Soomana Ramadaana Heera, sadarkaa fii, namusa isaa ()

garee ulamaaii

Sagantaan kun akkaataa soomana ramadaanaa sirritti nama hubachiisa.

|

 Soomana Ramadaana  Heera, sadarkaa fii, namusa isaa

صوم رمضان أحكامه وفضائله وآدابه.                              

 Duree

بسم الله الرحمن الرحيم

Jalqbni maqaa Rabbi ahmata qabuutiini.

الحمد لله وحده، والصلاة والسلام على من لا نبي بعده، نبينا محمد وعلى آله وصحبه أجمعين، أما بعد

 Galanni Rabbii tokkicha taheef haa galu, Nagayaaf rahmanni isaa nabiyyicha boodaa kan tahe nabii keenya muhammadiif haa bu'u, firaafii sahaabaa isaanii hundaawu walhaagayu.

  eeganaa,kun kitaaba xiqqaa waayee soomanaa ibsu, itti laffaanee xaarree akkagaaritti qopheysine. Akka waayee baatii guddoo ramadaanaa tana itti soomanan karaa laafaan namni keenya  hundi hubatuuf jecha. kitaabni kun barnoota soomanaa guutuu uf keessaa qaba. walaloon soomanaa bareedduun takkas bodarran nijirti. biiroo teenya biiroo daiwaa rabwaa tan riyaaditti argamtu kitaaba kana maxxansitee ummata keenyaan gayuudhaaf haalaan isaan galatoomfanna.

فنسأل الله أن ينفعنا بهذا العمل وكل من شارك فيه, والحمد لله رب العالمين.

Duuba hojii teenya tana tan buaa qabduufii tan ummata fayyaddu Rabbi nuuf haagodhu jenneeti kadhanna. galanni Rabbiif haagalu.

تعريف الصيام

 Hiikkaa soomanaa.

الصيام لغة: الإمساك. قال الله تعالى: }إِنِّي نَذَرْتُ لِلرَّحْمَنِ صَوْمًا{ [مريم: 26] أي: إمساكا وصمتاً.

Soomanni akkaa hiikkaa afaaniitti ufqabuudha. Fakkenyaaf  Rabbiin s.w. akkana jedhe ''innii nazartu lirrahmaani sowman '' hiikkaan " ani ufqabuu rahmaaniif qodhaa godhee jira"  jechuudha.

وشرعا: التعبد لله تعالى بالإمساك عن المفطرات يوما كاملاً من طلوع الفجر الصادق إلى غروب الشمس بشرط النية.

Hikkaan soomanaa akka shari'aatti: guyyaa guutuu fajriin bahurraa kaasee hanga aduun seentutti waan sooma fururraa (nyaata,dhugaatii,walqunnqmtii saalaa godhuu) irraa uf qabuudha ibaadaa Rabbii itti niyyatanii.

في صوم شهر رمضان

 Maalummaa Soomana Ramadaanaa.

صوم شهر رمضان ركن من أركان الإسلام، وفرض من فروض الله، معلوم من الدين بالضرورة، يدل عليه الكتاب والسنة والإجماع.

Soomanni baatii ramadaanaa, utubaa tokko kan utubaalee islaamaa irraa taheedha,

dhirqama islaamaa kan quraanaa, hadiisaa fii ijmaa'aan mirkanaayee jiru.

فأما الكتاب: فقوله تعالى: }يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آَمَنُوا كُتِبَ عَلَيْكُمُ الصِّيَامُ كَمَا كُتِبَ عَلَى الَّذِينَ مِنْ قَبْلِكُمْ لَعَلَّكُمْ تَتَّقُونَ{[البقرة:183]

Qur'aana irraa jecha Rabbii oltaheeti ''isin yaa warri amantan soomanni akkuma warra isin duraa irratti barreyfametti isin irrattis barreyfamee jira akka Rabbi sodaattaniif jecha.'' Suuraa baqaraa 183

إلى قوله: }شَهْرُ رَمَضَانَ الَّذِي أُنْزِلَ فِيهِ الْقُرْآَنُ هُدًى لِلنَّاسِ وَبَيِّنَاتٍ مِنَ الْهُدَى وَالْفُرْقَانِ فَمَنْ شَهِدَ مِنْكُمُ الشَّهْرَ فَلْيَصُمْهُ{ [البقرة: 185]

Hanga jecha Rabbii oltaheetti  ''baatii Ramadaanaati kan isa keessa -Qur'aanni qajeelchaa ilmaan namaa tii fii ibsaa qajeelloofii haqarraa kan tahe  buufame. Namni baatii kana biyya jiru haasoomanuu, isinirraa namni dhukkubsataa yookaan karaa deemsarraa jiru (soomana haa furuu) guyyaalee biro irraa lakkaawwachuutu (qadaa kafaluutu) isarratti jira…" Albaqaraa 185

 وأما السنة: فقد قال النبي ﷺ‬: «بني الإسلام على خمس...»وذكر منها: «صوم رمضان» [متفق عليه] والأحاديث في ذلك كثيرة.

Hadiisarraayis jecha nabii keenyaati s.a.w. "islaamummaan waa shanirratti ijaaramte...jedheeti hadiisa oofee achi keessatti "soomana ramadaanaati" jedhe, (bukhaariif muslimtu odeesse). Hadiisowwan waayee kanaarratti hedduutu jira.

-وأجمع المسلمون على وجوب صوم رمضان، فمن أنكر وجوب صومه كفر.

Muslimtoonnis soomanni Ramadaanaa dirqama tahurratti waliif galan, namni waajibummaa isaa morme kaafira tahurrattis wallif galan.

متى فرض صيام رمضان؟

 Soomanni Ramadaanaa yoom fardii godhame?

فرض صيام شهر رمضان في السنة الثانية من الهجرة، وصام رسول الله ﷺ‬ تسع رمضانات.

Soomanni ramadaanaa waggaa lammeysaa hijraati fardii godhame, Nabiin s.a.w. ramadaana sagal soomane.

النهي عن تقدم رمضان بصوم يوم أو يومين.

 Ramadaana dura bu'anii jalqabuun dhowwadha guyyaa tokkoofi lamaan.

يحرم صيام آخر يوم أو يومين من شعبان، إلا أن يوافق يوما كان من عادته صيامه، كالاثنين والخميس مثلاً، فيجور صيامه

Guyyaa boodaa takkii lameen dhumaa kan baatii shaibaanaa soomanuun dhoowwaadha yoo nama dur aadaa godhatee soomanu taate malee, akka guyyaalee isniinaafii kamiisaa sun numa soomana.

