetu gabaabbadhu (yeroo hamtuutii miti)' jedha. Rabbiif namoota ibidda irra bilisoomfamantu jira. Kun immoo halkan hunda." Amman Nabiyyiin (saw) ni jedhan: "jiini Ramadaanaa isinitti dhufeera. Inni ji'a barakaan Rabbiin isa keessa isin haguuguudha. Rahmata ni bubuusa. Badiis ni harcaasa. Du'aa'iis ni qeebala. Rabbiin kan isin isa keessa wal dorgomtan ilaalee, isiniin maleykota isaatti dhaaddata. Lubbuu keessan irraa waan gaarii Rabbitti mullisaa; hoonga'aa namaa jechuun nama isa keessa rahmata Rabbii hoonga'eedha." Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "namni haala iimaana qabuufi mindaa isaa Rabbirratti herreggatuun Ramadaana soome yakka isaa irraa wanti tare isaaf dhiifama. Ammas namni haala iimaana qabuufi mindaa isaa Rabbirratti herreggatuun ji'a Ramadaanaa keessa (salaata laylii) salaate yakki isaa darbe isaaf dhiifama. Akkasuma namni haala iimaana qabuufi mindaa isaa Rabbirratti herreggatuun Laylatul qadrii (halkan kabajamtuu) keessa salaate badiin isaa tare isaaf dhiifama." Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "hojiin ilmaan Aadam hunduu mindaan toltuu isaa fakkii isaa kudhanii hanga dhibba torbaatti isaaf jira. Soomni qofti odoo hafuu; inni kiyya. Anatu isaan mindeessa. Fedhii isaa, nyaata isaafi dhugaatii isaa anaaf jecha dhiise. Nama soomuuf gammachuu lamatu jira. Gammachuun tokko yeroo fixrii isaa yoo ta'u kaan immoo yeroo Rabbii isaa qunnamuudha. Wallaahii foolii afaan nama soomuutu Rabbiin biratti foolii miskii irra caala." Hadiisonni sadarkaa sooma Ramadaanaafi salaata isaa akkasumas sadarkaa sooma biroo keessatti dhufan baay'eedha.

Mu'uminaaf carraa kanatti fayyadamuutu isarraa barbaadama. Innis waan Rabbiin ji'a Ramadaanaa isa dhaqqabsiisuun tola isarratti oole waan ta'eef hojii toltuutti ariifatee, yakka irraa eeggechuudhaan waan Rabbiin dirqama isarratti godhe keessumaa kan akka salaata shananii waan utubaa Islaamaafi booda shahaadaa lamaaniitii irra guddoo dirqamaa taateef sirnaan raawwachuudhaaf qabsaa'uu qaba. Muslimaafi Muslimtittii hunda irrattuu ishee eeggachuun, khushuu'aafi tasgabbiidhaan yeroo ishee keessatti ishee raawwachuun dirqama ta'a.

Irra yaachiftuun dirqama salaata shanan kanaa dhiira irratti jamaa'aadhaan mana Rabbii ishee ol kaafamuufi maqaan Rabbii keessatti dubbatamuu inni eeyyame keessatti sirnaan raawwachuudha. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Salaata seeraan salaataa; zakaas kennaa. Warra salaatuu waliin salaataa." Ammas Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Salaatowwan irratti, keessattuu salaatattii giddu galeessaa irratti tikfadhaa. Haala Rabbiif ajajamoo taataniinis dhaabbadhaa." (Albaqaraa: 238).

Rabbiin ni jedhe: "dhugumatti mu'uminoonni milkaa'aniiru. Isaan Warra salaata isaanii keessatti Rabbiin sodaatanuudha. …" itti fufee "ammas isaan warra salaata isaanii tikfatanuudha. Isaan sun isaanuma qofatu dhaaltota (jannataati). Isaan ishee keessatti hafoo ta'anii Firdawsiin dhaalu."

Nabiyyiin (saw) ni jedhan: "waadaan jidduu keenyaafi jidduu isaanii (munaafiqootaa) jiru salaata. Namni ishee dhiise dhugumatti kafareera (waadaan dhiiga isaa tiksu sun citeera)."

