1 - Al-Faatiha ()

|

(1) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin

(2) Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa aalamaati

(3) Akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa.

(4) Abbaa (mootii) guyyaa murtii

(5) Si qofa gabbarra; Si qofa gargaarsifannas

(6) Daandii sirrii nu qajeelchi.

(7) Karaa warra isaan irratti tola ooltee; kan isaan irratti hin dallanaminiifi hin jallatinii (nu qajeelchi)