لقوله ﷺ‬: «لا يتقدمن أحدكم رمضان بصوم يوم أو يومين إلا أن يكون رجل كان يصوم صومه، فليصم ذلك اليوم»[متفق عليه].

Nabiin s.a.w. akkana jedhan ''tokkoon keessan ramadaana soomana guyyaa tokkootiin yookaa lamaatiin dura hinbu'inaa, yoo nama dur soomanu taate malee sun haa soomanuu.''  bukhaarii fii muslim.

وقت الصوم

 Yeroo soomanaa.

وقت الصوم يبتدئ من طلوع الفجر الثاني، وينتهي بغروب الشمس،

Somaanni yeroon isaa fajriin lammeysaa (diiminni barii)  bahurraa kaasee hanga aduun seentutti.

وجوب تبييت النية

 Niyyaa bulfachuun dirqama.

النية شرط في صحة صيام الفريضة، فيجب أن يعزم الإنسان على الصوم بقلبه في أي جزء من أجزاء الليل, ولو قبل الفجر بلحظة. وذلك لقول النبي ﷺ‬: «من لم يبيِّت الصيام من الليل, فلا صيام له» [رواه النسائي].

Niyyaa godhuun sharxii soomanaa irraayi yeroo halkanirraa taate keysatti soomana fardii niyyachuu barbaachuisa, osoo waa xiqqo fajrii dura taatellee. Hadiisatti nabiin s.a.w. akkana jedhan ''namni soomana halkeessa niyyaa godhee hin bulfatin soomanni isaaf hinjiru'' nasaa'iyyitu odeessee.

Asirratti wanni himame soomana sunnaa ammo eega bariellee niyyachuun numa taha. Garuu osoo nyaataaf dhugaatii hintuqin tahuu barbaachisa. Gaaf tokko nabiin keenya s.a.w. ganama warra isaaniitiin " mee joolle faxara qabdanii waa nutti kennaa?” Jennaan. Gandi ar'a homaa lafaa hinqabnu jedhaniin, nabiin eegasii maarree akkas taatu ani ar'a ninsoomana jedhan.kuni wanni garsiisu soomana sunnaa eega barihellee niyyachuun akka tahu ibsa..

بم نستقبل رمضان؟

 Mee Ramadaana maaliin simanna?

  ينبغي أن نستقبل رمضان

1- بالمبادرة إلى التوبة الصادقة, وكثرة الاستغفار والذكر وتلاوة القرآن.

Soomana Ramadaanaa wanni simannuun kunoo kanneen kana.             1-Towbaa dhugaatti jarjaruun, istigfaara, zikrii fii qaraatii qur'aanaa heddumeessuun.

2- بتعلم ما لا بد منه من فقه الصيام.

2-barnoota barbaachisaa wayee somanaa barachuun.

3- بعقد العزم الصادق على عمارة أوقات رمضان بالأعمال الصالحة.

3-yeroo soomanaa caaltuu tana hojii gaaritti akka fixu murteeffachuun.

4- باستحضار سرعة انقضاء رمضان وحسرة المفرط وسعادة المجد.

4-Yeroon Ramadaanaa qaaliin tun daddafte akka dhumtuu fii namni jajjabaatee dalage akka milkaayu, kan talisoome akka sheenawu hubachuun.

5- بالتخلص من المنكرات الموجودة في البيت.

5-Waan jibbamtuu mana keessa jirtu hunda ufirraa dhabamsiisuun.kana jechuun suuraalee wan lubbuu qabuu tan adda addaa, meeshaalee mooziqaa, kaartaa fi qumaara adda addaa,  kasetoota sagalee mooziqaa, filima vidiyo baalagummaa, televijina baalagummaa fii jallina dabarsu, meeshaalee intarneetaa tan baalagummaa barsiistuu fi kanneen kana fakkaatan hundarraa mana isaa qulqulleessuu qaba.

6- بشكر الله عز وجل على نعمته في إدراك هذا الشهر العظيم.

6-Rabbiin s.w. galatoomfachuudhaan waan ji'a guddaa kanaan nugayeef.

-7باصلاح ذات البين والعفو والصفح

-nama wallole manguddummaan walitti araarsuudhaan, ka waliin oodu walitti tolchuudhaan, Ramadaanni baatii araaramaa waan taheef walitti araaramanii waliif dhiifama godhanii, walitti toluudhaaf carraa gaariidha.

هدي النبي ﷺ‬ في رمضان

 Qajeelfama nabii s.a.w. Ramadaana kessa.

قال الإمام ابن القيم: (وكان من هديه ﷺ‬ في رمضان الإكثار من أنواع العبادات،

Aaadaan nabiikeenyaa s.a.w. ramadaana keessaa ibaadaa Rabbii gosa adda addaa irraa  guddisuudha.

فكان جبريل عليه السلام يدارسه القرآن في رمضان، وكان إذا لقيه جبريل أجود بالخير من الريح المرسلة،

Jibriil halkan Ramadaanaa hundaawu nabitti dhufeeti qura'ana wajji qara'an,Nabiin yogguu jibriil itti dhufe qilleensa bubbisurra keyritti daddafa.

وكان أجود الناس, وأجود ما يكون في رمضان،

Nabiin s.a.w. irra arjaa namaati,yeroon haalaan arjoomu ramadaana keessa.

ويكثر فيه من الصدقة والإحسان، وتلاوة القرآن، والصلاة، والذكر، والاعتكاف، وكان يخص رمضان بما لا يخص غيره به من الشهور) [زاد المعاد].

Nabiin keenya s.a.w. Ramadaana keessa sadaqaa heddummeessa, Rakkataa gargaarsa godha, qaraatii qur'aanaa baay'isa, Akkasuma salaata,zikrii (faaruu rabbi) I'itikaafa (teessuma masgiidaa) kan heddummeesu tahe.

ما ينبغي للصائم, وما يجب عليه

 Waan nama soomanaa irraa barbaachisu.

ينبغي للصائم أن يكثر من الطاعات، ويجتنب جميع المحرمات، فيصلي الصلوات الخمس في أوقاتها مع الجماعة، ويترك الكذب والغيبة والغش, والمعاملات الربوية، وكل قول أو فعل محرم،

Namni soomanaa ibaadaa Rabbii heddummeessuu barbaachisa, haraam hundarraa fagaachuu qaba, salaata shanan yeroo isiitti jamaa'aadhaan salaatuu qaba, kijiba dhiisuu qaba, nama hamachuu, nama gowwoomsuu, dhala (Ribaa) nyaachuu, fii jechootaa fii hojiilee dhoowwa tahe hundarraa fagaachuu barbaachisa.

