heddummina etemoota: 6
19 / 6 / 1435 , 20/4/2014
Sagantaan kun Barnoota islaamaa adda addaa kan nama hundaaf barbaachisu kan akka haadhaaf abbatti toluu, rahima maxxansuu, olla jabeysuufii KKF uf keesaa qaba.
20 / 6 / 1435 , 21/4/2014
Sagantaan kun Barnoota salaataa fii waan isaan walqabatu kan akka ulaagaalee isaa, xahaaraa fi kkf nama barsiisa. Qooda 2 qaba.
Sagantaan kun waayee zakkaa, gosa isii, hanga isii tiifi namoota isiin kennamtuuf barnoota gayaa qaba. Sagaantaan kun Kuta lama qaba.
21 / 6 / 1435 , 22/4/2014
Sagantaa kana keessatti badiileen gurguddoon irraa dhoowwamne tarreeyfamteeti jirti, hammeenyi isiitis ibsameeti jira. Akka namni hundi hubatee irraa fagaatuuf jecha.
Sagantaa kana keessatti gorsi adda addaa kan qur’aanaa fii hadiisarraa walitti qindaawe dhihaatee jira. Sagantaan kun qooda 2 qaba.
Sagantaan kun barnoota somana ramadaanaa, sadarkaa isaa, waan isa balleysu, dhaabbata ramadaanaa, zakaa fixrii tiifi waan kana fakkaatu uf keessatti ammatee jira.