Booda salaataatii irra guddaan dirqamaa zakaa kennuudha. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

"Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuu, salaata dhaabuufi zakaa kennuutti malee homaa hin ajajamne. Kun immoo amantii qajeelaadha." (Annaba'i: 5). Ammas Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "akka milkooftaniif jecha salaata seeraan salaataa; zakaa kennaa; ergamichaafis ajajamaa."

Qur'aanni Rabbii guddaafi hadiisni ergamaa Isaa kabajamaan akka namni zakaa qabeenya isaa hin kennine Guyyaa Qiyaamaa ittiin adabamu akeekeera.

Irra guddaan dirqamaa booda salaataafi zakaatii sooma Ramadaanaati. Inni tokkoon arkaana Islaamaa isa jecha Ergamaa Rabbii (saw) kana keessatti dubbatameedha: "Islaamni waa shan irratti ijaarame: 'dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru; Muhammad immoo Ergamaa isaatii' ragaa bahuu, salaata sirna ishee guutanii salaatuu, zakaa kennuu, Ramadaana soomuufi Manicha (ka'abaa) hajja'uudha."

Muslima irratti soomaafi salaata isa keessa salaatu kana jechaafi gocha Rabbiin haraama godhe irraa tiksuun dirqama ta'a. Sababni isaas kaayyoon soomaa Rabbiin buluu, ajaja isaa kabajuu, akka lubbuun fedhii ishee dhiiftee Rabbii isheetiin bultu isheen qabsaa'uufi waan Rabbiin haraama godhe irraa obsuu barsiisuudha waan ta'eefi. Kaayyoon isaa nyaata, dhugaatiifi waan sooma fursiisu qofa dhiisuu miti. Kanaafuu Ergamaa Rabbii (saw) irraa kan armaan gadii mirkanaa'e: "soomni gaachena. Yeroo guyyaan sooma tokkoo keessanii argame haasaa sagaagalaa hin haasa'in; hin iyyin. Yoo namni tokko isa arrabse yookiin ittiin lole ani nan soomaara haa jedhu." Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "namni haasawa kijibaa, ittiin hojjachuufi nama miidhuu hin dhiisin, nyaataafi dhugaatii isaa dhiisuu keessa Rabbiif dhimmi hin jiru."

Ragoolee kanaafi kan biroo irraa kan hubatamu, wanti nama soomu irratti dirqama ta'u waan Rabbiin haraama isarratti godhe hunda irraa fagaachuufi waan Rabbiin dirqama isarratti godhe hunda eeggachuudha. Kanaan araaramni, ibidda irraa bilisa bahuun, soomaafi salaanni isaa qeebalamuun isaaf kajeelama.

Bakka kanatti qabxiileen namoota garii irratti dhokatan ni jiru:

Sana keessaa tokko kan Muslima irratti dirqama ta'u Rabbitti amanee mindaa isaa Rabbirratti herreggataa soomuu qaba malee riyaa'ii (nama agarsiifannaa), dhageessifannaa, namoota hordofee yookiin maatii isaa jala deemee yookiin ummata biyya isaa hordofeetii miti. Kan soomuutti isa kaasu Rabbitu dirqama natti godhee amanee sana keessatti mindaa isaa Rabbii isaa biratti shallagatee ta'uu qaba. Akkuma kana salaanni halkanii kan Ramadaanaa Muslima hunda irratti iimaanaafi mindaa isaa herreggachuudhaan salaatuutu dirqama ta'a. Kaayyoo biraatiin hin ta'u. Kanaafuu Ergamaan Rabbii (saw) jedhan: "namni haala iimaana qabuufi mindaa isaa Rabbirratti herreggatuun Ramadaana soome yakka isaa irraa wanti tare isaaf dhiifama. Ammas namni haala iimaana qabuufi mindaa isaa Rabbirratti herreggatuun ji'a Ramadaanaa keessa (salaata laylii) salaate yakki isaa darbe isaaf dhiifama. Akkasuma namni haala iimaana qabuufi mindaa isaa Rabbirratti herreggatuun Laylatul qadrii (halkan kabajamtuu) keessa salaate badiin isaa tare isaaf dhiifama."