قال النبي ﷺ‬: «من لم يدع قول الزور، والعمل به، والجهل، فليس لله حاجة في أن يدع طعامه وشرابه» [رواه البخاري]  

Nabiin keenya s.a.w. akki jedhe ''Namni jecha cubbuu haasawuufii itti hojjachuu hidhiisin, kan Wallaalummaa (badii) hindhiisin rabbiin nyaataafii dhugaatii dhiisuu isaarraa dantaa hinqabu'' bukhaariitu odeesse.

مما يعين الصائم على الطاعات

 Waan nama soomanu ibaadarratti gargaaru.

1-تقوى الله تعالى ومخافته.

1-Sodaa Rabbii Qabaachuu fi hamtuu hundarraa uf eeguu.

2-الإكثار من الذكر والدعاء وتلاوة القرآن.

2-Qaraatii qur'aanaa Heddummeessuu, Zikrii fii kadhaa Rabbii heddumeysuu,

3-تجنب أصدقاء السوء.

3-Saahibban fofokkataa irraa fagachuu. Namni saahiba fakkata jallaa qabu wahuma hamtuu isarraa barata. Mammaksatti raaddi harreen wajji oolte dhuufuu barti'' jedhan.eegaa nama gaarii qajeelaa Rabbi sodaatu saahiba (shariika) godhadhaa.

4- ملازمة المساجد والمحافظة على صلاة الجماعة.

4-Masgiidatti maxxanuu fii salaata jamaa'aa irratti uf tiiysuu.hanga dandeessetti yeroo hedduu masjiidatti argamuu yaalii godhi. Masjiida teessee sunnaa salaattee, zikrii gootee, Rabbi kadhattee, qur'aana qaraatee, yoo jette Sawaaba hedduu walitti tuulatte, badii dhagayuufii arguu jalaayis nagaya baate (tiiyfamte). Tanaaf gara masjiida gara masjiida.

5- تجنب مشاهدة ما يثير الشهوات, ويقسي القلوب.

5-Waan fedhii lubbuu namatti kakaasuu fii waan qalbii nama goggoysu laaluu irraa fagaachuu.kunis hedduudha fakkeenyaaf:-filmii fii suuraa baalagummaa fokkataa daw'achuu, kanneen televijiina, vidiyoo, intarneeta, yutub, fesbuuk, waatis aab, tuweytir, iskaybe, baaltook,fi kkf irraatti badii gadi dhiifamtee facaafamtu  daaw'achuun haalaan dhoowwaadha.

6-عدم السهو.

6-Dogogoraa fi badii irraa fagaachuu.

7-حفظ اللسان من الغيبة والنميمة والكذب والسخرية.

7- Nama hamachurraa uf eeguu, farada (lukkee) tahurraa, kijibarraa, nama xiqqeysu fii k.k.f. irraa Arraba ufii tiiysuu .

8-معرفة قيمة الزمن.

8-yeroon qaalii tahuu isii beekanii itti fayyadamuu.

9-استشعار عظمة الشهر وفضائله.

9-guddina kabajaa baatii tanaa beekanii eeggachuu.

10-مطالعة سير السلف وأهل الاجتهاد والتشمير.

10-ummata gaggaarii dur kan ibaadaa irratti jajjaboo turan seenaa isaanii barachuu fii jala deemuu.

11-محاسبة النفس.

11-Lubbuu ufii qorachuu.

12-تجديد التوبة.

12-Towbaa irra deddeebi'anii haarawoomsuu.

من فضائل رمضان

 Guddina sadarkaa ramadaanaa.

لشهر رمضان فضائل وخصائص كثيرة منها:

Baatiin ramadaanaa sadarkaa gurguddoo hedduu qabdi. Sankeessaa;-

1-إنه الشهر الذي نزل فيه القرآن، وهذا من أعظم فضائل رمضان.

1-inni ji'a qur'aanni isakeessatti buufame tahuu, kun waan jiini kun ittii sadarkaa guddaa argate keessaa kan hangafaati.

2-فيه تفتح أبواب الجنة. 3-وتغلق أبواب النار. 4-وتصفد الشياطين أي: تقيد وتسلسل،

2-Isa keessa hulaan jannataa ni banamti.

3-hulaan ibidda jahannam nicufamti.

4-Isa keeysa sheyxaanni nihidhamti,

ويدل على ذلك حديث أبي هريرة رضي الله عنه: «إذا جاء رمضان فتحت أبواب الجنة، وغلقت أبواب النار، وصفدت الشياطين» [متفق عليه].

kanarratti Abii hureyraan ﷺ‬.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe ''yeroo ramadaanni dhufe hulaaleen jannataa nibabbanamti,hulaaleen ibidda jahannam nicuccufamti,sheyxaanonni nihidhamti.'' Bukaarii fii muslimtu odeesse.

5-فيه ليلة القدر, وهي خير من ألف شهر كما قال تعالى: }إِنَّا أَنْزَلْنَاهُ فِي لَيْلَةِ الْقَدْرِ * وَمَا أَدْرَاكَ مَا لَيْلَةُ الْقَدْرِ * لَيْلَةُ الْقَدْرِ خَيْرٌ مِنْ أَلْفِ شَهْرٍ * تَنَزَّلُ الْمَلَائِكَةُ وَالرُّوحُ فِيهَا بِإِذْنِ رَبِّهِمْ مِنْ كُلِّ أَمْرٍ * سَلَامٌ هِيَ حَتَّى مَطْلَعِ الْفَجْرِ{[سورة القدر].

5-Isa keessa halhan murtii tu jira. Isiin ji'a kuma tokkorra caalti, Rabbiin s.w. akkana jedhe, ''nuti isa buufne halkan murtii keysatti. maaltu sibeeysise halkan murtii maal akka taate?,halkan murtii baatii kumatokkorra caalti,malaaykaalee fii ruuhis isii keessatti hayyama rabbi isaaniitiin gadi bu'an,isiin nagaya hanga fajriin bahutti (bari'utti).'' Suuraa qadrii.

