(1) Yeroonin kakadha.
(2) Dhugumatti, namni hunduu hoongoo keessa jira.
(3) Isaan amanan, gaggaarii dalagan, haqa walii dhaamaniifi obsa walii dhaaman malee (warri hafan hoongoo guddaa keessa jiru).