114 - An-Naas ()
|
(1) Jedhi: "Gooftaa namaattin maganfadha.
(2) Mootii namaatti,
(3) Gabbaramaa namaatti,
(4) Hamtuu waswaasii dhokatuufi mul’atuu irraa,
(5) Isa qoma namaa keessa waswaasu irraa,
(6) Jinniifi nama irraa kan ta’e (irraan maganfadha).”