(1) Sila Nuti qoma kee siif hin bal'ifnee?
(2) Ba’aa (badii) kee sirraa buufne.
(3) Isa dugda keetti gar malee ulfaate (sirraa buufne).
(4) Maqaa keetis siif ol kaafne.
(5) Rakkinaa wajjin laafinatu jira.
(6) Dhugumatti, rakkina wajjin laafinatu jira.
(7) Yeroo (dalagaa wahii) raawwattes jabaadhu
(8) Gara Gooftaa keetii qofa kajeeli