6-وقال ﷺ‬: «أتاكم شهر رمضان, شهر مبارك، فرض الله عليكم صيامه، تفتح فيه أبواب السماء، وتغلق أبواب الجحيم، وتغل فيه مردة الشياطين، لله فيه ليلة خير من ألف شهر، من حرم خيرها فقد حرم» رواه النسائي

6-Nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan ''isiniif dhufe jiini ramadaanaa, ji'a barakaa heddummaatu, kansoomana isaa Rabbiin dirqama isinirratti godhe, isa keessa hulaan samii banamti,hulaan jahiim (ibidda azaabaa) nicufamti, isa keessatti shiftootiin sheyxaanaa nisakaallamti, isa keessatti halkan baatii kuma caalu tokko Rbbiif taheeti jira, namni toltuu isii hongayee dhugumaan kasaare.'' Nasaaiyyiitu odeesse.

7-حصول المغفرة لمن صامه إيماناً واحتساباً.

 8-حصول المغفرة لمن قامه إيمانا واحتساباً.

 9-حصول المغفرة لمن قام ليلة القدر إيمانا واحتسابا.

7-nami iimaanaa fii abdii Rabbiitiin soomane araarama argata.

8-namni iimaanaa fii abdii Rabbiitiin dhaabbate (salaate) araarama argata.

9-Namni iimaanaa fii abdii rabbiitiin leylatulqadri dhaabbate (salaate) araarama argata.

ويدل لما سبق حديث أبي هريرة رضي الله عنه عن النبي ﷺ‬ قال: «من قام ليلة القدر إيمانا واحتسابا غفر له ما تقدم من ذنبه، ومن صام رمضان إيمانا واحتسابا غفر له ما تقدم من ذنبه » [متفق عليه]. وقال ﷺ‬: «من قام رمضان إيمانا واحتسابا غفر له ما تقدم من ذنبه» [متفق عليه].

Abii hureyraan nabiirraa odeessee akkana jedhan jedhe ''namni leylatalqadri imaanaa fii abdiin dhaabbate badiin isaa ta dabarte hundi araarama isaaf godhamti, namni iimaanaa fii abdiin ramadaana soomane baiin isaa ta dabarte hundi araarama isaaf godhamti,

''namni Ramadaana imaanaa fii abdiin dhaabbate badiin isaa ta dabarte hundi araarama isaaf godhamti,

-وعن أبي هريرة رضي الله عنه عن النبي ﷺ‬ قال: «الصلوات الخمس، والجمعة إلى الجمعة، ورمضان إلى رمضان، مكفرات لما بينهن إذا اجتنبت الكبائر»[متفق عليه].

Abii hureyraan nabirraa odeessee akkana jedhan jedhe ''salaanni shaman tuun hanga taaniitti, jum'aan hanga jum'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti hayxuudha (Balleessarraa araarama namaaf taati)''

10-العمرة فيه تعدل حجة مع النبي ﷺ‬ لقوله ﷺ‬: «عمرة في رمضان تعدل حجة – أو قال – حجة معي» [أخرجه مسلم].

10-umraan isa kessaa hajji nabiin wajji godhatetti qixxoyti. Nabiin s.a.w. akkana jedhan''umraan Ramadaana keessatti taate hajjii naan wajji taatetti qixxaatti'' muslimtu odeesse

11-كثرة العتقاء من النار في رمضان: لحديث أبي أمامة، عن النبي ﷺ‬: «لله عند كل فطر عتقاء» [رواه أحمد,  

وحديث: «إذا كان أول ليلة من شهر رمضان، صفدت الشياطين، ومردة الجن،...وينادي مناد: يا باغي الخير, أقبل، ويا باغي الشر, أقصر، ولله عتقاء من النار، وذلك في كل ليلة »[رواه الترمذي, وحسنه الألباني].

11-Ibidda jahannamirraa namni bilisoomfamu ramadaana keessa heddudha. Abii umaamaan nabirraa odeessee Akkana jedhan jedhe '' yeroo soomana furan hunda warra Rabbiin ibidarraa bilisoomsuutu jiraa'' ahmad tu odessee.

Hadiisa biroottii-''yogguu halkan duraa ramadaanarraa tahe seene sheyxaanotii fii shiftootiin jinni nihidhamti,lallabaan nilallaba yaa katoltuu barbaadu asdeebi'ii itti jabaadhu, yaa ka hamtuu barbaadu ufqabi, Rabbiin warren ibiddarraa bilisoomsu qaba, sun halkan hunda keessatti.'' Tirmiiziyyiitu odeesse.

12-لكل مسلم في كل يوم من رمضان دعوة مستجابة لقوله ﷺ‬ «إن لله تبارك وتعالى عتقاء في كل يوم وليلة – يعني في رمضان – وإن لكل مسلم في كل يوم وليلة دعوة مستجابة» [رواه البزار, وقال الألباني: صحيح لغيره].

12-muslima hundaaf kadhaa qeebalamtuutu jira guyyaa Ramadaanaa hunda. Nabiin s.a.w. akkana jedhan ''Halkaniif guyyaa ramadaanaa keessa rabbiin warra ibidda azaabaarraa bilisoomsu qaba. ammas muslima hundaaf kadhaa qeebalamtuu taateetu jira halkaniif guyyaa ramadaanaa keessatti.'' Bazzaartu odeesse.

13-إنه غنيمة للمؤمن: فقد قال النبي ﷺ‬: «ما أتى على المسلمين شهر خير لهم من رمضان، ولا أتى على المنافقين شهر شر لهم من رمضان، وذلك لما يعد المؤمنون فيه من القوة للعبادة، وما يعد فيه المنافقون من غفلات الناس وعوراتهم، وهو غنم للمؤمن, ونقمة للفاجر» [رواه أحمد, وصححه أحمد شاكر].

 13-inni boojuu (Badhaasa) mu'iminaati nabiin s.a.w. akki jedhan ''jiini ramadaanarra isaaniif caalu mu'imintootatti takkaa waa hindhufne, jiinii ramadaanarra hamaa munaafiqootatti waa hindhufne, kun akki itti tahuu dandaye mu'iminni ibaadatti jabaataa munaafiqni ibaadarraa laafa, tanaaf milkii mu'imintootaa hoongoo munaafiqootaati''ahmad odeesse.

في فضائل الصيام مطلقاً

Sadarkaa soomana akka waliigalaatti

1-أجر الصيام بغير حساب. 2-الصيام وقاية من مساوئ الأخلاق. 3-يفرح الصائم بصيامه عند فطره, وعند لقاء ربه. 4-خلوف فم الصائم أطيب من ريح المسك

1-galanni soomanaa lakkoofsaan malettii heddummaatee galfama.

2-soomanni haalaa amala hamaa hundarraa nama tiiksa.