 Ammas dhimma hukmiin isaa nama garii irratti dhokatu keessaa tokko: madaa, funuuna, balaqqama yookiin filannoo isaatiin maleetti bishaan yookiin beenzilli gara mormaa dhaqqabuun kan nama mudatuudha; kun hunduu sooma hin balleessu. Garuu namni yaadee of balaqqamsiise soomni isaa ni bada. Nabiyyiin (saw) ni jedhan: "Namni ol-deebisaan isa mo’ate qadaan (kaffaltiin) isarra hin jiru. Namni ofiin beekaa of balaqqamsiise haa kaffalu."

Ammas qabxiin biraa kan nama garii dhokatu odoo janaabaa hin dhiqatin hanga fajriin bahutti tursiisuudha. Akkuma kana dubartii garii immoo yoo qulqullina fajrii dura argite odoo hin dhiqatin fajriin bahuutu ishee mudata. Warra kanarra soomuutu jira. Dhiqannaa isaanii hanga fajriin bahutti tursiisuu wanti dhorgu hin jiru. Garuu dhiqannaa isaanii hanga biiftuun bahutti tursiisuun hin eeyyamamu. Odoo biiftuun hin bahin dhiqatanii Subhii salaatuun isaan irratti dirqama ta'a. Namni janaabaa qabus akkuma kana hanga biiftuun bahutti dhiqannaa tursiisuun isarra hin jiru. Inumaa odoo biiftuun hin bahin dhiqatee Subhii salaatuutu irra jira. Dhiirri akka salaata jamaa'aa dhaqqabuuf ariifachuun isarratti dirqama ta'a.

Ammas waan sooma hin balleessine keessaa kan biroo dhiiga fuudhanii qorachuufi marfee isa gulukoosiin ala jiru waraannachuudha. Garuu kana yoo hanga halkaniitti tursiisuun mijaa'eef irra filatamaadha. Sababni isaas Ergamaan Rabbii (saw) "waan si shakkisiisu dhiisii gara waan si hin shakkisiifneetti gori" jedhan. Ammas Ergamaan Rabbii (saw) "namni waan wal fafakkaattuu irraa fagaate dhugumatti amantiifi kabajaa isaatiif qulqullaa'eera" jedhan.

Ammas qabxiilee namoota garii dhokatu keessaa tokko salaata keessatti tasgabbii (xuma'iniinaa) dhabuudha. Salaatichi waajiba yookiin sunnaa ta'uutu mala. Hadiisonni baay'een Ergamaa Rabbii (saw) irraa odeeffame akka tasgabbiin arkaana salaataa, isa malee salaanni sirrii hin ta'uu akeeku baay'een dhufeera. Xumu'aniinaa jechuun salaata keessa turuufi ishee keessatti kushuu'ii qabaachuudha. Hanga lafeen dugdaa hunduu bakka qabatutti ariifachuu dhiisuudha. Namoonni baay'een Ramadaana keessa salaata taraawiihaa kan ishee hin hubanneefi ishee keessatti hin tasgabboofne salaatu; inumaa lafuma tuttumatu. Salaanni bifa kanaan salaatamu ni bada. Abbaan akkas hojjatus dilii godhata malee hin mindeeffamu.

Ammas qabxiilee hukmiin isaa namoota garii dhokatu keessaa tokko taraawiihiin raka'aa digdama irraa hirrifamuun hin eeyyamamu jedhanii yaaduu akkasumas raka'aa kudha tokko yookiin kudha sadii irra ida'uun hin ta'u jedhanii yaaduudha. Yaanni kun hunduu sirrii miti; waan ragaa faallessuuf dogongora.

Hadiisonni baay'een Ergamaa Rabbii (saw) irraa dhufan kan salaanni laylii dhimmi isaa ballaa akka ta'e akeekanuufi lakkoofsi daangeffamaan isa faallessuun hin taane akka hin jirre akeekanu baay'eedha. Inumaa Ergamaa Rabbii (saw) irraa akka isaan raka'aa kudha tokko, raka'aa kudha sadii salaatan akeeku yeroo biraa immoo sanaa gadii salaatan akeeku dhufeera. Ergamaan Rabbii (saw) yeroo waa'ee salaata laylii irraa gaafataman ni jedhan: "lama lamaan; tokkoon keessan yeroo Subhiin gahuu sodaate raka'aa tokko kan waan inni duraan salaate witrii (mangoo) isaaf gootu salaata." Sahiiha ta'uu hadiisichaa irratti walii galameera.