3-Namni soomanaa yeroo soomana isaa furuu fii guyyaa fuula Rabbii isaa dhaqus soomana isaatiin nigammada.

 4-Fooleen afaan nama soomanaa Rabbi biratti hafuura miskiirra urgooyti.

، ويدل لما سبق حديث أبي هريرة رضي الله عنه عن النبي ﷺ‬ قال: «قال الله عز وجل: كل عمل ابن آدم له إلا الصوم فإنه لي، وأنا أجزي به، والصيام جنة، فإذا كان يوم صوم أحدكم, فلا يرفث, ولا يصخب، فإن سابه أحد أو قاتله، فليقل: إني صائم، والذي نفس محمد بيده, لخلوف فم الصائم أطيب عند الله من ريح المسك. للصائم فرحتان يفرحهما: إذا أفطر فرح بفطره، وإذا لقي ربه فرح بصومه »[متفق عليه].

Rgaan waan dabarsine kanaa, Abii hureeyraan Nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan jedhe ''Rabbiin oltahee qulqullaayee akkana jedhe-hundi dalagaa ilmaan aadam isumaafi soomana malee inni naafi, anumaatu galata galcha isarratti, soomanni wantaadha, yeroo guyyaan soomana tokkoo keessanii tahe akka hinbaalaganne, akka hinwacne, yoo namni tokko isa arrabse yookaan isaan lole ani soomanaadha haajedhuunii, Isaa (Rabbii) lubbuun Muhammad harka isaa keessa jirtuun kakadhee ciinca afaan nama soomanuuttu Rabbi biratti hafuura miskiirra urgaawa, nama soomaneef gamachuu lama tan inni isii gammaduutu isaaf jira, yogguu fure furuu isaatiif gammada, yogguu fuula Rabbii isaa dhaqe soomana isaatiin gammada.'' Bukarii fii muslimtu odeesse.

- أجر الصيام بغير حساب-- لقوله صلى الله عليه وسلم «كل عمل ابن آدم يضاعف؛ الحسنة بعشر أمثالها، إلى سبعمائة ضعف، قال الله تعالى: إلا الصوم فإنه لي، وأنا أجزي به، يدع شهوته وطعامه من أجلي ». رواه مسلم

--galanni nama soomanuu lakkooysaan malletti hedduu tahee galfamaaf. Nabiin s.a.w.akkana jedhan "Dalagaan ilmaan aadam hundinuu dacha godhamtiif. Toltuun takkaa faakkaattuu isii kudhanirraa hanga dhibba torbaatti (heddummeyfamtiif). Rabbiin s.w. akkana jedha "soomana malee inni naafi anumaatu isarratti galata galcha, anumaa jecha fedhii isaatii fii nyaata isaa dhiisee soomane waan taheef jecha" muslimtu odeesse.

5-للصائمين باب في الجنة لا يدخل منه غيره: لقوله ﷺ‬: «إن في الجنة بابا يقال له: الريان، يدخل منه الصائمون يوم القيامة، لا يدخل منه أحد غيرهم، فإذا دخلوا أغلق, فلم يدخل منه أحد»[متفق عليه].

5-Namoota soomanuuf hulaa jannatarraa taateetu jira, tan isaan malee namni biroo hinseenne. Nabiin s.a.w. "Jannata keessa hula takka tan rayyaan jedhamtuutu jira, guyyaa qiyaamaa warra soomanaatu seena, isaan malee nam tokkolleenuu hinseenu,yogguu isaan seenan nicufamti, tokkolleenuu hinseenu." Bukharii fi muslim.

6-الصيام يشفع لصاحبه مع القرآن يوم القيامة: لقول النبي ﷺ‬: «الصيام والقرآن يشفعان للعبد يوم القيامة، يقول الصيام: أي رب, منعته الطعام والشهوة، فشفعني فيه، ويقول القرآن: أي رب, منعته النوم بالليل، فشفعني فيه. قال: فيشفعان»[رواه أحمد, وصححه الألباني].

6-Soomanaa fii qur'aannii guyyaa qiyaamaa ni araarsan saahiba isaaniitiif. Nabiin s.a.w. akkana jedhan "Soomanaa fii qur'aanni guyyaa qiyaamaa saahiba isaaniitiif ni magantaawan. Soomanni akki jedhu yaa Rabbi nama kana naatu nyaataafii fedhii lubbuu isaa bahachuu isa dhoowwee na maganteessi isa keessatti. Qur'aannis akki jedhu : yaa Rabbi nama kana naatu halkan keessa hirriiba isa dhoowwe waan taheef namaganteessi isa keessatti, isaan lachuu nimaganteeffaman jedhe." Ahmaddu odeesse.

7-والصيام وقاية من النار: لقول النبي ﷺ‬: «الصيام جنة، وحصن حصين من النار»[رواه أحمد بسند حسن, كما قال المنذري].

7-Soomanni ibidda namarraa ittisa. Nabiin s.a.w. akkana jedha "soomanni wantaadha (gaachana), jogola jajjabeeffamaadha ibidarraa ( nama ittisa)" Ahmad odeesse.

8-والصيام باب عظيم من أبوب الخير: لقوله ﷺ‬ لمعاذ رضي الله عنه: «ألا أدلك على أبواب الخير» قال: بلى يا رسول الله. قال: «الصوم جنة، والصدقة تطفئ الخطيئة, كما يطفئ الماء النار» [رواه الترمذي].

8-Soomanni hula toltuu guddoodha. Nabiin s.a.w. mu'aaziin akkana jedhe "mee hulaalee toltuutti siqajeelchuu?" eeyyeen naqajeelchaa yaa ergamaa Rabbii jennaan ''Soomanni wantaadha, sadaqaan akka bishaan ibidda dhaamsutti dilii dhaamsiti" jedheen. Tirmiziitu odesse.

9-والصوم لا مثل له في العبادات: فقد قال النبي ﷺ‬ لأبي أمامة: «عليك بالصوم؛ فإنه لا مثل له» [رواه ابن حبان, وصححه الألباني].

9-Soomanni hiriyaa hinqabu ibaadaa keessaa.Nabiin s.a.w. abbaa umaamaatiin akkana jedhe ''soomanatti jabaadhu inni fakkaataa hinqabu" jedheen.ibnu hibbaantu baase.

10-وكلما أكثر المرء من الصيام كلما باعد الله بينه وبين النار.. لقوله ﷺ‬: «ما من عبد يصوم يوماً في سبيل الله إلا باعد الله بذلك اليوم وجهه عن النار سبعين خريفاً»[متفق عليه].

10-Hanguma namni soomana heddummeesse Rabbiin ibidda azaabaarraa isa fageessa.nabiin s.a.w. akki jedhe "kama tahee haa tahu gabrichi Rabbii gabrichummaan rabbi tokko karaa Rabbii keessatti guyyaa tokko soomanee- sababaa guyyaa saniitiin fuula isaa ibiddarraa ganna torbaatam fageessu malee Rabbiin kadhiisu waa hintaane." Bukhaariif muslimtu baase.

من حكم وفوائد الصيام

 Faaydaa fi hikmaa soomanaa.

1-ترك المحبوبات طاعة لله عز وجل، لينال بذلك رضا ربه، والفوز بدار كرامته.

1-Jaalala Rabbii barbaachaaf waan lubbuun feetu dhiisuu.akka kanaan galata isaa argatanii, jannata isaa badhaafaman.

2-ممارسة ضبط النفس والسيطرة عليها, وتعويد الإنسان الصبر والتحمل والجلد.

2-Lubbuu ufii qabuu fii toohachuu nama barsiisa, murannoo, ciminaa fi obsarratti nama leenjisa.

3-سبب للتقوى كما في آية البقرة السابقة.

3-Sodaa Rabbiiti nama barsiisa akkuma aayata suuraa baqaraa tan dabarsine sanirraa hubatamutti.

4-سبب لحسن الخلق لقوله ﷺ‬: «وإذا كان يوم صوم أحدكم, فلا يفسق, ولا يرفث، فإن سابه أحد أو قاتله، فليقل: إني صائم»[متفق عليه].

4-Haalaaf amala nama tolcha. Nabiin s.a.w. akkana jedhe.''yeroo guyyaan soomana tokkoo keessani tahe akka jecha jallinaa,kan baalagummaa hin haasoyne,namni tokko yoo isa arrabsee yookaan isaan lole haajedhuu anisoomanaadha'' bukhaarii fi muslimtu baase.

5-معرفة الإنسان قدر نعمة الله عليه في ماله وطعامه وشرابه وزوجته.

5-Nama barsiisa guddina qananii Rabbiin namaaf kennee nyaata, dhugaatii fi jaartii isaa keysatti.

6-تفريغ الإنسان للطاعات والعبادات والذكر.

6-Akka namni yeroo bal'oo argatee ibaadaa fi zikrii Rabbii  heddummeessu namaaf mijjeessa.

7-ترقيق القلوب وتهيئتها لأسباب سعادتها وفلاحها.

7- Qalbii laaffisee akka milkiif qophooytu godha.

8-تخفيف حدة الشهوة.

8-Qara (oowwa) fedhii lubbuuti namarraa laaffisa.

9-تطهير الأمعاء وإصلاح المعدة وتنقية البدن من الفضلات والسموم.

9-Qochumaa garaa namaati qulqulleessa,qaama nama bareecha.

10-تعويد المسلم النظام ودقة المواعيد.

10-Muslima sagantaan jiraachuufi yeroo karoorfatanii kabajuu barsiisa.

11-مظهر عظيم من مظاهر وحدة المسلمين والتزام الأمة بثوابت دينها.

11-Mul'isa guddaa gamtoominaafii tokkummaa ummata muslimaa mul'isuudha,hundee diin isaanii jabeysanii qabachuu isaanii kan ibsu.

12-مشاركة الأغنياء الفقراء جوعهم وعطشهم وفي هذا حث لهم على بذل المعروف والإنفاق.

12-Dureessaa fii hiyyeessi waliinwajji akka beelawanii dheebotan godha, kun ammo akka waliif rifatanii walgargaaranii tola walitti oolan godha.

شروط وجوب الصوم.

 Ulaagaalee soomanni itti dirqama tahu.

1-يجب الصيام على كل مسلم عاقل بالغ قادر على الصوم، مقيم غير مسافر، خال من الموانع.

1-soomanni dirqama taha hunda nama muslimaa,qalbiin fayyaa,kanufbaree,kan soomana danda'uu,taa'aa biyyaa kan karaa deemaa hintahin, waan soomana dhoowurraa qulqulluu kantahe hundarratti dirqama.

2-الكافر لا يصوم, ولا يقبل منه الصيام.

2-kaafirri soomanuun isaaf hintahu, soomanus irraa hinqeebalamu,

3-الصغير الذي لم يبلغ لا يجب عليه الصوم.لاكن ينبغي أن يؤمر الصبيان للتمرين على العبادة.

3-joollee xiqqoo soomanni irratti dirqamaa miti, garuu yoo soomanan nitahaaf, inumaa leenjiif jecha soomansiisuun barbaachisaadha.

4-المجنون لا يجب عليه الصوم, ولا الإطعام عنه.

4-maraataan waan soomanuuf hinqabu, irraayis hinqeebalamu.

5-العاجز عن الصوم لسبب دائم يفطر, ويطعم عن كل يوم مسكيناً.

5-Dadhabaan akka dhukkuba irraa hinfayyineen qabamee faa, nifura, guyyarraa beelawaa tokko nyaachisa.

6-المريض مرضا طارئاً ينتظر برؤه، يفطر إن شق عليه الصوم، ويقضي بعد برئه.

6-Dhukkubsataan fayyuun isaa kajeelamu yoo dadhabe nifura, eega fayyee ammo qadaa kafala.

7-الحامل والمرضع إذا شق عليهما الصوم من أجل الحمل أو الإرضاع، أو خافتا على ولديهما تفطران, وتقضيان الصوم.

7-Dubartiin ilmoo hoosftuufi tan garaa qabdu yoo soomanni itti ulfaate yookaa ilmoo isiirratti miidhaa fidaa sodaatte nifurti, booda garuu qadaa kafalti.

8-المضطر للفطر لإنقاذ معصوم من غرق أو حريق يفطر لينقذه ويقضي.

8-Namni nama halaakamuu deemu -kan bishaan nyaatee fi kan ibiddi gube- dhaqqabee baasuuf deemu yoo furuun isa barbaachise nifura,booda qadaa kafala.

9-المسافر إن شاء صام, وإن شاء أفطر، وقضى ما أفطره.

9-Namni karaa deemu yoo fedhe nisoomana yoo fedhe nifura, booda qadaa kafala.

10-الحائض والنفساء تفطران وتقضيان، ولا يجوز صيامهما.

10-Dubartii dhiiyni baatii fi dhiiyni ulmaa itti jiru nifurti, soomanuun isiif hintahu,booda nikafalti.