Ramadaana keessas ta'ee Ramadaanaan alas lakkoofsi raka'aa daangeffame wahii hin jiru. Kanaafuu sahaabonni bara Umar keessa yeroo garii raka'aa digdamii sadii salaatan yeroo kaan immoo raka'aa kudha tokko salaatan. Kun hunduu Umariifi sahaabota bara Isaa turan irraa mirkanaa'eera.

Salafoonni gariin Ramadaana keessa raka'aa soddomii jaha salaatanii raka'aa sadihiin witrii godhatu. Gariin isaanii immoo raka'aa afurtamii tokko salaatu. Gocha kana isaanirraa shaykhul Islaam Ibn Taymiyaafi beektoleen biroo dubbataniiru. Akka inni dubbatetti dhimmi kun ballaadha (hin daangeffamu). Akkuma kana nama Qur'aana, rukuu'aafi sujuuda dheeresseef lakkoofsa raka'aa xiqqeessuutu filatama jedhee dubbate. Namni Qur'aana, rukuu'aafi sujuuda gabaabse immoo lakkoofsa raka'aa baay'isuun barbaachisaadha. Kun hiika haasawa isaati; Rabbiin isa haa marafatu.

Namni sunnaa Ergamaa Rabbii (saw) xinxale kana hunda keessattuu filatamaan raka'aa kudha tokko yookiin raka'aa kudha sadii, Ramadaana keessas ta'ee Ramadaanaan ala, filatamaa ta'uu bara. Sababni isaas kun gocha Ergamaa Rabbii (saw) kan yeroo baay'eetiin wal gala waan ta'eef. Akkasumas warra salaatuuf garaa laafuu qaba; kushuu'ii qabaachuufis irra dhihoodha. Namni dabales rakkoon isarra hin jiru; gochi jibbamaanis sana keessa hin jiru.

Irra caalaan salaataa nama Ramadaana keessa imaama waliin salaateef imaamaa waliin malee raawwachuu dhiisuudha. Nabiyyiin (saw) ni jedhan: "namichi yeroo hanga imaamni salaata fixutti isaa waliin salaate, Rabbiin salaata halkan guutuu isaaf barreessa."

Muslimoota hundaafuu ji'a kana keessa gosoota ibaadaa kan akka salaata sunnaa, Qur'aana xinxalaafi hubannoo waliin qara'uu, tasbiiha, tahliila, tahmiida, takbiiraa, istighfaara, du'aa'ii sharii'aa, gaariitti ajajuu, hamtuu irraa dhorguu, gara Rabbiitti waamuu, dhabeeyyiifi hiyyeeyyii irratti ballisuu, haadhaa abbaatti tola ooluu keessatti qabsaa'uu, firooma fufuu, ollaa kabajuu, dhukkubsataa gaafachuufi wantoota biroo gosa khayrii irraa ta'e keessatti qabsaa'uun karaa godhameera. Ergamaan Rabbii (saw) hadiisa dubbannee dabarsine keessatti ni jedhan: "Rabbiin kan isin isa (Ramadaana) keessa wal dorgomtan ilaalee, isiniin maleykota isaatti dhaaddata. Lubbuu keessan irraa waan gaarii Rabbitti mullisaa; hoonga'aa namaa jechuun nama isa keessa rahmata Rabbii hoonga'eedha." Ammas Ergamaa Rabbii (saw) irraa gabaafamee ni jedhan: "namni isa (Ramadaana) keessa hojii gosa hojiiwwan khayrii irraa ta'e hojjate akka nama yeroo biraa waajiba hojjatee ta'a. Namni isa keessa waajiba raawwate akka nama yeroo biraa waajiba torbaatama hojjatee ta'a." Ammas hadiisa sahiiha keessatti ni jedhan: "Umraan Ramadaana keessaa hajjii –hajjii ana waliin godhamuun- wal madaala."

Hadiisonni ji'a kana keessa gosa khayrii irratti ariifachuutti kakaasan baay'eedha.

Nuufi Muslimoota biraa akka Rabbiin waan jaalalli isaa keessa jirutti nu qajeelchu, soomaafi salaata keenya nurraa qeebalu, haala keenyas nuuf tolchuufi fitnaa nama jalliftu irraa nu fageessu Rabbitu kadhatama. Akkasumas Rabbiin hoggantoota Muslimaa tolchuufi jecha isaanii haqa irratti walitti qabu kadhanna. Rabbiin abbaa kana godhuufi danda'aa waan ta'eef. Nageenyi, rahmanni Rabbiifi barakaan Isaa isin irra haa jiraatu.