  أما شروط صحةالصوم

Ammoo ulaagaaleen soomanni itti fayyaa tahuu.

شروط صحة الصوم هي :الإسلام, والعقل, والتمييز, وانقطاع دم الحيض والنفاس, والنية.

Ulagaaleen soomanni itti fayyaa tahu kanneeni:-Namni soomanu islaama tahuu, qalbiin fayyaa qabaachuu, joollummarraa bahee waa addaan baafachuu, dhiiga baatiitii fi kan ulmaa irraa qulqullaawuu, soomana niyyaa godhuu dha.

آداب ومسنونات الصيام

 Seera barbaachisaa soomanaa.

1-المبادرة بالفطر عند تحقق الغروب: لقوله ﷺ‬: «لا يزال الناس بخير ما عجلوا الفطر» [متفق عليه].s

Soomana furiinsa jarjarsuu,yogguu aduun seenuu mirkaneyfatan.Nabiin s.a.w. akkana jedhan ''namni toltumarra jira waan soomana furaa jarjarseen''bukhaarii fi muslim.

2-الفطر على رطب أو تمر أو ماء، فقد كان ﷺ‬  يفطر قبل أن يصلي على رطبات، فإن لم تكن رطبات فتميرات، فإن لم تكن تميرات، حسا حسوات من ماء   رواه الترمذي, وصححه الألباني .

2-Asheeta timiraa (Ruxaba) irratti furuu yoo dhabame timira irratti, yoo hinjiraatin bishaanitti.Nabiin s.a.w. osoo magriiba hinsalaanne dura asheeta timiraatti soomsns fura. yoo hinjiraatin timiratti yoo hinjiraatin bishaan hammaarrata.'' Tirmiziitu odesse.

3-الدعاء عند الإفطار: لقوله ﷺ‬: «إن للصائم عند فطره دعوة ما ترد» [ابن ماجة].

3-Yeroo furan Rabbi kadhachuu.Hadiisatti ''Nama soomanaatiif yeroo soomana furu kadhaa hindeeffamneetu jira''ibnumaajah odeesse.

4-تأخير السحور والحرص عليه: لقوله ﷺ‬: «تسحروا؛ فإن في السحور بركة»

4-Hiraabbachuu booda aansuudhaan wajji. Hadiisatti '' hiraabbadhaa nyaanni hiraabaa barakaa qabaa''.

5-كف اللسان والجوارح عن المحارم، لقوله ﷺ‬: «الصيام جنة، فإذا كان يوم صوم أحدكم, فلا يرفث, ولا يجهل، فإن سابه أحد أو قاتله, فليقل: إني صائم» [متفق عليه].

5-Qaamaafii arraba Badirraa uf qabuudha. Nabiin s.a.w. akkana jedhe."Soomanni wantaadha, yogguu guyyaan soomana tokkoo keessanii tahe akka hin baalaganne, akka hindogoggorre, yoo namni tokko isa arrabse yookaan isaan lole ani soomanaadha haajedhuuni (Akka arraba arrabaan deebisaa hin goone)".bukhaariifi muslimtu odeesse.

وقوله ﷺ‬: «من لم يدع قول الزور والعمل به والجهل, فليس لله حاجة في أن يدع طعامه وشرابه» [رواه البخاري].

Hadiisatti " Namni jecha dharaa haasawuu hin diisin,itti dalaguufi dagoggora wallaalummaa kan hin dhiisin Rabbiin dantaa hinqabu nyaataaf dhugaatii dhiisuu isaarraa." Bukhaaritu odeesse.

6-تفطير الصائمين: لقوله ﷺ‬: «من فطر صائما فله مثل أجرهن غير أنه لا ينقص من أجر الصائم شيء» [الترمذي, وصححه].

 6-Nama soomanu fursiisuu. Nabiin s.a.w. akkana jedhe "namni nama soomanaa fursiise isaafillee fakkaatama sawaaba isaaniittu isaaf taha. Akkasumaan wajji sawaaba namticha soomaneerraa homaa hin ir'ifaman."tirmiziitu odeesse.

7-الجود وكثرة الصدقة، فقد كان النبي ﷺ‬ في رمضان أجود بالخير من الريح المرسلة [متفق عليه].

وزاد أحمد: كان لا يسأل عن شيء إلا أعطاه.

7-Arjoomuu fi sadaqaa heddummeysuu. Nabiin s.a.w. ramadaana keessaa qilleensa akkaan bubbifturra kheyritti (arjummatti) daddafa. Bukhariif muslimtu odeesse.

Imaamu ahmad ni ida'e  nabiin waan takkallee kadhatamee kennu malee hin hafu, jedhe.

8-كثرة تلاوة القرآن ومدارسته: لفعل النبي ﷺ‬ ذلك في رمضان.

8-Qaraatii qur'aanaa heddummeessuu. Nabiin keenya qaraatii qur'aanaa soomana keessaa haalaan heddumeessa ture.

9-قيام الليل: لقوله ﷺ‬: «من قام رمضان إيماناً واحتساباً، غفر له ما تقدم من ذنبه» [متفق عليه].

9-Salaata halkanii salaatuu.Hadisatti ''Namni Ramadaana dhaabbate (salaate) dhugaoomsaa abdachaa badiin isaa tadabarte araarama godhamtiif'' bukhaarii fi muslim.

مفسدات الصيام

 Wantoota soomana balleysu.

أولاً: الجماع في نهار رمضان:

-يبطل الصيام، ويستمر صائما بقية يومه.

-عليه قضاء اليوم الذي جامع فيه.

-عليه كفارة مغلظة؛ وهي عتق رقبة، فإن لم يجد فصيام شهرين متتابعين، فإن لم يستطع, فإطعام ستين مسكيناً، لكل مسكين نصف صاع من بر أو غيره من طعام أهل البلد.

-عليه الندم والتوبة والاستغفار

  1- Qunnamtii saalaa godhuu guyyaa soomanaa,

kun soomana balleessaa,garuu guyyaa isaa kanhafee soomana itti fufuu qabaa,guyyaa kana qadaa kafaluu qaba,adaba kaffaaraa guddotu isarraa barbaachisaa,-isiinis gabra tokko bilisoomsuudha,yoo hinargatin ji'a lama walitti dhaabee soomanuudha,yoo hindandayin miskiina jahaatama.

ثانياً: الأكل والشرب متعمداً:

-يفسد الصوم ويستمر بقية يومه صائماً.

-عليه قضاء ذلك اليوم الذي أفطر فيه.

-عليه الندم والتوبة والاستغفار

 2-Nyaachuu fii dhuguu beekaadhaa kan irraanfiin hintahin,

soomanni isaa nibada, guyyaa san hanga hafe soomanaan turuun dirqamaa, qadaa guyyaa fure sanii kafaluu qaba, gaabbuu, sheenawuufii towbachuu isa barbaachisa.

ثالثاً: إنزال المني يقظة:

باستمناء أو مباشرة أو تقبيل أو ضم، وعليه ما على من أكل أو شرب متعمداً.

 3-Bishaan hormaataa dhangalaasuu,osoo dammaqaa jiruu.

Kan hirriibaan hintahin.Qaama saalaa harkaan uf tuttuquun,jaarsaaf jaartiin walqaqqabuun,waldhungachuufi walhammachuun tahuu Bishaan hormaataa dhangalaasuu. Kunis Adabuma akka nama beekaa nyaataa fi dhugaatiin fureettu isarra jira.

رابعاً: حقن الإبر المغذية التي يستغني بها عن الأكل والشرب.

 4-Limmoo nyaataa godhachuu,tan isiin nyaataafi dhugaatirraa duroomuu danda'an.

خامسا:حقن الدم.

 5-Limmoo dhiigaa godhachuu,dhiga nama biro karaa limmootiin ufitti naquu .

سادسا: خروج دم الحيض أو النفاس.

 6-Dhiiyni baatiitii fi kan ulmaa namatti dhufuu.

سابعا: إخراج الدم من الصائم بحجامة أو فصد، أو سحب للتبرع أو لإسعاف مريض ونحو ذلك، لقوله ﷺ‬ «أفطر الحاجم والمحجوم» [رواه أبو داود والنسائي, وصححه الألباني].

 7-Namni soomanaa dhiiga ufirraa baasuu.

Fakkeenyaaf koobaan, hidda muruun, limmoon nama dhukkubsate gargaaruuf ufirraa waraabuun fi kkf dhiiga ufirraa baasuun soomana nifura. Nabiin s.a.w. akki jedhe ''kankoobee fi kan koobbates soomana furan''abudawudii fi nasa'I odeesse,albaaniin sahiiha jedheen.

فائدة:

أما خروج الدم بنفسه كالرعاف، أو خروجه بقلع سن ونحوه, فلا يفطر، لأنه ليس حجامة, ولا بمعنى الحجامة.

Hubachiisa-Ammoo dhiiyni ufumaan namarraa yaau kan akka funuunaa fi ilkee buqqaasanii dhiiydee soomana hinfuru. koobas mitii ittis hinfakkaatu.

ثامنا: التقيؤ عمداً، لقوله ﷺ‬ «من ذرعه القيء, وهو صائم, فليس عليه قضاء، ومن استقاء فليقض» [رواه أهل السنن, وصححه الألباني].

 8-Beekaa ufhaqqisiisuu.

 hadiisatti ''Namni soomanaa yoo haqqisaan dirqiin isatti dhufte homaa isarratti hinjiran,ammo namni ufhaqqisiise qadaa haakafaluu''warreen sunanaattu odeesse albaaniin sahiiha jedheen.

walaloo soomana Ramadaanaa.

ka'aa ayyuhal muslimuunaa.

gamadaa rabbiif shukriigoonaa.

.Alhamdu liLLHI gaa mowlaanaa.

nuungayeera baatii ramadaanaa.

.

Ramadanni dhuufnaanni ajiibaa.

nibanan tan jannataa baabaa.

ni cufamtii gaa hulaan azaabaa.

hidhaan hidhamtee sheyxaanni leebaa.

..

Sadarkaa baatii ramadaanaa.

tan yeroo ibaadaa soomanaa.

caaltuu yeroodhaa tahuun yaqiinaa.

isii keysa nuu buusee qur'aanaa.

..

Quranni sunuu qajeelchaadhaa.

dharraf dhugaa addaan baasaadhaa.

ifaa Rabbitti karaa sirriiiidhaa.

warra qur'aanaa tahuun milkiidhaa

.

Hundikee ibaadaaf qophaayii.

Badiilee hundarraa sirraayii.

haqa namaarraayis qulqullaayii.

Taqwa rabbi argachuuf yaaddayii.

------

Rasulli Rabbii nuuf odeeysee.

fadlii soomanaa nu barsiisee.

wantaa gaachanaa itti fakkeysee.

diliif ibiddas sirraa deebisee.

..

Hojiiwwan ilmaan aadam kullii.

illasowma fainnhuu lii.

wa ana ajzii bihii galataa.

warra soomanaa jazaan jannataa.

..

Guyyaa soomana keysaniitii.

haasawa dilii dheysaniitii.

lolaaf arraba ilma namaatii.

inniisaa'imun deebiin saaniitii.

..

Ninkakadha jedhe nabiinii.

Rabbii lubbuu too harkaa qabuunii.

soomantoota fooleen afaan saanii.

shittoo miskii caalaa urgaan saanii.

..

Hoggu2 gammachuun saanii.

yeroo furan soomana saanii.

tuun boruga gammachuun goddoonii.

guyyaa jannataan badhaafamanii.

..

Baaburrayyaan yaa muslimuunaa.

yadkhulu minhussaa'imuuna

dheebuu baaftuudha hula jannataa

warra soomanaa qofaatu argata.

..

halkan caaltuu baatii kumaati

Leylatal qadi maqaan siitii.

Namni dhaabbatee guutuu ji'aatii.

Beekamaa isii milkaawuunsaatii.

..

Fakkiin siif godha dhiheyseetii.

Mindaa kee baatii kuma tokkootii.

Sii kennuuf hojii halkan tokkootii.

Waadaa siif seenee mootiin khalqiitii.

..

Alhamdu lillaah xumurreeraa.

Garan galinaa ibaadaarraa.

Nuraa qeebalii ati mowlaanaa.

Nuun jedhi hula rayyaan san seenaa.

….

 Asirratti xumurame galanni Rabbiif haa galuu.

  Dhumarratti

Du'aaii goona- yaa Rabbi soomana keenya nurraa qeebali, salaata keenyas, du'aa'ii teenyas, qaraatii qur'aanaa teenyas, akkasuma hojiilee siif dalayne hunda yaa rabbi nurraa qeebali.

Nu hundaawu Warra diin isaa baratee walbarsiisee sirritti itti dalagee jaalala Rabbii argate nuufii isinis Rabbi nuhaa godhu.ibaadaalee hunda Rabbi nurraa haaqeebalu.