Itti gaafatamaa walii gala hoggansa qormaata ilmii, fatwaa, Da'awaafi qajeelfamaa

Shaykh Abdul Aziiz bin Abdullaah ibn Baaz



[1] Nisaaba jechuun hanga qabeenyaa kan zakaan irratti dirqama ta'uudha. Nisaaba guutuu kan jedhamu baay'inni qabeenyichaa hanga zakaa keessaa baasuun ajajame ga'uudha. Namni hanga murtaa'e kana hin qabne zakaan isa irra hin jiru.

[2] Ibsi sheekni asirratti ibsan baay'een isaa nama biyya sanaatiif malee hin ifu. Kanaafuu akka namni kitaabicha dubbisu kana hubatuuf ibsan kitaabolee kiyya baay'ee keessatti barreesse asittis isiniifin kaa'a. Innis odoo hadiisaan jalqabnee gaariidha. Hadiisa Aliyyi bin Abii Xaalib keessatti akka dhufetti Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "Yeroo dirhama dhibba lama qabaattee waggaan ishee irra naanna'e (zakaan) dirhama shantu irra jira. (Warqee keessaa immoo) hanga diinaara diigdama gahutti zakaan homaa isarra hin jiru. Yeroo diinaara digdama qabaattee waggaan irra naanna'e (zakaan) walakkaa diinaaraatu ishee keessa jira." Hadiisicha Khamsaatu baase. Sanada isaa immoo Bukhaariifi Albaaniin faan sahiiha godhan. Haafiz Ibn Hajar immoo hasan godhe. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "Meeta uuqiyyaa shanii gadi keessa zakaan hin jiru." Bukhaarii fi Muslimtu gabaase. Uuqiyyaan tokko dirhama afurtama. Uuqiyyaan shan immoo dirhama dhibba lama ta'a. Gara madaala ammayyaatti immoo 595gm ta'a. Nisaabni warqee immoo diinaara diigdama. Inni kun giraama 85 ta'a. Yaanni filatamaan isa kana. Ibn Baaz garuu sagaltamii lama jedhan. Namni tokko yeroo qabeenya hanga kanaa qabaatee waggaan isa irratti naanna'e 1/40 qabeenyichaa yookiin 2.5% zakaa kennuun isa irratti dirqama ta'a.

Fakkeenyaaf: Namni warqee walakkaa kiilo garaamaa (0.5kg) qabaatee waggaan isa irratti naanna'e zakaan isa irratti dirqama ni ta'a moo hin ta'u? Yoo dirqama ta'eef immoo hangam kennuu qaba?

Deebii

Warqee keessatti zakaan dirqama kan ta'u yoo 85gm gahe. Kun immoo 0.5kg yookiin 500gm. Kanaafuu zakaan dirqama itti ta'a.

Hangi isa irratti dirqama ta'u immoo 1/40 qabeenyichaa yookiin 2.5% dha.

Kan kennamu = 1/40*500gm

                =12.5gm

Kana jechuun kan abbaa qabeenyichaa irratti dirqama ta'u warqee giraama kudha lamaa fi walakkaa kennuu dha.

 Zakaa qarshii waraqaa keessaa ba'uu qabu

Yeroo ammaa kana ummata biratti qarshii warqeefi meetaatiin hojjachuun waan baay'ee xiqqaatee qarshiin waraqaa bakka bu'eef gaaffiin biraa beektotatti uumame. Innis akkamitti zakaan maallaqa waraqaa kana irraa bahuu qaba kan jedhuudha. Akkuma beekamu yeroo ammaa kana qarshiin waraqaa maallaqa of danda'aa ta'ee addunyaa irratti hojjataara. Wanti ummanni itti walii gale hundinuu maallaqa ta'uu waan danda'uuf sababni warqeetu qabsiifamee liqeeffatame yookiin immoo isaan kun damee dhuma warqee fi fiddaati waan jedhamu homaayyuu hin qabu. Akka addunyaatti dandeettiin biyyattii ilaalamee walii galteedhaan hangi qarshii isaa madaalu qabu murtaa'a. Kun immoo waan shari'aan maallaqa warqee fi meeta qofatti hin gabaabsineef rakkoo homaayyuu hin qabu. Kana irratti hundaa'uun zakaan isaa hagam irraa ta'uu qaba kan jedhus gaaffii biraa uuma.

 Nisaaba maallaqa waraqaa (hanga zakaan irraa kennamuu qabu)

Dogongorri guddaan tokko kan biyya keenya keessatti uumame jecha ‘fiddaa’ jedhu birrii jedhanii hiikuudhaan zakaan birrii 200 irratti dirqama ta'a nama jedhutu jira. Kan nama ajaa'ibu immoo jechi kun namuma maqaadhaaf beekaa jedhamu irraa dhaga'amuu isaati. Beektota waa'ee kanaa dubbatan irraa namni tokkollee kana hin jenne. Haa ta'uu beektonni maal jedhan ree? Beektota ammayyaa irraa gariin isaanii qarshiin kan zakaan irraa bahuu qabu meeta (fiddaatti) madaalamee ta'uu qaba jedhantu jira. Sababni isaan dhiheessanus isatti madaaluun hiyyeessaaf bu'aa qaba kan jedhuudha. Ulamoonni baay'een immoo zakaan maallaqa waraqaa kan ba'uu qabu warqeetti madaalameeti jedhu. Sababni isaan dhiheessanus zakaan warqee kan dirqama ta'u baay'inni qarshii isaa zakaa kan birootiin walitti dhihaata kan jedhuudha. Kana jechuun yoo fiddaadhaan madaalleef qarshii xiqqoo keessatti zakaan dirqama ta'a. Qarshiin sun immoo waan hoolaa lama yookiin sadi hin binne ta'a. Akka sharii'aatti immoo hoolaanuu hanga afurtama guuttutti zakaan irra hin jiru. Kanaafuu zakaan kan ta'u qarshiin sun warqeedhaan wal biratti ilaalamee ta'uu qaba kan jedhuudha. Yaanni inni lammataa kan zakaan maallaqa waraqaa warqeedhaan madaalamee kafalamuu qaba jedhu sirrii ta'uu hin hafu. Sababni isaas Rabbiin nama hoolota soddomii sagal qabu hiyyeessatti lakkaa'ee nama qarshii fiddaa dirhama dhibba lama qofa jijjiiru qabu kan hoolaa tokko seeraan bituu hin dandeenye dureessatti lakkaa'ee zakaa dirqama itti hin godhu. Kana irraa ka'uudhaan zakaan kan qarshii irratti dirqama ta'u yoo qarshiin warqee giraama saddeetamii shan(85gm) bituufi isaa ol jiraatee waggaan itti naanna'e qofa. Mee yaada kana fakkeenyaan haa ibsinu.

Namni tokko birrii kuma soddoma kan waggaan itti naanna'e lafaa qaba. Zakaan isa irratti dirqama ni ta'aa?

Deebii

Akkuma dubbatamee darbe yoo qarshiin waggaa tokkoof ture warqee giraama saddeetamii shan bituu danda'eef zakaan dirqama irratti ta'a. Gatiin warqee yeroo sanaa baramuu qaba. Fakkeenyaaf yoo gatiin warqee gabaa irratti yeroo san giraamni tokko birrii 500 ta'eef mee haa ilaallu.

Qarshii zakaan itti dirqama ta'u = 85gm*500birr/gm

=42500birr

Kana jechuun zakaan yeroo sanatti dirqama kan ta'u qarshii 42,500 birrii irratti. Qabeenyi namichaa immoo 30000birr qofa. Kanaafuu zakaan isa irratti dirqama hin ta'u.

Namni tokko yoo qarshii kuma shantama qabaate zakaan hangamtu irratti dirqama ta'a?

Deebii

Akkuma gaaffii tokkoffaa keessatti darbe yoo warqee giraamni tokko qarshii dhibba shan ta'eef qarshiin zakaan irratti dirqama ta'u 42,500 fi isaa oli. Kanaafuu zakaan abbaa qabeenyichaa irratti dirqama jechuu dha.

Hangi isaas = 1/40*50000birrii

                =1250birrii

Zakaan namicha irratti dirqama ta'u qarshii 1250birrii dha.